Telegram Web Link
Namoonni chanela keessaniif member baayyifachuu barbaaddan
Channela banattani gudiisun yoo isin rakkise ta'e
Yero gabaabaa kesatti Gudifachu dandessu.
Promotion VIP

1000member ---- 250birr
2000member ---- 400 birr
3000member ---- 600birr
4000member ---- 800birr
5000 member _ _ _1000birr
Gati isinirra gad xiqqessun Guddifachu ni dandessu

Karaa @ABDETUOR quunnamuun yeroo gabaabaa keessatti hojjechiifachuu dandeessu.
Tooftaalee dogoggora ta'aachuuf fayyadan
👉dogoggora kee dafii amani
👉waa'ee dogoggorichaa yaadaa hin oolin
👉irraa baradhu
👉gonkumaa irra deebitee dogoggora akka hin qabne murteefadhu
👉dogoggora uumameef namoota biroo hin yakkin ykn namoota birootti hin qabatin

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Sodaa

Sodaan deebii yaada keetiti. Sodaan yeroodhan hin kolaafamne taanan humna yaaduu fi waa kalaquu namarraa mulqa. Inni jabaan sodaachuu dhiisudha,gootummaa. Icitiin sodaa kee injifattuun keessaa tokkoo fi jabaan wanta sodaattu hojjachuudha.
.
Maalummaa sodaa tolchii adda baafadhu. Sodaa sumatuu uuma,sammuu kee keessa malee eessayyuu hin jiru. Sammuu kee keessaa dhabamsiisnan eessallee hin jiru jechuudha. Sodaa of keessaa balleesite taanan bakka garaa keetii,bakka abjuu fi Mul'ata keetii ni geessa. Kun immoo jireenya kee keessatti gammachuu fi nageenya guddaa siif kenna.

Madda:The monk Who Sold His Ferarri.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#Gaggeessaa Ta'uun Gatii Nama Baasisa.
 Gaggeessummaan Isa Gaggeeffamuuf Gadi Jedhanii Hojjechuudha.
 Kan Humna Hin Qabneef Humna Ta'uudha.
 Rakkinaaf Mirga Kennuu Dhiisanii Alaabaa Moo'ichaa Argisiisu Dha.
 Yaada Jireenyaa Qabatanii Kufaatii Ijibbaachisuu Dha.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
●Baguma Geessan●
°°°°°°••••••••••°°°°°
Kaleessi darbeera
Deebi'ee hin dhufu
Namni Abdii qabu
Kaayyoo maleen kufu
°°°°°°••••••••••°°°°°
Murtoon yoo jiraate
Murtii inni wal makaa
Oromoon Biyya diiga
Yoom jedhamee beeka.
°°°°°°••••••••••°°°°°
Jireenya har'aa miti
Kan boriitu caalaa
Baga lubbuun jiraattan
Numatu waliif dhaala!!
°°°°°°••••••••••°°°°°
Kaayyoodhaan adeemi
Akka nama beekaa
Baguma geessani
Ayyaana Faasikaa!!
°°°°°°°•••••••°°°°°°°
Baga geessan!!

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Qabaa Jireenya Keetii Beeki!

Namicha Hiyyeessa Tokkotu Sangaa Tokko Qaba Ture Jireenyi Itti Ulfaannan Sangaa Isaa Gabaa Geessee Gurguratee Utuu Deebi'uu Mana Dhugaatiitti Goree Isa Booda Dhugee Machaa'ee Manatti Galuuf Karaa Irra Bu'e Utuu Deemuu Waan Mana Ga'e Itti Fakkaatee Karaa Irra Ciise. Achitti Saamtun Itti Dhufanii Qabeenya Isaa Hunda Harkaa Fudhatanii Rifeensa Isaa Irra Haadanii Sokkan.

Machiin Irraa Galee Gaafa Ka'u Qarshiin Isaa Harka Hin Jiru. Iyyuuf Gaafa Mataa Qabatu Rifeensi Irra Hin Jiru. Isa Booda Kun Ana Miti Jedhee Deebi'ee Rafe!!!

Qabaa Jireenya Keetii Beeki! Akkamitti Akka Bobbaatee Galtuu Fi Daandiin Filannoo Keetii Gara Kamitti Akka Si Geessu Hubadhu! Kufaatitti Akka Si Hin Geessine Eeggadhu Jechuudhumaafi.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
EID MUBARAK!!

HORDOFTOOTA AMANTII MUSLIMAA HUNDAAF BAGA GUYYAA JAALLATAMAAFI KABAJAMAA TAE EID ALFAXRIITIN ISIN GAHE

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
NAMA TA'UU!!!!

Namicha imaltuu tokkotu gaaftokko gatii geejjibaa qusachuuf murteeffate. Innis dooniyaa keessa seenuudhaan akka meeshaatti fe'amuu barbaade. Kanaaf mucaa isaatiin "Ani akka meeshattin dooniyaa kana keessa seenee ciisa, atimmoo meeshaadha jedhitii irra keessatti na feesisi."jedheni. Mucaan isaas gorsa abbaa isaa fudhatee akka jedhan godhani. Gatiin geejjiba nama tokkoo qarshii 10 ture. Mucaan isaas kan isaa erga kanfalatee booda " Meeshaa dooniyaa keessa jiru kana immoo meeqaan naaf feeta?" Jedheen." Gatii baasuufi buusuu waliin qarshii 30 " jedheen gagaaraan konkolachisaa.
Mucaan waan godhuufi waan jedhu waan dhabeef xiqqoo callisee "Lakki naaf hin ta'u" jedhe . Konkolachisaan muddamsa irra waan jiruuf osoo isaan waaliif hin dhiisee deeme. Imaltichis erga konkolaataan deeme dooniyaa keessaa bahe"Ilmakoo meeshaa ta'u u irra nama ta'uu wayya"jedhen jedhama.

Eeyeen meeshaa ta'uu irra nama ta'uu wayya!!
Eeyee nama ta'anii dhalatanni meeshaa ta'anii jiraachuun:Dhaloota gatii hin malle kaffalchiisa;egeree dhalootaaf gufuu ta'a.
Atis murteeffadhu gaтιι naмarraa вarвaadaмυ ĸanғalanιι( вaaѕaanιι) ѕodaaғ мeeѕнaa тa'υυ ιrra gaтιι naмarraa вarвaadaмυ ĸanғalanιι(вaaѕaanιι) naмa тa'υυ wayya.
Atiis gatii sirra barbaadamu baasii nama ta'iin dhamsa kooti.

Eeyyeen Nama ta'i!!



@Jechootahayyoota
@Jechootahayyota
...Wanti uumaan nu badhaase hunduu qaalii akka ta’emmoo kan ittiin beeknu meeshaa uumamaa ‘qalbii’ jedhamuuni. Qalbiin Meeshaa gati-jabeessa ijaan hin mul’anneefi hin qaqqabamnedha. Namni hunduu qalbii guutuu waliin dhalata. Qalbii jechuun burqaa yaada garaa iddoo jireenya beekkumsaati. Qalbiin meeshaa safartuu eenyummaan namootaa itti safaramudha. Qalbiin teessoo, ogummaa jireenyaa, bilchinaafi teessoo beekkumsa guddaati.
Miyaafi gatii qalbii warra ogummaa jireenyaatti kuulametu beeka. Namni dandeettii isaatin qalbii kalaqee sammuu namaa keessa kaa’uu hin danda’u; Qalbii namaa bitee fudhachuu danda’a malee. Kanaaf ta’a bara kanatti, kan qalbiin namaa gurguramaa ooluf.
Egaa gabaa guddaan bara kanaa gabaa qalbiiti. Nutis akka Michel De Montaige jedhe…“Namoonni ogeessota jedhaman gowwoota irraa yoo hin baranne, ofii isaanitiyyuu gowwoota” san taanee maalummaa qalbiitu wallaallee dhaloonni baayyeen nu harkaa bahaa jira. Qalbii waan qabnu nutti fakkaatee qalbii dhabaa jirra.....
Kitaaba #DIJAATI JEDHUU kan GIRMAA BASHAADAA barreessee keessa

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
#HIN_QABU

Henook Makartii namni jedhamu seena tokko dubbata.
Jaarsa tokkotu hiriira irraa dhaabbatanii otoobusii eeggatu, isaan booda immoo dargaggeessa tokkotu dhaabata. "Dhiifama abboo laayitarii(qabsiistuu ibiddaa) qabduu?" Jedhee isaan gaafata. Dargaggeessichi tamboo ittiin qabsiifachuuf ture. Deebiin jaarsaas gabaabaa ture. "Hin qabu" jedhe dheekkamsaan. Xiqqoo itti yaadee booda dargaggeessichi nama biroo gaafatee irraa qabsiifate. Daqiiqaa muraasa jaarsi boorsaa(giiphii) isaanii keessaa laayitarii baafatanii ittin tamboo qabsiifatan. Sila isin gaafannaan laayitarii hin qabu naan hin jennee? Utuu qabdanii maaf na dhowwattanii jedhee gaafate. Jaarsi deebii kennaniif "Maal seete?" Jedhanii jalqaban. "Maal seete, laayitarii yoon siif kenne; tarii waliin dubbii eegalla. Waliin dubbii yoo eegalle immoo, otoobusii keessatti wal bira teenya ta'a. Wal bira teenyaan immoo oduun keenya itti fufuu hin oolu. Mucaa gaarii waan fakkaattuuf sin jaaladhan ta'a. Yoon si jaaladhe immoo bakkan bu'utti si buuseen, mana keenyaa irbaata si affeeran ta'a. Mana koo yoo dhufte immoo intala koo waliin wal barta ta'a. Intala koon yoo wal barte immoo tarii wal jaalattu ta'a. Yoo wal jaalattan immoo maaltu beeka dubbiin cimee dhuma irratti wal fuutu ta'a. Argitee? Ani immoo nama laayitarii bitachuu hin dandeenyetti akka heerumtu hin barbaadu. Kanaafu hin qabu garuu qaba."Maal jechuu barbaade beektuu? Yeroo baay'ee wantoonni sadarkaa sadarkaadhaan isa tokko irraa isa tokkotti ce'u, dhuma irratti bakka hin barbaachisne ga'u. Otoo isaan tarkaanfii hin eegalin dursinee achumatti akka dhaabatan yoo goone booda gatii hin barbaachisne baasuu irraa oolla. Malee immoo hiyyeessi durba hin fuudhuu miti. HAlKAN GAARII QABAADHAA!

Dubbisi dubbisuun waa baruufi!
#Share👇👇👇
@OROMOTOO
@OROMOTOO
BEEKUMSI humna siif kenna. AMALLI GAARIIN garuu kabaja siif kenna.

Amalli gaariin obsa qabaachuu si barsiisa.
Amalli gaariin waan si hin madaalle si tuffachiisa.
Amalli gaariin gorsee si deebifata.
Amalli gaariin milkaa'ina biraan si gaha.

Amalli gaariin akka ati of sirreessitu sitti hima. Beekumsi qabaa barbaada. Beekumsi akkaataa qabataa wallaalan burqaa oftuulummaan irraa maddu ta'a.

BEEKUMSI humna siif kenna. AMALLI GAARIIN garuu kabaja siif kenna.


@oromotoo
@oromotoo
Sammuunkee si guddisuus si balleessuus ni danda'a!
Sammuunkoo akkamitti na balleessa? Jechuu dandeessa. Dhugaa dubbachuuf namoota hedduu sammuu isaanitu isaan balleessa. Sammuun namoota hedduu haaloo, jibba, mul'ata dhabuu fi hammeenya gara garaan faalamee isaan ajjeesaa jira. Sammuun akka itti fayyadamaa abbaa sammuuti. Sammuukee wantoota gaggaariin yookiin qajeeloo ta'aniini yoo guutame, ati fayyaalessa jedhamta. Sammuun kee dhimma hin qabu akka ati feete siif ta'a. Kana jechuun of ajjeesuus, of hambisuunis harkakee keessa jira. Yeroo hundaa waa'ee hojii gaarii yaadi yeroo sana ati dhugaamatti jireenyatti jirta. Sammuun hojii gaarii hiin taaneen guutamefi ilaalcha jibbisiisaan faalame, sammuu du'aa jiraataa jiruudha. Yeroo kamuu positive ta'i. Sammuu du'aan hin jiraatin!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

By @Abdetuor
Osoo gaddituu gammachuu kee, osoo jortuu boqonnaa kee, osoo beeloftuu quufa kee kan barbadduu HARMEE KEETII!

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
JECHOOTAA BARSISOO
*
*$$$$*

"Namni tokko dhimma dhuunfaa isaa dhiphoo keessaa ba'ee
dhimma namoomaa isa bal'aa irratti hamma hojjetutti, jireenya
jiraachuu hin eegalle!"
— Maartiin Luuter Kiingi

"Dalagaadhuma kaleessaa, karaadhuma kaleessaa fi
akkaataadhuma kaleessaan hojjechuun mul'ata osoo hin taane
maraatummaadha."
— Albert Inisteeyan

➨ Namni furmaataa rakkoo kudhan karaa tokko hiika utuu hin
ta'in, rakkoo tokkoof karaa kudhaniin tooftaa barbaada.
Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!

#share gochuu hin dagatina
Join ♻️🎄👇🚶🏃🙏🧚
@jechootajayyoota
@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

By 👉 @Abdetuor
Guyyaa Gaarii!!
#Kana Beektuu⁉️

🎭Cherophobia=Sodaa gammachuu

Namoonni tokko tokko dhugumatti wanti gaddisiisaa taʼe tokko yeroo dhihootti uumamuuf jira jedhanii waan yaadaniif garmalee gammaduu sodaatu.
━━━━━━━━━━━━━━━━━
🖋️@Jechootahayyoota
YAADANNOO: 1.1.

• Ofitti amani
• Kufaatiin barsiisaa guddaadha
• Rakkoon humna keeti
• Kalaqa keetiif amanamaa ta’i
• Abjuun kee dhugoomu danda’a
• Bu’aa argachuuf obsuu baradhu
• Wanti guddaan carraaqqii malee hin dhufu
━━━━━━━━━━━
🖋️ @Jechootahayyoota
"Erga naannoo mijataa keetiin ala tarkaanfattee booda qofa jijjiiramuu, guddachuu fi Ofii kee jijjiiruu kan jalqabdu."

-Rooyi T. Beeneet
━━━━━━━━━━━
🖋️ @Jechootahayyoota
Wantoonni amala namaa laaffisan:
📝Murtoo fi ilaalcha kee yeroo hunda mirkaneessuuf Nama biraa irraa barbaaduu.
📝Nama hunda gammachiisuuf yaaluun of irratti dhiibbaa gochuu.
📝Nama yeroo hunda sitti duulu irraa yeroo wanti tokko si mudate callisuu.
📝 Dhimmoota salphaa taʼaniif illee yeroo hunda of komachuu.

♡ ᄏ ⎙ᅤ ⌲ 🔔
ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ
#saayikoloojii
━━━━━━━━━━━━━
🖋️ @Jechootahayyoota
Addunyaa biraa qabaachuu barbaada.
Addunyaa namni hundi amanamaa ta'ee fi namni hundi iddoo nageenya qabu ta'e.
Addunyaa namoonni sababa tokko malee si jaallatan jiran.
Addunyaa carraaqqiin kee gara waan gaariitti itti jijjiiramu.
Addunyaa gaddaafi dhukkubbiin hin jirre.

Innis Samii/Jaannata natti fakkaata
Addunyaa jaalalaa fi nagaan guutamte keessa jiraachuu nan hawwa.

- Imala karaa
━━━━━━━━━━━━━
🖋️ @Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

Yaadaaf👉 @Abdetuor

🌳GUYYAA GAARII💝💝!!

Yaada kessanin commenti jalatti nuuf kennuu hin dagatinaa!! Baayee isin jaalanna🙏
Akka taate sitti hin fakkaatin, akka jirtu beekaa.
━━━━━━━━━━━━━
🖋 @Jechootahayyoota

Yaadaf🙏 @Abdetuor
2024/09/29 21:24:19
Back to Top
HTML Embed Code: