Waan gaarii yaadii godhi, sababiinsaa waan kamuu yoo dhabdee waan guddaa tokko garuu hin dhabduu. Innis boqonnaa sammuuti. Boqonnaa sammuu yoo qabaattee immoo hunda qabaachuu dandeessa.

@jechoota_gamnaa
"Dargaggeessa qophaa'eef balballi Addunyaa kanaa banaadha.Garuu Isa hin qophaa'iniif balballi mana isaatuu cufaadha".

Gargaraa profeesaraa Miratuu Shaanqoo.

@jechoota_gamnaa
"...Gatiin kee kan namni siif murteessee ittiin si gurguruuf kajeelu ykn si bituuf kajeelu miti. Ati gatii fi bakka sanii oli irra jirta."

Dr Mihiratuu Shanqoo

@jechoota_gamnaa
Waan harka qabdu gaafa tuffatte khasaarte beeki

@jechoota_gamnaa
kana beeki!

Nyaata garaa guuttachuun
~Qalbii si goggeysaa
~Qaama si ulfeessa
~Akka daftee waa sin galle sigodha.
kanaaf Likkuma soorachuu si barbaachisa.
Nama hanqina sirra barbaaduuf deebii hin kennin isaaf beekkamtii kennuu taati.❤️

@Jechoota_gamnaa
#Baacoo


Namicha tokkotu baadiyaa irraa Cilee fe'ee magaalaa geessee gurguraa olee yeroo xumuru, harreen jalaa badde. Osoma barbaaduu lafti itti dhiinaan magaala tokkotti gooree buluuf mana siree gaggaafatee argata. Qarshii siree erga kafalee booda ol seenee yeroo siree ilaalu sireen qulqulluu fi baay’ee miidhagaa ture . Yeroo of ilaalu garuu qamni isaa cileen balleesseera. Qulqullina wan hin qabneef siree balleessu irra jedhe siree ol qabee jalaa seenee lafaa rafe. Warri mana siree namicha barbaadanii dhabnaan siree namoota biraatiif kireessu. Namoonni lama kanneen jaalallee walii ta'an dargaggeessi tokkoo fi shamarreen tokko siree namichi jalaa cisuu irra rafuuf ol seenan.
Dargaggeessichi daqiiqaa muraasa booda siree irra cisee jaalalleesaa morma jala seenee hammachuudhaan "Yeroon si ilaalu addunyaa kana guutuutu natti mul’ata!” jedheen.
Achuuman namiichi harreen jalaa baddee sun siree jalaa as bahee “ Erga addunyaan kun hundi sitti mul’ata ta’ee adaraa harree kiyyas keessa naaf barbaadi” jedheen jedhama.

@Jechoota_gamnaa
📚Amaloota Namoota Milkaa’inni 📚

Addunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti milka’aan jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduudha qabu. Amalootni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka’inaa akka ta’anis irratti walii galama.

1️⃣Namootni milka’an ofitti amanu

Jireenya keessan keessati waan abjootan milkeessuu yoo barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan onnee keessaniin amanuudha qabdu.

Ofitti amanuun kan wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan dhufuudha. Namootni milkaawan jedhaman iccitii milkaa’ina isaanii yoogguu dubbatan yoo dhageessan ta’e milkaa’ina isaaniif sababni guddaan “wanti hunduu ni danda’ama !”

Jedhaanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef,hojjadheef….bakkan hara’a jiru gahe siin jedhu. Atis bakka yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.

2️⃣Namootni milka’aan kaayyoo qabu. Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyeessuu danda’u qabannee dhalanna. Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte bakka yaade gahuuf halkaniif guyyaa carraqxa.

Kaayyoon sammuu kee kessatti jiru humna siif ta’a; bu’aa ba’ii jireenya keessatti gufuun yoo si muuddata akka laayyooti akka hin kufne ; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka kaatu;akka abdii hin kutanne humna sitti hora.

3️⃣Namootni milkaa’an tarkaanfi tokko ful-duratti tarkaanfatu

Namootni milka’an kan namootni eeganin alatti dhimma boba’an irratti cimsanii hojjatu. Barataa yoo ta’e haala gaariin qo’achuu; daldalaa yoo ta’e ammoo maamiltoota Isaa haala akamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.

4️⃣Namootni milka’an tarkaanfii fudhatu.

Namootni milka’an iccitii tokko beeku ” Addunyaa kanarratti tattaafii malee bu’aan argamu akka hin jire; No gain without pain” jedhaniti amanu. Kanaaf bakka yaadan gahuuf sadarkaa garagaraatti murtii dabarsu/tarkaanfii fudhatu. Bakka yaadde gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa’uu hin qabdu;bakkayaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii keetidha

@jechoota_gamnaa
Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni.

1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha.

2) kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. Ilmi namaa kaayyoo itti jiraatuuf qaba.

3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. Namni ofiin malee isa kaaniin dorgomuu hin qabu.

4) Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu.

5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / ta'uunis gaariidha jedhu hayyoonni. Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama.

6) Qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ qabda jedhu hayyoonni. Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. Qaroomina /wisdom/ qabda taanaan diinakee yookiin nama ilaalcha gaarii siif hin qabne, qajeelchuu, sirreessuufi amansiisuu dandeessa.

7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha jedhu hayyoonni. Dandeettii yookiin beekumsi addaa barumsa idilee/ Conventional/ irraa argamuu danda’a.

8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektonni.

9) Miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.

10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. Namoonni si aarsan heddummaachuu danda'u, kanaafuu nama meeqatti aartee, gubattee dandeessa Kanaafuu itti hin qabamiin, kolfii bira darbi.

@Jechoota_gamnaa
Lubbuun jiraachuun qabeenya guddaadha
Alhamdulillaah jedhi.
Fayyaan Immoo Qananiidha.
#GABRUMMAA SAMMUU.

🔹Namni Sammuun Gabroome Of
Waliin Wal Loleetu, Orma.
Jaarsummaa Lakkaaawwata.

🔹Namni Sammuun Gabroome Nadhii Dammaa Gateetu, Gagaa
Nyaachuuf Olkaawwata.

🔹Namni Sammuun Gabroome Mataa Ofii Hojiin Ala Godhee, Kan Nama Biraan Ergifatee Yaaduu barbaada.

🔹Namni Sammuun Gabroome, harka hojii irra Harka Kadhaaf Beekamtii Kenna.

🔹Namni Sammuun Gabroome, Waanuma isaan jedhan Of Se'a. Yoo Horii jedhaniin, Falmachuu Dhiisee, Marga Dheeduu Shaakala. Farda Yoo jedhaniin dugdi isaa Akka Kooraaf Baachuuf Tolu ilaala.

🔹Namni Sammuun Gabroome, iddoo Kennaniif Taa'a, Waan Kennaniif Nyaata, Waan itti Fe'an Baata.

🔹Namni Sammuun Gabroome, Nama Ta'uu isaa Namni Biraa Akka Mirkaneessuuf ifaaja.

🔹Namni Sammuun gabroome, hayyama namaan nyaata, Karaa Nama Biraa irra Kaata, Abbaa Torbaati Orma lakkaawwata.

🔹Namni Sammuun gabroome, Milkaa'ina Warra Biraa Tolcha (magic) jedhee Odeessa.

🔹Namni Sammuun Gabroome, Bara irratti Hojjechuu Caalaa, Barruu isaa Raagduun Akka jetteen bula.

🔹Namni Sammuun gabroome Haaraa Ofiif Bitate irra, Moofaa Ormaa Yoo Miiccatee Uffate itti Tola.

🔹Namni Sammuun Gabroome, Gabrummaa isaa Bilisummaa Se'a.

🔹Namni Sammuun Gabroome, Akka Ofiitti Yaaduu irra Akka Nama Biraatti Yaaduun qarooma jedhee Amana.

🔹Namni Sammuun Gabroome, Warra isaaf Falman irra Warra isatti Falman jaalata.

@Jechoota_gamnaa
INAAFFAA
***************************************
Inaaffaan burqaa hammeenyaa, fi hanqaaqxuu gandummaati. Obboleessi obboleessa isaa ajj**suu kan eegalchiisellee, Inaaffaadha. Inaaffaan isa itti inaafame caalaa, isa inaafu balleessiti. Inaaffaan, ofiin of-ajj**suu (suicide) waliin tokkuma. Jireenya namaa balleessiti. Cimina obboleessa keetii hin inaafiin, yoo dandeesse ittiin booni; yoo dadhabde irraa baradhu malee. Keessumaa, Oromoo Saba Guddaa kanaaf namoota jajjaboo hedduutu barbaachisa. Jabaa kee hin hinaafiin!


@jechoota_gamnaa
HIN GAABBU (Jawaar Mohammad) (2).pdf
65.2 MB
HIN GABBUU

Kitaaba jawar Mahammad Barreessee pdf dhaan dubbisaa
Guddinni kan argamu carraa ykn tasaan osoo hin taane, Guyyaa guyyaan of irratti hojjechuudhaani.

Namoonni jecha siin jedhan hin dhaban ati garuu, ittiin of hin madaaliin malee,jechi amaluma namaati.!🙏

@jechoota_gamnaa
Gorsa jireenya Albert Einstein xalayaa mucaa isaatiif barreesseen, Eduard: “Jireenyi akka biskileetii oofuuti. Madaala kee eeggachuuf, deemsa kee itti fufi. ” ”

@Jechoota_gamnaa
Dhalli namaa qaamoota sadii qabatee gara addunyaa kanaatti dhufe. Namnis nama jedhamuuf ijaarama qaamaa kan sadeen yoo qabaate, nama guutuu jedhama. Kunneenis..
1. Qaama Lubbuu /Sprit
2. Qaamaa Foonii/Body
3. Qaamaa Sammuu/Mind

Qaamni sammuu qaama leenjifamee, qaamota keenya biroo akka to'atuuf aangeffamudha qaamni sammuu kun bakka sadiiti qoqqoodama.

1. Sammuu dhokataa /Subconscious mind
2. Sammuu hatattamaa/Critical mind
3. Sammuu dammaqaa/conscious mind

Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.

Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.

Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?

Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.

Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf of qopheessi.

@jechoota_gamnaa
Jireenyi barsiisee waraqaa ragaa siif hinkennu, garuu beekumsa dhugaa siif kenna

@Jechoota_gamnaa
https://niboern.com/register?codeNumber=058555

Hordoftoota koo Namni Hojii barbaaddan Carraa Kanatti fayyadama linkii kanaan Cuqaa hojii barbachisu hojjadha
Waan takka yoo hin feene jijjiiri, jijjiiruu yoo hin dandeenye ilaalcha Waan saniif qabdu jijjiiri.

@jechoota_gamnaa
AKKAMITTI OF KABAJJA?

(1) Kan si hin barbaanne barbaaduu dhiisi.

(2) Nama akka keetii Kadhachuu dhiisi.

(3) Waan barbaachisu caalaa dubbachuu dhiisi.

(4) Namoonni yeroo si hin kabajne hatattamaan isaan dura dhaabbadhu.

(5) Nyaata namoota biroo kan kee nyaatan caalaa hin nyaatin.

(6) Akkaataa namoota tokko tokko itti daawwattu hir'isi, keessumaa yoo isaan deebii hin kennine.

(7) Ofii kee irratti invast godhi. Of gammachiisi.

(8) Waa'ee namoota biroo oduu bashannansiisuu dhiisaa.

(9) Dubbachuu kee dura yaadi. Namoonni akkamitti akka siif iddoo guddaa kennan keessaa %80 waan afaan kee keessaa bahudha.

(10) Yeroo hunda waan gaarii fakkaadhu. Akkaataa itti dubbatamuu qabutti uffadhu.

(11) Nama galma ga’iinsa argatu ta’i. Kaayyoo kee irratti bobba'i.

(12) Yeroo kee kabaji.

(13) Hariiroo kabajaa fi gatii akka sitti hin dhagahamne keessa hin turiin. Achi irraa fagaadhaa.

(14) Maallaqa ofii keetii baasuu baradhu. Namoonni akkasitti baasii siif baasuu ni baratu.

(15) Yeroo tokko tokko hanqachuu.

(16) Fudhataa caalaa nama kennu ta’i.

(17) Bakka hin afeeramne hin deeminaa. Yeroo affeerramtan immoo simannaa keessan caalaa hin turinaa.

(18) Namoota haala isaaniif malutti sirriitti ilaali.

(19) Maallaqa si irraa qaban malee yaaliin bilbilaa lama gahaadha. Yoo gatii siif kennan battalumatti siif bilbila .

(20) Waan hojjettu irratti ga’aa ta’i. Waan hunda caalu ta'i.


@Jechoota_gamnaa
2025/04/12 06:26:52
Back to Top
HTML Embed Code: