Telegram Web Link
Rest in Peace

Mucaa ol adeemaa jabaa kana du'aan dhabuun keenya hedduu na gaddisiise. Comedian #Soraa_Abdataa mucaa kennaa isaa yeroon beekeedha. Dandeetti inni comedy hojjechuu irratti qabu dinqisiisaadha. Hoteela keessatti waraanamee ajjeefame jedhanπŸ˜₯
Baay'ee nama dhukkuba. Homaa wanti godhamu hin jiru. Lubbuunkee ha boqotun siin jedha.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Seenaan qonnaan bulaa buqqee (dabaaqula) dhaabee tokko jira. Qonnaan bulaan kun sababa tokko malee firii buqqee xiqqoo gaanii fuullee irraa tolfame keessa kaa'e. Firiin buqqee gaanii keessa kaa'ame kunis, qixuma bocaafi gita gaanichaatiin guddate. Guddinni firii buqqee kanaa, gaaniidhaan waan daangeffameef, daangaa darbee guddachuu hin dandeenye. Atis daangaa ilaalchi ofiikeef qabdu siif kaa'e dabartee guddachuu hin dandeessu. Ilaalchi ati ofiikeef qabdu guddina yookiin milkaa'ina kee murteessa. Kanaf daangaa ilaacha kee bal'isi.

Galgalaa milkii qabaadhaa!!

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Gammachuu argachuun salphaadha. Gammachuu argachuuf wanti sirraa eegamu ofiikeetti deebi'uudha. Mee ofiikee fi naannookee ilaali? Jireenya kee keessatti haaloota keessa dabartee as geesse yaadadhu! Ati nama har'a yookiin sadarkaa kana gahu turtee? Guyyoonni rakkisoon hin turree? Har'a sana hunda keessa dabartee boriikeef maaliif dhiphattee gammachuu kee har'aa dhabda. Dhabuu hin qabdu! Boriikeef karoorsi malee hin dhiphatin. Guyyoota Jireenya kee keessa jiran hunda Gammachuun jiraachuuf murteeffadhu. Rakkoon jiraachu mala. Garuu rakkoon si cabsee gammachuu kee fudhachuu hin qabu. Rakkoon ol ta'i. Namni gammachuu dhugaa qabu nama ofiisaa yookiin Jireenya isaa keessatti wanta qabuu fi wanta jireenya isaa keessatti keessa darbe qalbifatuudha. Gammachuu argachuuf ofiikeetti deebi'i of sakatta'i!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Dr Myles Munroe kitaaba isaani 'Releasing your Potential' jedhu keessatti, "Namni karoorsee karoora isaa immoo akka raawwatu kan dandeessisu wantoonni hin danda'amne akka waan danda'amuutti amanuudha" jedhu.

Kaayyoo kee milkeessuudhaaf amantiin ati qabdu ga'adhaa? Wanta hojjettu kamuu irratti amantii guddaa qabaachuu qabda. Amantiin ala kaayyoon ati milkeessitu hin jiraatu. Kanaaf wanta kamuu eegaluun dura amanuu si gaafata. Akkuma amante immoo wanta itti amante sana argatta.
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Jechoota Kanatti Fayyadamuun GATII NAMA BAASISA!
➲ NO!
➲ Lakki!
➲ Hin ta'u!
JOIN ❒┃❏ Share
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
❏ Addunyaa kana irra yeroo jiraannutti wanti akka jecha "lakki" jedhuu gatii nama kanfalchiisu hin jiru. Tole jechuun salphaadha. Kan tole jedhe beekees wallaalees ni muudama. Kan tole jedhu akka waan miskiinaatti ilaallama.
✧ Yeroo hunda "tole" jechuun garuu hoolaa ta'uudha. Bakka tikseen kee si oolche oolta.

✧ Namoonni lakki jedhan muraasa. Isaaniis wareegama guddaa kanfalaniiru. Ammas kanfalaa jiru. Warreen aangoo irra ture "Lakki kun sirrii miti irra deebinee haa ilaallu!" warreen jedhan har'a bakki jiran hin beekamu.

✧ "Lakki!" jechuu dogongoraan hubatee, nyaata nyaadhu illee yommuu jedhaniinis kan lakki jedhu dhaloonni uumameera.

✧ Namoonni hubannaan lakki jedhan Leencota. Kuruphee ijji isaanii irra bu'e qabatanii nyaatu malee qaama biraa miti kan filatuuf!

✧ Jijjiirama guddaa akka hawaasaatti fiduu barbaadna taanan, dhaloota iddoo ittoo lakkis, toles jedhu uumuu danda'uu qabna! Keessattuu kan lakki jedhu!!!

⌲ Akka Haacaaluu Hundeessaa!πŸ’–
⌲ Akka Maatama Gaandii!
⌲ Akka Martiin Luuteer!
⌲ Akka Maandeellaa!
.
.
.
Yeroo gaarii qabaadhaa,
β™‘       ❍ㅀ    βŽ™       βŒ²
ˑᢦᡏᡉ  αΆœα΅’ᡐᡐᡉⁿᡗ  ˒ᡃᡛᡉ   ˒ʰᡃʳᡉ
                πŸ””        
β—ˆ @jechootahayyoota
β—ˆ @jechootahayyoota
Ganama sa'a 2 yookaan 3 booda hirribaa kaatee, akkamitti guyyaa bareedaa qabaachuuf hawwita? Dadhabbii fi mukaa'uu irraa walaba taatee guyyaa kee miidhakfachuu ni barbaaddaa? Qajeelfamoota gadii duraa duubaan raawwadhu:

1. Ganama sa'a 12 dura hirriba kee irraa dammaqi.
2. Uumaa kee galateeffadhu.
3. Ispoortii sasalphaa hojjedhu.
4. Bishaan qorraan qaama kee dhiqadhu.
5. Gosa kitaaba dubbisuu jaallattuu daqiiqaa 15f dubbisi.
6. Jechoota gaggaarii ofitti dubbadhu. Akkasuma waa'ee guyyichaaf ilaalcha gaarii qabaadhu.

● kana hunda gaafa raawwattu mobile kee sirraa fagaachuu qaba! Qajeelfamoota kana guyyoota 21f raawwadhu. Sana booda jijjiirama ajaayibsiisaa ofirratti argita.


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from Qerroo media
Research & Data Analysis by five different software groups
#########
βœ…Concept Note Paper Writing
βœ…Business plan Writing
βœ…Proposal Writing
βœ…Research Papers/Journal Articles
βœ…Data Collection
βœ…Data Analysis and Report Writing
βœ…Plagiarism Checking, Proofreading, and Editing
βœ…SPSS and MATLAB Training
βœ…STATA and EVIEWs Training
βœ…R and SAS Training
βœ…Software analysis & Development
βœ…Baseline surveys
βœ…Market Research
βœ…Latex and beamer writing
What you wants related to analysis part of thesis paper from bachelor degree to dissertation we must create such incredible groups

Location: wherever you wants
Quality: as your expectation and high quality ( neat and clear results)
Iddoo jirtanittii we give any training on statistical Software analysis
πŸ–Call for us 
Mob number 0910662279 or 0923234562

OR TELEGRAM CONTACT
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Fiir1atoolii
@Fiir1atoolii
JECHOOTA HAYYOOTA
Research & Data Analysis by five different software groups ######### βœ…Concept Note Paper Writing βœ…Business plan Writing βœ…Proposal Writing βœ…Research Papers/Journal Articles βœ…Data Collection βœ…Data Analysis and Report Writing βœ…Plagiarism Checking, Proofreading…
Kabajamtoota Channali kenyaa beeksisnii kuni 100% dhugaadha Namoonni Research ✍Field garagaraa Hojjachisiifachuu barbaadan Wal qunnamudhaan Hojjachisifachuu Ni dandessuu Akkasumaa Yeroo gabaabaa Kessatti isinif Xumuruu nama Danda'uudha kanaf itti Fayyadamaa πŸ’–πŸ’―πŸ™
Har'a yaada keessan fudhachuu waanan barbaaduuf, yaada keessan irrattis hamma danda'ame deebii kennuun yaala. Asumaan maaltu sirrachuu akka qabu naan gahaa. Warri yaada deggersaa naaf qabdanis comment gochuun na biraan gahaa. Galatoomaa!
Divorce rate
Addunyaa irratti biyyoota bultii walii hiikan dhibbentaan:

India: 1%
Vietnam: 7%
Iran: 14%
Mexico: 17%
South Africa: 17%
Brazil: 21%
Turkey: 25%
Colombia: 30%
Poland: 35%
Japan: 35%
Germany: 38%
United Kingdom: 41%
Australia: 43%
China: 44%
United States: 45%
South Korea: 46%
Italy: 46%
Canada: 47%
Netherlands: 48%
Sweden: 50%
France: 51%
Finland: 55%
Cuba: 55%
Ukraine: 70%
Russia:73%
Luxembourg: 79%
Spain: 85%
Portugal: 94%

Source: #Shokingfacts
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Wa'ee Qaamota keenyaa kanneen kana beektu?

✍Hiddi Dhigni keenyii keessa darbuu utuu walitti qabsifame dheeratee , dheerinni isa Kilometra 96,000 (96,000km) ta'uun Mudhii lafaatti al lama marsuu danda'a.

✍Funyaan keenyii fooliiwwan adda addaa 10,000 fuunfatee adda baasuu danda'a.

✍Harki keenyii wanta xiqqoo 1/2500ffaa taate qaqqabe addaan baasuu danda'a.

✍Tiruun keenyii qofti dalagaawwan adda addaa 500 keessatti qooda fudhatti.

✍Dhiroonni harka Dhibba keessa harka 15 (15%) rakkina haalluu adda baasuu qabu.

✍1/4 lafee keenyaa Miilla keenya irratti kan argamudha. (Miilli keenya lafeewwan 26 qaba)

✍Lafee xiqqaan qaama keenyaa Gurra keessatti argama.



πŸ’«πŸ’«DinqisiisooπŸ’«πŸ’«

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Share share join .
Aja'ibaa ....

#Namni asi olittii argitaan kun #Troy_Leon_Gergg jedhama. Lammii biyyaa #US Georgia jiraata turee dha.

Yakkaa hojjetee manaa hidhaa senee Murtiin Du'as ittii Murta'ee.πŸ˜”πŸ˜­

Murtiin sun rawwatamuf guyyaan tokkoo (1) qoftii yoo hafuu garuu manaa hidhaa #Georgia kessaa miliquun ba'ee. πŸ˜„πŸ˜„πŸ’ͺπŸ’ͺ

Guyyuma Miliqee ba'ee sana Halkaan Mana bashannana (Mana #Bar ) demee.

MAALTU TA'E ??

Halkanuma sanaa Walittii bu'insaa tasa manaa bashannana sana kessaatti umameen Lubbuun isa darbitee .πŸ˜±πŸ™„πŸ™„πŸ˜°

Guyyaan kee geenyan du'ii wantaa hin oollee!!!

πŸ’«πŸ’«DinqisiisooπŸ’―πŸ’―
✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨
✨✨✨ @Jechootahayyoota ✨✨✨✨
✨✨✨ @Jechootahayyoota✨✨✨✨
✨✨✨ @Jechootahayyoota ✨✨✨✨
"Hiyyeessa jechuun homaa hin qabdu jechuu miti. Homaa hin hojjettu jechuudha."

#Mayles_Munrieo

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Bakka (oolmaa) kaleessaa har'as irra deebitee oolta taanaan jireenya kee irratti jijjiirama hin argitu.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
ADDUNYAA yeroo har'aa:
βœͺ "Kitaaba Bilisaa namni dubbisu hin jiru!
WIFI bilisaa namni itti heddummatee akkuma fakkii irraa argitan balbala illee hamma cabsanitti gahan!"

THE WORLD today:
βœͺ "No one reads Free Books! Free WIFI was so crowded that they even broke the door as you can see in the picture!"

πŸ”—SHARE
$ waliif dabarsaa #share

πŸ›’ @Jechootahayyoota πŸ””
πŸ›’ @Jechootahayyoota πŸ””
                    πŸ‘†
          JIONπŸ‘ˆπŸ‘‰ SHARE
Namicha Hiyyeessaa Fi Imaltoota
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
βž₯ Namicha hiyyeessa tokkotu baay'ee rakkachuu irraan kan ka'e gasoodhan lafa qofforee midhaan facaafata. Imaltoonni wayii itti dhufanii "Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana gasoodhan qottee facaafta sitti hin ulfaatuu?" jedhaniin.

β—‡ Namichis "kunis ni darba" jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hin deebifne. Imaltootni sunis deebii namichaatti ajaa'ibsiifanii bira kutanii imala isaanii itti fufan.

β—‡ Waggaa muraasa booda namichi sun sooromee qabeenya horatee jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii kadhatanii buluuf ol galan. Taa'anii buna dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi hiyyeessi gasoodhan lafa qotu sun akkasitti baay'ee sooromuun isaa raajii guddaa itti ta'ee akkamitti akkasitti sooromte garuu jedhanii yoo gaafatan "Kunis hin darba" ittiin jedhe namichi sooressichi sun.

β—‡ Isaanis achi bulanii daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi'anii otoo galuuf jiranii Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti goranii yoo maqaa ilaalan namicha sooressa mana isaa bulaniidha.

β—‡ Maqaa isaa jalatti jecha "KUNIS NI DARBA" jedhutu barreeffamee jira. lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan lafa qotuu san yaadatanii baay'ee ajaa'bsifatanii du'uu isaatti immoo gaddanii "ayii!" jechaa imala isaanii itti fufan. ammas yeroo murtaa'en booda imaltootni sun yoo daandii sanarra dhufan Siidan sun kaafamee daandii asphaaltii ta'ee jira.

➦ Yaa nama koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hin taane daandii jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti deemi!

➦ Wanti hin darbine akka hin jirre seenaa namicha kanaatirraa ni hubatta jedheen amana. Kanaaf imalli hundumtuu ni darba. Abdii hin kutin!


JoinπŸ‘‡
πŸ›’ @Jechootahayyoota πŸ””
πŸ›’ @Jechootahayyoota πŸ””
                    πŸ‘†
          JIONπŸ‘ˆπŸ‘‰ SHARE
Abdii hin kutin. Jireenyi kee inni hafe gaarii tahuu mala maaltu beeka!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
2024/09/29 15:34:12
Back to Top
HTML Embed Code: