Telegram Web Link
......Liqiin Itoophiyaa irra jiru Birrii Tiriliyoona 2.01 gahee jiraachuu Ministeera Maallaqaa madda godhachuun Gaazexaan Reportar gabaaseera.

........Hammi idaa kun Oomisha walii galaa biyyaattii (GDP) keessaa dhibbeentaa 50.8 akka ta'es ibsameera.

..........Idaan kun liqaa dhaabbilee idil Addunyaa fi kanneen biyya keessaa jiran irraa kan fudhatamee ture akka ta'es gabaasichi eeree jira.

.......Ragaan gabaasaa idaa kan Ministeerri Maallaqaa fi diinagdee Itoophiyaa tibbana ifa baase kun Liqaa hanga Fulbaana 2020'tti biyyaattii irra jiru kan ibsuudha jedhameera.

......Itoophiyaan liqii biyya alaa kana ofirraa tursiiftee kafaluu yoo tahe malee akka haqamuuf gaafachuuf karaan itti cufaa dha kan jedhan ogeeyyiin dinagdee gama isaaniitiin,kana gochuu baannaan liqaa dabalataa biyya alaarraa gaafachuuf karaatu itti cufama jedhu.

.........Diinagdeen Itoophiyaa akka kufuu fi qaala'iinsi jireenyaa daraanuu hammaataa dhufuu isaatiif sababa kan ta'e raafama siyaasaa fi nageenyaa dhabuu biyyattiitti jechuun hayyoonni Diinagdee fi Siyaasaa yeroo gara garaatti yaada kennaa turaniiru.

.......Itoophiyaan rakkoo siyaasaa keessa jirtuun wal qabatee bara 2021tti guddinni dinagdee ishii gara dhibbeentaa 0tti akka kufu jaarmayaan maallaqaa idil addunyaa IMF dhihoo kana gabaasuun ni yaadatama.
@infosanews
@infosanewsbot
...........Biyya Saa'ud Arabiyaa magaalota hedduu keessatti Poolisoonni biyyattii Lammilee Itoophiyaa adamsuun hidhatti
guuruun daraanuu hammaatee jira jechuun baqattoonni himan.

...........Magaalota akka Riyaad, Jiizan,Jiddaa fi Magaalota xixiqqoo baadiyaa keessatti argamanittis baqattoota baay'ee qabuun Manneen dhiphoo ta'an keessatti ugguruun dararaa akka jiran Shamarreen biyya san jiraattuu fi kan hiriyoonni isii jalaa hidhaman takka bilbilaan OMN'tti himtee jirti.

.........Akka Shamarreen odeessa kana nuuf kennite jettutti, waytii ammaa kana Poolisoonni Saa'ud Arabiyaa baadiyaalee biyyattii keessa bobba'uun bifa haaraadhan Baqattoota Oromoo kanneen lakkofsaan hedduu ta'an iddoo hojii isaaniitii ukkamsanii qabuun hidhatti darbataa jiran jechuun dubbatti.

......."Kanneen asiin dura manneen hidhaa gara garaa keessatti baatilee hedduuf dararamaa turan osoo gara biyya isaanitti akka galan hin taasifamne ammas dabalataan namoota haaraa qabuun gara jabeenyaan walirratti tuulanii miidhaa qorqalbiitiif nama saaxilaa jiru" jetti Shamarreen Saa'ud Arabiyaa irraayaada nuuf kennite tun.

.......Embaasiin Itoophiyaa Saa'ud Arabiyaa jiru rakkoo lammiilee biyya isaarra gahaa jiruuf gurra hin qabu jechuun baqattoonni rakkoon kun irra gahe hammeessanii himatu.

@infosanews
@infosanewsbot
INFOSA News
Photo
........Miidhaa masjiida Al-Najaashiirra gahe qorachuuf koreen ijaarame.

.....Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti kan argamu Masjiidi Al-Najaashii lola naannicha keessa tureen haleelamee miidhaan irra gahuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itoophiyaa hime.

.......Afriikaa keessatti masjiida umrii dheeraa qabu kan ta'e masjiidi kun waggaa lama dura bara 2018 deggersa mootummaa Tarkiitiin haaromfamee ture.

......Akka maddi oduu biyya Tarkii Anaadooluu Eejansii gabaasetti masjiidni kun bakka mootichi Ahimad Nejaashi jedhamu itti awwaalame yoo ta'u, awwaalchi isaa fi kan waahillan nabiyyuu Muhaammad 15 ta'aniis achi jira.

......Masjiidi kun bara 1954 keessatti kan hundaa'e yoo ta'u Itoophiyaan biyyoota jalqaba amantii Islaamaa fudhatan keessa jiraachuuf fakkeenyadha jedhama.

.....Masjiida kanarra miidhaan akka gahe quba qabaachuu BBC'tti kan himan Direektarri Itti Aanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itoophiyaa Obbo Ababaawu Ayyaaleewu, gareen miidhaan gahe hagam akka ta'e qoratu lama garas erguuf akka jiran himaniiru.

@infosanews
#Seer_Mallee

*Godina Harargee Bahaa Aannalee Tokko Tokko keessatti hojjattoota Mootummaatin dhibbaan nurra gahaa jirra.

*Hoggantoonni waajjira Motummaa akka wan Mootummaan yoo issan nama tokko hississaan Aangoon dabalamuufitii Namoota nagaya Maqa sobaa mooggasuufi xuureesun hidhaa jiruu jedhee .

* Namonni tokko tokko Fuula facebooka soba baanuun Kabbiinoota Motummaa arbsuu kun immoo hoggantoota waajjira dhabba fi Hawaasa giduutii wal shakkii ummuun namonni hedduun hidhamuuf saaxilamanii jiruu jedhaa miseensi keenya.

...... Dhimma hojjii tokkof Wajiira Mootummaa tokko demtee yoo atti nama achii keessaa Beekuu batee ykn malaqa Qabachuun batee namani sii keesumeessu hin jiruu Issa kana komachus hin dandesuu yoo kommate Shanee sin jedhuu nun jedhee miseensi keenya Kun.

......Kaadireen Aannale fi poolisii addaa naannoo Oromiyaa waliin tahuun sababa shanee balleesina jedhuun hawaasaa naannoo goolaa jiraachuu nutti himme jira.

@infosanews
@infosanewsbot
Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa, Yuunvarsiitii Bulee Horaa fi godina Gujii Lixaa waliin ta’uun yaadannoo galmee UNESCO sirna Gadaa Oromoo waggaa 4ffaa sirnoota garaagaraatin kabajaa jira.

Yaadannoon kun magaalaa Bulee Horaatti baatii Amajjii 1fi 2 ni kabajamaa jedhameera.

Magaalichatti yaadannoon galmee UNESCO kun sirnoota garagaraa kanneen akka Kora Gadaa fi agarsiisa sadarkaalee Gadaa Oromoo Dabballee-Gadamoojjii akkasumas agarsiisa meeshaalee fi nyaata aadaa garagaraatiin kabajamaa jira.

Yaadannichi bakka keessummoonni sadarkaa naannoo fi federaalaa, akkasumas Abbootiin Gadaa fi ummanni baldhaan argametti kan kabajamu ta’uu Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessisaa beeksisan.

Kaayyoon kabaja yaadannoo galmee UNESCO sirna Gadaa Oromoos bara baraan galmee Gadaa dhaadhessuu qofaaf osoo hin taane duudhaalee sirna Gadaa Oromoo keessatti argaman cimsuu, jajjabeessuu fi beeksisuuf kan kaayyeffatedha.

Maddi: FBC
@infosanews
@infosanewsbot
BBC’nis kunoo dhugaa baase. Masgiida Al Najjaashii kan barbadeesse waraana Bilxiginnaa fi waraana Eertiraati.

“Dhaabbatni tola ooltummaa biyya Beeljiyeem mandheeffate Muddee 18 akka gabaasetti kan [masgiida Al-Najjaashii]dura barbadeessee fi boodas saame waraana Itoophiyaa fi Eertiraati” jedha BBCn.
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraa keessatti barsiisota
Afaan Oromoo hidhattoota finxaaleyyii Naannoo Amaaraarraa
aanicha seenanii doorsifama jiraachuu OMN-tti himan.
Aanaan Darraa lafa daangaa Oromiyaa fi Naannoo Amaaraa
addaan baastu yoo taatu, bulchiinsa Mootummaa Oromiyaa
jalatti Godina Shawaa Kaabaa keessatti kan argamtudha.
Lafti Darraa Lafa qonnaan bulaa Oromoo kan dhalattoota Aslii
Afaan Oromoo dubbatanii ta'us, qubattootaafi namoota
daangaa as darbaniin yeroo dhihoo asitti kan durii caalmaatti
dhaalamaa jiraachuu maddi keenya kun ni hima.
Aanicha keessaa Manneen Barnootaa Afaan Oromoo 22 ol
jiraachuu kan himu Barsiisaan achirra dubbisne, barsiisotni
Afaan Oromootiin gosa barnoota adda addaa barsiisan aarsaa
lubbuu kaffalaa jiraachuu ragaa ba'a.
"Bara darbe barsiisota Afaan Oromoo lama, maalif Afaan
Oromoo barsiiftu jedhamuun rasaasa humna miliishaa
Naannoo Amaaraatiin gara daangaatti geeffamanii ajjeefaman"
jechuun kan dubbatu barsiisaan dubbisne kun, sababni
ajjeefamuu barsiisota kanaas Afaan Oromoo mootummaan
kitaaba maxxansiisee akka baratamu hayyame barsiisuu
isaaniitiif qofa ta'u hima.
"Bara darbe ajjeefamuun barsiisota kanaa utuu seeraan hin
ilaalamin sababa Koronaatiif adeemsi baruufi barsiisuu adda
cite. Bara kana ammoo yeroo gara barnootaatti deebinutti
doorsofni kan durii caalmaa humna qabu barsiistota
Oromoorratti raawwatamaa jira" jechuun barsiisaan kun OMN-
tti himeera.
Dhimma barsiisota bara darbe ajjeefaman kanaa ilaalchisuun
biiroo barnoota Oromiyaa kan Aanaa Darraafi godina Shawaa
Kaabaatti si'a hedduu iyyatanii deebii akka dhaban barsiisaan
kun yoo himu, "Aanaa Darraa keessaa bakka barsiisonni
Oromoo itti ajjeefaman kana uummatni ijoolleen keenya Afaan
Oromoo nuuf haa baratan jechuun dhiibbaa taasisus, hidhataan
naannoo Amaaraa Gandicha keessa seenuudhaan saba
Oromoo akka fedhe taasisuurra darbee nu barsiisota waan
doorsisuuf bakkicha jiraachuuf wabii lubbuu hin qabnu"
jechuun miira gaddaatiin dubbata.
"Nut barsiisonni 60 ol taanu, mallattoofi maqaa funaannee,
rakkoo kana mootummaan akka nurraa qolatu gaafannan,
mootummaan ammoo faallaasaa miindaa keenya qabee jira.
Godinnis ta'e Naannoon Oromiyaa qooda dhimma kana furuuf
yaaluu qabu, faallaasaa rakkoo barsiisota taasisee akka waan
nuti bakka sana deemnee barsiisuu fedhii hin qabneetti
hubataa jira." jechuun yeroo ammaa kana tilmaamaan
barsiisonni 64 ta'aan Aanichatti miindaan irraa citee rakkoo
keessa jiraachuu barsiisaan kun himeera.
Waggaa sadii asitti finxaaleyyoonni Naannoo Amaaraa
keessaa, garee ABIN jedhamu jalatti ijaaramuudhaan maqaa
'ristii deebifachuu' jedhuun lafa naannolee isaan daangessanii
saamuufi sabootarratti waraana banuu eegaluusaanii gabaasaa
turuun keenya ni yaadatama.
.....Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee keessatti, poolisiin humna Addaa Oromiyaa itti gaafatamaa Waajjira Fayyaa Arroojii Hoboo kan ta'e ogeessa fayyaa #Adimaasuu Tasfaayee jedhamu rasaasaan ajjeesuu maatiin Issa himan.

........Adimaasuu Tasfaayse ogeessa fayyaa ta'uun ogummaa barateen ummata isaa tajaajilaa kan jiru ta'uu kan himu miseensi maatii nama kanaa,"Adimaasuun hawaasa isaa keessatti hedduu jaallatamaafi nama dhageettii qabu ture" jedha.

......Namni kun ilaalcha siyaasaarra walaba ta'uudhaan hojii
ummata tajaajiluurratti bobba'e, itti gaafatamummaadhaan
Buufata Fayyaa Arroojii Hoboo jedhamu tajaajilaa nama ture
ta'uu isaas maddi OMN kun ni hima. "Adimaasuun Abbaafi Haadha nama hin qabne waan ta'eef, xiyyeeffannoon isaa obbolootasaarra taasifachuun isaaniin barsiisaa ture.

........Sabboonummaa qabaachuu isaarraa kan hafe
siyaasa keessatti nama hirmannaa qabus miti.Utuu nama siyaasaa ta'ees ammoo ajjeefamuun irra hin turre. Ammas sababni inni ajjeefaneef hanga yoonaa gaaffii nutti ta'eera."kan
jedhu namni kun,Mudde 27 waaree booda bakka hojiitii bahee gara mana isaatti galaa osoo jiru, konkolaataan poolisii Humna Addaa magaala Qaaqee Baankii Hojii Gamtaa fuulduratti isa marsanii,gaaffii fi haasaa tokko malee rasaasaan achumatti akka ajjeesan miseensi maatii isaa kun himeera.

@infosanews
@infosanewsbot
#FDREDefenceForce

Rayyaan Ittisa Biyyaa ibsa har'a baaseen hooggantoota garee TPLF 9 to'achuun alaatti Konkolaachiiftootaa fi eegdoota isaanii waliin hoggantoota TPLF 4 tarkaanfii irratti fuudhachuu beeksise.

Hoggantoonni tarkaanfiin irratti fuudhatame ykn ajjeeffaman:

1. Seekkooturee Geetaachaw

2. Zara’ay Asaggidoom

3. Abbabaa Asaggidoom

4. Daani’eel Asaffaa

Hoggantoonni to'annaa jala oolfaman:

1. Aadde Qidduusaan Naggaa

2.Dooktar Salamoon Kindee

3. Obbo Taklaweeyini Asaffaa

4. Obbo Gabramadihiin Tawaldee

5.Obbo Waldagiyoorgiis Dassitaa

6.Ambaasaaddar Abbaadii Zamuu

7. Obbo Tewoodiroos Hagos

8. Aadde Mihirat Taklaay

9.Obbo Birihaane Adam Mahaammad to’annoo jala ooluu eerrameera.

Hoggantoonni kunneen bosonaa fi holqa keessa wayita socho’aa turan adamsoo taasiifameen to’atamuu ibsameera.

@infosanews
@infosanewsbot
Baga guyyaa yaadannoo lola calii calanqoo kan bara 134 ffaa
geeysan ilmaan Murti-Guutoo marti keeysanuu bakkuma
jirtanitti! Baga geeysan baga geenye Seenaa gootota keenya yaadachuun ,dhaloota qubee keeysaa gootota kumaa fii kitila oomishachuudha!

Dhaloota seenaan dhaadatu qofa osoo hintaane nuti dhaloota seenaa hojjatu tahuun dhirqzama dhaloota kanaati!
INFOSA News
Photo
Dr. Huseen Kadir mana hidhaatii gadhiifaman!

Yunivarsiitii Finfinneetti diinii Kollejjii Barnootaa fi Qorannoo Amalaa (Behavioral science) kan ta’an Dr. Huseen Kadir mirgi wabii eeggameefii akka gadhiifaman manni murtii irra deddeebiin ajajullee poolisiin mana hidhaa tokko gara mana hidhaa biraatti daddabarsuun tursisuun ni yaadatama.

Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun kan to'ataman Dr. Huseen Kadir, turti baatii jahaa(6) booda mirga wabiitiin guyyaa har'a mana hidhaatii gadhiifamaniiru.

@infosanews
@infosanewsbot
#FDREDefenceForce

Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonni TPLF biroo to’annoo jala oolan.

Qindeessaa olaanaa Garee TPLF kan ture Sibahaat Nagggaa dabalatee hoggantoonni olaanoon TPLF to'atamuu Raayyaan Ittisa beeksise.

Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonni garee TPLF 9 to’annoo jala ooluu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise.

Haaluma kanaan:

1. Obbo Sibahaat Naggaa

2. Letenaak Koloneel Tse'aaduu

3. Koloneel Kinfee Taaddasaa

4. Koloneel Yemaanee Kaahisaay

5. Asaggadee G/Kiristoos

6. Amdamaariyaam Tasamnaa Tawakdaa

7. Komandar Barihee Girmaa

8. Haati warraa Mejer Jeneraal Hayyaloom Arayaa kan ta'aniifi Ameerikas jiraachas turanii boodarra Finfinnee jiraachaa otoo jiranii garee TPLF'tti kan makaman Aadde Algaanashi Mallas miliquuf otoo fiigduu hallayyaatti kufuun lubbunshee darbuu Rayyyaan Ittisa beeksise.

@infosanews
@infosanewsbot
#DWInternational

Gaazexeessitoonni Afaan Oromoon Dimtsa Wayyaanee (DW international) irra hojjetaa turan ummata dhiifama gaafatan.

Gaazexeessitoota Afaan Oromootiin hojjetaa turan keessaa keessaa sadii magaalaa Maqaleetti fedhiisaaniin Komishinii Poolisii Federaalaa, Biiroo Miidiyaafi qorannoo yakkaatiif haala ture ilaalchisee ibsa kennuusaanii komishinichi beeksiseera.

Gaazexeessitoonni kunneen dhimmoota sabaaafi sablamoota mootummaarratti kakaasuufi walitti bu’iinsa uumaanirratti xiyyeeffachuun akka hojjetan dirqisiifamaa turuu dubbataniiru.

Dhimma filannoo sababa weerara vaayrasii koronaatiin dheerate mormuu, badhaasni Noobeelii MM Dr. Abiy Ahimad sirrii akka hintaane, Wantoota sosochii Doktar Abiy hunda faallessurratti xiyyeeffachuun Afaan Oromootiin akka hojjetan dirqisiifamaa turuu ibsaniiru.

Gaazexeessitoonni kunnin garicha waliin ta’un gocha badii raawwataa turaniif ummata dhiifama gaafachuusaanii Komishiniin Poolisii Federaalaa ibseera.

Via: Ethiopian Press Agency
@infosanews
@infosanewsbot
Beellamni Himatamtoota Galmee Obbo Jawaar Mohammad jalatti argamanii guyyaa borii ta'uu gareen Abukaattota Hidhamtoota siyaasaa Oromoo beeksise.

Beellamamana murtii sadii ol irratti Obbo Jawaar Mohammadfi Obbo Baqqalaa Garbaa dabaltee dhaddacha Yakkaa Lidataarratti hin dhihaatin hafusaanii ni yaadatama.

Dhaddacha Sadaasa darbe keessa taa'ameen Obbo Jawaraafaa mana murtiitti dhihaachuu akka hin feene,sababa waliin heeranii,dhaddachi yeroo naannoo Mana hidhaatti akka qophaa'uuf Xalayyaan Mana Murtii Federaalaa Dhaddacha Yakkaa Lidataa gaafatanii turan.

Manni Murtichaas dhimmicha ilaaluudhaan ji'a Mudde darbe murtii dabarseen cinatti,deebii himatamtootaa ilaaluuf Amajji 4.2013beellama haaraa qabateera.

Guyyaaborii Amajji 4 himatamtoonniifi Abukaattonni dhaddachatti dhihatanii deebii ni kennu jedhame eegama.

* Dhaddachi kun dhaddacha banaa waan ta'eef namni yeroodhaa argame kamuu ol seenee dhaddachicha hirmaachuu akka danda'u gareen Abukaattotaa beeksiseera.#OMN

@Infosanews
@infosanews
Oromiyaatti barnoonni Afaan Affaariifi Sidaamaa kennamuufi

Manneen barnootaa aanaalee Oromiyaa keessatti argaman Mootummaa naannoo Affaariifi Sidaamaa waliin kan waldaangessaan Afaan Affaariifi Sidaamaa barsiisuuf qophiin xumurame.

SadarkaaPirezdaantii Ittaanaatti Qindeessan Kilaastera Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa mootummaa naannoo Affaar waliin kan waldaangessaan manneen barnootaa aanoota Oromiyaa keessatti argaman Afaan Affaar,Mootummaa naannoo Sidaamaa waliin kan waldaangessaa manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman Afaan Sidaamaa barsiisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Tokkoafaan isaa biroo yoo barate obbolummaan,walqixuummaafi kabajaan hawaasaa caalmaatti kan cimu ta’uu fuula feesbuukii isaanirratti ibsaniiru.

Biyyatokkummaa cimaa qabdu ijaaruuf ni gargaaras jedhaniiru.

@infosanews
@infosanews
#Koloneel_Gammachuu_Ayyaanaa har’a erga beellama Mana Murtii irraa deebi’ee Mana Hidhaa Qilinxoo bakka turee waaree booda sa’a 8:45(2:45pmlocal time)fuudhanii Qaallittii geessanii turan.Galagala kana naannoo sa’a 1 (7pmlocal time)Qaallittii irraa baasanii fuudhanii deemanii jiru,bakki geessan hinbaramne.

@infosanews
@infosanews
#EuropeanUnion

Gamtaan Awurooppaa deeggarsa baajataa Itoophiyaaf kennuuf ture dolaara miiliyoona 107 sababa lola naannoo Tigiraayitti uumameen walqabsiisee dhorkuu beeksise.

Gamtichihanga jaarmiyaaleen gargraarsaa naannoo Tigraay keessatti namoota deeggarsa barbaadaniif danqaa tokko malee deegarsa gochuu danda'aniitti,deeggarsa doolaara miliyoona 107 Itoophiyaaf taasisuuf ture dhorkeera.

Barreeffamahar'a Gamtaan Awurooppaa baaseen,dippilomaatiin ol-aanaan gamtichaa Jooseepi Booreela MM Abiy Ahmad haaluma badhaasa Noobeelii Nagaa kana dura argataniitiin lola naannoo Tigraayiitti uumame dhaabisiisuuf tarkaanfii akka fudhataniif gaafataniiru.

Itti-dabaluunis,"deeggarsa taasisuuf qophaa'oodha.Garuu dhiyeessitoota deeggarsa namoomaatiif carraan jiru hanga banaa hin taaneetti Gamtaan Awurooppaa deeggarasa bajataa Itoophiyaaf taasisuuf ture hin kennu,"jedhaniiru jechuun BBC'n gabaaseera.

@infosanews
@infosanews
Warshaan Daboo Shaagaar Ji'a 5n darbee kanatti Biri miliyoona 70 Akka dhabee himame.

WarshaanDaboo Shaagaar Ji'a 5n Darbee kan keessatti guyyati Daboo kuma 700 hanga kuma 800 Manneen daldalaa 400 olif Finfinnee fi naannawa isheti raabsa turrule Biri miliyoona 70 Kasssaree(Dhabee)akkajiruu warshiichii ibsee jiraa

Kun Kan ta'u danda'eef Gattin Bitta Wantoota Daboo Oomishuuf Barabachisaan Kan akka Gaarbu Fi Gattin Gurguurta Daboo Kan wal simatuu mitii jedhee .

@infosanews
@infosanews
hi
2024/11/20 03:27:43
Back to Top
HTML Embed Code: