Telegram Web Link
Karaalee ittiin yaada sammuu keenyaa cimsannu.


1. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu!

Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

2. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

3. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.

Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

Yaadni namootaa garaagara. Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Lafa kanarra yeroo tokko qofa jiraannee dabarra. Ta'us sirnaan itti fayyadamnaan kunuu ga'adha.
@Oromotoo
@Oromotoo
Gochi xiqqoon ati ganama kana raawwattu, oolmaa guyyaakeetii murteessa. Guyyaakee miidhaksuuf ganamakee waan gaariin eegali.
   Oolmaa Gaarii!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Yeroo jireenyi akka qaawa lilmoo sitti dhiphatu, atimmoo kirrii( fo'aa) ta'i hulluuqii keessa darbi.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Hojii manee guyyoota 21 tokkof hojjechuu qabdu:

1. Ganama sa'atii 1 dura hirribaa ka'i
2. Galgala gara hirribaa yeroo deemtuu fi ganama hirribaa yeroo kaatu uumaa kee galateeffadhu
3. Fiilmii miira nama kakaasuu ilaaluu dhaabi
4. Guyyaatti kitaaba fuula 20 dubbisi
5. Torbanitti yeroo 3 yookaan 4 sochii jabeenya qaamaa hojjedhu

Hojii manee kana hojjennaan, jireenya kee keessatti jijjiirama ajaayibaa argita.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Kufaatiidhaan eegala
  Jalqabni milkaa'inaa
  "Gufadheera" jettanii
  Bakka sana-n taa'inaa!
 
  Hurufa heddummaatti
  Jireenyi biyya lafaa
  Jabaan kufus ni ka'a
  Dadhabaan achitti hafa!
 
  Kaayyoo kamuu qabaadhu
  Nama hojjatu yoo taate
  Aarsaa male hin geessu
  Galma qabattee kaate!
 
  Kanaaf seenaan hayyootaa
  Waan baayyee nu barsiisa
  Kufanii ka'uu beekuuf
  Albert Enistaayintu
  Daandii nutti agarsiisa!
 
  Abdii kutachuu dhiisee
  Al torba kufee ka'ee
  Xurree qaroominaarra
  Kutannoo cimaan ga'e!
 
  Fakkeenyati fudhattee
  Ittiin galaana ceetu
  Thomas Edson laali
  Obsaaf kutannoo feetu
 
  Ji'a sadii barate
  Mana barumsaa galee
  Waan gadadoos rakkinni
  Lakkuu isarratti dhale,
 
  Gidiraa biyya lafaa
  Obsee garaatti baatee
  Balbii har'a ibsannu
  Tiriikaa aaddunyaaf laate!
 
  Galmasaa hin hanqifne
  Rakkinni isa hudhanii...
  Irra deddeebiin yaalee
  Yeroo kuma kudhanii,
 
  Obsaan yaadee kalaqee
  Dukkana ibsuuf maloota
  Gumaacha guddaa kana
  Kaa'ee darbe dhalootaa!
 
  Abdii akkan kutanne
  Gaafa kutatte abdii
  Rakkoon si kuffisuutti
  Ofumaaf kuftee cabdi!
 
  Miti gaafa maramtee
  Carqiin awwaala buutu
  Gaafa hamileen kee du'e
  Dhugaan kan ati duutu!
 
  Kanaafuu.....
 
  Karri tokko cufamu
  Lamatu siif banama
  Hireen abaarin ciiftee
  Galgalaafi ganama
 
  Jiruu biyya lafaatu
  Qorumsadha obbolee
  Hedduunis obsa dhabee
  Abdii kutuun okkole!
 
  Bakka kuftee ka'i
  Laali bitaaf mirga
  Daandiin biraa jira
  Siif baadhatee silga,
 
  Ati abdii akkan kunne
  Dursii abdii kutadhu
  Bakka har'a jirturraa
  Fuulduratti butadhu
 
  Kuftee achitti hin hafin
  Ol ka'i ni dandeessaa
  Hin dhaabbatin tiradhu
  Gaaf-tokko galma geessa!

@Jechootahayyoota
Addunyaa kana irraa namoonni bu'aa gurguddaa buusan gosa lamatu jira.

Isaanisโ„ข๏ธ
        
โž€. Namoota yaada (qalbii) tasgabba'aa ta'e qabanii fi
โž. Kanneen galata galchuu beekanidha.

โžถ Namoonni yaada tasgabbaa'aa qaban waan yaadan qajeeltotti hubatu.
โžถ Karoora isaanii ni beeku.
โžถ Ogummaadhaan socho'u.

โžฌ Namoonni waan isaaniif ta'e hundumaaf galateeffatan balbala milkaa'insaa isa itti aanutti darbuuf akeeku. Isaan warra gammadaniidha. Gammachuun isaanii kaka'uumsa hojiif bu'uura.
โžฌ Wanti itti gammadaa hojjetan yoo dadhabanillee nama hin nuffisiisu.
โžฌ Namni fedha yoo dhabe malee waan tokko fiixan baasuu hin dadhabu.

๐Ÿงฉ @Jechootahayyoota
๐‘ถ๐’‡๐’Š๐’Š๐’ ๐’๐’‡ ๐’‰๐’๐’๐’ˆ๐’ˆ๐’‚๐’๐’Š๐Ÿ’ช๐Ÿฝ

๐‘ฒ๐’๐’๐’Œ๐’๐’๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐‘ ๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘–๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘›, โ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘›, ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘–๐‘›๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘– ๐‘”๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘–๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘ข๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’ ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘˜๐‘’๐‘›๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘’๐‘’,  ๐’˜๐’‚๐’…๐’‚๐’“๐’๐’ (๐’“๐’๐’‘๐’†) ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ก๐‘’๐‘’  ๐‘“๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘˜๐‘–๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘’๐‘’, ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ'๐‘’๐‘’ ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ก๐‘ข ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž?  ๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘ข๐‘ข ๐‘”๐‘Žโ„Ž๐‘ข๐‘ข โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘ข. ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘ ๐‘œ๐‘โ„Ž๐‘Ž'๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž, ๐‘ฆ๐‘˜๐‘› ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ ๐‘Ž ๐‘ฅ๐‘–๐‘ž๐‘ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž.
๐ป๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’ ๐‘š๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’ ๐’‡๐’–๐’“๐’•๐’–๐’–/๐’Œ๐’†๐’š ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘โ„Ž๐‘–๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘ก๐‘’ โ„Ž๐‘œ๐‘œ? ๐‘†๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘–๐‘ ๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘ข๐‘› ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ ๐‘“๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘›๐‘–๐‘– ๐‘”๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž. ๐‘ณ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’๐’
๐‘˜๐‘œ๐‘›๐‘˜๐‘œ๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘› ๐’”๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’–๐’– ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–, ๐’‡๐’–๐’“๐’•๐’–๐’–๐’/๐’Œ๐’†๐’š ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–,  ๐‘“๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘‘๐‘– ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž๐‘ก๐‘–.  ๐‘ณ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’Š ๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ด๐’Š๐’„๐’‰๐’–๐’– ๐’Œ๐’๐’
๐‘ถ๐’”๐’๐’ ๐’‡๐’–๐’“๐’•๐’–๐’– ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’…๐’–๐’– ๐’Œ๐’๐’๐’Œ๐’๐’๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’‚๐’“๐’…๐’‚๐’‚๐’ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‰๐’‚๐’“๐’Œ๐’Š๐’”๐’Š๐’.

@jechootahayyoota
Dhugaa kee nama hin hubanne hubachiisuf  hin dhama'in.

Namoonni baay'en kan dhagahan, dhugaawwan ati dubbattu osoo hin taane, wanta dhagahuu barbaadan qofa dhagahan. Ati calliste jechuun ati soba, isaan dhugaa dubbatan jechuu miti. Akkas osoo hin taane dhugaa kee uuman keetif yeroon akka siif dubbatan taasisaa jirta jechuudha. Kan dubbatu hundi dhugaa hin dubbatu. Yeroo tokko tokko dhugaawwan uuman keetif yeroon siif dubbatan baay'etu jira. Kanaaf dhugaa koo namoonni naaf hubachuu didan jettee hin dhiphatin!

@Jechootahayyoota
๐๐จ๐ซ๐ฎ ๐›๐จ๐ซ๐ฎ ๐ก๐ข๐ง ๐ฃ๐ž๐๐ก๐ข๐ง

๐ป๐‘Ž๐‘Ÿ'๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘“๐‘Ž, ๐‘š๐‘’๐‘’ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ'๐‘Ž ๐‘๐‘œ๐‘ž๐‘œ๐‘›๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘Ž, โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘–๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘ค๐‘Ž๐‘™๐‘–๐‘–๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘๐‘Ž๐‘ โ„Ž๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘Ž๐‘›๐‘Ž. ๐ต๐‘œ๐‘Ÿ๐‘ข๐‘  ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ๐‘› โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘—๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘’ ๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘Ž, ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž ๐‘š๐‘ข๐‘‘๐‘‘๐‘’/๐‘ ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘‘๐‘’ ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ก๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’ ๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐’ƒ๐’๐’“๐’–๐’– ๐‘˜๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘–๐‘–/๐‘˜๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘Ž (๐’‘๐’๐’„๐’Œ๐’†๐’•) ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘Ž๐‘› ๐‘ ๐‘’'๐‘Ž๐‘›. ๐บ๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘๐‘œ๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ข ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’, ๐‘€๐‘Ž๐‘Ž๐‘™ ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘’๐‘’ ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ก๐‘ข ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘™ ๐‘๐‘’๐‘’๐‘˜๐‘ก๐‘Ž?
๐บ๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐’ƒ๐’๐’“๐’– ๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘–๐‘– ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž. ๐บ๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘›๐‘ข๐‘ก๐‘– ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘›๐‘ข ๐’‰๐’‚๐’“'๐’‚. โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘—๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘  ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’, ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘“๐‘Ž๐‘š๐‘Ž ๐‘ค๐‘Ž๐‘™-๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘“๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘–  ๐‘ค๐‘Ž๐‘™-๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘ข โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ'๐‘Ž ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž. ๐ทโ„Ž๐‘ข๐‘”๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘œ๐‘“ ๐‘—๐‘–๐‘—๐‘—๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘๐‘œ๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘–๐‘–, โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ'๐‘Ž ๐‘๐‘–๐‘š๐‘–๐‘– โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘—๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘ข. ๐‘บ๐’‚๐’๐’‚ ๐’ƒ๐’๐’๐’…๐’‚ ๐’‚๐’•๐’Š ๐’’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’…๐’‰๐’‚๐’‡ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‰๐’๐’‹๐’‹๐’‚๐’•๐’•๐’–. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’•๐’– ๐’”๐’Š๐’Š๐’‡ ๐’‰๐’๐’‹๐’‹๐’‚๐’•๐’‚

@Jechootahayyoota
Yeroo tokko tokko wanni nuti barbaannu bakka nuti yaanne saniin ala waan jiru nutti hin fakkaatu.
garuu bakka baayyee bakka ati hin yaanneen milkaayinni hedduutu jira.

Waan tokkoon hin milkoofne jechuun; wanni hundi achirratti dhaabbate jechuu miti.

Yeroo asiin cufamte achiin banaa tahuu  hubachuu qabna.

@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Hordaftoota channali keenya kabajamoo,, Channali Youtube kana SUBSCRIBE godhudhaan Hordoofa Isinin jennaa.Dabalataanis yeroo dhihoo kessatti Baacoo,walaloo,Oduu durii,seenaa Hayyoota,Seenaa Gootota Oromoo hundaa Qabatee Isiniif dhufuuf qophii isaa Xumuraa waan jiruuf SUBSCRIBE godhuudhan Barnoota gara garaa Irraa Argachuu Nin dandessaan jedheen Abdii guddaa irraa Qaba waan taheef Ammuma SUBSCRIBE bakka jettu tuqudhaan maatii Ta'a!!!

โคISININ JAALADHA OROMOO TIYYAโค
โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹


Watch "Hacaaluu Consertii America irratti" on YouTube
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/TCT8FQ2nlmU
Yeroo callistu yaaduu dandeessa.
Yeroo callistu dhaggeeffachuu dandeessa.
Yeroo callistu yaadachuu dandeessa.
Yeroo callistu miiraa kee mo'achuu dandeessa.
Yeroo callistu of argachuu dandeessa.

Argitee jireenya keenya keessatti wantoonni hedduu barbaachisoon callisuu keessa jiru.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Kitaaba "The Power of Regret" (Humna Gaabbii) jedhu kan Daniel H. Pink, Gisela Chipe, et al.:

1. Gaabbiin kan hundaati.
Namuu gaabbii qaba. Isaanis kutaa muuxannoo dhala namaa isa idilee ti.

2. Gaabbiin yakka ykn salphina tokko miti.
Gaabbiin waaโ€™ee waan darbee yoo taโ€™u, yakki fi salphinni garuu waaโ€™ee yeroo ammaa ti. Gaabbii jechuun miira gadda ykn gaabbii waan taโ€™eef yoo taโ€™u, yakka jechuun miira waan taโ€™eef itti gaafatamummaa fudhachuu yoo taโ€™u, salphinni immoo miira salphinaa ykn salphina.

3. Gaabbiin kakaโ€™umsa cimaa taโ€™uu dandaโ€™a.
Gaabbiin jireenya keenya irratti jijjiirama akka goonu nu kakaasuu dandaสผa. Fakkeenyaaf, daandii hojii murtaaสผe tokko hordofuu dhiisuu keenyatti yoo gaabbinu, abjuu sana dhugoomsuuf tarkaanfii fudhachuuf carraan keenya guddaa taสผuu dandaสผa.

4. Gaabbiinis madda ogummaa taโ€™uu dandaโ€™a.
Gaabbiin dogoggora keenya irraa barannee gara fuulduraatti murtoo fooyyaโ€™aa akka goonu nu gargaaruu dandaโ€™a.

5. Namoonni baayโ€™een gaabbii ijoo afur qabu.
Gaabbiiwwan kunniin:
โ€ข The "Boldness Regret"โ€”Balaa fudhachuu fi jireenya guutummaatti jiraachuu dhiisuu keenyatti ni gaabbina.
โ€ข "Gaabbii Walitti Hidhamiinsaa"โ€”Hariiroo namoota biroo wajjin qabnu irratti yeroo fi humna gahaa invast gochuu dhabuu keenyatti ni gaabbina.
โ€ข The "Integrity Regret"โ€”Murtoo faallaa gatii keenyaa ta'e murteessuu keenyatti ni gaabbina.
โ€ข The "Provision Regret"โ€”Fayyaa qaamaa fi maallaqaa keenya kunuunsuu dhabuu keenyatti ni gaabbina.

6. Gaabbii keenya gara humna gaariitti jijjiiruu dandeenya.
Kana gochuu kan dandeenyu:
โ€ข Gaabbii keenya adda baasuu.
โ€ข Hundee gaabbii keenyaa hubachuu.
โ€ข Gaabbii keenyaaf dhiifama ofiif gochuu.
โ€ข Gaabbii keenya irraa barachuu.
โ€ข Jireenya keenya irratti jijjiirama gochuun gaabbii keenya irra deebiโ€™uu irraa of qusachuu.

7. Jireenya keenya keessaa gaabbii dhabamsiisuuf yaaluu hin qabnu.
Gaabbiin madda odeeffannoo fi kakaโ€™umsa gatii guddaa qabu taโ€™uu dandaโ€™a.

8. Kanaa mannaa gaabbii keenya toโ€™achuu irratti xiyyeeffachuu qabna.
Kana gochuu kan dandeenyu ofitti mararfachuu, dhiifama gochuu fi galateeffachuu shaakaluudhaani.

9. Gara fuulduraattis murtoo fooyyaโ€™aa gochuuf gaabbiitti fayyadamuu dandeenya.
Gaabbii keenya hubachuudhaan, gatiiwwan keenyaa fi wanta dursa kenninu adda baasuu dandeenya.

10. Gaabbiin mallattoo dadhabbii miti.
Mallattoo ciminaa fi of beekuu ti.

11. Gaabbii nutti dhagaสผamuu sodaachuu hin qabnu.
Miira fayya qabeessaa fi idilee ta'eedha.

12. Gaabbiin jireenya keenya akka toโ€™atu gochuu hin qabnu.
Inumaayyuu akka meeshaa guddinaa fi jijjiiramaatti itti fayyadamuu qabna.

13. Gaabbiin jireenya caalaatti hiika qabu jiraachuuf nu gargaaruu dandaสผa.
Gaabbii keenya hubachuudhaan, filannoowwan gatii keenyaa wajjin walsimu gochuu dandeenya.

14. Gaabbii keenyaaf galateeffachuu qabna.
Isaan barachuu fi guddachuuf nu gargaaruu dandaสผu.

15. Gaabbiin humna gaarummaaf humna guddaa qabuudha.
Jireenya keenya irratti jijjiirama akka fiduufi addunyaa irratti dhiibbaa gaarii akka geessisnu nu kakaasuu dandaโ€™a.

Barumsawwan kana hordofuudhaan gaabbii keenya toโ€™achuu barachuu fi jireenya caalaatti hiika qabuu fi gammachuu qabu jiraachuuf itti fayyadamuu dandeenya.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#Amma_Jalqabi!

Akka gaariitti hojjechuuf hin yaadda'in.  Callisiituma hojjechuu eegali.

Kitaaba gatii guddaa baaasu barreessuudhaaf hin yaadda'in, barreessuu qofa eegali.  Mo'ataa Grammy Award ta'uuf hin yaadda'in, muuziqaa qofa hojjedhu.  Kufaatii hin yaadda'in, mul'achuu fi yaaluu qofa itti fufi.  Tokkoffaa, wanti barbaachisaa taสผe, wanta gochuu barbaadde raawwachuu kee ti.  Sana booda dogoggora kee irraa barachuudhaan yeroo darbaa deemuun bakka barbaadde gahuu dandeessa.

Dhugaan jiru garuu wanti ati hojjettu ajaa'ibaa fi addunyaa jijjiiru ta'uu fi dhiisuu isaa yoo yaaddofte milkaa'ina guddaa hin argattu.  Wantoota kana kan argattu yeroo salphaatti waan hiika qabuu fi hiika qabu ofii keetii uumuuf of hayyamtudha.

Kanaaf mudaa kan hin qabne taสผuu mannaa guddina irratti xiyyeeffadhu.  Waan tokko haala gaariin hojjechuu mannaa, hojii sana hojjechuu irratti xiyyeeffadhu.  Sana booda hojii sana akka barbaaddetti gulaaluu, ijaaruu, fooyyessuu fi guddisuu dandeessa.

Gaara yaaddoo kee ofirraa baasuu qofa irraa jalqabi.  Hiriyaa koo mee ammuma jalqabi!

@Jechootahayyoota
Jiruu tee keessatti Qormaata jajjabaa taheen Qormaatamuu dandeessa. Barattee ka itti qormatu osoo tahin Qormaatamtee ka itti barattu tanaafu qormaanni akkanaa kun Jabeenya siif arjooman dandeeyti waa ba'achuu dandahuu siif oomisha. Yeroo hunda garuu Qormaanni yeroo sitti baayyatu Fuulduratti tarkaanfatuu malee of duuba deebi'uu hin filatin!.๐Ÿ–ค๐Ÿฅ€



@Jechootahayyoota
๐™™๐™ช๐™ง๐™จ๐™ž๐™ž ๐™ค๐™› ๐™™๐™๐™–๐™ฆ๐™ฆ๐™–๐™—๐™ž

๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘›๐‘›๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž ๐‘š๐‘–๐‘ก๐‘–.
๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘›๐‘›๐‘–  ๐‘˜๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž. ๐‘ ๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘–๐‘ ๐‘›๐‘– ๐‘–๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘–๐‘š๐‘š๐‘œ๐‘œ ๐‘‘๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘–๐‘– ๐‘Ž๐‘ก๐‘– ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘ข ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘ข๐‘›๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž'๐‘Ž. โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž'๐‘ข ๐‘š๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’ ๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž '๐‘–๐‘›๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘š๐‘Ž๐‘›๐‘Ž ๐‘˜๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘–. ๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘’๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž ๐‘๐‘œ๐‘œ๐‘‘๐‘Ž ๐‘ข๐‘š๐‘ข๐‘Ÿ๐‘–๐‘– ๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘”๐‘ข๐‘ข๐‘ก๐‘ข๐‘ข โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘–๐‘– โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘—๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘–๐‘ ๐‘ข ๐‘—๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž'๐‘ข๐‘› โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ข. ๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘›๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž ๐‘œ๐‘“๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘ก๐‘ข๐‘Ÿ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘“ ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘ ๐‘– ๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘“๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž. ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘ข๐‘ข ๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘ข๐‘ข โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘ข. ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘’ ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘”๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘’ ๐‘œ๐‘“ ๐‘’๐‘”๐‘”๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘œ๐‘œ ๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“ ๐‘˜๐‘’๐‘›๐‘›๐‘–๐‘–๐‘› โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ข ๐‘˜๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘˜๐‘ข๐‘“๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘ก๐‘–. ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“ ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ ๐‘Ž๐‘š๐‘š๐‘Ž ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ก๐‘ข ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘‘๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘๐‘ข๐‘ข๐‘›๐‘’ ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘’ ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘–. ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ๐‘› ๐‘Ž๐‘š๐‘š๐‘Ž ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ก๐‘ข ๐‘˜๐‘ข๐‘› ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘š๐‘–๐‘—๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘’/๐‘ก๐‘œ๐‘™๐‘™๐‘’ ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘œ๐‘™๐‘–๐‘– ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘“, ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘Ž๐‘š๐‘š๐‘Ž ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘Ž ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ก๐‘ข ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘Ž๐‘š๐‘š๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’ ๐‘‘๐‘Ž๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘’๐‘’๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘–. ๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ ๐‘Ž๐‘๐‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž. ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘–๐‘–๐‘› ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘–๐‘š๐‘š๐‘œ๐‘œ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž/๐‘‘๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘๐‘– ๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘› โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘๐‘–๐‘›๐‘›๐‘’ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘ข๐‘ข ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘Ž
๐Ÿ‘‡๐Ÿป๐Ÿ‘‡๐Ÿป๐Ÿ‘‡๐Ÿป๐Ÿ‘‡๐Ÿป๐Ÿ‘‡๐Ÿป๐Ÿ‘‡๐Ÿป๐Ÿ‘‡๐Ÿป๐Ÿ‘‡๐Ÿป
https://www.tg-me.com/jechootahayyoota/657
Guyyaa guyyaan wanta wal fakkaataa dalagdee akkamittiin jijjiirrama garaa garaa eegda? Hirriiba moo'achuun siree keetirraa buutee, bilbila kee lafa/kiisii keessee yoo hin dubbisin, yoo hin hojjatin mee akkamiin milkoofta ?
Tarii Akka ati kitaaba hin dubbisne, akka ati hojii hin hojjanne wantonni baay'en sababa sitti tolaniif si nuffisiisuu danda'a har'aaf. Akka obbolummaatti wantin ani si gorsu yoo jiraate kan har'a of jijjiiruf aarsaa kaffaluu dadhabde, jaalattus jibbitus guyyaan wayii, guyyaan ati aarsaa kaffaltullee kan of jijjiiruu hin dandeenya fuldura keetti si eegaa jira๐Ÿ‘‰dulluma. Gama tokkoonis dargaggummaa keessa waan jirtuuf wantoonni jireenya kee balleessan tokko tokko sitti bareeduu danda'a, beekan garuu yeroo dargaggummaa isaat jireenya isaa bareecha.
Kanaafuu aarsaa kaayyoo keef madaalu yoo kaffalte wanta si madaalu nii argatta.

https://www.tg-me.com/jechootahayyoota/657
Nama cimaa ta'uu fi of irratti xiyyeeffachuu yeroo jalqabdu gaaffiiwwan lafa kanaa deebii siif argachuu eegalu; Hireen kee ykn jireenyi kee harka namaa ta'uu ni dhiisa. Gargaarsa namoota irraa argattu ykn carraa haalli yeroo siif fiduu miti kan jireenya kee jijjiiru!

Jireenyi kee kan jijjiiramu nama cimaa ta'uun kennaa uuman kee siif kenne bira yoo geesse qofa! Wanta kamiiyyuu; qarshii argachuufis ta'ee, nama jaalattu argachuuf kutannoodhan yoo kaate milkaa'uf daandin milkaa'ina keetii siif gabaabbata. Kaanafuu atis akka cimtee jalqabdu nan beeka, garuu tasumallee of duuba ilaaluuf hin yaalin!

@Jechootahayyoota
Milkaa'inaa fi Kufaatii

โ Nama kamiifuu guyyaan borii  haaraadha. Kanaaf sochii hojjedhu. Hojii kee keessatii dogoggorri uumamu danda'a. ๐Ÿ’ช
Kufaatiin illee akkasuma. Wanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu. Kufaatii hin sodaatiin.

๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ Bu'aa jireenyatu akkasi; jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo abdii kutatte kufaatii filachuu keetii. Yoo abdii qabaatte garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo irraa muuxannootu dhufa. Muuxannoo yoo qabaatte hojii kamillee milkaa'inaan xumuruu dandeessa.

โ Kufuun kee gaariidha; sababni isaa kufaatiin irree si jabeessudha. Jireenyi akka muuziqaati. Muuziqaan meeloodiin isaa takka ol ka'a, takka gadi bu'a akkasumas giddu galeessaan yeedaleeffamuun muuziqaa miidhagaa fi hawwataa ta'a. Jireenyi dhala namaas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'in, Yoo mul'ata qabaatte wanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba.

โ Jechoota jijjiiramaaf si qopheessu baay'inaan argachuuf channeli kana join godhi! Ittiin of jijjiirii! Akkasumas namoota kanneen biroof share godhi!

Halkaan gaarii @Jechootahayyoota yaada kessaan comment jalatti nuf kennuu hin dagatina๐Ÿ™โค๏ธ
2024/09/29 21:24:39
Back to Top
HTML Embed Code: