Telegram Web Link
Weebsaayitii/ Moosaajii haaraa waldaa keenyaa afaan sadiin kan hojjetu yeroo hojii jalqabsiifnu gammachuu guddaadhaani. https://www.adamabkchurch.org seenaa daawwadhaa.
Join www.tg-me.com/adamabkchurch
Jechoota kitaaba dubbisuun walqabatan kan ergaa guddoo nuuf dabarsan kana dubbisaa.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬

【1】 Namni osoo kitaaba dubbisuu dandayuu kitaaba hin dubbifne, nama dubbisuu hin dandeenyerra hin caalu.

【2】“Aadaa ummata tokkoo balleeysuuf kitaaboota gubuu hin qabdu. Akkuma ummanni isaan dubbisuu dhaabu godhi.” ~Ray Bradbury

【 3】“Ani sababa Televisiyoonaatiin baay'een baradhe. Yeroo namni tokko isa qabsiise, ani immoo kutaa biroo seentiin kitaaba dubbisa. ~ Giruuchoo Maariks.

【4 】"Namni dubbisu osoo hin du'a dura hoggu kuma jiraata....namni hin dubbifne garuu hogguma tokko qofa jiraata!" ~ Ji'oorji R.Maartiin

【5 】"Yeroo hoggu takka gama kitaabaa mil'attu, sagalee nama waggaa 1,000 dura du'e dhagayuu malta. Kitaaba dubbisuun yeroo keeysa imaluudha." ~ Kaarl Saagaan

【6 】"Ani kitaaba malee jiraachuu hin dandayu." ~Tomaas Jefersoon

【 7】"Akkuma namni kitaaba dubbisuu qabdu si agarsiisu kitaabniis nama dubbisuu qabdu si agarsiisa." Ilyas Abdella

【8 】“Yeroo hundumaa Jannanni jaarmaya mana kitaabaatiin walfakkaataa akka tahettiin yaada.”
―Joorji Luwiis Boorgees

【9 】“Kitaabiilee gaggaarii dubbisuun akka namoota sammuu cimtuu qaban kan jaarraawwan darban keessa jiraatanii boqotanii waliin haasawuuti.” - Deeskaartis

【10 】"Dubbii kitaabotaa irraa kan nama dinqisiisu kanuma. Miila kee iddoo teeysu irraa osoo hin sochoosin akka addunyaa naanooytu si taasisa.” - Jhumpa Laahiri

@ifargantech
GULUBII
-----------———-
Dirra jechuuf ilkaan midaa
Lafee jechuuf caba didaa
Hin qircamu, Hin waadamu
Gar-laafummaan hin yaadamu!

Itti hin nahu, nan gojomsu
Fedhii nyaata koo hin sonsu,
Akka tasaa, wal qajjisee
Laaqana koo keessa dhufe,
Isa ilkaan koo jallise
Tuu Gulubii Tuu Gulubii jedheen tufe!
Allaattii ykn Daakkiyyeen kun afaan Ingiliziitiin Pelican Bird jedhamti. Allaattii kun allaattii yeroo beelofte waan afaanshee seensisuu hin dandeenyellee liqimsuu yaaltudha. Kanaafis allaattii albaadhessa jedhamuun beekamti. Kuni ta'ee garuu bara hamtuufi bara beelaa gaafa ilmaan ofii waan nyaachistu dhabde ilkaan ofiitiin laphee ofii dhiigsitee ilmaan ishee dhiigashee sooratanii akka lubbuun turan gooti. Madaa kanaanis duuti. Allaattiin albaadhettii jedhamtee beekamtu kun dhala ofiif kana mara garaa laafti. Haadhummaafi gara laafummaa gita hin qabne 🥰 Ilmi namaa gaafa gaafa osoo bineensarraa baratee gaarii ture.
-------
@ifargantech
Yeroo ammaa kana namoonni maallaqa gurguddaa argachaa jiran kara website wordpress irraa ijaaramee blog garaagaraa hojjechuu fi hojii beeksisaarratti xiyyeeffachuudhaani. Atoo website akkasii ni barbaaddaa? Maarree dhaabbanni keenya website akkaasii isiniif kalaquudhaan leenjii barbaachisus siniif kenna. Nu quunnamaa.

@ifargandesigns | 0919778608
Yeroo danuu barattoonni proposal, thesis fi UG research hojjetan document isaanii isa xumuraaf, Pagination, table of contents fi kanneen kana fakkaatan galchuuf ni rakkatu. Barreessitoonni kitaabaas kaffalanii hojjechiifatu. Elaa ani bilisaan karaa salphaan barnoota isaa isiniif qopheesseera. Lin kana tuquun essnaa barabdhaa. https://www.youtube.com/watch?v=mK6s0sbfCY4
GAADDIDDUU ADDUNYAA.pdf
967.6 KB
Kitaaba Baacoo kana dubbisaa ittiin bashannanaamee!
Seenaa garaa nama nyaatuu fi barnoota guddaa qabu kana isin afeereera. Link kana gadi tuquun weebsaayitii keenyarraa dubbisaa. https://adamabkchurch.org/single-blog.php?view?=MzI%3D
Forwarded from Abdisa Ejeta Official Channel (Abdisa Ejeta)
#QUALIFIED
After a long term struggle that's full of restless days and nights, stressful events and an extensive effort, especially during the 6(+) years stay in the campus, my childhood dream came true. I remember the first day my elementary teacher asked me what I want to be in the future and I replied him saying "I want to be a doctor!" Today, this is done, and I became a qualified Medical Doctor. Thanks to my Almighty God!🙏🏻

Jabaan Waaqi; galannis kan isaati!
Natti tolee jira!💪😍
Dr. Abdisa Ejeta
New Book Cover Design by @ifargandesigns and written by @Ye_roo
Warri TapSwap hojjechaa jirtan jabaadhaa. Dhaabbatichi BlockChain "TON" waliin akka hojjetuu fi Airdrop karaa sanarraa akak Excange gochuuf jiru beeksiseera.
TON, TapSwap and BlockChain communities are LIVE on X now talking about Tapswap. You might join on ... https://x.com/i/spaces/1LyGBnnbWanGN
Yeroo baay'ee yaada keenyaan of miina. Namoonni maal naan jedhu? Namootatti maal fakkaadheen mul'adha? Haalli uffannaa koo, bocni qaama koo namoota biratti akkami laata jennee yaada keenyaan of dhiphifna. Isaan kunimmoo mul'ata keenya coolagsiisu, ofitti amanamummaa keenya ajjeesu. Isaawwan kana hunda akka daawwitii xuraa'aattin fudhadha. Amma barbaadde qaama kee qulquleessitee otuu daawwitii xuraa'aa keessatti of ilaaltee xuraawaa taatee ofitti mul'atta. Ofitti fokkifta, of jibbitas. Lammaffuu deebitee daawwitii sana keessatti of ilaaluu hin barbaaddu. Haamileen kee cabeetu fuula kee guurtee of duuba deebita. Maal ani namni fokkataa akkasii jettee jecha nagatiivii ta'e ofitti dubbatta. Ofitti amanamummaan kees ni du'a. Garuu daawwitii sana osuu qulqulleesitee keessatti of ilaaltee ofitti bareedda, caalchiftee of jaalatta, deddeebitee of ilaalta. Sa'aatii of ilaaltu kanas ni seeqxa, seequun kee kunis onnee kee irraa waan ta'eef boqonnaatu sitti dhagahama. Ofitti amanamummaan kee ni dabala. Fuula kee, rifeensakee, boca qaamakee as garagalchitee achi garagalchitee ilaalta. Yeroo kana hundaa ofitti bareedda. Kunneen hundi gatii kee akka beektuu fi mul'ata keetti akka cichituuf si gargaaru.

Egaa wantootnis ani jalqaba kaases isaanuma kana. Namoota keessatti of ilaaltu, namoota waliin ooltu filachuu dhabuun miidhaa akkamii akka qabudha. Filachuu qabda, naannoo kee qulqulleesuu qabda. Hiriyummaa kee qulqulleessuu qabda. Jechoota namoonni siin jedhan hundaan miirrikee hin faalamiin, namoonni waa'ee kee eeyyama kee malee dubbachuu akka hin dandeenyes barsiisi. Namoonni akka kabaja kee sharafan tasumaa hin eeyyamiifiin. Waanta namoonni jedhan hundumaas gara dhuunfaa keetti maxxansitee hin fudhatiin. Namoota waa'umee waliin ooluu, haasawuu fi hojjechuu irraa of dhorki. Barruuwwan beekumsa siif dabalan dubbisi, hojiiwwan maallaqa account kee irratti guddisan hojjedhu, nyaata fayyaa qaama keef filatamaa ta'e filadhuu sooradhu. Yeroo ofiif kennii waa'ee kee waan sirrii ofitti dubbadhu, Yeroo murtaawe murtaaween sosochii qaamaa taasisi, fuula kee fi qaama keetiifis sukkuummaa (Massage) godhiif. Sa'aatiidhuma hojii hojjettee maallaqa argattetti waan gaarii ta'e tokko ofiif godhi. Of badhaasuu shaakali. Isaan kunneen hunduu daawwitii qulqullaa'aatti fakkeeffamu. Akkaataa kanaan nama mu'ataa, nama milkaa'aa, nama of jaalatuu fi nama namootaan jaalatamu taata.

Ifargan Guddataa Itichaa
Coba wayii, yaada galaanarraa!
2024/06/29 16:00:51
Back to Top
HTML Embed Code: