Telegram Web Link
Guyyaa tokko jaarsi beela'e tokko daabboo gogaa harkaa qabu waan ittiin laaffisee nyaatu kadhachuuf naannoo mana nyaataa tokko taa'e. Xinnoo akkuma achi taa'een fooliin nyaataa baayyee nama haawwatu afaan isaa hancufaan guute. Jaarsi kunis daabboo gogaa harkaa qabu ija isaa dunuunfatee akka ittoo fooliin isaa funyaan isaa seenen nyaatutti of amansiisuun daabboo isaa nyaate.

Haala nama kanaa ilaalaa kan ture abbaan mana nyaataa sanaa, Jaarsa kana bira dhaquun silliqsee qabatee kan funfatteef kanfali jedhee ija itti babaase. Jaarsi hiyyeessi sunis "Anoo qarshii hin qabu. Yoo barbaadde abbaa murtii bira na geessi" jedheen. Namichis abbaa murtii bira geessun wanta uumame marayyuu tokko lamaan itti hime. Xumura irrattis abbaan murtii jaarsi hiyyeessi sun kan funfateef akka kanfalu itti murteesse.

Xumura irratti abbaan murtii kun qarshii akka jaarsichi kanfaluuf itti murtaa'e "Ani ofii koon kanfalaaf" jechuun Abbaa mana nyaaticha ofitti waamun, Saantimoota kiisa isaanii keessa jiru baasun harka isaanii laman gidduu naquun gurra isaatti qabanii 'shak shak shak' gochuun sagalee isaa dhageessisan. Itti fufuun abbaan murtii "Deemi egaa ani kanfaltii jaarsa kana irra jiru siif kanfaleera" jedhaniin abba mana nyaatichaan. Namichis waan wallaalee "Maal jechuudha kun abbaa murtii? sagalee isaan dhaga'e malee yoomin fudhadhe" jennaan. "Jaarsi kunis foolii isaa fuunfate malee yoom nyaate?" jechuun deebisaniif.

Dukkana doofummaaf ifni beekaa qoricha.

Maddi:- Gola Fuul-barruu
#FB

@JECHOOTAHAYYOOTA
Of irratti xiyyeeffadhu

Gammaduuf mirga guutuu akka qabdu beektullee, Namoonni sababa keetin akka gammadanii fi boqonnaa akka argatan eegun kee balaaf si saaxila.  Harkisa/xiyyeeffanna namootaa yoo hin qabaatin, yoo hin dinqisiifatamin, jajjabinni yoo siif hin taasifamin dhiphina tokko malee ofumaaf of jajjabeessi, ofumaaf of dinqisiifadhu. Dabalata immoo anis waanan si jaaladhuuf sin dinqisiifadha❤️‍🩹. hojii keetin gammachuu yoo hin argatin wanti alarraa dhufu kamiiyyuu akka gammachuu siif hin kennine beeki, siif kennus immoo yeroof qofa akka ta'e beeki. Namni of irratti hin xiyyeeffanne miira namaa harkisuu hin danda'an. Miira namaa harkisuu feeta taanan callisii sababa malee gammadi, waa'ee namaa dagadhuutii kaayyoo kee irratti yaadaa fi humna kee dhangalaasi. Sana booda dabareen tee taati.

@Jechootahayyoota
"Barachuu mana barnootaa seenuu hin godhinaa. Ani Yunivarsiitii Harvardiin hin seennee garuu namoonni anaaf qacaramanii hojjettan namoota Yunivarsiitii Harvardi Seenanii turaniidha."
#ElonMusk

@Jechootahayyoota
"Jireenya kee keessatti nyaata akka qorichaatti sirnaan fayyadami; yoo akkas gochuu diddee umuriikee guutuu qoricha akka nyaataatti fayyadamaa jiraatta."


@Jechootahayyoota
"Obboleessa koo waan ta'ef natti hin ulfaatu!!"

Akkuma suuraa irratti argitan kana, mucaa tokkotu iddoo waraanaatti dugda irratti nama biraa baatee deema. Gocha mucaa kana kan arge loltuun tokko, mucaa inni baatee jiru kun lubbuudhaan akka hin jirre hubatee maalif akka inni du'aa baatee deemufi akka inni ofirraa buusee gatuudhaan dadhabbi dhufu ofirraa hambisuuf isa gorsa. Mucaanis jecha loltuu kanaaf deebii akkas jedhu deebiseef, "Obboleessa kiyya waan ta'ef natti hin ulfaatu, baattadhee deemeen iddoo gaariitti awwaalladha!" jedheen. Loltuun kunis deebii mucaan kun deebiseef kana hin eegne waan ta'eef baay'ee ajaa'ibsiifatee imimmaan buusee boo'e. Egaa yeroo sanaa kaasee suuraan kun biyya jaappaanitti mallattoo tokkummaa fi jabinaa ta'uun siidaan dhaabbateefi jira.

Mee nutis, obboleessi/ Obboleettiin koo waan ta'ef/ taatef natti hin ulfaatu ha jennu!

Jaalala waliif ha qabaannuun dhaamsa kooti.

HALKAN GAARII QABAADHAA .

@Jechootahayyoota
Waan barbaaddu ta'u irra wanta ta'uu qabdu ta'u qabda jedheen amana. Waan barbaadde ta'uu barbaadda taanaan miira keeti kan si oofaa jiru. Miiraan oofamta taanaan fedhiinkee daangaa hin qabaatu. Miirrikee immoo yeroo tokko ni oo'a yeroo tokko ni qabbanaa'a. Kana jechuun wanti ta'u barbaaddu sitti heddumaata jechuudha.  Kanaaf bakki geessu hin jiru. Wanti ta'u qabdu garuu wanta tokkodha. Wanti tokko immoo xiyyeeffannoo qofa barbaada. Wanta tokko irratti humna qabduufi beekumsa qabdu yoo invest  goote salphaatti wanta ta'u qabdu taata.

Beekamaadha hundi keenya wanta ta'u qabnu tokkoof akka uumamne. Kayyoon uumamne kaayyoofis uumamne. Garuu namni baay'een kaayyoof akka uumame hin beeku. Barreessan baay'ee jaalladhuu kan amma lubbuun hin jirre, Dr Mayles Munroe "Daa'imni karoora maatiin ala dhalate jiraachuu mala, garuu daa'imni karoora waaqayyoon ala dhalate hin jiru" jedhu. Jechan yeroo hunda yaadadhu akkasuma 100% itti amanuudha.
karoora waaqayyoon dhalanne erga ta'e kaayyoo dhalanneef qabna jechuudha. Dhimmi tokko jira dhimmi uumamneef. Rakkoon guddaan garuu namni kaayyoo dhalateef wallaaluu isaati.
Namoonni tokko tokko akka tasaa waan addunyaa kanarra dhufan isaanitti fakkaata, kun dogoggora guddaadha. Waaqayyo akka tasa sin uumne, dhalachuunkee kaayyoofi. Dogongortee illee nama karoora yookan kaayyoo dhalateef hin qabne jettee of hin ilaalin, ofiikeettis hin dubbatin. Uumaan nama kamuu wal qixxeetti uume Kennaa garaagaraa waliin. Uumaakee komachuu irra ofiikeen jireenya gaarii jiraachuuf aarsaan kaffale maali jedhii of gaafadhu? Waaqayyo jireenya siif kenne, jireenya kee foyyessuun immoo ga'ee keeti. Kanaaf jireenya keef itti gaafatamummaa fudhadhuu humna uumaan siif kenne fayyadamii jireenya jiraachuu qabdu jiraadhu.
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
Mul'atni hin ilaalu ni arga malee. Arguufi ilaaluun baayyee garaa gara. Kanaafuu abbaan mul'ata ni arga malee hin ilaalu.

       HIIKA MUL'ATAA

1. Adeemsa sammuuti.
2. Ta'udha malee taa'uu (iddoo qabachuu miti)
3. Boba'aa geggeessaan tokko ittiin adeemuu danda'uudha.
4. Humna ittiin waan haaraa uumaniidha.
5. Shaamaa ittiin dhaloota keessaa ga'umsa barbaadanii arganiidha.
6. Funyoo ittiin boolla gadi fagoo keessaa ol ba'anii tulluu irra ittiin  dhaabbataniidha.
7. Kan namoonni gurguddoon addunyaa kanaa wareegamaniifiidha.
8. Har'a caalaa fira boriiti.
9. Ija foonii caalaa fageessee arga.
10. Madda qaba madda isaa malee ba'ee hin mul'atu.
11. Kutannoo fi ija jabina malee nama keessaa hin ba'u.
12. Haala amma keessa jirtu ganuu akka qabdu sitti hima.
13. Hojii garee miti.
14. Ni tarkaanfata malee hin tiratu.
15. Nama biraa ta'u akka hin dandeenye sitti hima.
16. Wanta ati ofi harkaa qabduu irratti hin hundaa'u.
17.Biyya ati dhalatte irratti hin hundaa'u.
18. Sin gatu yoo ati gatte malee.
19. Si hin sobu, yoo ati sobde malee.
20. Dhabamuu sababa baduu dhaloota baay'ee ta'eera .
21. Dhabamuun hiyyummaa namoota baay'eef sababa ta'era.
22. Dhabamuun akka geggeessitoonni baay'een uummata   miidhan godheera.
            
  By Miratu Shanko

           @Jechootahayyoota
           @Jechootahayyoota
D𝙝𝙖𝙡𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙚𝙠𝙚𝙧𝙖𝙖!

Minilik bara isaatti mootii ture.
Bara sana impaayera Itoophiyaa ijaaree, bulchee jiras.
Bara isaatti injifannoowwan heddus gonfatee jira(namoota inni hoogganuun ta'us).

Amma garuu Minilik ekeraadha. Kan nama gaddisiisu du'uu isaa namoonni amananii hin fudhanne ammas ni jiru.
Ekeraa faarsaa,sagadaa fi waaqessaa jiraatan jiru.
Dhaloonni ekeraa faarsee sagaduuf silas ekeraadhuma.

Dhaloota ekeraa!

@Jechootahayyoota
''Nun miti farda keenya ni beeku bareechanii Gaafa gaarreen Adwaa gaafa Maqalee sanii''

Gooticha Hachalu Hundessa 🐴 🐎

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
hordoftoota Amantaa Musliimaa Martuu Baga Ayyaana Iid Al-fixrii 1445ffaa geessan.

Ayyaanni kun kan jaalalaafi gammachuu kan tokkumaa akka isiniif tahu hawwina.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
''Abdii hin kutannu. Abdii kutachuufis as hin jirru. Hanga hiree filannoo irratti hirmaannu argannee, mootummaa uummatni filate ijaarruutti. Diddaa sirna cunqursaa irratti qabnu ittuma fufna. Hamma uummatni kun jirutti diddaan kun ittuma fufa" #JaalBatteeUrgeessaa
Guddaa garaan nu gubate guddaa galatoomi Leencako! Lubbuunkee ha boqotu!

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Nama ulfeessee si laalu, Kan si kabaju, Kan dubbii teetiif bakka laatu, kan yeroo ati itti aarte fardeeffatee si araarsuuf yaalu, kan xiqqeefatee salphisee si hin laalle kan dantaa si hin dhabne qabda yoo tahe ati carra qabeessadha. Kana hunda faallatti kan sirratti argisiisuu waliin yoo jiraatte nama akkatti si laalu hanga argattuu kophaa tee jiraadhu. Hiriyyaa malee jiraachuun si hin ajjeessu, hiriyyaa gatii siif hin qabnee waliin jiraachuun garuu jiruu sitti booreessa !

Kabajaan jaalalaa Oli🥰
:¨·.·¨:
 `·
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Yaadaf
👇👇👇👇👇
@Yaadawaljijjiruufbot
"Jireenya koo keessatti namoota ogeeyyii ta'an garuu immoo hin dubbisne argee hin beeku, tokkollees hin jiran. Ogeessi kamuu hanga dubbatu ga'a osoo hin taane hanga dubbisu ga'a.
Dubbisuun waa beekuuf oola, garuu dubbachuun yoo barsiisuuf hin taane oduu akkasumaaniiti.
Ani uummata kana akka inni dubbisu  barsiisuuf  eenyu irraa akkan eegalutu na dhiba, ijoolleen koo iyyuu yeroon kitaaba dubbisu natti kolfu. Ani garuu kitaaba  akka hayyuu cimaa jireenya koo na waliin qooddatuuttin ilaala.
Ani ofii kooti biographer dha. Akkasumas yaadrimeewwan gurguddoo barsiisuuf nan yaala. Kitaabni ani barreessu jireenya namootaa hanga tokko ni guddisa, ni jijjiira, jireenya baratamaa irrattis garaagarummaa ni uuma jedheen yaada.
Kitaaba Adam Smith barreesse yoo dubbiste Adam Smith hirooyomfatte jechuudha. Ogeessa diinagdee cimaa hiriyoomfatte waan ta'ef, waa'ee diingdee caalaatti baratta jedheen yaada.
Kun waan nama kofalchiisu fakkaata, namoota beekamoo du'an gidduutti hiriyummaa uumuun hin dandaa'amu, garuu namoota du'aan darban irraa barnoota, muuxannoo  fi mudannoo isaanii irraa qooddachuu ni dandaa'ama, ni fayyadallee." #Charle_Munger

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#Amma_Jalqabi!

Akka gaariitti hojjechuuf hin yaadda'in.  Callisiituma hojjechuu eegali.

Kitaaba gatii guddaa baaasu barreessuudhaaf hin yaadda'in, barreessuu qofa eegali.  Mo'ataa Grammy Award ta'uuf hin yaadda'in, muuziqaa qofa hojjedhu.  Kufaatii hin yaadda'in, mul'achuu fi yaaluu qofa itti fufi.  Tokkoffaa, wanti barbaachisaa taʼe, wanta gochuu barbaadde raawwachuu kee ti.  Sana booda dogoggora kee irraa barachuudhaan yeroo darbaa deemuun bakka barbaadde gahuu dandeessa.

Dhugaan jiru garuu wanti ati hojjettu ajaa'ibaa fi addunyaa jijjiiru ta'uu fi dhiisuu isaa yoo yaaddofte milkaa'ina guddaa hin argattu.  Wantoota kana kan argattu yeroo salphaatti waan hiika qabuu fi hiika qabu ofii keetii uumuuf of hayyamtudha.

Kanaaf mudaa kan hin qabne taʼuu mannaa guddina irratti xiyyeeffadhu.  Waan tokko haala gaariin hojjechuu mannaa, hojii sana hojjechuu irratti xiyyeeffadhu.  Sana booda hojii sana akka barbaaddetti gulaaluu, ijaaruu, fooyyessuu fi guddisuu dandeessa.

Gaara yaaddoo kee ofirraa baasuu qofa irraa jalqabi.  Hiriyaa koo mee ammuma jalqabi!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Abjuu kee galmaan ga'uuf qophoofteettaa?

➊Kophaa ta'uuf qophaa'i
➋Hiriyyoota kee dhabuudhaaf qophaaʼi
➌Akka sitti kolfan beekuuf qophaaʼi
➍Qeeqaaf qophaa'i
➎Kuftee ka'uuf qophaa'i


Join 👇👇👇👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

#Dire dawa_University, Oromiyaa.
Dhiira yoo taate dubara gaafa ati sadarkaa takka irra hin gahin siifiin jira siin jatte hin dagatin.

Dubartiin hiyyummaafii laafina keetii wajjiin si qeebalte warqiidha.❤️‍🔥


:¨·.·¨:
 `·.   @Jechootahayyoota
Dafnee abdii kutachuu keenya irraa kan ka'e kaayyoo gurguddaa baay'ee karaatti ganne. Qofaa ta'uu malta. Namni si cina dhaabatee kallattii si argisiisu dhibuu danda'a. Deddeebitee mucucaachuun kufaatii sitti fakkaatee abdii kutatte ta'a. Yeroo dheeraa karaa ati irra turte si gaddisiisuu danda'a. Waan hin dabarre sitti fakkaatee dhiphachuu dandeessa.

Gorsan siif qaba. Eeyyee gorsa. Ittuma fufii yaali! Yaalii, yaalii, yaali, ammas yaali! Matumaa matumaa matumaa abdii hin kutatin! Jireenyi gara-bal'ina si gaafatti. Garaa bal'attee irra deddeebitee hin yaaltu taanaan na amani galma kee hin geessu. Gatii osoo itti hin baasin kaayyoon ati galmaan geessu hin jiru. Yoom iyyuu kaayyoon kee gatii baasuu akka si gaafatu dursii beeki! Kufuun jira; ammas kufuun jira; amma illee kufuun jira. Kufaatii hedduu booda immoo mo'achuun ni jira. Eeyyee ni jira. Si'a tokko kuftee abdii kuttee dhiistee deemta taanaan yoom iyyuu hin mo'attu. Kun immoo adeemsuma uumamaati.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Jireenyaa ilmaa nama kessaatti wantii hundaa caalaa barbaachisaa ta'ee
              Mul'ataa.
Mul'ata malee mul'achuun hin jiruu. Mul'ata jechuuni imala sammutii.

       𝕸𝖆𝖏𝖔𝖗 𝖔𝖓𝖊
          

@Jechootahayyoota
2024/11/04 21:23:52
Back to Top
HTML Embed Code: