Telegram Web Link
" Waan tokko milkeessuuf yeroo dheeraa waan sitti fudhatuuf hojjechuu sodaatte hin taa'iin. Yeroon darbuu hin oolu. Kanaaf yeroo darbaa jiru kana waan gaarii hojjechuun dabarsuu qabna."
# Irlii_Naaytiingil
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
psyco cybernetics.pdf
1.2 MB
Kitaaba psyco๐Ÿ‘Œ
By Dr. Maxwell Maltz
@jechootahayyoota
Irreechi Hora Finfinnee Nagaan Xumurameera.

Baga Geessan
Ayyaana Gaarii

@Jechootahayyoota
Jireenya! Carraa jalqabaa fi isa dhumaa!

''Jireenyi dhiyeessii yeroo tokkooti. Akka gaariitti jiraadhuโ€ (Thoughts Wonder).

Wantoota har'a hojjechuu dadhabne, yeroo fi carraan isaa gaafa sirrii ta'e ni raawwanna. Jireenyi garuu akkas miti. Jireenyi carraa jireenya keessatti al tokko argamtudha. Erga itti fayyadamne booda yoomiyyuu hin deebi'u.

Carraa yeroo tokkoo kana sababa adda addaatiin osoo hin mudatin akka hin dabarre qaroo ta'i.

Jireenya kana itti gammaduudhaaf sooressa ta'uu hin qabdu, qaroo ta'uu hin qabdu, beekamaa ta'uu hin qabdu, nama si dhiisee deeme deebifachuu hin qabdu, hin barbaachisu waan barbaadde hunda argachuu qabda, nama hunda biratti fudhatama argachuu hin qabdu, biyya kamuu deemtee jiraachuu hin qabdu. . . .

Har'a jireenya guutummaatti jiraachuuf murteessuu dandeessa.

โ€ข Waan har'a qabdutti gammadi, garuu waan hin qabne argachuuf cimtee hojjedhu.

โ€ข Hojii harka jiru gammachuu fi ciminaan hojjedhu, garuu kaayyoodhaan jiraadhu, boru fooyyaโ€™aa taโ€™eef karoorfadhu.

โ€ข Eenyu akka taate fudhadhuu ofitti gammadi, garuu amala dhuunfaa kee kan jijjiiramuu fi fooyyaโ€™uu qabu irratti yeroo hunda hojjedhu.

โ€ข Hanga galma kee bira geessutti imala keetti gammadi, garuu hanga galma kee bira geessutti sochii kee itti fufi.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
โ–ฃ "Nama tokko umurii isaa guutuu qurxummii nyaachisuu irra; gaaftokko laga geessanii akka itti qurxummii qaban barsiisuu wayya"

    โ€” Jechaa chaayinotaa

Join Us
โ—ˆsสœแด€ส€แด‡โ€‹
@Jechootahayyoota
Karaalee ittiin yaada sammuu keenyaa cimsannu.


1. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu!

Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

2. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

3. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.

Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

Yaadni namootaa garaagara. Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Lafa kanarra yeroo tokko qofa jiraannee dabarra. Ta'us sirnaan itti fayyadamnaan kunuu ga'adha.
@Oromotoo
@Oromotoo
Gochi xiqqoon ati ganama kana raawwattu, oolmaa guyyaakeetii murteessa. Guyyaakee miidhaksuuf ganamakee waan gaariin eegali.
   Oolmaa Gaarii!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Yeroo jireenyi akka qaawa lilmoo sitti dhiphatu, atimmoo kirrii( fo'aa) ta'i hulluuqii keessa darbi.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Hojii manee guyyoota 21 tokkof hojjechuu qabdu:

1. Ganama sa'atii 1 dura hirribaa ka'i
2. Galgala gara hirribaa yeroo deemtuu fi ganama hirribaa yeroo kaatu uumaa kee galateeffadhu
3. Fiilmii miira nama kakaasuu ilaaluu dhaabi
4. Guyyaatti kitaaba fuula 20 dubbisi
5. Torbanitti yeroo 3 yookaan 4 sochii jabeenya qaamaa hojjedhu

Hojii manee kana hojjennaan, jireenya kee keessatti jijjiirama ajaayibaa argita.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Kufaatiidhaan eegala
  Jalqabni milkaa'inaa
  "Gufadheera" jettanii
  Bakka sana-n taa'inaa!
 
  Hurufa heddummaatti
  Jireenyi biyya lafaa
  Jabaan kufus ni ka'a
  Dadhabaan achitti hafa!
 
  Kaayyoo kamuu qabaadhu
  Nama hojjatu yoo taate
  Aarsaa male hin geessu
  Galma qabattee kaate!
 
  Kanaaf seenaan hayyootaa
  Waan baayyee nu barsiisa
  Kufanii ka'uu beekuuf
  Albert Enistaayintu
  Daandii nutti agarsiisa!
 
  Abdii kutachuu dhiisee
  Al torba kufee ka'ee
  Xurree qaroominaarra
  Kutannoo cimaan ga'e!
 
  Fakkeenyati fudhattee
  Ittiin galaana ceetu
  Thomas Edson laali
  Obsaaf kutannoo feetu
 
  Ji'a sadii barate
  Mana barumsaa galee
  Waan gadadoos rakkinni
  Lakkuu isarratti dhale,
 
  Gidiraa biyya lafaa
  Obsee garaatti baatee
  Balbii har'a ibsannu
  Tiriikaa aaddunyaaf laate!
 
  Galmasaa hin hanqifne
  Rakkinni isa hudhanii...
  Irra deddeebiin yaalee
  Yeroo kuma kudhanii,
 
  Obsaan yaadee kalaqee
  Dukkana ibsuuf maloota
  Gumaacha guddaa kana
  Kaa'ee darbe dhalootaa!
 
  Abdii akkan kutanne
  Gaafa kutatte abdii
  Rakkoon si kuffisuutti
  Ofumaaf kuftee cabdi!
 
  Miti gaafa maramtee
  Carqiin awwaala buutu
  Gaafa hamileen kee du'e
  Dhugaan kan ati duutu!
 
  Kanaafuu.....
 
  Karri tokko cufamu
  Lamatu siif banama
  Hireen abaarin ciiftee
  Galgalaafi ganama
 
  Jiruu biyya lafaatu
  Qorumsadha obbolee
  Hedduunis obsa dhabee
  Abdii kutuun okkole!
 
  Bakka kuftee ka'i
  Laali bitaaf mirga
  Daandiin biraa jira
  Siif baadhatee silga,
 
  Ati abdii akkan kunne
  Dursii abdii kutadhu
  Bakka har'a jirturraa
  Fuulduratti butadhu
 
  Kuftee achitti hin hafin
  Ol ka'i ni dandeessaa
  Hin dhaabbatin tiradhu
  Gaaf-tokko galma geessa!

@Jechootahayyoota
Addunyaa kana irraa namoonni bu'aa gurguddaa buusan gosa lamatu jira.

Isaanisโ„ข๏ธ
        
โž€. Namoota yaada (qalbii) tasgabba'aa ta'e qabanii fi
โž. Kanneen galata galchuu beekanidha.

โžถ Namoonni yaada tasgabbaa'aa qaban waan yaadan qajeeltotti hubatu.
โžถ Karoora isaanii ni beeku.
โžถ Ogummaadhaan socho'u.

โžฌ Namoonni waan isaaniif ta'e hundumaaf galateeffatan balbala milkaa'insaa isa itti aanutti darbuuf akeeku. Isaan warra gammadaniidha. Gammachuun isaanii kaka'uumsa hojiif bu'uura.
โžฌ Wanti itti gammadaa hojjetan yoo dadhabanillee nama hin nuffisiisu.
โžฌ Namni fedha yoo dhabe malee waan tokko fiixan baasuu hin dadhabu.

๐Ÿงฉ @Jechootahayyoota
๐‘ถ๐’‡๐’Š๐’Š๐’ ๐’๐’‡ ๐’‰๐’๐’๐’ˆ๐’ˆ๐’‚๐’๐’Š๐Ÿ’ช๐Ÿฝ

๐‘ฒ๐’๐’๐’Œ๐’๐’๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐‘ ๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘–๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘›, โ„Ž๐‘ข๐‘š๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘›, ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘–๐‘›๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘– ๐‘”๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘–๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘ข๐‘›๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘œ๐‘˜๐‘˜๐‘œ๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’ ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘˜๐‘’๐‘›๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘’๐‘’,  ๐’˜๐’‚๐’…๐’‚๐’“๐’๐’ (๐’“๐’๐’‘๐’†) ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ก๐‘’๐‘’  ๐‘“๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘˜๐‘–๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ก๐‘’๐‘’, ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ'๐‘’๐‘’ ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ก๐‘ข ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž?  ๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘ข๐‘ข ๐‘”๐‘Žโ„Ž๐‘ข๐‘ข โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘ข. ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘ ๐‘œ๐‘โ„Ž๐‘Ž'๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž, ๐‘ฆ๐‘˜๐‘› ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ ๐‘Ž ๐‘ฅ๐‘–๐‘ž๐‘ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘š๐‘ข๐‘ข ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘Ž'๐‘Ž.
๐ป๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’ ๐‘š๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’ ๐’‡๐’–๐’“๐’•๐’–๐’–/๐’Œ๐’†๐’š ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘โ„Ž๐‘–๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘ก๐‘’ โ„Ž๐‘œ๐‘œ? ๐‘†๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘–๐‘ ๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘ข๐‘› ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ ๐‘“๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘›๐‘–๐‘– ๐‘”๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž. ๐‘ณ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’Š๐’Š ๐’Œ๐’๐’
๐‘˜๐‘œ๐‘›๐‘˜๐‘œ๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘› ๐’”๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’–๐’– ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–, ๐’‡๐’–๐’“๐’•๐’–๐’–๐’/๐’Œ๐’†๐’š ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–,  ๐‘“๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘‘๐‘– ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž๐‘ก๐‘–.  ๐‘ณ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’Š ๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ด๐’Š๐’„๐’‰๐’–๐’– ๐’Œ๐’๐’
๐‘ถ๐’”๐’๐’ ๐’‡๐’–๐’“๐’•๐’–๐’– ๐’’๐’‚๐’ƒ๐’…๐’–๐’– ๐’Œ๐’๐’๐’Œ๐’๐’๐’‚๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐’‡๐’‚๐’“๐’…๐’‚๐’‚๐’ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‰๐’‚๐’“๐’Œ๐’Š๐’”๐’Š๐’.

@jechootahayyoota
Dhugaa kee nama hin hubanne hubachiisuf  hin dhama'in.

Namoonni baay'en kan dhagahan, dhugaawwan ati dubbattu osoo hin taane, wanta dhagahuu barbaadan qofa dhagahan. Ati calliste jechuun ati soba, isaan dhugaa dubbatan jechuu miti. Akkas osoo hin taane dhugaa kee uuman keetif yeroon akka siif dubbatan taasisaa jirta jechuudha. Kan dubbatu hundi dhugaa hin dubbatu. Yeroo tokko tokko dhugaawwan uuman keetif yeroon siif dubbatan baay'etu jira. Kanaaf dhugaa koo namoonni naaf hubachuu didan jettee hin dhiphatin!

@Jechootahayyoota
๐๐จ๐ซ๐ฎ ๐›๐จ๐ซ๐ฎ ๐ก๐ข๐ง ๐ฃ๐ž๐๐ก๐ข๐ง

๐ป๐‘Ž๐‘Ÿ'๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘“๐‘Ž, ๐‘š๐‘’๐‘’ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ'๐‘Ž ๐‘๐‘œ๐‘ž๐‘œ๐‘›๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘Ž, โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘–๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘˜๐‘œ๐‘œ ๐‘ค๐‘Ž๐‘™๐‘–๐‘–๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘๐‘Ž๐‘ โ„Ž๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘Ž๐‘›๐‘Ž. ๐ต๐‘œ๐‘Ÿ๐‘ข๐‘  ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ๐‘› โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘—๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘’ ๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘๐‘Ž, ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž ๐‘š๐‘ข๐‘‘๐‘‘๐‘’/๐‘ ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘‘๐‘’ ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘ก๐‘Ž ๐‘ฆ๐‘œ๐‘œ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’ ๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž ๐’ƒ๐’๐’“๐’–๐’– ๐‘˜๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘–๐‘–/๐‘˜๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘Ž (๐’‘๐’๐’„๐’Œ๐’†๐’•) ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘Ž๐‘› ๐‘ ๐‘’'๐‘Ž๐‘›. ๐บ๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘๐‘œ๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ข ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’, ๐‘€๐‘Ž๐‘Ž๐‘™ ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘“๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘’๐‘’ ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘ก๐‘ข ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘™ ๐‘๐‘’๐‘’๐‘˜๐‘ก๐‘Ž?
๐บ๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐’ƒ๐’๐’“๐’– ๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘–๐‘– ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž. ๐บ๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘›๐‘ข๐‘ก๐‘– ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘›๐‘ข ๐’‰๐’‚๐’“'๐’‚. โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘—๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘  ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’, ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘“๐‘Ž๐‘š๐‘Ž ๐‘ค๐‘Ž๐‘™-๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘“๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘–  ๐‘ค๐‘Ž๐‘™-๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘›๐‘‘๐‘’๐‘’๐‘›๐‘ฆ๐‘ข โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ'๐‘Ž ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž. ๐ทโ„Ž๐‘ข๐‘”๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘œ๐‘“ ๐‘—๐‘–๐‘—๐‘—๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘› ๐‘”๐‘ข๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘๐‘œ๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘–๐‘–, โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ'๐‘Ž ๐‘๐‘–๐‘š๐‘–๐‘– โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘—๐‘Ž๐‘‘โ„Ž๐‘ข. ๐‘บ๐’‚๐’๐’‚ ๐’ƒ๐’๐’๐’…๐’‚ ๐’‚๐’•๐’Š ๐’’๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’…๐’‰๐’‚๐’‡ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‰๐’๐’‹๐’‹๐’‚๐’•๐’•๐’–. ๐‘ธ๐’‚๐’“๐’”๐’‰๐’Š๐’Š๐’•๐’– ๐’”๐’Š๐’Š๐’‡ ๐’‰๐’๐’‹๐’‹๐’‚๐’•๐’‚

@Jechootahayyoota
Yeroo tokko tokko wanni nuti barbaannu bakka nuti yaanne saniin ala waan jiru nutti hin fakkaatu.
garuu bakka baayyee bakka ati hin yaanneen milkaayinni hedduutu jira.

Waan tokkoon hin milkoofne jechuun; wanni hundi achirratti dhaabbate jechuu miti.

Yeroo asiin cufamte achiin banaa tahuu  hubachuu qabna.

@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Hordaftoota channali keenya kabajamoo,, Channali Youtube kana SUBSCRIBE godhudhaan Hordoofa Isinin jennaa.Dabalataanis yeroo dhihoo kessatti Baacoo,walaloo,Oduu durii,seenaa Hayyoota,Seenaa Gootota Oromoo hundaa Qabatee Isiniif dhufuuf qophii isaa Xumuraa waan jiruuf SUBSCRIBE godhuudhan Barnoota gara garaa Irraa Argachuu Nin dandessaan jedheen Abdii guddaa irraa Qaba waan taheef Ammuma SUBSCRIBE bakka jettu tuqudhaan maatii Ta'a!!!

โคISININ JAALADHA OROMOO TIYYAโค
โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹โœ‹


Watch "Hacaaluu Consertii America irratti" on YouTube
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/TCT8FQ2nlmU
2024/09/28 20:54:59
Back to Top
HTML Embed Code: