Telegram Web Link
Asoosama.pdf
455.7 KB
asoosama: Kanaa'ol Badhaadhaa



#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
HIDHAA JAALALAA.pdf
329 KB
Asoosama: beeknaan Rabbirraa



#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Miltoo_Jijjiiramaaf!.pdf
139.7 MB
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
QAALII.pdf
55.8 MB
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Yeroo hojii mataa keetii eegaluuf karoorfattu gaaffilee armaan gadii if gaafadhu!

๐Ÿ’ฅ 1.  Hojii kana sirnaan akka ana irraa eegamutti beekaa?
Tarii hojjettoota hojicha beekan qacaruun rakkina kana furuu yaalta ta'a; haata'u malee, yoo hojicha sirnaan hin beekne hojjettoota kee sana sirnaan to'achuu hin dandeessu.
Kanaafuu hojii sirnaan beektu filadhu.

๐Ÿ’ฅ 2. Hojii kana nan jaalladhaa moo qarshii qofaafan hojjechuu barbaadaa jira?
Jaalala hojichaa hin qabdu taanaan yoo biizinesiin kee qarshii maddisiisuu irratti booda hafe carraan abdii kutattee booda deebi'uu keetii guddaadha.

๐Ÿ’ฅ 3. Namootan gabaa keessatti faana dorgomu beekumsaan nan caalaa?
Namoota oomisha yookaan dhiyeessii keetiin faana dorgomtu biratti beekumsa kee madaaluun gaariidha. Haala maamiltoota qabachuu fi jaallatamummaa dhiyeessii keetii caalchisuu yaaduu qabda.

๐Ÿ’ฅ 4. Waan haaraan qabadhee gabaa itti ba'aa jiraa?
Maamila baayyinaan kan argattu waan haaraa yookaan fooyya'aa yoo qabattee dhiyaattedha.
Bakka namoonni muuxannoo yeroo dheeraa qaban jiranitti waanuma duraan ture qabattee yoo dhiyaatte carraan milkaa'uu biizinesii keetii baayyee xiqqaadha!



#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
HIN GAABBU (Jawaar Muhammad)_241231_103817.pdf
65.2 MB
Kitaaba: #HIN GAABBU
#Afaan Oromoo


#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Akkamittan rakkoo koo keessaa bahuu danda'a?
Har'a irraa eegalta:

Waan barbaadde qofa irratti xiyyeeffadhu

1, Sammuu kee keessatti, Bu'aa barbaaddu irratti yaadi.

2, Qabatamaan: Namoota bu'aa barbaaddan beekan waliin ta'aa.Miidiyaalee bu'aa keessaniif karaa isin agarsiisan qofa hordofaa.Kitaabonni bu'aa barbaaddan akkamitti akka argattan isin agarsiisan dubbisaa. Hojii gara waan barbaaddutti si geessu guyyaa guyyaan, tolaan illee, jaalala onnee keetiin hojjedhu. Rakkoo qalbii keetiin baattee deemuuf fedhii hin qabaatin.

3, Jecha keetiin Yeroo hundumaa waa'ee fedhii keetii haasa'i.Waa'ee waan ta'aa jiruu osoo hin taane waan ta'uu barbaaddu haasa'i.

Guyyaa guyyaan wantoota kana qofa hojjedhu, halkan kontiraata kee cufiitii waan boriif sirreeffamuu qabu yaadi.

Halkan osoo hin ciisin dura daqiiqaa digdamaaf siree irra ciisiitii jireenya akka fiilmii bal'inaan jiraattu yaadi.

Kanas akkuma ganama hirribaa kaateetti raawwadhu. Fedhii keetiin kana yommuu gootu qalbiin kee ofumaan gara yaada garii bua'a adatii si geessa. Sana booda fedhiidhaan qalbii kee gara yaada fedhii keetii geessu. Kun salphaatti qalbii leenjisuu jechuudha. Kana irra deddeebitee yommuu gootu bu'aa dinqii karaa miidiyaa namoota hedduu barsiisuu dandeessu argatta.

Namni buโ€™aa yaada isaa lafa irratti argamuuti. Gaaf tokko seenaa milkaa'ina kee ummataaf yeroo dhiheessitu nan arga.

#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Wantoota 3 yeroo ammaa kanatti si barbaachisan:

1. Waan barbaaddu beeki
2. Waan barbaaddu argachuuf waan hin barbaanne keessa darbuu akka qabdu beeki
3. Waan barbaaddu yeroo argattu jireenya hin barbaanne akka oofkalte (miliqxe) beeki


#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Nutu dhuma malee hojiin hin dhumu; kanaafuu boqonnaa fudhachuu amaleeffadhu!
Jecha " busy" jedhu sababeeffattee waan akka hojiin dhumuutti boqonnaa of hin dhowwin.
Gidduudhaan uumama naannoo kee daawwadhu, firaa fi aantii kee waliin yeroo dabarsi, kolfii kofalchiisi, luka qullaa adeemi, ispoortii ba'ii hojjedhu.



#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Dhugaa Haqaa Jaalladhuโ– 

โžก๏ธ Osoo Rakkoo hin qabnu ta'ee gonkumaa Cimina hin barannu turre;

โžก๏ธ Osoo Qabsoo hin qabnu ta'ee gonkumaa danda'uu hin barannu turre;

โžก๏ธ Osoo Harkifannaa hin qabaanne Obsa hin barannu;

โžก๏ธ Osoo Abdii Dhabuu hin qabaanne yoomiyyuu Amantii hin barannu turre;

โžก๏ธ Osoo gidiraa hin qabnu ta'ee gonkumaa Mararfannaa hin barannu turre!

~Ofitti Amanamummaa.

Namoonni keessoo isaanitii kaka'umsa hin qabnee fi ofitti amanamummaa keessa isaanitti hin cimsatin Fedhiin isaanii namoota biroof qeequf qaban paarsantii 80โ„… oli ta'uus beekamaadha.

#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Kunis nii darba!

Haala amma si dhiphisaa jiru yaadii al-tokko jechoota kana sadan isatti dubbadhu!

#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Akkaataa Namoonni Milkaa'oon
Itti Guddatan
1. Dandeettiiwwan ijoo kee guddifadhu. Maal irratti addatti dandeettii qabda? Wantoonni ati hojjettu kan warri kaan hin dandeenye maali? Dandeettiiwwan ijoo kana guddisuu irratti xiyyeeffadhu karaa milkaaโ€™ina gaarii irra jirtaa.

     2. Mulโ€™ata ifaa taโ€™e qabaadhu. Jireenya kee keessatti maal galmaan gahuu barbaadda? Kaayyoon kee maali? Mulโ€™ata ifaa taโ€™e qabaachuun kaayyoo kee galmaan gaโ€™uuf kallattii fi kakaโ€™umsa siif kenna.

     3. Itti cichi. Abjuu keetiif abdii hin kutatin. Yeroo meeqa yoo kufteyyuu carraaqqii kee itti fufi. Cichoominni milkaaโ€™inaaf furtuudha.

     4. Balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaadhu. Waan gurguddaa galmaan gahuu yoo barbaadde balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Naannoo mijataa hin taane keessa tarkaanfachuun waan haaraa yaaluu hin sodaatiin.

     5. Barataa umurii guutuu ta'i. Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa waan jirtuuf yeroo hunda barachuu qabda. Kitaaba dubbisi, konfiraansii irratti hirmaadhu, akkasumas koorsii fudhadhu dursitee turuuf.

     6. Namoota yaada gaarii qabaniin of marsi. Namoota  waliin yeroo dabarsitu jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa qabu. Kanaafuu namoota gaarii abjuu kee deeggaraniin of marsi.

     7. Deebisii kenni. Hawaasa keetiif ykn waa'ee isaaniif dhimmaa jiraachuu keetiif karaa ittiin deebiftee kennitu barbaadi. Kana gochuu keetiif miira gaariitu sitti dhagahama akkasumas namoota biroo wajjin akka wal qunnamtuuf si gargaara.

     8. Milkaa'ina kee kabaji. Yeroo galma tokko galmaan geessu yeroo fudhadhuutii milkaa'ina kee kabaji. Kunis kakaโ€™umsa qabaachuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuun akka itti fuftuuf si gargaara.

     9. Namoota biroo wajjin of hin madaalin. Hunduu imala mataa isaa irra jira. Kanaaf namoota biroo wajjin of hin madaalin. Kaayyoo mataa keetii fi guddina mataa keetii qofa irratti xiyyeeffadhu.


#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Nama Milkaa'ina ta'uf waantoota sadan kanatu si barbaachiisa:
A, Mul'ata Qabachuun
B, Mul'ata ofi galma gahuf hojjechuu
C, Amala Gaarii Qabachuudha.

      1 Mul'ata Qabachuun:
Nama muldhaata ykn abjuu qabu ta'un, karaa jireenya ofii argachuudha. Nama abjuu qabu ta'unkee Kaayyoo milkeessuuf jiraattu tokko akka qabaattu si godhan.  Kaayyoo galman gahunis ofiike hamma maatiikee,  biyyaa addunyaa ittin jijjjirtu gaariis siif kenna.
  Namni Kaayyoo jiraatuf yoo qabaate malee jireenyasaa guddisuu hin danda'u. Ka'umsikee gahumsakee murtessa. Gahumsikee immoo hamma ka'umsakee Sana gaha.

     2 Muldhaata ykn abjuu qabdu sanaf jabaatte, cimte, dhaamatefi nuuffi malee irraati hojjechuutu sirra jira. Waan jalqaabe Nama utuu galmaan hin  gahin hin raafne ta'un galmaa yaadde gahuf hojjechuu qabda. Sadarkaa ofiif argite utuu hin dhaalin falmiirra deebi'u hin qabdu. Kun immoo abjuu ykn Muldhaata si keessaati biqilee guddisuuf, yaada hojii si keessati argame gara hojiiti/gochaati geeddaruf, Akkasumaas abjuuke galman gahuf Kaayyoo godhatte kaate,  dhugumaan galman geesse akka argamtuf si gargaara. Namoonni milkaa'ina warra cimaani hojjetaanidha. Namni abjuusa dhugoomsun lafayaade gahuf yeroo hundumaa dhaama'i ta'i! Milkaa'inni kan warra isheef jedhani karaa baayye tooftaa garagaraa faayyadamun itti dadhabaniiti.

    3 Amalaa Gaarii Qabachuu:
-Amalaa Gaarii namootan walii galu, hojiikee hojeettu, jireenya mataake ittin jiraattufi amala gaarii muldhaata si keessa jiru wajjiin waliigalu qabachuu qabda.

     Abjuun yaadan argamaa. Hojiidhaan galma gaha. Cimaani hojjechuudhan dhugooma.

Jireenyi nama abjuu qabu hojjeeta abjuusaati. Nama guutuu ta'uf abjuu ofii dhugoomsutu barbaachiisa. Kanaafu, abjuukee dhugoomsi!

Namoota kaayyokeef hin malle karaakee irra maaqsi! Hiriyyaa abjuukee hin madaalle wajjiin hin michoomin! "Hiriyyaa gadhen amala gaarii mancaasa" jedha Macaafni Qulqulluun.  Kanaafu, namoota abjuukee faalleessani wajjiin oolte nama abjuukee galmaan gahu taaate of arguuf him yaalin! Namoota jireenyi isaani Waan si keessa jirun wal hin madaalle  wajjiin gaafa jiraattu, karaa Waan keessake jiru irra si maaqsuti si qajeelchu.  Namni hammuma walbiraa jiraatu dhiibbaa wal irraati gochuun isa hin oolu. Atis immoo Nama dhiibbaa amala badaa Namni qabu jalati kufuu, baarte gadi bu'a(-ve) haawwasaa keessa jirun dangeffamuu  utuu hin taane, dandeessu Nama amala gaarii qabun amala badaa namni qabu geedarsiisuu ta'uf yaali! Kana yoo hin taane immoo, amalumaa gaarii qabdu sana amala badaa namoonni qabanin akka hin mancaanef of eeggadhu! Nama adeemsa karaa jireenyasaa  beekus ta'i!

Milkaa'ina keessaati amalli  qabnu gahe guddaa qaba. Jabaanne hojjechuun, abjuu qabachuunifi gargaarsa abjuu  sanaf nu barbaachiisu argachuun keenya duwwaan, Nama abjuusaati dhugoomu nun taasisu. Garuu Waan baayye barbaachiisadha. Amalli badaan xiqqoo nuti qabnu kana hundumaa altokkichan nu jala diiga. Wantoota qabnu kana biraatis amala gaarii yoo qabaanne immoo qabeenyaa qabnuti faayyadamne of milkeessinerra jechuudha. Kanaafu amala gaarii qabachuun milkaa'ina keessati Bakka guddaa qaba.

  Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaarii malee amala gaarii hin qabne, baraan abjuusani milkeessuuf bu'ani bahani gatii kaaffalu. Garuu hin milkaa'an. Galma hin gahan. Sabaabinsa, amala badaa/ tasgaabbi hin qabne sanan waan si'a baayye itti dadhabani hojjeetan diigu. Namoonni abjuu ykn Muldhaata gaariifi amala gaarii wal simuu qaban immoo sadarkumaa sadarkaadhan abjuusani dhugoomsa adeemu. Sabaabinsa, bu'a yeroo darbe  hojjeetani argatan eeggachu danda'u waan ta'ef!

Yeroo hundumaa namoonni jireenya keessaati gatii gurgudda kaaffalu malee milkaa'ina bira dafaani hin geenye, namoota amala dafaani aaru, murteessu, tarkaanfi fudhachuufi utuu itti hin yaadin waan tokko gochuu qofarraati xiyyeeffaatanidha. Atis, akka namoota  akkasi kana ta'u hin qabdu. Nama amala gaarii, tasgaabba'a, obsufi suuta jechuun waan tokko keessumessu ta'u qabda. Eessattu, bara kana amala keetu si jiraachiisa.

  Amalli gaariin jireenya keessaati firaa namaaf Baayisa!


#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa
Wantoota 10 kan Lukkuu irraa Barachuu Dandeenyu
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โžŠ. Utuu killee ishii irra oolmaa hin taa'in duratti killee gahaa hanqaaqxi/buusti.
โƒ KAROORA GAARII QABAACHUU/GOOD PLANNING

โž‹. Erga killee irra oolmaa taa'uu eegaltee, sosochii ni xiqqeessiti!
โƒ NAAMUSA/DISCIPLINE

โžŒ. Yeroo Killee irra teessu sana kiiloo/ulfaatina ni hir'ifti. Sababni isaatiis nyaata ni xiqqeessiti.
โƒ WAREEGAMA KAFALUU FI FEDHII OFII DHIISUU

โž. Killee lukkuun biraa hanqaaqxe irra oolmaa hin teessu!
โƒ LOOGII DALAGUU DHABUU fi ARJUMMAA

โžŽ. Guyyaa 21f obsaan eegdee killee irra teessi! Yoo killee san irraa ilmooleen uumamuu baatanis ammas deebitee killee hanqaaqxi.
โƒ AMANTII, ABDII FI JAGNUMMAA

โž. Killee ilmoo ta'uuf hin adeemne adda baaftee keessaa darbiti.
โƒ SALPHAATTI WAA HUBACHUU

โž. Killee tortore/shame dhiiftee, kunuunsa killee gara cuuciitti jijjiiramteef gooti.
โƒ OGUMMAA, DAMMAQIINSA FI QABATAMA JIRUU HORDOFUU

โž‘. Abbaan fedhe ilmoo ishii tuquu hin danda'u!
โƒ JAALALA EEGUMSAA FI GAGGEESSUMMAA

โž’. Ilmoolee ishii hanga gurguddatanii of danda'anitti hin dhiiftu!
โƒ GORSA KENNUU/BARSIISUU

โž“. Ilmaan ishii hunda walitti qabdee deemtiini!
โƒ TOKKUMMAA KAAYYOO



dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
#Atumtuu_ofiif_gahaadha!

Ati ofiikeef gahaadha! Namni jireenyakee irratti gooftaa ta'ee lafa kanarra kaa'ames tokko hin jiru. Akka fedhetti jireenyakee gidduu galuufis, namni tokko mirga hin qabu. Namni kamuu akka gadditu si gochuuf, haaboos ta'e mirga hin qabu. Akkanuma, jireenyakeef gahaa akka hin taanetti akka yaaddu namni si gochuuf mirga qabu hin jiru. Hin jiru! Atumtuu ofiif gahaadha!

Qal'aa taatu furdaa, gabaabaa taatu dheeraa, adiis taatu gurraacha, ati ofiikeef gahaadha. Namni sirriin yookaan gahaan sirra siif caalu hin jiru. Kun kana ta'ee osoo jiruu, eenyuma laata inni akka waan ati ofiikeef gahaa hin taaneetti kan yaada kaasuu danda'u? Sii mooji!

Namni kamiyyuu fedhaafi filannoo garagaraa qaba. Kanaaf akka garagaraattis dhadhama jireeyaa horachuu danda'a. Filannoon nama biraa kan nama biraati, filannoon kankee immoo kanuma keeti. Namni filannoo dhuunfaasaa jireenyakee keessa sutuuf mirga qabus tokko hin jiru. Akka namni biraan si eegutti deddeebi'uu dhiisuu malta, akkanuma beekumsaafi gahumsa sirraa barbaadan hin qabdu ta'a. Kana jechuun ati jireenyakeef, ofiikeef gahaa miti jechuu miti. Yeroo kana akka nama biraatti yookaan ija nama biraan guutuu fakkaachuu dhiiftus, ofiif garuu guutuudha. Eeyyeen, ati ofiif gahaadha! Sekoondii tokkoofuu gonkumaa akka nama hir'uutti of hin fudhatiin, hin yaadiinis! Ati nama kabajamuu, jaallatamuu, amanamuufi harkarra qabamuun maluufiidha. Eeyyeen, atumti kun!

Nama keessaas namni dalagaakeetti amanu, jabinakee beekuufi filannookee kabaju in jira. Dhugaadha, namni nama keessaa nama ta'e kan filatamaa ta'uukee hubatu, kan naannoosaa jiraachuunkee addunyaasaa bareechu ni jira. Kanas nama hundarraa eegda osoo hin taane, nama sirrii irraati. Nama akkanaa egaa obsaan eegii filadhu!

Nama hundaaf guutuu akka hin taanes hin dagatiin. Ta'us garuu ati ofiikeef guutuudha. Akkanuma, nama siif adda ta'eef guutuudha. Namoonni tokko tokko gara jireenyakee dhufanii si ceepha'u, yaadas sirratti kennuufi kaasuun miirri ofiikeef gahaa ta'uu dhabuu akka sitti dhagahamu gochuu yaalu. Ati garuu, isaaniin hin dhagahiin. Akka oduun isaanii oduu waa'ee hin baafneetti, dhiisiis bira darbi. Akka nama biraatti osoo hin taane akka dhuunfaakeetti jiraachuuf uumamte. Dhugaadha! Seenaa nama biraatiinis osoo hin taane, kanumakeen goota taata. Mana kankee keessa jiraatta, deemsa dhuunfaakeerra deemta, bareecha kankeen faayamta, fakkaattii dhuunfaakeen argamta, beekamtiima keetinis mul'atta. Eeyyeen kanumakeen! Yoo namni biraan si jibbes dhimmasaati. Ati nama biraa garaa gahuuf qofaa miti kan jiraattu! Garuu, ofiikeef gahaa ta'uun siif gahaadha. Sababni isaas ofiif kan ati kaa'amte. Ati nama biraa, namni biraanis si ta'uu hin danda'u; ati nama addaati! Nama ofiif maludhas! Sababa namni sitti gammaduu dhiiseefis hin jijjiiramiin. Kun homaa tokko rakkoo hin qabu. Rakkoo kan qabu sababa ofii jijjiiramuu qabduuf jijjiiramuu yoo baattedha. Eeyyeen, deemsakeetu siif murteessa. Gammachuu keetus siif caala. Atumtuu ofiif gahaadhaatii, ofumakee ta'i! Be yourself; that's enough!

Atumtuu ofiif gahaadha!

Galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿป

#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Na Dhaggaa'i Mucaakoo!!!!

1 Nama jabaa ta'i jechuun hin kuftu jechuu osoo hin taane, kuftee ka'us shakaali jechuudha.

2 Haasa'in jechuun hin dubbatin jechuu osoo hin taane, namoota biroo dhagaa'uf gurraa kenni jechuudha.

3 Haadha garaa hin ta'in jechuun hin nyaatin jechuu miti. Haqaa namatti hin darbin jechuudha.

4 Hin dheekkamin jechuun miira hin qabatin jechuu miti. Dheekkaamsa kee irra dafii deebi'i jechuudha.

5 Dhiifaama godhi jechuun  hin miidhamne jechuu miti. Garaatti haaloo qabachuun miidhaama kuufachuu waan ta'efi.

6 Diina kee jaalladhu jechuun diinni gaariidha jechuu osoo hin taane,  Jiibbaarra jaalalli ni moo'ata waan ta'efi.

7 Nama gammaachu qabeessa ta'i jechuun waan hundumaa qabadhu jechuu osoo hin taane, wanti ati nyaatte sitti haa tolu jechuudha.

8 Hojiikee jaalladhu jechuun hojiin ati hojjettu gaariidha jechuu osoo hin taane, bor hojii gaarii akka qabattuf hojiisa har'a hojjettu jaalladhu jechuudha.

9 Odeessitu hin ta'in jechuun hin haasaa'in jechuu osoo hin taane, waa'ee waan sirritti gadi fageenyan hin beekne hin haasa'in jechuudha.

10 Ati du'u dandeessa jechuun hin hojjetin jechuu osoo hin taane, waanuma gaarii tokko utuu hin hojjetin hin du'i jechuudha.

11 Kophaa galeessaa hin ta'in jechuun fiigi gaa'ila keessa liixi jechuu osoo hin taane, garaakee, yerookee fi waan qabdu hundumaa kennuf qophaa'a ta'i jechuudha malee.

12 Nama dhugaa ta'i jechuun bakka namoonni jiraan qofatti waan dhugaa haasa'i jechuu osoo hin taane, ofiikeetif jireenya dhugaa qabadhu jechuudha.

13 Kan ofiin boonuu hin ta'in jechuun koorte hin deemin jechuu osoo hin taane, warra biroo hin tuffaatin jechuudha.

14 Bareeddu/daa dha jechuun namoota kambiroo irra at kan fooyyofte jechuu osoo hin taane, sirra toleera ykn sirra bareedera jechuudha.

15 Beeka ta'i jechuun ammas irra deebin mana barumsaa deemi jechuu osoo hin taane, abshaala ta'i jechuudha.

Galatooma!

Join for more:



dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
#Milkaahuu_Feetaa?

Fedhii namoonni hedduun milkaahuuf qaban daraan guddaadha. Haa tahu malee namni hunduu milkaahaa tahee of arguu hin dandahu. Yoo milkaahuu barbaadda tahe seenaa kana gadii dubbisi. Dur dur jedhama, qotee bulaan halkaniif guyyaa milkaahuu barbaadu tokko Waaqayyoon cimsee in kadhata ture. Waaqayyos waanuma inni qabu isa eebbisuu barbaadee lukkuu guyyaa guyyaatti warqee hanqaaqxu kenneefii!

Qotee bulaan kunis kennaa Waaqayyootti hedduu gammade. Haa tahu malee ammas ariifateedhuma halkan tokkoon duuromuu barbaade. Isa booda yaanni tokko waan akka mul'ata wahii isaaf dhufe. Achumaan innis yaada isaa kana hojiitti hiike. Yaannisaa kunis "Maaliifan ganama ganama lukkuu kana irraa hanqaaquu warqee eega? Yoon ka'ee lukkuu kana q*lee garaa ishee baq*qse immoo hanqaaquuwwan warqee hedduu nan argadha miti?" Kan jedhudha. Innis akkuma yaade yeroo godhetti hanqaaquu warqee tokko illee keessaa argachuu hin dandeenye. Inumaayyuu hanqaaquu warqee ganama ganama argatu bara baraaf dhabee eebba Waaqayyo isaaf kennes qisaasesse.

Situ hin beeku malee obboleessa ko siifis Waaqayyo ganama ganama araara isaa, eebba isaa siif kenneeraam. Araarri Waaqayyoo inni ganama ganama haaraan sun, inni iddoo ati raftee si dammaqsu sun hanqaaquu warqee olidha. Situ dammaquu dadhabee aluma takkaan ji'a yaabuu barbaadaaf malee Waaqayyo gaarummaawwan hedduu sitti agarsiiseera. Umuriifi fayyaa, ganamoota eebbifamoo hedduus siif kenneera.

Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa! (Rom 12:12)

Tokko tokko rakkina obsuu dadhabanii fayyina isaaniif milkaahina isaanii ajj**su. Warri adiin yeroo mammaakan "Utaalchoo tokkoon ji'a hin yaabani" jedhu. Dhuguma halkan tokkoofi yeroo tokkoon milkaahaa tahuun sitti urgaahaa jira taanaan, akkuma qotee bulaa gowwaa sanaa lukkuu warqee siif hanqaaqxu qaltee balleessitee gungummii hiriyaa kee godhatta. Guyyaadhaa guyyaatti rakkinoota si mudatan obsaan irra ejjechaa deemi! Abdii yookaan milkaahina fuuldura kee jirutti gammadi! Kanaaf dammaqii hojjedhu, dammaqiis Waaqayyoon kadhadhu! Akkas gochaa jirta taanaan hanqaaquu warqee walitti qabaa jirta. Guyyaa tokko hanqaaquuwwan kee kuni baay'atanii isaanis lukkuuwwan warqee hanqaaqan siif yaasu! Gowwummaaf dhibaahummaan sirraa haa fagaatu jaalako!

kanaaf hin arifatin obsi


#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Arrabaan deemuurra lukaan adeemuu wayya.

Zeenoo

Lukaan yoo karaa dheeraa adeemte deebitee aara galfatta; yoo arrabaan baayyee deemte (dubbatte), garuu wantoota dubbatte bakka buusuu yookaan balleessuu hin dandeessu.
Arraba kee of eeggannoodhaan fayyadami. Dadhabbiin qaamaa kamiyyuu fayyadama arrabaa dogoggoraa irra nii caala!




#dirreeyaadaa
#dirree_yaadaa

#๐™”๐™ค๐™ค ๐™Ÿ๐™–๐™–๐™ก๐™ก๐™–๐™ฉ๐™ฉ๐™–๐™ฃ ๐™๐™ž๐™ง๐™ž๐™ฎ๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™จ๐™–๐™ฃ๐™ž๐™ž๐™› ๐™ฆ๐™ค๐™ค๐™™๐™–๐™–!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dirree_yaadaa
@dirree_yaadaa
Namooni namaaf qabeenya namni si rakkisuuyyuu obsa si barsiisa.

@dirree_yaadaa
Har'i kun bor miti
Seenaan hin jijjiiramaa
Har'a isaa malee hin beektu
Egeree dhala namaa

@dirree_yaadaa
2025/04/15 13:36:46
Back to Top
HTML Embed Code: