Telegram Web Link
আলহামদুলিল্লাহ আলহামদুলিল্লাহ
Hujjaajota gargaaruuf nama 2,000 kafaltii malee fedhiidhaan Khidmaa hujjaajotaatti jiran.

Keessummaa Rahmaan khaddamuu caalaa maaltu nama gammachiisa.
@JemalSheikhBakri1
Yaa Allaah Anaa fi nama bakka tana dhaquu hamilu hunda as nu dhaabi!
Warra achi jiruuf ammoo hajjii qeebalamtuu Rabbiin haa godhuuf
@JemalSheikhBakri1
Waliif rahmatu, wal mararfatu
@JemalSheikhBakri1
Kheessummaa Rahmaan
@JemalSheikhBakri1
Laga mahabbaa Rasuulii (Saw) jaalala malee hin dhuuydu
@JemalSheikhBakri1
لَبَّيْكَ ٱللَّٰهُمَّ لَبَّيْكَ
‏لَبَّيْكَ لَا شَرِيكَ لَكَ لَبَّيْك
‏إِنَّ ٱلْحَمْدَ وَٱلنِّعْمَةَ
‏لَكَ و المُلك
‏لَا شَرِيكَ لَكَ

‏⁦ #Hajj2022 ⁩ ⁦ #Arafat🕋
@JemalSheikhBakri1
Warra barana hamdii kan bara dhufu abdii, Warra amatuu akkatti iidessu Rabbiin nu haa godhu.

Obboleeyyan kiyya Hundi keessanuu Baga Iida Al Adhaa bara 2022 geessanin isiniin jedha an obbolessi keessan Jemal Sheikh Bakri.

Guyyaa Iidaa kana keessatti Bashannanaa haalli Rabbii keenya itti guddifnu akka jiraatus asumaanin isiniif dhaama.

Obboleeyyan kiyya gaggaarii Guyyaa iidaa kana yeroo gammannu, Namoota gammaduu barbaadan garuu hin dandayin gammachuu wajjiin akka qooddannu godhuuf haa yaallu.

Obboleeyyan keenya ilmaan yatiimaatis haa quba qabaannuun dhaamsa kiyya isa goolabbiiti. Iida bareedaa, Iida nageenyaa fi Badhaadhinaa akka Rabbiin Nuuf godhu Rabbi kadhanna.
@JemalSheikhBakri1
Yoo ati dheerette 'Ka Rabbi ol qajeelchee jalaa hafe' siin ja'an. Yoo ati gabaabbatte 'yaa gabaabaa hanga qubaa' siin ja'an. Yoo ati qal'atte 'Haanxii, simaagoo, solloqaa' siin ja'an. Yoo ati furdatte 'Karkarroo, booyyee, Warbaa..' Siin ja'an.

Ta ilma namaa itti dhiisiin baana adeeroo!

Jijjiiramni ni jiraan baana awoo 👊
@JemalSheikhBakri1
Forwarded from Miidiyaa Riyaadul Jannaa (Haafiz Siraaj)
Hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Dardara wahiitu Aalima Bukhaarii qaraasisutti dhufee "ati as taa'ii Bukhaarii qaraasisi warri dhihaa ji'arratti bahaa jiran" ja'een. Aalimichis "maaltu ajaaiba sittahe duba? Uumamatu uumamatti dhaqqabe bar. nuti ammoo gara uumaa keenyaa dhaqqabuu feena. Garuu hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane" ja'een.
**
Hoongoon hundaa olii addunyaafi aakhiraa khasaaruudha. Ergamtuu jallinaa Rabbi nu hin godhin. Rabbiin nu haa tiksu.
By #Jamaal_Ahmednuur
@Riyaaduljannaa
Niin yaala jechuun, yoonin bakkaan gayuu baadhe nin dhiisa jechuudha. Garuu nin godha jechuun nin godha jechuudha. Bakkaanin gaya jechuudha.
@JemalSheikhBakri1
Ani qaataan siif himaa ture, Atiin Kun nama guddadha, Ulfaataadha, Kabajamaadha.

Dubbii tiyya tana dhugoomfachuuf Qur'aanaa Suuraa Israa'i ayata 70 irratti dhaqii dubbisi.
Sirreeffama itti fayyadama qubee 'Kh' irrati.

Ee dhugaa wanni akka walii galatti nu dhibe, Warrumti Qubee 'Ts' tan sagalee Oromoo keessaa hin baane Qubee Oromootti galchee Qubee 'Kh' tan Sagalee Oromaa Harargee, Gujii, Booranaa keessaa baatu Qubee Oromoo keessaa fuudhuuf dhawwaaqu kun akkuma waliif galattuu nu dhibe.

Ammoo waan sirreeffamuu qabu Qubeen 'Kh' n, Qubee Afaan Oromoo keessatti deebisuun Waan waajibaati, dirqama heera malee irraa turame.

Ammaas Qubee afaan Oromoo namni tolchi Hayyichi Oromoo Arraata Oromoorratti Shakkii uumuun tun maalii akka taate akkuma nu dhibdetti jirti. Garuu akkasiin hin haftu.

Ammoo Namni keenya irra jireessi Qubeen 'Kh' akka waan Qubee 'K' bakka buututti itti fayyadaman.

Yaa joollee teenya dubbiin akkasii miti. Qubeen 'Kh' bakka itti mataa isaa qofaan tajaajila kennuutti haajamuutu jira. Kana namayyuu adda baafachuudha qabna.

Akka namni garii Barreeffama isaa Keessatti Qubee 'K' Haraam godhee bakka Qubee 'K' Cufa 'Kh' buusan kanaa miti.

Yaa ambayyoo akki gootan gaafa Qubee 'Kh' katabdan Bakka itti Qubee 'Kh' katabuu qabdan adda baafachuunis Waajibaan baana.

Ammaaf tunuu ni geeysi, taanis In Shaa Allah dhufaaf teeysi, hanga argite kana hiriyoota kee biraan geeysii.

Yoo bakka itti fayyadaman baruu barbaaddanii gaafattan isinitti himna awoo hin yaaddawinaa 😅
@JemalSheikhBakri1
2024/09/27 13:32:04
Back to Top
HTML Embed Code: