Telegram Web Link
Gaarummaadhafi!

Qotee bulaa hiyyeessa tokkotu ture. Guyyaa tokko fardi inni qabu tokkittiin jalaa baddi. Guyyaa sana olloonni isaa marti isa jajjabeessuf gara mana isaa dhufan. "Fardi kee baduu isaa dhageenye. Kun wanta hedduu laphee namaa cabsudha" jedhaniin. Innis deebisee "Hundumtuu gaarummaafi" jedheen. Borumtii isaa fardi bade fardeen bosonaa 7 of duuba yaasee dhufe. Kana kan dhaga'an olloonni isaa ammas gara mana isaa dhufuun "Baga gammadde! Amma abbaa farda 8ti taate jechuudha. Ati akkam nama carroomadha" jedhaniin. Inni akkuma barame hundumtuu gaarummaafi jedhaan.

Yeroo biraa ilmi qotee bulaa kanaa farda tokko leenjisuuf jedhee otuu gulufuu kufee lukni isaa caba. "Ooo maali carraan akkanaa? Ilma kee waan hamaatu isa muudate" jedhanii olloonni isaa. Qotee bulichi deebii gaarummaafi jedhuun ala hin laanneef. Guyyaa itti aanu mootummaan biyyattii dargaggoota waraanaf guuruu eegale. Mucaa qotee bulaa kanaas lukni isaa cabaa waan tureef isa dhiisanii dargaggoota mandarichaa hunda sassaabanii deema. Olloonni namicha kanaa har'as mana isaa dhufan. "Mucaan kee akkam carroomadha. Waan lukni isaa cabeef waraana deemuu jala darbe" Jedhaniin. Deebiin qotee bulaa kanaa beekkamaa ture. Innis "Gaarummaafi"

Egaa yaa nama koo seenaa kana irraa waan xinnoo tokko hubachuun kee hin oolu. Wanta ta'e irratti dhiphachuun ceepha'uu dhiistee isa gochuu dandeessu qofa irratti xiyyeeffadhu. Isa ta'e homaa gochuu hin dandeessu. Inni ta'uuf jiru garuu harka kee keessa jira.

Maddi:- Intarneeta
Yoo waa irraa baratte #Share godhi

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Faallaa

Bara durii keessa haayyuun cimaan tokko ka'e. Yaadota inni kaasuniifii barumsa inni kennuun hordoftoota hedduu horate. Namoota wal lolan ni araarsa, waldhabdee biyyattii keessa jiru ni fura, lammiileen biyya sanaa naamusaafi jaalala biyyaan akka ciman isaan taasisa ture. Haayyun kun sammuu ajaa'ibsiisaa qabaatus bifti isaa fokkisaadha ture. Yeroo tokko intala bareedduun tokko ennaa inni barsiisu argitee waan tokko yaadde. Gaafa inni barumsa isaa xumuree waltajjii irraa bu'u eegdee akkas jetteen "Ati haayyuu cimaadha. Animmoo bareedduu biyya kanaati. Osoo mucaa waliin godhannee bifti isaa anatti, sammuun isaa ammoo isinitti baha. Kanaan ammoo haayyuu waan hundaan guutuu ta'a" jetteen. Haayyuu kunis qalbisee erga ishee ilaalee booda akkas jedheen "Tarii bifti isaa anatti, Sammuun isaa ammoo sitti yoo bahe hoo?" jedheen.

Hir'ina kee guutuf yaaluu caala jabinni guddaan hin jiru. Hir'uu ofii namootatti hirkatanii guutuu fakkeessuu caala ammoo gowwummaa guddaan hin jiru. Akkuma hayyichi jedhan wanti ati yaadde ofittummaan waan ta'eef faallaa ta'ee badii hamaa geessisuu danda'a.

#Share
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

❀GUYYAA GAARIIπŸ™
Eenyummaa-keetiif, Bakka Guddaa kenni!

Namichi Edinberg jiraatu, kan kophee hodhu tokko guyyaa hundumaa yeroo hirribaa ka'u akkana jedhee kadhata. "Yaa waaqayyo ofii-kootiif akkan iddoo guddaa kennuuf na gargaari!" Jedha ture.

Eeyyee! Namni kam iyyuu milkaa'inaaf gammachuu gonfachuu yoo barbaade, jalqaba irratti eenyummaasaatiif bakka guddaa kennuu qaba. Kana gochuuf tarkaanfiin jalqabaa sammuu ofii keessatti of ajaa'ibsiifachuudha. Kana booda ofitti amantaa horachuu nama dandeessisa.

Namni maqaan isaa Wadirow Wiilsen jedhamu, barreessaa beekumsa walii-galaa kan ta'e dhimma eenyummaa ofii fudhachuu ilaalchisee hima miidhagaadhaan yommuu ibsee akkas jedhe, "Eenyu iyyuu hirkataa miti; sababni isaa qofaa fiiguu danda'a" jedheera.

Kanaafuu, eenyummaa ofii-tiif bakka guddaa qabaachuun barbaachisaadha, furmaata filannoo biraa hin qabneedhas!


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Wanti ati gootu marti wanta ati yaaddedha. Gochi kee martinuu bu'aa yaada keetiti. Yeroo tokko tokko akka carraa /unconsciously/ wanta hin yaadne gochuu dandeessa.

#Share
@Jechootahayyoota
Ibsa GaddaaπŸ“

Artisti Alii Birraa boqote.

Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi wal qixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr. Artiist Alii Birraa du'aan boqochuun ummata Itoophiyaa maraaf addatti ammoo ummata Oromoof gadda ulfaataadha.

Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hin taane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har'a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha. Gumaacha Dr. Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan yaadata.

Dr. Artiist Alii Birraa nama artiif amanamee ummataaf jiraate waan ta'eef sirboonni isaa Itoophiyaa biratti jaalala, sadarkaa idil addunyaatti ammoo dinqisifannaa guddaa argachuu danda'aniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dr. Kabajaa Alii Birraaf Jannata ummata Oromoo, dinqisifattootaafi maatii isaatiif ammoo jajjabina hawwaa Sirna geggeessaa goota tokkoof raawwachuudhaaf Koreen Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaan hogganamu hojiitti galee jira.

@Jechootahayyoota
JECHOOTA HAYYOOTA
Photo
Kabajamoo Dr. Artist Alii Muhammad (Alii Birraa) eenyu ture?

- Artist Alii Birraa kan dhalate (bara 1940 Dh.K.D) fi kan guddate Magaalaa jaalalaa, tokkummaa kan taate dirre dawaatti.

- Maqaan haadha fi abbaan isaaf moggaasan Alii Muhammad jedhama.

- Maqaan "Alii Biiraa" jedhu bara 1963 magaalaa DirreDawaatti, yeroo dargaggoonni dandeettii muuziqaa qaban, ofii isaa Alii Mohaammad dabalatee, walitti qabamee gurmaa'anii muuziqaa Afan Oromoo taphachiisuf turetti, garee sana keessa Alii saditu ture (Ali Shebo, Ali Ahmed Ali / Ali Tuche, fi ofii isaatii Alii Mohammed) adda baasuuf, Hojii muuziqaa isa jalqabaa fi dinqisiifamaa "Birraan Bari'ee" jedhuun maqaa Alii Birraa jedhu argateera. Kana booda paaspoortii, ID isaa irratti Alii Biiraa jedhamee waamamuu eegale.

- Artiist Alii Birraa; Umurii isaa waggaa 14tti garee muuziqaa Dirredawa "Afranqalloo (The Four Children of Qallo)" jedhu keessatti hojii muuziqaa jalqabe. (Miseensonni baandichaa dargaggoonni garee B keessaa umuriin didiqqoo turan. Alii Birraan hojii isaa isa jalqabaa keessatti baay'ee beekamaa waan ta'eef garee A tti makame.)

- Artist Alii Birraa bara jireenya isaa waggaa 50 muuziqaa keessa ture. Albamii fi sirboota tokkicha hedduu hojjateera. Biyyoota addunyaa keessa naanna'ee hojiiwwan muuziqaa isaa dhiheesseera.

- Artist Alii Birraan Afaan Oromoo, Hadar, Somaalee, Amaariffa, Afaar fi afaan biyya alaa irraa afaan Ingiliffaa fi Ispeeniin sirbuu irratti dandeettii ajaa'ibaa qaba ture. Meeshaalee muuziqaas taphachaa kan ture yoo ta'u, qindeessaa sirbaa fi walaloo ture. Afranqalloon alatti garee muuziqaa adda addaa keessattis hojjetee jira.

- Afaan guddinna Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, artistoota hojii aartii isaa waliin itiyoophiyanota walitti hidhuudhaan, jaallachuu fi wal bira qabuun ummata Oromoo guutuu fi ummata Itoophiyaa guutuu biratti artistii gammeessa jedhaman keessaa isa jalqabaati.

-Gumaacha gaarii bara jireenya isaa keessatti taasiseef; Biyya keessaa fi biyya alaa keessatti badhaasa hedduu badhaafameera.
Fkn: Dirredawaa fi Jimmaa irraa Doktarummaa kabajaa argatee, Dirredawaatti paarkiin tokko moggaafameef, Adaamatti  daandiin tokko moggaafamefi jira. Naannoo Oromiyaatti badhaasni addaa Nishaan kennameef... Beekkamtii fi badhaasa biroo hedduu argateera.

-Kabajamoo Dr. Artist Alii Birraa haadha warraa isaanii waliin ta'uun dhaabbata naamusaa "Birra Children's Education" jedhamu hundeessuun "barnoota daa'immaniif" deeggarsa taasisaniiru.

- Dr.Artist Alii Birraa kaleessa umrii waggaa 75tti addunyaa kanarraa boqote.

Kana qofa miti....Kun gabaabinnaani...

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Safara yeroo fi iddootin kan hin madaalamne, bakka kamittuu fi yeroo kamittuu kan argamu, seera harkisa lafaa taateen cabsu wayii jira. Innis 'Jaalala' dha.

Oshoo
@Jechootahayyoota
Waan isaan dhaga'uu barbaadan qofa akka itti himtu namootni barbaadan hedduudha. Wanta isaan yaadan yoo hin dubbattu ta'e ati dogongora. Isaan halluu magariisaa fi diimaa yoo jaalatan ati mirga keelloo jaalachuu hin qabdu. Inumaayyuu halluun keelloo jedhamu hin jiru siin jechuu danda'u. Sidha malee isaan waan barbaadan dubbachuuf mirga qabu. Wanta isaan barbaadan yoo hin dubbanne ta'e ati sirrii taatus sirrii miti. Akka bifa Harree biyya wal fakkaachuun itti faarfamu keessatti "Ana" ykn "Of" taatee dhabbachuun akka cubbuutti lakkaa'ama.

Kitaaba Eefreem Siyyum irraa!!
❀❀❀❀❀❀❀❀
Obboloota koo sinan jaaladha!


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
πŸ•΅#Qalbiin_jeeqamuu_[Anxiety_disorders]

πŸ’Jeeqama rakkina darbe irraa maddu (Post Traumatic Stress Disorder, PTSD]
-Gad-cabina qalbii yookaan sammuu (Depression]
-Jeeqama miidhaa sammuu kan deddebi'ee dhufu [Manic depressive distress/ Bipolar disorder]
-Dhukkuba sammuu (Schizophrenia]

πŸ™…#1_QALBIIN_JEEQAMUU (Anxtiety Disorders]
Dhukubichi gadda hamma hin-qabne, rirrifachuu cinqamuu nama irraan gahuu danda'a.
Mallattooleen dhukkubichaa yeroo baay'ee waan armaan gadii dabalatu:
β€’ Guddina dhiibbaa dhiigaa,
β€’ Ol-ka’ina rukuttaa laphee/ onnee,
β€’ Dhukkubbii garaa, (kan akka haqqisiisuu namatti dhagahamuu)
β€’ Hurgufamuu qaamaa,
β€’ Rifannaa ribuu fooni (muscle tension),
β€’ Boqonnaa dhabinni namatti dhaga'amuu,
Hirriba dhabuu.


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
JEEQUMSI SAMMUU MAAL?
Jeequmsi sammuu akkaataa yaadaa,akkaataa hubannaa fi amalaa ilaalchisee nama tokko
mudachuufi qaqqabuu danda'a. Akkas jechuunis jecha gara-biraan, yaadn i, hubannoo fi amali
namoota akkanaa wal fudhachuu dhiisuu danda'a jechuudha.
Kunis waliti dhufeenya namaa wajin qabaatan, jiruu fi gammachuu jireenya isaanii hamma
malee tuga. Namoota birattis akka malee hubatamuu danda'u.
Jeequmsa sammuu qabaachuun namichaaf rakkina akkasuma maatii isaafis rakkina dha. Haa ta'u
malee waan itti qaana'an miti.
JEEQUMSA SAMMUU MAALTU FIDA?
.
#πŸ’itti fufaa..

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA

YAADAFπŸ‘‰ @Yaadawaljijjiruufbot
#Saykolojiiin_akka_je'utti
Hantuutni nyaata πŸ§€πŸ§€πŸœπŸ› malee guyyaa 14 turuu ni dandeessii

@Jechootahayyoota
Gaafa na bira dhuftu...

Elaa yaa nama koo. Gaafa na bira dhuftu wallaalummaan koo anayyuu na miidheeraatii waanuman xinnoo beeku qofa narraa fudhadhu. Dadhabinni koo sis jilba si buusaatii jabina jabina waan urgooftu qofa narraa dhaali. Jibbi koo jireenya koo dukkana hamaa godheera. Isa dhiisitoo jaalalan qabda jettee yaaddu qofaaf xiyyeeffanoo kenni. Balleessaawwan koo irraa baradhuu malee isaan irra hin deebi'in. Nama waanan ta'eef gaarummaa xinnooshee hin dhabuutii isa narraa fudhu.

Adaraa kee gaafa na bira dhuftu na beekuuf hin dhufin kan beektu hundi sin fayyaduutii. Narraa waa beekuf koottu. Xinnooshees taatu narraa waa beekuuf koottu.

Obboloota koo sinan jaaladha!
πŸ™Halkan Gaarii!!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

YaadafπŸ‘‰ @yaadawaljijjiruufbot
Kitaabni bilisummaa dhuunfaa koo akkan mirkaneeffadhu daandii na taasisedha. Dubbisuu kanan jalqabe yeroon umurii 3 ture irraa yoo ta'u, Magaalaa baadiyyaa xinnoo Misisippii irra darbee addunyaa akkan beeku na taasiseera.

Β© Oppiraa Wiinfireey


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Warshaa Aarrii

Dargaggeessi tokko daandii irra qofaa isaa otuu deemaa jiruu Jaarsa rifeensi mataa isaanii fi areedni isaanii adii luuccaa ta'an tokkotti dhufa. Dugda isaanii dadhabde utubuuf ookkoo qabatanii deemu turan. Dargaggeessichi isaanitti qoosuu barbaadetu "Abbaa koo warshaan jirbii kun eessatti argamaa?" jedhee itti kolfaa gaafate. Maanguddoon Kunis deemsa isaanii irraa akka dhaabbachuu wayii jedhanii "Innillee asuma dhiyoodha. Garuu, adeemsa kee kanaan bira hin geessu" jedhanii darbanii deeman.

'Wanti salphaafi qoosatti dhufu yaada badaa qofa'

Obboloota koo sinan jaaladha
Ani @Abdetuor dha


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Hanga argitu caalaa

Mucaan xiqqoon tokko abbaa ishee waliin markabaan deemaa turte. Guyyaa ifaa fi qileensaa hawwataadha.
Mucaan sun abbaa isheen, 'homaa arguu hin danda'u ' jetten; rakkoo hojjaa ta'uusaati.
Abbaanis olfuudhee gurmuusaarra ishee kaa'e. Isheenis namoota bakkicha jiran hundumaa gararraatti olkaatee wantoota naannoo jiran arguu dandeesse.
"Abbaako!" jette, "Hamma ijjikoo ilaaluu danda'u caalaa arguun danda'a!"

Dubbiin mucaa kanaa hiika mul'ataa ofkeessaa qaba.

Mee mul'ata, ilaalcha, ogummaa fi dandeettiikee olkaasi! Gaafa sana hanga ijaakeen argitu caalaa waan argitu ni qabaatta.

Bara milkaa'inaa siniif haa ta'u!

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
JECHOOTA HAYYOOTA
Photo
Akkami?

Paayileetin xiyyaara Uummataa tokko osuman nagaan balaliisaa jiruu, balaliisaan jeettii tokko dhufee maddii isaa balaliisuu eegala. Achi booda raadiyoo qunnamtiitin erga nagaa gaafatee booda "Akkami xiyyaara Uummataa kana balaliisun nama nuffisiisa mitii? Turi al tokko sittan argisiisa" jedhee jettii isaa gaggaragalchee agarsiisa adda addaa erga itti mul'isee booda "Akkami?" jedheen. Balaliisaan Xiyyaaraas "Ajaa'iba baayyee nama dinqa. Ammammoo na ilaali" jedheen. Balaliisaan jeettii waan ta'uuf jiru arguuf hawwee eega Xiyyaarichi garuu daqiiqaawwan muraasaf haaluma dura tureen balali'aa jira. Daqiiqaa 15 booddee Balaliisaan Xiyyaaraa raadiyoo qunnamtiitin "Akkami?" jedhee gaafate. Balaliisaan jeettii "Maaltu ta'e? Anoo waan haaraa hin argine" jedheen. "Animmoo yeroo kana gidduutti mana fincaanii deemee, achii booda kuduraa muraasa nyaadhee, ammammoo buna buufadheen dhufaa jira" jedheen. Balaliisaan Jeettii garuu warreen kana gochuu hin danda'u.

Egaa yaa nama koo ergaa xinnoon barreeffamni tun siif dhaamtu yoo jiraate ogummaa fi hojii namaa kabajuudha. Wanti ati dandeessu nama biraaf ciigoo ta'uu mala. Kana abdattee hin namarratti hin boonin. Sababbiin isaa ammoo wanti si bira hin jirreefi raajii sitti ta'u ammoo nama sana bira jiraachuu mala waan ta'eefi.

Obboloota koo sinan jaaladha
Isinis warra jaalattaniif qoodaa
Ani @Abdetuor dha
@Jechootahayyoota
Daandiin ani irraa adeemaa jiru mijataa miti jettee duubaatti hin deebi'in. yeroo baay'ee karaawwan rakkisoo ta'an gara bakka bareedaatti waan nama geessanif

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Maddi rakkinaa inni guddaa fi hangafaa namoota sirrii iddoo dogoggoraa taa'aniini dha. Namoota abjuu nama biraa keessa jiraatan ykn jiraachuun ofii isaanii dadhabsiisan. Rakkinni rakkoo tahee umurii akka dheeratu kan taasisu isaan ofii isaanii ilaalcha nama biraan of bocani dha. Ofii isaanii dhiisuu nama biraa ta'anii namoota ofii isaanii dibamaniin dha.

Namni ati mootii taata, ati doktora taata fi kkf jedhamani yeroo tahetti waan jedhaman sana tahuuf ni yaalu. Kallattii kamiinis tahu wanta jedhaman sana tahanii ni argamu. Namoonni akka kanaa madda rakkinaa ijoo tahuun ni beekamu. Abjuu nama biraa fiixaan baasuuf jireenya isaanii boqonnaa malee jiraatu. Gaaffii keessi isaanii isaan gaafatu deebisuu irra Wanta namni biraa isaanii hawwe sana keessatti ofii isaanii ilaalanii kallattii namni biraa boceef irra ofii isaanii deemsisuu filatu. Galma ofii dhiisanii galma namaa irra deemu. Galma nama biraa galmaan gahuuf yaadu. Yeroo kanatti madda rakkinaa tahuun argamu. Ofii isaanii madda rakkinaa tahuu hubachuu hin dandahamu maalifii abjuu nama biraa keessa waan ofii isaanii dhoksaniif dhokatanii jiraachuu filatu.

Abjuu nama biraa keessa ofii kee keessee adunyaa tana balleessuu, faaluu, rakkisuu irra abjuu dhabuu wayya. Maaliif? Waan hin qabne waan beektuf waan qabaachuu qabdu sana immoo guyyaa tokko qabaachuuf barbaaduu ni eegalta.
Haala kanaan ofii keenyas dhabnee, dhalootaa dhabaa deebna. Nama falaa tahuu irra adunyaa faalaa jiraanna. .

Abjuu kee haatii fi abbeen kee siif hin beekani. Mul'ati kee eenyummaa bira hin jiru. Abjuun hin dhaalamu. Abjuun hin hatamu. Abjuun yaada wanta hin qaqqabamne gara wanta qaqqabamuutti jijjiiru dha.

Abjuun beeluun fi dheeboo keessaa kan nama baasu dha.
Abjuun dhalootaaf faloo ta'uu, rakkina ija furmaataan ilaalu tti karaa nu baasu nu agarsiisa.

Anjuun kee eenyummaa kee ti. Eenyummaa kee sirrii keessa jiraa dhu.
Eenymaan kee sirriin dhalootaaf fala siif abjuu dha.


Coba Yaadaa πŸ’§βœοΈ @Abdetuor


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
2024/09/29 21:36:10
Back to Top
HTML Embed Code: