Telegram Web Link
#kutaa_12ffaa
#ODASPECIALBOARDINGSCHOOL

Barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa /ODA SPECIAL BOARDING SCHOOL/ bara kanas qabxii olaanaa galmeessaniiru

1. Roobeeraa Asmaraa...............652
2. Biqilaa Haacaaluu.................. 650
3. Sanyii Dassaalany.................. 644
4. Olaanaa Abarraa.................... 641
5. Firaa'ol Danoo........................ 639
6. Geexee Boonaa...................... 637
7. Roobeeraa Bushuraa .............637
8. Barakat Kabbadaa .................635
9. Elihaam Jibriil ........................634
10. Hayaat Ibraahim.................. 630
11.Siyyum Waldee .....................630
12.Saamu 'eel Xaasoo............... 628
13. Firoomsaa Mohaammad ....625
14. Dastaa Nigusee ....................619
15. Naafyaad Daagim................ 619
16. Leencoo Baay'isaa ...............617
17. Meeroon Abbabaa............... 617
18. Indaaluu Qalbeessaa ...........616
19. Abdii Geetuu .........................614
20. Roobee Abaataa ..................614
21.Warquu Camadaa .................612


Walumaa galatti barattoota 76 qoraman keessaa barattoonni 21 /27.6%/ qabxii 600fi isaa ol, barattootni 45 qabxii 500-599 fi baratoonni 2 immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta'u gosa barnoota Herregaas100% galmeessuun danda'ameera.

Ummanni keenya, barattootni, maatiin barattootaa, hawaasni mana barnootaa, boordiifi miseensonni WMO, hojjeettootni caasaa WMO sadarkaa sadarkaan jirtaniifi deeggartootni misoomaa hundi baga gammaddan baga gammanne!

Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota qareeyyii, egeree saba keenyaa qajeelchan oomishaa jira. 

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Ati Qormaata kutaa 12 NAN KUFE jettee aartaayii? Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

@Jechootahayyoota
πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯
Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

❏ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†
πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Hattoonni lama yakka hannaatin himatamanii abbaa murtii fuuldura dhaabbatan. Hattuun inni tokko qabeenya baayyee fi qarshii hatus bilisa jedhamee lakkisame. Hattuun inni biraan ammoo marga ture kan inni hate. Haa ta'u malee akka hidhaan adabamuuf murtiin irratti darbe. Hattuun inni lammaffaan kun haala ta'e kanaan raajeffamee "Akkamitti namni qabeenya hedduu saame bilisaan lakkisamee ani kanan marga hate narratti murtaa'a?" jechuun gaafate. Namootni gaaffii isaa kana dhaga'an deebii gabaabaa tokko kennaniif. Innis "Abbaan murtii marga hin nyaatu" 🀣

Maddi:- Hiyaa Ibinuu
@JECHOOTAHAYYOOTA
Waan faayidaa qabu dhaggeeffadhu.Sababa barbaadi, yaada gaari dubbadhu. " dubbiin namootaa akka biyyeeti; yoo qilleensa keessa hin balali'in miila jalatti dhiitama. Kana gochuu hin dandeessu taanaan, ofuma keef jiraadhu. Arrabni hin callisu" jedha ogeessi tokko.

Miidhamni hundinuu sadarkaa bilchina haaraati. Wanta jibbitu hundarraa fagaadhu. Waamicha si aarsu tuffadhu. Ergaawwan si miidhan haqi. Waan jaalattu haala ittiin argachuu dandeessu yaalii argadhu.

Waan abdii kee haaressu barbaadi. Waan kamuu dhiisuun fedhii keeti malee hiree kee miti. Yeroon filannoowwan hedduu yoo siif kennite wanta ejjennoo keef malu gara keetti dhiyeessi.

Yeroo ofitti amanamummaa qabnu keessatti immoo, ija qalbi cufnee waan eenyummaa keenya guutuudhaan hin argine ilaaluuf ija sammuu banuun dirqama.


@JECHOOTAHAYYOOTA
Nama sababaa tokko malee si jibbuuf bakka hin kannin, yeroo fi inarjii(energy) kee firraa hin fixin.

Nama si boodaa si dubbatu, dantaa dhabiif duraanuu wan hundaan waan si booda jiruuf si boodaa si dubbataa.

Nama tokko waliin of hin madaalin, dandeettii fi kannaan Rabbi siif kanneehu lakkaawamee hin dhumuu.

Waan dhumuuf of hin hiraarsin(Adunyaan guutuun dhumtuudha), waan qabduun gammadii jiraadhu.

Naaf gala gorsootan kanneen itti hojachuun ni ulfaata, garuu hanga dandeesse numa yaali.

Aartee jacha badaa hin dubbatin; yeroo muraasa booda Ati waan si aarse san irraanfachu malta,garuu jachi ati dubbatte waggaa dheeraa turuu mala, Lafee nama cabsuu mala!


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Guyyaa Gaarii!!!
Nama!!
Namni namuma akkasaatii miidhuuf mataa dhokfatee jechaa fi wantoota birootiin summeessuu yaala. Uumaan immoo hundaaf qixxee waan ta'eef badiisa namni keessa wal buusuuf koratu hedduu jalaa nama oolcha. Yeroo baay'ee namni kiyyoo harki nama biraa kaayeef jalaa oolee waanuma ofiisaaf xaxeen miidhama. Namoonni namaaf gaarii gochuus ta'ee gaarii yaaduu hin dandeenye maaloo namarratti daba hin koratiinaa! Maaltu beeka dhagaan ati obboleessa/ttii keetti darbatte deebi'ee sidhahuu danda'aa! Ofumakee qusadhu!

halkan gaarii isiniif haa ta'u!

πŸ“’JOIN & πŸ”—SHARE
╔══════════════════╗
πŸ“šJOIN:
@JECHOOTAHAYYOOTA
πŸ“šJOIN:
@JECHOOTAHAYYOOTA
πŸ“šJOIN:
@JECHOOTAHAYYOOTA
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
Yoon gaafatame...
Gatiin namummaaf baafamu kabajaafi jaalala namummaa qofa.

Namummaan kun meeshaa rakasa wantoota mumuldhataniin sharafamu miti. Namummaan qodaa lafa salphoo kaawwamu miti. Namummaan gabaa kamisaa ykn dilbataatii bitamee kan gurguramu miti. Namummaan akka kafana keenyaatti takka uffannee takkammoo kan baafannu miti. πŸ‘‰ Namummaan qaaliidha. Namummaan siyaasaa fi wantoota itti jirru maraa oli. Namummaan kabajaafi ulfina uumaan dhala namaaf laatedha. Namummaan hunda dursa.
Haata'u malee yeroo tokko tokko namoonni gatii namummaa wallaalaanii namummaa isaanii waan hin malletti sharafuun ofiisaaniis ta'ee nama biroo lafa salphinaa dhaabu. Maqaa salphinaa walittis ofittis moggaasu. Wanta namummaa isaanii hin madaalleen ofis walis jijjiiru. Ilaalcha badaafi babbadaa ofiifis nama biroofis qabu. Namoonni akkasii gariin nama biroof ergamuufi tajaajiluuf waan uumaman ofse'u. Kaan immoo nama biroo ergachuufi itti fayyadamuuf akka dhalatanitti yaadu. Sammuun isaanii gooftaa fi giiftii, ajajaafi ashkara isa jedhamaa tureen duudeera.

πŸ‘‰ Namana, namummaa keessaa olaantummaafi gadaantummaan hin jiru. Namummaan walqixxummaa fi ilaalcha qajeelaan ibsama. Maarree namummaan yoo durse waan si miidhu qabaa? Tokkollee. Namummaaf dursa kenni! Gatiin namummaaf baafamu kabajaafi jaalala namummaa qofa.
... jedheen haasa'a.

Galatoomaa ❀
πŸ“’JOIN & πŸ”—SHARE
╔══════════════════╗
πŸ“šJOIN:
@Jechootahayyoota
πŸ“šJOIN:
@Jechootahayyoota
πŸ“šJOIN:
@Jechootahayyoota
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
#Waamicha
#Yuunivarsitii_Waachaamoo

Barattoonni Yuunivarsitii Waachaamootti ramadaman maraaf waamichi taassifameera bifuma kanaan guyyaan waamichaa

Barattoota waggaa 1ffaa.
Gurraandhala 15-16/2015

Barattoota Riimiidiyaa
Gurraandhala 21-22/2015

Barattoota Withdraw guuttan
Gurraandhala 17-18/2015

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
JECHOOTA HAYYOOTA
Photo
Aghori Baba Indiyaa

Biyya Hindii keessatti Abbootii Amantaa keessaa Warra Aghori jedhamanii beekamantu jiru. Beekumsa Amantii fi Falfalaan beekamoo fi Jajjaboodha. Kophaa isaanii Waggaa hedduuf Holqa garagaraa, Bosona jajjaboof bakka namni hingeenye keessa jiraachuun Beekumsa isaanii gabbifachuun ga'umsa isaanii xumuraan Gara hawaasaatti makatu. Namoota du'an nyaachuunis ni beekamu. Akka amananitti Sodaan guddaan dhala namaa sodaama du'a isaati. Akka amantaa jaraatti Waanti hunduu akka ilaalcha nuti qabnuunitti, Hangam xuraawaa ta'us qulqulluu.... Waantota Balfa, Du'aa namaa, Foon ajaa'uu, Boolii namaaf Fincaanille nidhuguun itti fayyadamu. Aghori tokkoof waantota Xuraawaa nyaachuuf waantota qulqulluu nyaachuun walbiratti tokkuma. Nyaati isaanii lafee namootaa irraas ta'u qaama biraarraas ni qopheeffatu. Qabee mataa namaas yeroo hedduu itti dhimma bahu. Falfalaafis ta'u dhimma biraaf.
Waanti Gaariis ta'e gaariin ilaalcha abbaati, Cubbuunis ta'e gaariinis akkasuma. Hunduu ilaalcha keenyaaf seeraa hawaasaaf male walqixa.

✍️ Siinan Huseen
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
#Namni_hin_tuffatamu

Namticha sooressa tokkootu hajaadhaf iddoo takka deemee makiinaa isaa karaa cinaa dhaabee biraa ol seene, Yeroo inni haajaa isaa fixatee deebi'u biloonni goommaa tokkoo afranuu irraa hikkamee( haatuudhan hatamee jira) Yeroo kana namichii dhaabbatee gamaafi gamana laalee falas dhabe,
#Osuma inni dhaabbatu maaraataan tokko itti dhufee "maali" taate jedhee namicha dhaabatu gaafate
#Namtichisi fuula tuffii tokkoon isa laalaa "biloonitu narraa hatame akkan hin binnes #spare_part iddoo kana hin jiru" jedhee itti himee.

#Maraataanis "duuba maaliif goommaa sadeen haferraa biloonii tokko tokko hiktee ka afraffaa hin hidhanneree" jedhee debiseef,
#Namtichis yaada maraataa kanaa ajaa'ibsiifatee akkuma inni jedhe godhee yeroo deemuuf ka'u maraataadhaan "ati maraataadha? Akkamitti Yaada akkanaa yaadde" jedhee gaafateen,
Maraatanis "an maraataadha malee wayii gowwaadhaa" jedhee deebiseef.

Seenaa kana irraa akka waa hubattan abdiin qaba.
Maal jechuu barbaade seetan. egaa namni kamuu keessa ofii malee keessa namaa hin beeku, waanii nama sanaas hin beeku, osoo akkaan hiriyyaa isaas ta'ees waan keessa isaa jiru hunda beekuu hin danda'u kanaaf ilma namaa kana irra irra laaltee hin murteessin, amalli namaaf beekkumsi namaa irra irraa hin jiruu keessa namaati malee.
Namonni bayyeen isaanii osoo beekumsa akkamiittu nama kanaa keessa jirachuu isaa hin hubanne nama tuffachuuf murtessuu Jalqaba. Kuni tahu hin qabu namni kan madaalamuu qabuun sadarkaa barumsaa isaatiif akkasumas sadarkaa midhaginaa ykn haala uffannaa isaatiin miti kan murtessuu qabnu. Kanafuu Nama uffannaan isaa ykn fayyaan isaa marataa gootee waan beeku jettee hin tuffattin. tarii osoo beekumsa akkaan qabuu jireenyi maraataa isa goote wantahef.!!

#Namni hin tuffatamu!!!

Guyyaa gaarii qabadhaa 😍

✍Abdi Ab. Edao

πŸ“’JOIN & πŸ”—SHARE
╔══════════════════╗
πŸ“šJOIN:
@Jechootahayyoota
πŸ“šJOIN:
@Jechootahayyoota
πŸ“šJOIN:
@Jechootahayyoota
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•
Hunduu ni darba


Addunyaa kana irraa wanti hin dabarre hin jiru, guyyaa du'a keen ala.
Yeroo haalonni badoo ta'an nu mudatan, waan hin dabarre nutti fakkaachuu danda'u garuu dhimma yerooti malee ni darbu.
Xiyyaara yaabdee xiyyaarri erga balallii eegalee yoo rakkoon si mudate, " Naa dhaabi" jechuu in dandeessaa? Hin dandeessuu! Garuu hammamuu yoo ture xiyyaarri lafa qubachuu hin oolu. Atis hanga xiyyaarri lafa ga'uf kaate qubatutti dirqama obsuu qabda. Jireenya keessattis akkasuma, haalonni badoon yeroo si quunnaman yeroodhaaf si rakkisuu malee ni darbu. Xiyyaarri barabaraan qilleensa irra hin turu. Akkasuma rakkinnis barbaraan sirra hin turu. Wanti hunduu yeroof malee darbuu hin oolu.
Yoos yeroo darbuuf maaf abdii kuttaa? Dhuguma har'a haala gaarii keessa jiraachuu dhabuu malta. Boris akkana ta'a jettee hin yaadin. Yaadadhu Addunyaa kanarraa guyyaa du'a keetiin ala guyyaan hin dabarre hin jirtu.
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Read Every day
Jecha Dubbistootaa

πŸ“— Manni kitaabi keessa hin jirreef foonni lubbuun keessa hin jirre tokko.

πŸ“— Dubbisuu dhiisuun yakka.

πŸ“— Utuu hin dubbisin jiraachuun fi dukkana keessa jiraachuun tokko.

πŸ“— Dubbisuun guutuu nama taasisa.

πŸ“— Nyaati osoo jiruu nyaachuu dhabuun, kitaabi osoo jiru dubbisuu dhabuun maal jechuudha!

πŸ“— Dubbisaan geggeessaadha.

πŸ“— Dubbisaan Hayyuudha.

πŸ“— Kitaabni hiriyaa dhugaadha.

πŸ“— Dubbisi nyaata lubbuuti, Kitaabni qabsoo lubbuuti.

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Read every day
KAAYYOO QABAACHUU

"Kaayyoo qabaachuu" jechuun eegala keessoon kitaabichaa.
Namni kamiyyuu addunyaa kana irratti sababa uumameef qaba. Uumama addunyaa kana irra jiran keessaa dhalli namaa bakka ol'aanaa qaba. Garuu namoota muraasa qofatu kaayyoo biyya lafaa kana irratti uumamaniif dhugoomse. Baay'een keenya akkanumaan jiraannee guyyaa du'a keenyaa eeggachaa jirra.

Albarti Ayinistaayin tibba tokko gaaffii itti aanu kana gaafatamee ture: "Addunyaa kana irratti maaliif uumamne?"
Albarti Ayinistaayin, "Yoo addunyaan kun akka tasaa uumamte tahe, nutis akka tasaa uumamne. Garuu addunyaan kun sababa uumamteef qabdi taanaan, nutis sababa uumamneef qabna," jedhee deebise.

Kitaabichi dhuma mata duree isaa irratti jecha pirezidaantii Amerikaa duraanii, Wudiroow Wiilsan niin xumura, " Waan oolee bule gara kufaatiitti na geessutti yeroof milkaa'ee jiraachuu koo mannaa, waan dhuma irratti milkaa'ina na gonfachiisutti kufuu naaf wayya."
Kitaabichi, "YOU CAN WIN" jedha. Barreessaan, SHIV KHERA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Read every day
MAALTU AKKA NATTI DHAGA'AME AMMA ARGITEETTA!
Naappooliyoon mootichi yeroo biyya Raashiyaa weerare mudannoo barumsaaf ta'u tokko qaba ture. Mee isiniifan qoodaa na hordofaa.
Loltoonni isaa naannoo cabbiin haguugame tokkotti lola irra otoo jiranii akka tasaa Naappooliyoon isaan irraa adda ba'e. Isa ta'uu isaa baranii loltoonni Raashiyaa duukaa bu'anii ari'uu eegalan. Lubbuu isaa oolfachuuf jara jalaa baqatee dukkaana xiqqoo suufiin itti gurguramu tokkotti ol lixee, dhoksee lubbuu isaa du'a akka oolchu abbaa dukkaanaa sana kadhate. Namichis garaa laafeefii, gogaa hoolaa walirra nam'ee jiru tokko jala akka seenu itti hime. Naappooliyoonis gogaa hoolaa sana jala seene.
Kanaan otoo jiranii loltoonni Raashiyaa booddeedhaan ari'aa turan dhufanii humnaan balbala dukkaanichaa cabsanii itti seenan. "Diinni keenya eessa jira? Eessa dhoksite?" jedhanii namicha gaafatan. Namichis akka isa hin argiin itti hime. Kutaa dhiphoo sana keessa barbaadanis argachuu hin dandeenye. Fiixee qawwee isaaniin gogaa hoolaa sana tuttuqanis nama keessaa hin argine. Abdii kutanii bakka biraa barbaacha deeman. Naappooliyoonis otoo hin miidhamiin gogaa sana jalaa ba'e.
Yeroo xiqqoo booda loltoonni isaa gurguddoon gara isaa dhufan. Naappooliyoon loltoota isaa wajjin mana isaatii ba'uuf kaanaan abbaan dukkaanaa gaaffii tokko gaafachuu fedhe.
"Gaaffii akkanaa si gaafachuu koof dhiifama naaf godhi. Ati mootii addunyaa kana irratti sodaatamaa fi jabaadha. Amma garuu diina kee baqattee gogaa hoolaa gidduu ciiste. Kana ta'uu isaaf, miira akkamiitu sitti dhaga'ame?" jedhee gaafate. Naappooliyoonis battalumatti fuulli isaa jijjiirame. Aarii guddaadhaan itti iyyee, "Akkamitti gaaffii akkanaa na gaafatta?" jedhe. Namicha gad baasanii ija isaa hidhanii akka isa ajjeesan loltoota isaa abboome. Isaanis ajaja mootichaa fudhatanii, gad baasanii ija isaa hidhan. Namichi akka malee rifatee hafuurri isaa addaan ciccituu eegale. Naappooliyoon achi irraa hiiqee, "Rasaasa kee qopheeffadhu! Itti dhukaasuuf qophaa'i" jedhee ajaja kenne. Namichi lubbuun keessaa ba'uu geessee turte. Otoo du'a isaa eeggachaa jiruu sagalee faana miilla namaa suuta jedhee gara isaa dhufu dhaga'e. Namichi gara isaa deemaa ture sun harka isaa hiixatee wanta ija namichaa hidhe sana irraa hiike. Yeroo ija isaa banatee ilaalu Naappooliyoon ture. Gurra namichaatti jedhee, "Yeroon gogaa hoolaa sana keessa seene maaltu akka natti dhaga'ame amma argiteetta!" jedheen.
Jeemsi Terber akkana jedha, "Dheekkamsaan gara boodaa ykn sodaadhaan gara fuula duraa hin ilaalin; naannoo kee hubannaadhaan ilaali!" jedha.
Ergaan seenaa kanaa ifaadha. Haga ofii argutti namni haala sodaachisaa namni tokko keessa jiru hin hubatu. "Kan dheebotee argetu dheebuu namaa namaaf beeka!" jedha mitii Oromoon? Nama tokko hubachuuf kophee namichaa keessa dhaabannee ilaaluutu barbaachisa!

✍Eebbisaa Baayisaa.

πŸ’₯nama biyya Oromootu barreesse.
Madda: Istiiv Andiriyaas
DeemsiIttiFufa

#Share_join_share
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
What are the psychological facts you do not know much about?

FACTS U DIDN'T KNOW ABOUT TOO MUCH

1. If you speak too much, you will lie.

2. If you think too much, you will be depressed.

3. If you cry too much, you will lose your sight.

4. If you love too much, you will be lost.

5. If you care too much, you will be taken for granted.

6. If you play too much, you will not be taken serious often.

7. If you trust too much, you will be betrayed.

8. If you work too much, you will die of stress.

9. If you eat too much, you will be obessed

10. If you sleep too much, you will be idle.

11. If you spend too much, you will have no future.

12. If you wear make up too much, you will lose your beauty.

13. If you look too much, you will lose your focus.

14. If you pursue life too much, you will lose everything.

And lastly...

15. If you expect too much, you will be disappointed. Don't be too much because that too much can hurt you so much.

@JECHOOTAHAYYOOTA
"Gochi sagalee Caalaa humna qaba. Fuula Ifaa namatti agarsiisuun sin jaalladha jechuudha. Saroonnis waan kana beekaniif yeroo nu argan nutti utaalanii eegee nutti raasu. Kolfi daa'immaniis akkasuma" jedha Deel Kaarniigee.

● Yeroo kamuu fuula ifaan namatti dhiyaadhu. Kokkolfaa deemi. Namni waa naan jedhaa dhiisi. Nama kamuu harka fuudhii nagaa gaafadhu. Jireenya Isa hammam jiraattu kanaaf uuruu dhiibaa deemtaa? Namatti gaafa fuula iftu namnis fuula ifaan sitti dhiyaata. Warri Chaayinaa,"Namni fuula ifaa hin qabne suuqii banachuu hin qabu." Jedhu.
Fuula ifi,kokkolfi isa kamiif dhiphinaan bara kee fixxa!
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Read every day
OBSI

"Obsi dhagaa(dhakaa) affeela" jedha Oromoon.

Obsi dhukkubbii qaba, firii inni kennuu immoo dhukkubbii fayyisa. Milkaa'inaaf hammam hojjedhu obsa yoo hin qabaanne bakkakee duraatti deebita. Bosona misoomsuuf yeroo dheeraa sitti fudhata. Balleessuuf immoo daqiiqaa muraasa sitti fudhata. Bosona Waggaa kudhan guutuu itti dadhabdee misoomsite, iji kibiriitii tokko daqiiqaa xiqqoo gidduutti daaraa gochuu dandeessi. Akkasuma abjuukee yeroo, humna, maallaqakee yeroo dheeraaf itti fiixxe obsa dhabuun yeroo xiqqoo keessatti awwaaluu dandeessa. Yeroo hunda wantoonni yeroo ati barbaadetti siif hin mul'atan. Yeroo isaaniitti garuu inuma mul'atu. Biiftuu fi Ji'i yeroo tokko hin mul'atan. Yeroo isaaniitti mul'achuun garuu waan hin oolleedha. Kun seeruma uumamaati. Atis hiriyaankee sibiraa bakka guddaa ga'ef kankoo yoomi jettee hin haadin! Kankees yeroon mul'achuu jirtiiti obsi. #Yaadadhu Biiftuu fi Ji'i wal faana hin mul'atani. Atis guyyaan itti iftee mul'attu in dhufa!
Bakka Nagaa Oolaa!!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day.
π™³πšŠπš—πšπšŽπšŽπšπšπš’πš’πš πš πšŠπš— 𝟷𝟢 πš‹πšŠπš›πšŠ πš‹πšŠπš›πšŠπšŠπš— πš”πšŠπšπšπšŠπš•πšπš’πš’ πšœπš’πš’πš πš”πšŠπšπšπšŠπš•πšŠπš—:

𝟷. π™°πš–πšŠπš—πšŠπš–πšžπš–πš–πšŠπšŠ
𝟸. π™ΆπšŠπš›πšŠ πš•πšŠπšŠπšπš’πš—πšŠ
𝟹. π™»πšŠπš”πš”πš’ πš“πšŽπšŒπš‘πšžπšž
𝟺. π™½πšŽπšŽπšπš πš˜πš›πš”πš’πš’πš— πš‘πš˜πš“πš“πšŽπšŒπš‘πšžπšž
𝟻. πš†πšŠπš•πšœπš’πš–πšŠπšŒπš‘πšžπšž
𝟼. π™ΆπšŠπš›πšπšŠπšŠπš›πšœπšŠ πšπšŠπšŠπšπšŠπšŒπš‘πšžπšž
𝟽. πš†πšŠπš•πššπšžπš—πš—πšŠπš–πšπš’πš’
𝟾. π™Ύπšπš’πšπšπš’ πšŠπš–πšŠπš—πšŠπš–πšžπš–πš–πšŠπšŠ
𝟿. π™Ύπš πšπšžπš‹πš‹πšŠπšŒπš‘πšžπšž πšπšŠπšŠπš›πš’πš’
𝟷𝟢. πšˆπšŽπš›πš˜πš˜ πš’πšπšπš’ πšπšŠπš’πš’πšŠπšπšŠπš–πšžπšž



πŸ“’π‰πŽπˆπ 𝐀𝐍𝐃 πŸ”—π’π‡π€π‘π„
╔════════════╗
πŸ“šπ‰πŽπˆπ: @jechootahayyoota
πŸ“šπ‰πŽπˆπ: @jechootahayyoota
β•šβ•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β•β• ⇲
2024/09/29 17:27:42
Back to Top
HTML Embed Code: