Telegram Web Link
Addunyaa kana irraa rakkoo inni guddaan IJA dhabuu miti, osoo ija qabanii mul'ata dhabuudha.
Helen keler
@dedroro
@Jechootahayyoota
Hordaftoota channali keenya kabajamoo,, Channali Youtube kana SUBSCRIBE godhudhaan Hordoofa Isinin jennaa.Dabalataanis yeroo dhihoo kessatti Baacoo,walaloo,Oduu durii,seenaa Hayyoota,Seenaa Gootota Oromoo hundaa Qabatee Isiniif dhufuuf qophii isaa Xumuraa waan jiruuf SUBSCRIBE godhuudhan Barnoota gara garaa Irraa Argachuu Nin dandessaan jedheen Abdii guddaa irraa Qaba waan taheef Ammuma SUBSCRIBE bakka jettu tuqudhaan maatii Ta'a!!!

ISININ JAALADHA OROMOO TIYYA



Watch "Hacaaluu Consertii America irratti" on YouTube
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/TCT8FQ2nlmU
JECHOOTA HAYYOOTA pinned «Hordaftoota channali keenya kabajamoo,, Channali Youtube kana SUBSCRIBE godhudhaan Hordoofa Isinin jennaa.Dabalataanis yeroo dhihoo kessatti Baacoo,walaloo,Oduu durii,seenaa Hayyoota,Seenaa Gootota Oromoo hundaa Qabatee Isiniif dhufuuf qophii isaa Xumuraa…»
Amallii dhala namaa bakka afuritti qoodama!

1) Amala dhuunfaa
Kun amala dhuunfaa keenyaa kan ta'e kan namoonni biroon hinbeekneedha. Dhibbantaa 25 ta'a. Amala keenya kana nu qofatu ofirratti beeka. Nurraa kan hafe namni beeku hinjiru!

2) Amala waloo
Amala nuti beeknu kan namoonni biroonis nurratti beekanidha. Inni kunis dhibbantaa 25 kan ta'uudha. Amala mul'ataa namoonni nurratti beekan, nus ofirratti beeknuudha.

3) Amala namoonni nurratti beekan nuti garuu ofirratti hinbeekne
Namoonni amala keenya kan nuti hinbeekne beeku. Garuu nutti himuuf of qusachuu danda'u! Kanaaf amala keenya hinbeekne kan dibbantaa 25 ta'u kana baruuf, akka isaan nutti himaniif afeerree maatiifi hiriyyoota dhaggeeffachuu qabna.

4) Amala dhoksaa

Amala nutis ofirratti hinbeekne, namoonnis nurratti hinbeekneedha. Kun qorannoo nama ajaa'ibsiisuudha. Amala keenya keessaa dhibbantaa 25 kan ta'u nutis ta'e namni biraan beeku hinjiru. Kana beekuuf gahumsa kan qabu Waaqa qofa!


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Dubbisi

Jireenya tasgabbii qabu qabaachuf kitaabota dubbisi, Baayyee hin haasa'in, Haasa'uun yeroo sirra eeggamu ammoo hin callisin, Gorsaafi yaada fudhachuu hin sodaatin, Waan gaarii siif godhameef galateeffadhu, Hirriiba ga'aa rafi, Waan hin beekne gaafadhu, Gaalii ji'aan argattu irraa xinnoos taatu qusadhu, Wanta har'a hojjachuu dandeessu har'uma hojjadhu.

Dhalli namaa gaafa rakkatu wayyaa isaa, mi'a mana isaa, onnee isaas gurguruu danda'a. Sammuu isaa gurgurraan garuu garmalee rakkareera jechuudha.

Dr. Mirat Dabbabaa
Yoo waa irraa baratte #Share godhi
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
"Namni waan nyaatu fakkaata" jedhama. Sammuunis waanuma nyaatuu fakkaata. Kitaaba ati dubbistu, muuziqaa ati dhaggeeffattu, fiilmii ati ilaaltu kun hundi eenyummaakee bocu. Ati waanuma sammuukee nyaachiftu fakkaatta. Bu'aa ilaalcha keeti ati. Ilaalcha kee immoo nyaata ati sammuukee nyaachiftutu murteessa. Wanta sammuukee seenu irratti eeggannoo guddaa godhi.

Halkan gaarii qabaadhaa😍
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day%%
Isteefan Koovay (1992) kitaaba isaa, "The Seven Habits of Highly Effective People" jedhu keessatti, qajeelfamoota ijoo yaada haaraa uumuuf yookaan waan haaraa kalaquuf gargaaran ibsee jira.

Qajeelfamoonni kunniinis:

A. Jireenya kee keessatti rakkoowwan uumamuu malan dursii xiinxalii adda baafadhuutii, dursii tarkanfii ittisaa barbaachisaa ta'e fudhadhu malee, hanga rakkoon uumamutti teessee hin eegin

B. Mul'ata kee dursii sammuu kee keessatti ilaali

C. Wantoota hojjettu yookaan gootu akkaataa barbaachisummaa isaaniitti duraa duubaan tarreeffadhu

D. Injifannoo gar- lamee (win-win) irratti xiyyeeffadhu

E. Namootni biroo waliin wal tumsitee hojjechuu bartee godhadhu

F. Namootni biroon akka si hubataniif, jalqaba ati isaan hubadhu

G. Qottoo kee sirriitti qaradhu ( hojii kee dura qophaa'ummaa sirri qabaadhu jechuu isaati)


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Tokko DHUGAA dubbata!
Tokko DHUGEE dubbata!
Wallaalaan lachuu fudhata!
Beekaan dhugaa hubata!

@Jechootahayyoota
Baga
Ayyaana
Qilleetiin
Isin Gahe.

Ayyaana Gaarii💯💯


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Waaqayyoo Ajajnaan....

Biyya tokko keessatti dhaabbatni Raadiyoo tokko ayyaana waggaa sababeeffachuun sagantaa adda ta'e tokko qopheesse. Sagantaan kuni sagantaa namoota gargaarsa barbaadan warreen gargaaruu danda'an waliin walitti fidu ture.

Haati tokko gara sagantaa kanaa bilbiluun waan isaan barbaachisu hunda tarree tarreen tokko lama jedhanii himan. Yeroo kana namichi dureessa ta'e tokkoofi jiraachuu waaqayyootti hin amanne Haadha kana irratti qoosuu barbaade.

Hojjattuu isaa waamuun waan haadha kana barbaachisu hunda bittee akka geessituuf achiis haati kun yoo eenyutu naaf erge jedhanii gaafatan Seexana akka jettuun itti himee qarshii itti kenne.

Hojjattuun isaas waan ajajamte mara bittee haadha kanaaf geessite. Haati sun yeroo kana argan baayyee gammadanii Hojjaattuu geessiteef sana eebbisuu jalqaban. Hojjattuun sunis waan Hojjachiisaan ishee jedheen yaadachuun "Haadha koo! Nama waan kana siniif erge baruu hin feetanii?" jettee gaafatte.

Haati kunis deebisuun "Maal naaf godha mucaa koo yoo waaqayyo ajaje Nama miti seexanniyyuu erguu danda'a" jedhaniin. Hojjattuun kunis amantii Haadha kanaan keessi ishee tuqamee deemte. Eeyyoo gaafa Waaqni ajaje Seexanniyyuu arjaa ta'a.

Irra deebiin kan maxxanfamedha.
Baga Ayyaana Qilleen Isin Ga'e.
💚💚💚💚
Yoo waa irraa baratte #Share godhi
@Jechootahayyoota
1. Wɑ sɑdii eegii
biyyɑ
hɑɑdhɑ
ijɑ
2. Wɑ sɑdiif qophɑɑ'i
dirqɑmɑ sitti lɑɑtɑmu
beekumsɑɑf
gɑɑ'ilɑɑf
3. Wɑ sɑdii kɑbɑjjii
wɑɑdɑɑ ke
hiryɑɑ ke
gɑɑ'ilɑ ke
4. Wɑ sɑdii too'ɑdhuu
Arɑbɑɑ ke
dɑllɑnsuu ke
miirɑ ke
5. Wɑ sɑdii dinqisiifɑdhu
bɑreedinɑ
jireenyɑɑ
uumɑmɑ
6. Wɑ sɑdii jibbii
komii
inɑɑffɑɑ
hɑmeenyɑ
7. Wɑnti sɑdii bɑyyee si bɑrbɑɑchisuu
Amɑntɑɑ
Abdii
jɑɑlɑlɑ

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
#forward waliif godhaa!


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
"Mul'ata waggaa tokkoo yoo qabaatte abaaboo misoomsi. Mul'ata waggaa kudhanii yoo qabaatte, mukeen misoomsi. Mul'ata barabaraa yoo qabaatte, namoota misoomsi."
#Jecha_warra_Baha_Fagoo
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Guyyaan kee akka miidhagu barbbaaddaa?

Guyyaa kee midhagsuuf ganama yeroon ka'i, ciree kee nyaadhu. Utuu hojiif hin deemin dura daqiiqaa 15-20 kitaaba si si'eessan kan abdiifi humna namaaf kennan dubbisuu amaleeffadhu. Ganamni kee midhagnaan galgalli kees inuma miidhaga.

💗💗
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
"Biyya keenya kana keessatti hiyyummaan guddaan maali jennaan, hiyyummaa sammuuti jedhan. Maali ree jennaan namni hiyyummaa sammuu qabu yoomuu bilisummaan wal hin argu. Garbummaa akka bilisummaatti fudhata."


Ergaa keessoo #Hundarraa_Xaafaa
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Keessa kee dhaggeeffattee beektaa? Itti yaadi deebisi. Miira kee siin hin jenne. Keessa kee jechuunis of dhaggeeffattee beektaa? Wantoota gaaffii sitti ta'an maraaf deebiin inni sirriifi yoomiyyuu sin gaabbisiisne achi jira. Amma irran siif deebi'a miira irraa bilisa ba'i, duuwwaa ta'iitoo keessa kee dhaggeeffadhu.

©️ YW Kaachuu
@Jechootahayyoota
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Mul'ata keessan namoota Ijaarama sammuu guddataa fi qajeelaa qabu qooda malee namoota Sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbata qabu hin qoodiin.

Jireenya kee keessatti gaaffiin baay'ee bu'uura ta'e "Ani eenyu.? Mul'anni koohoo maalii?!

Hojii maneen kee inni guddaan adunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa uuman kee si keessa kaa'e barabaaddee argachuu fi fiixaan bahinsa isaaf irratti hojjeechuu dha. Mul'ata mataa keetii barabaadee argachuuf fi irratti hojjechuudhaa yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jeechudha. Sammuu kee jijjiiruu yoo dandeesse, Jireenya kee jijjiiruu dandeessa!" Wiiliyaam Jeemsi

Misooma sammuu kee irratti hojachuuf itti gaafatamummaa kan qabu si qofa.

Mul'anni kee baay'ee gati jabeessadha Jireenya kee kessatti mul'anni ati baastee ittin hin hojjenne addunyaaf bu'aa hin qabu. Dhaloota kana fayyadu isa ati baastee ittiin hojjette qofadha.


Namoota mul'ata fi kaayyoo ofi beeku akka tannu Rabbii nu garagaruu.

@jechootahayyoota
Forwarded from 🔊HARARGEE MEDIA
Warraa har'aa jiraachuu keenyaaf aarsaa kaffalaan. Silaa yeroo hundaa keessattiyyuu yoo Qubee Afaan Oromoon kataabnu cufaa goota yaadachuu malleedha.

"Qubeen Keenya kan barreessinee ittiin Gumbii seenaa dhaloota dhaalchifnu malee kan ittiin wal madeessinee egereef gargaar wal fageessinu tahuu hin  qabu"
  Nagaa keessa turaa!
    ABUUBAKAAR MUUSSAA!
      Jaawwii Jiillee
@Harargetub
@Harargetub
#Dhagahaa!

➛ Nama natti dhihaachuu isaa bu'aadha jedhee uf hin ilaalle, anis isarraa fagaachuu kankoo kasaaraadha jedhee hin ilaalu.
Follow me👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#Galgala_milkii

Hardha sitti dhiphateef, boru sitti baldhatuu hin dhiisu. Hardha kasaaraa argattus, boru maaltu beeka bu'aa argachuu dandeessa.
Hardha kufteef waan achitti haftu sitti hin fakkaatin, boru Rabbiin si kaasuu danda'a [akka durii fi harka xuriitti hin hafan].
seera "Rabbiin bakka namaaf buusa" jedhu sana hin irraaffatin. Rabbiin gabricha isaa irra hamtuu jireenyaa keessatti gatee, isa hin dhiisu. Keeyrimaaf isa qormaata maalee.
sitti hammaatus gaafa tokko inuma siif salphata, sitti cufamus gaafa wahii Rabbiin sirraa bana, sitti dukkanaahus, guyyaa tokko bari'uun isaa waan hin oolle.

Follow me👇
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota


Youtube keenya kana Subscribe nuuf Godhudhaan Nu Jajjabeessan Dhaamsa keenya!!!
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Qabxiiwwan Olaanoo hanga Yoonaa miidiyaa Abdii_Sabaa qaqqaban

#666 Dasee #658 Finfinnee
#652 ODA #650 ADM(F)
#641 ODA #639 ODA
#644 ODA #635 ODA

@Jechootahayyoota
2024/09/29 15:31:29
Back to Top
HTML Embed Code: