Telegram Web Link
5️⃣ SEERA

  - Arjaa ta'i, garuu dadhabaa hin ta'in.
  - Ija jabaadhu, garuu humnaan bulaa hin ta'in.
  - Gadi of deebisi, garuu hin  qaana'in.
  - Jabaa ta'i , garuu gonkumaa addaggee hin ta'in.
  - Ofiin booni malee of hin tuulin.

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
“In the toughest moments, let your prayers be the strongest.” Be Positive ❤️

🌷 @Jechootahayyoota 🌷
""Onnee namaa wonti baay'een cabsuu danda'a💔

Dhugaa dubbachuuf  dhiiraa tokko 
wonti akka rakkina maatii onnee Isa cabsu hin jiru""

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Gammachuun fudhachuu dha:

- Dogoggora darbe fudhachuu
- Mudaa kee fudhachuu
- Namni hundi akka si hin jaallanne fudhachuu
-  Nama biraa jijjiiruu akka hin dandeenne fudhachuu
- Guyyoota nuffiin sitti dhaga'amu sana fudhachuu.

Gammachuu jechuun jireenyi mudaa hin qabu jechuu miti

Hundaa isaa guutummaatti hammachaa jirta jechuudha

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Karaan kiyya fagaatee dheeratus
Humni kiyya yaratee xiqqaatus
Daandii kiyyarra gufuun heddummatus
Hamataaf goomataankoo baay'atus
Dhabus firaaf humna
An hin kennu harkakoo
Hin deebiu an boodakoo
Abdiitu jiraam bar durakoo
Natti mumul'ataam mul'annikoo
An hin cabsuum hamileekoo
Hin laaffisuum humna kankoo
Seexaa lubbuu ofitti horee
Qoree dhoqqee keessa baree
Fiiga malee hin dhaabbadhu
Mul'atakoo dhugoomfachuuf
Bakka kaayyoo qaqqabachuuf
Galma kankoo dhugoomfachuuf......

@Jechootahayyoota
Baga Bara Haaraan isin ga’e.

Bara haaraa , bara haaromaa, bara milkii isiniif haa ta’u!



@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Ilmi namaa ilaalcha gaarii siif qabaachuun waan gaariidha,....... Garuu ati ilaalcha isanii sana caaltee argamuun immoo waan irra gaariidha.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
°•Sigmaa Dubartii Ta'uuf Seera 5:
           °Miira kee to'adhu, .
           °Naamusa qabaadhu
           ° Loluu baradhu
           Galma kee irratti xiyyeeffadhu
           °Ofitti amanamummaa ijaaradhu.°

━━━━━━━━━━━
@Jechootahayyoota
Yaa qaalii koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hin taane daandii jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti deemi!

@Jechootahayyoota
#Mo'uumoo_mo'amuu?
~~~~
Namni lolaaf manaa bahe tokko waan lama yaaduu danda'a. Yaadees tokkoosaa ofitti aanfatee hiriyyoomfata. Yaada mo'uufi mo'atamuu! Bakka kanatti, akka mo'amu yaada keessaa qabaachuun, mo'amuu nama kanaa keessatti gahee hammana hinjedhamne qaba. "Nan mo'a....hinmo'u!" jedhee manaa bahuun, mo'uufi mo'amuu nama kanaaf hangana gahee qaba edda ta'ee, 'nan mo'a' jechuu maaltu jalaa dhokse? Isa kana dubbichi!
Tokkoosaa ofitti aanfachuun egaa, filannoo abbaati. Mo'uufi mo'amuun immoo, bu'aa filannichaati. Filannoo gaariitti ifaajni dabalamnaan, wanti hintaaneefii hinjiru. Filadhu; filannoon kan abbaati! Mo'icha filadhu malees, harka hinkennin!

Join
@Jechootahayyoota
2024/10/01 16:46:05
Back to Top
HTML Embed Code: