Telegram Web Link
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
Bara bulchinsa keetii
Nama taate dubartiin
Erga Rabbiin si filee
Kan qixxaatte dhiiratti

Diin keetiin kabajamee
Hiyyeessa qalbiin ciise
Humna qabeessaa fi laafaa
Situ wal nuuf qixxeesse!!

Bakka bu'aa kee dhabnee
Har'a Roorroon gubannaa
Sabni qomoon wal-qoodee
Wal-balleessaa jiraannaa!!!

Rabbiin nuuf haa kennu
Hogganaa akka kee
Kan hamma danda'uun
Hordofu faana kee

Yaa Rabbi sin kadha
Nuuf buusi nagaa kee
Afaan wal taasisi
Hunda Uumama kee

Akkaanan jaaladha
Ani ergamaa kee
Irratti naaf buusi
Nagaa fi Rahmata kee


ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…
โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก

Jum'aa Kheeyrii qabaadhaa!!!

โœ@AbdiiBiyyaa


@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
Ammee..!!

Huutiin Yaman lolichatti makamee jira...!!

Yaman keessa kan socho'u humni Ansaarullahi Huutii yeroo ammaa magaalaa Israa'iil kan Iliyaat jedhamtu Misaa'ila Baalistikiin haleelee jira.

Humni Huutii kun kaleessas kallattii Galaana Diimaa irraan Israa'iil irratti Misaa'ila furguggisee kan ture yoo ta'u Ameerikaan Misaa'ilicha rukuttee qolachuuf ishee ibsitee turte! Haleellaan ammaa garuu galma isaa argachuun bulchiinsa Israa'iil kana barbadeessee jira.

Odeeffannoo saffisaaf toora Telegram keenya Join godhaa, Toora Telegram keenya Share gochuun waliif qooduu hin dagatinaa.
https://www.tg-me.com/AbduljalilRedwan
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
Ammee...!!

Injifannoo Haamaas!

Weerartuun Israa'iil humna lafoo isheetiin Gaazaa seenuuf lola ijibbaataa isheen taasisaa jirtu Injifannoo Gooticha Hamaasiin goolabamuun waraanni lafoo Israa'iil kan Magaalaa Gaazaa seenuuf ture of duuba deebi'ee jira.

Lola ijibbaachisaa Hamaasii fi Waraanni Israa'iil taasisaa turan haalaan ulfaataa kan ture yoo ta'u yeroo ammaa kana Hamaas weerartuu Israa'iil qolachuun of duuba kan deebise yoo ta'u Waraanni lafoo Israa'iilis gara duubaatti deebi'uuf dirqamee jira.


Odeeffannoo saffisaaf toora Telegram keenya Join godhaa,  Telegram keenya Share gochuun waliif qooduu hin dagatinaa.
https://www.tg-me.com/AbduljalilRedwan
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
#KANA BEEKTUU LAATA?
~Namni yeroo duraatiif saamunaa dalage/uume"Nabiyyallaahi Suleeyman"
~Namni yeroo duraatiif ciftii/tuqaa huruufa hijaa'aa irra kaahe "Abul-Aswad Al-ddualii"
~Namni yeroo jalqabaaf ุฃู…ุงุจุนุฏjedhe,"Nabiyyallaahi Daawud."
~Namni yeroo duraatiif qura'aana walitti qabe"Abuu bakri."
~Durri wanni rabbiin keenna uumee"Qalama."
~Namni barnoota chemistry yeroo jalqabaatiif argate"Jaabir binu Hayyaan".
~Foormulaa algebra namni yeroo jalqabaatiif fide Al-kawaarizimii/ุงู„ุฎูˆุงุฑุฒู…ูŠ.
~Dubartiin islaamummaa keessatti yeroo jalqabaaf shahiiddee,Sumayyaa haadha Ammaar binu Yaasir.
~Awwalli ilmaan Aadam"Qaabil"
~Namni yeroo duraatiif Afaan Arabaa dubbate"Ismaa'il."
~Namni yeroo duraatiif Islaamummaa keessatti Azaane"Bilaal Al-habashii."
~Namni yeroo duraatiif Ka'aabaa keessatti dhalate"Aliyyi binu Abii-xaalib."

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from AL-MIFTAH DAWAA GROUP :-๐Ÿ‘‰Official (Abdul-Ibnul-Ghazi)
โ”โ”โ”โ”โ–ฃโ”โ”โ—คโ—ขโ”โ”โ–ฃโ”โ”โ”โ”โ”
๐ŸŽค Chanalin khun chanali akkan barsiiso fi dinqisiiso taheedha. Wantoonni inni nuuf dhiheessu :- Nashida harawa, Walaloole adda addaa akkasuma Nashidale cover, tahe san qofa miti Gorsaa gaggababo barsiiso fi dinqisiisoSEAMORE....

โ•”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ•—
๐ŸŽค ABDULJELIL REDWAN
โ•šโ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ•

Kunooti Join Godhaa Itti dabalamaa
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

โ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆ
โ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆ
โ–ˆโ–“โ–’โ–บJOIN โ–บโ–’โ–“โ–ˆ
โ”โ”โ”โ”โ–ฃโ”โ”โ—คโ—ขโ”โ”โ–ฃโ”โ”โ”โ”โ”

โ”€โ•”โ•—โ•”โ•โ•—โ•”โ•โ•โ•—โ•”โ•โ•ฆโ•—
โ”€โ•‘โ•‘โ•‘โ•‘โ•‘โ•šโ•‘โ•‘โ•โ•‘โ•‘โ•‘โ•‘
โ•”โ•ฃโ•‘โ•‘โ•‘โ•‘โ•”โ•‘โ•‘โ•—โ•‘โ•‘โ•‘โ•‘
โ•šโ•โ•โ•šโ•โ•โ•šโ•โ•โ•โ•šโ•ฉโ•โ•
โ”โ”โ”โ”โ–ฃโ”โ”โ—คโ—ขโ”โ”โ–ฃโ”โ”โ”โ”โ”
Forwarded from Guder dish
๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž
๐Ÿ’ž#Biqiltuu_Kunuunsi_Tole๐Ÿ’ž
๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž๐Ÿ’ž

#Asoosama gabaabaa
โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก
โœby Abdul-Aziz Ahmedin
โ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™ค

@kennaapost @kennaapost

Caaltuun dhalootaan godina wallaggaa bahaa magaalaa naqamteet. Maatiin ishee ilma dhiiraa waan hin qabneef Caaltuun akka ilma hangafaatti ilaalamti malee akka intalaattii miti. Caaltuun barnoota ammayyaa fi amantii islaamaatiinis akkaan cimtuu fi jabduu namaati. Bilchina sammuu kanas haadhaa fi abbaa ishee irraa waan dhaalte fakkaatti. Qormaanni dargaggummaa fi haalli jireenyaa, akkasumas dubartummaan gonkumaa ishee hin gufachiifne. Qaruuxummaa isii kanaaf abbaa fi haati ishee gahee leencaa taphatu.....
Guutuu asoosama kanaa dubbisuuf linkii armaan gadii kana xuqi๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ)
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam biyya Isaa Makkaa kheeysaa osoo hin jaalatin baafame, roorroo gara jabeenyaan guuttamteetu biyya Isaatii Isa baase.

Eega biyya Isaatii ari'anis bakka qubsumaa argatuun waan Isaan dallansiiseef lolli Isarratti baname hin dhaabbanne.

Madiinaatti dhaqanii Isaan lolanii, Sahaaboota akkaan Isa biratti jaalataman, firoota Isaa warra akka adeera Isaa Hamzaa jalaa ajjeesan.

Nabiyyii Rahmataa ajjeesuuf waan hin godhin hin qaban.

Eega biyya Isaatii baafame booda amata 8 turee Makkaatti deebi'e.
Injifannoon Fathi Makkaa lola tokkoon malee argamte. Warri Makkaa kan biyyaa isa baase, kan Isa ajjeesuuf yaalii hunda godhe, kan firoota Isaa, Sahaaboota isaa meeqaatam ajjeesan walitti qabamanii fuul duree Isaatti dhihaatan.

Maal godhe seeta?
Biyyaa baasan, irraa ajjeesan, hanga mohamanitti isa ajjeesuuf waan dandahan hunda godhaa turan!

Rahmanni Alamaa sallallaahu aleeyhi wasallam jara isa duratti walitti qabame adawwii isaa warra turaniin "Maal waanin isinitti dalagu seetan? Murtii akkam narraa eeydan?" je'een.

Jarri balaa meeqaatama Isarratti dalagaa turan: "Ati ilma gaarii, ilma obboleeysa gaariiti!" ja'aniin.

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam, Rahmanni Alamaa: "Deemaa Isin bilisa, deemaa Isinitti hin jajjabeeysu! deemaa Isin bilisa qixaaxaa jala, Isinirraa hijaa hin kafalannu" je'een.

Allaahu Akbar! Maali Rahmanni Akkanaa! Gara Laafina akkanaa eenyu qaba?

Rahmata Alamaa Sallallaahu Aleeyhi wasallam kana seenaan Isaa!

T.me/AbduljalilRedwan
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
Areeda Ifirraa Ciree Fatanaa Ajaaโ€™ibaa Keessa Seene
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

Nama Gammachiisuuf Jettee Rabbii Kee Hin Dallansiisin

Shamarreen biyya Ameerikaa keessa jiraattu takka maatii ishee ziyaaruuf jecha gara biyya warra isheetti dhufte. Karaadhuma sanaan dargaggeessa iimaanaa fii akhlaaqa gaarii qabutti heerumuu akka barbaaddu adeera isheetti himuun nama gaarii barbaachifachuu eegalti.

Adeeraan ishees bifa isatti himame irratti hundaa'uun dargaggeessa diinii isaa irratti jabaa dha jedhee yaadu eega yaadaa ture booda dargaggeessa masjiida keessatti beekuun tokko ofitti yaamuun yaada kana mari'achiise.

Dargaggeessichi yaada eega dhageeffatee booda marhabaa jedhee fudhate. Abbeeraan shamarree kunis dargaggeessa kanaa fii mucayyoo walitti fidee
walbarsiiseen. Mucayyoonis gurbicha yeroo dheeraaf eega haasofsiiftee booda gurbaa sirna qabuu fii
bareedaa tahuu isaa barte jaalatteen.

Guyyaa tokko maatii ishee biratti affeerraa laaqana qopheessitee gurbaa jaalatte kana manatti waamte. Eega laaqana nyaatanii xumuranii booda isa geggeessuuf jecha gurbaa wajji gara alatti gadi
baate. Gurbaan areedni isaa sunnaa dha. Areeda dheeraa qaba.

"Maashaa Allah" kan nama jechisiisuu dha. Isheenis areeda isaa kana ilaaltee akkana isaan jette.

"Ani akkaataa fii haala kee hunda jaaladhee jira. Yeroo dhihoo keessattis nikaaha ni hidhanna. Haa tahuu garuu areedni kee kun jaarsa si fakkeessee jira." jetteen.

Dargaggeessichis "kuni si hin yaachisin..." jechuun guyyaa itti aanu areeda isaa guutumaan guututti haadatee dhufe.

Mucayyoonis gurbaa areeda isaa haaddatee dhufe kana ilaalteetiin ni dallante malee hin gammadne.

Akkanas jetteen "Ati ajaja kootiif jettee ajaja Nabiyyii ๏ทบ kan diigduu gonkumaa jaarsa kan koo tahuu hin dandeessu!" Jechuun kophatti isa gattee biraa kutte.

Allahu Akbar!

Mee wollaahi dhugaa dubbachuuf meeqa keenyatu nama gammachiisuuf jecha ajaja Rabbii fii Ergamaa Rabbii ๏ทบ diigeetiin bira dabraa jira? Mannumti nu haa
laakkawuu!

Ilaalaa Xiinxallaa, Dargaggeessi kun sunnaa irraa tahee sunnaa irraa hin taane. Mucayyoo irraa tahee
mucayyoo irraa hin taane. Bilaasha lafatti hafe. Rabbiin nu haa tiksu!

Allahumma arinal haqqa haqqan warzuqnaa ittibaa'a,
wa arinal baaxilaa baaxilan warzuqnaa ijtinaaba,

Yaa Allah! Haqa haqa tahuu ishee nu beeksisi ishee hordofuu nu waffaqi, Yaa Allah! Baaxila baaxila tahuu ishee nu beeksisi ishee irraa of tiksuus nu waffaqi!

Aamiin Yaa Rabbi!


@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ ๐Ÿ˜Š๐Ÿ˜)
#haadha

Way haadha tana
Aayyoo na deesse
Anaaf jacha jattee
Rakinni si baase
Halkaniifi guyyaa
Waan ati naaf taate
Maal himen maalin dhiisa
Galata khee yaa umma too
Rabbumaafin dhiisa (2)

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from โ™ก Abduljalil Redwan โ™ก (ร…bduljรกlil Hฤbรฌรฏbรฎ ๐Ÿ˜Š๐Ÿ˜)
Balbala Namummaa ilma namaa!

Nama namummaa barbaadeetu madaala isaanii malee hin madaalamne. Barakaa diinii fi duniyaatu barsiisa keessaniin malee hin argamne. Iimaana Mu'mintootaatu jaalala keessaniin malee hin guutamne.

Siituu Rabbii kee faarsee Faaruu Rabbii nu barsiise, Karaa keetiin malee Rabbi gabbaruun akka sirrii hin taane dhugaa jirtuutu nu garsiise.

Gaafa Funyoo Ergama Keetii Jalatti walitti qabamnu Humnaa fi Milkaa'inaani guutamne. Gaafa Ergaa tee laaffifnu Walitti garagallee Wal nyaatuu jalqabne.

Osoo nuti waliif jirra jennee Walitti himnuu, Osoo nuti wal qabna jennee dhaadannuu, Osoo Rabbiin ยซWaliif ni Rahmatan, Diina isaan irratti ammoo ni jabaatanยป jedhuu Walirratti duuluun oogummaa fi beekumsa taate.

Yaa Ifaa addunyaa Funyoo Rabbiin biraa gad kaate, Tan ati fiddee walitti nu hiitee, San lakkisuu keenyaatuu nu galaafate.

Jiirkaa jaalalaa Tan qubsumti ishii Mowlaa biraa taate, Tan fedhaa fi ajaja Rahmaaniin haguugamte, Xiiba Warra amanee kan wal jaalatee tan taate, Rahmaanoon arshii gubbaa nuuf haa roobsu.

Namni karaa abbaa Jaalalaa jala deemu Waan dhabe hin qabu, waan obboleessa isaa kan rakkateen gargaaru hin dhabu, kabajaa obboleessa isaa tuquuf onnee fi yeroo itti hin qabu.

Hundi dogongora keenyaa baasee nu saaxila. Guyyaa tokko dirree adiitti nu waxiila. Sodaan Rabbii nu keessaa Dhabamuutu Kana hundaaf Nu cunfa/Xaliila.

Hadaraa Rabbii haa Sodaannuu, Jechaa fi gocha jaalallee Keenyaa, Sayyida aalamaa, Dubbataa Ergaa Rabbii kan Ta'e Nabii keenya( Sallallaahu aleyhi Wasallam) itti haa hojjannuu.

Barakallahu fiikum!
@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from KENNAA
โ€œ JANNATA keessatti lallaba tokkotu baha;โ€ Yaa warra JANNATAA. Fayyaa malee dhukkubni isin hin tuquu muramte! Dargagummaa malee dulloomuun hin jiruu muramte! Jiraachuu malee duuti hin jirtuu muramte! Bashannanuu malee rakkoon hin jirtuu isiniif muramte โ€œ jechuun lallabni baha jedhan Abbaan Qaasim Nabi Muhammad
ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠูƒ ูˆุณู„ู… !

Yaa fooqii jannataa kan biyyee fi dhakaan tokko keessa hin jirre warqii malee! Kan dhukkeen shittoo,kan biyyeen warqii!
Yaa bareeduma dubartii ganda sanii,kan xuriin gosa gosaa irratti hin argamne. Tan dubrummaan irraa hin dhumne!

Yaa Dhugaatii fi nyaata biyya sanii,kan fincaanii fi hagatti hin jijiiramne. Dafqa shittoo caala urgaaโ€™u tahee fiilu.

โ€œ Waan gurri hin dhagahin,waan ijji hin argin,waan sammuun namaa hin tilmaamin,Jannata keessatti walitti qabame โ€œ jedhan Abbaan Faaximaa ุตู„ูˆุงุช ุฑุจูŠ ูˆุณู„ุงู…ู‡ ุนู„ูŠู‡

Harโ€™i carraa dalagaati, bor ammoo badhasa galataati!



Yaa Allaah toluma keetiin nu badhaasi,



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA
Ibaadaan Qeebalamuuf Ulaagaa Qabdii ?
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

Ee ulaagaa 3iin Ibaadaan Qeebalamti.

1. Rabbitti Amanuu
2. Rabbi Qofaaf Godhuu (Ikhlaasa)
3. Akka ergamaan Rabbii Muhammad๏ทบ dalaganitti godhuu qabna.

Eegaa Rabbitti amanuun hunda dursiti. Kan Ibaadaa haqa godhatu Allaah qofa. Kan Ibaadaa(dalagaa gaarii) Qeebaluufi Jannataan galata namaaf galchu Rabbi. Rabbiin akkaataa Ibaadaa itti goonu Muhammad irraa akka barru, isa akka hordofnu nu ajaje. Hojiin ergamaa Rabbii Muhammad๏ทบ irraa nu hin gahin Ibaadaa hin taatu.

Rabbitti amannee, dhaamsa ergamaa Rabbii hordofnee, yoo qulqulleessinee Rabbi qofaaf Ibaadaa goone Rabbiin nuuf Qeebala.

Yaa Rabbi ibaadaa teenya Hunda nuuf Qeebali.





@Kennaapost @Kennaapost





T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA
๐ŸŒบ๐ŸŒบ๐ŸŒบQOOSAA๐ŸŒบ๐ŸŒบ๐ŸŒบ

๐Ÿ™โ€โ™‚๐ŸŒน๐ŸŒนAbbaa manaa๐ŸŒน๐ŸŒน. Fi ๐Ÿคฆ
โ€โ™€๐ŸŒน๐ŸŒนHaadha manaa turan

โ†ฉ๏ธJaarsi halkan hunda ka'ee leeylii salaatee rafa. Jaartiin garuu hirriba guddatti. Yeroo hunda ni kaasa garuu ni diddi!!!!!!!!!

โ†ฉ๏ธWalumaa galatti hirriba jaalatti
Jechuudha!!!!
Inni silaa jaartiin Isaa wajjiin salaattee jaalata.

โ†”๏ธGaaf tokko mala dhawatee akkuma Kanaan duraa kaasee biraa deemee wudu'a godhatee dhufee salaata leeylii isaa jalqabe. Ishiinis akkuma kanaan dura gootuu hirriba ishiitti deebite.

โ™ˆ๏ธHaala niitii Isaa kan hubate namichi dafee salaata xumuratee du'aa'ii osuma godhatuu gara xumuraatti xiqqoo sagalee ol kaasee๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
.
.
..
.
.
.
.
.
.
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™Yaa Rabbii koo haadha manaa tan leeylii na wajjiin salaattu naaf kenni jedhee kadhachuu jalqabe!
Niitittiinis tasa hirriba keessaa kadhaa tana dhageessee
Iyyuu jalqabde= du'aa'ii Isaa gargar kutee dhaqee yoo maal taate jedhee gaafatu.
.
๐Ÿ‘ฉโ€๐ŸŽคISII
โžก๏ธ๐Ÿ™๐Ÿ™Du'aa'iin sa'aatii kanaa akka kallattiin qeebalamtu ni dagattee?
๐Ÿ‘จโ€โš•ISA
โžก๏ธLakki hin daganne sirrittan beeka!

๐Ÿ™‹ISII
โžก๏ธMarree๐Ÿ’œ Bareedaa koo
Naaf kennii dura naaf qajeelchiin hin duursuu???????

๐Ÿ™‹โ€โ™‚ISA
โžก๏ธSirriidha. Garuu eda naaf qajeelchi jedhee kadhadheen ture. Garuu ati hin jijjiiramne, kanaafan naaf kenniitti darbee kadhadhe!!

๐Ÿ’ISII
โ–ถ๏ธLakki inni eda kadhatteyyuu qeebalamee jira. Arra guyyaa guutuu waa'ee kanan yaadaa oole. Kana booda leeyliin tokkoyyuu akka na hin darbine waadaa galeen ture. Garuu tasa ergan rafee xuriin waan natti dhufeefiin hin ka'ini. Yaadaan sihordofaan jira. Du'aa'iiwwan ati hanga ammaa goote hunda aamiin jechaan ture. Garuu ati boodarra ka na iyyisiisu itti dabalte!!!

๐Ÿ™‹โ€โ™‚ISA
โ–ถ๏ธTole amma ka si gammachiisun kadhadhaa ati aamiin jedhi jedhee...... Akka Rabbiin waliin umrii isaan ibaadaa irratti dheeressu kadhatanii rafan!!

โญโฎJalqabumayyuu qoosaa isinitti himuuf miti qalbii keessan hatee ergaa kana isin biraan gahachiufani!!
Kuni qoosaa miti ergaa fi barumsa guddaa qaba waan ta'eef.
Lakki kolfuun qaba yoo jette xiqqeessii seeqadhu.





@Kennaapost @Kennaapost



T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Rabbiin warra gaggaarii warruma gaggaariif qooda. Hariiroon siifii Allaah gidduu jirtu bareedduu taanaan Rabbiin namuma bareedaa si badhaasa.


Kun immoo uffannaa fi tolfannaa irratti hin hundaa'u. Bareedinni qalbiidha malee uffataamiti.

Namni keessi tole gubbaanis daran tola, namni keesaatti jallina qabu hangam uffatus hangam fakkeeffatus jallinni irraa mul'ata.

Yaa Obboloota koo , fuudha yaadaa jirtaa ykn heeruma yaadaa jirtaa?.

Ergasiifuu qalbii tee Allaahaaf qulqulleessi, Rabbiin immoo qalbii qulqulluu si badhaasa. Bultii jaaruuf otoo intala/gurbaa janajjanuu hin jalqabne Allaah kee janajjanadhu.

Hanga daqiiqaa 40, 50 ,60...intala/gurbaa jaalattu amansiisuuf torba sagalee jijjiirtee hirriiba dhabdu daqiiqaa 10 qofa qalbii tee as deebisii wudu'a guuttadhuu raka'aa lama qofa salaatii harka kee ol qabadhuu nama diinii fi duniyaa teetiif gaarii ta'e Allaah kadhadhu.

Rabbiin isin haa milkeeysu.



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA
โ€œQabxiiwwan 10 kan Islaamummaan barbaachiseef..
โ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™กโ™ก

Kutaa 1ffaa
โ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™ค

Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk โค

๐Ÿ›‘ 1. Islaamummaan Yaad-rimee waa'ee Rabbii irratti yaada wal dhahaa hordoftoota isaa hin hubachiiftu. Waa'ee Rabbii ilaalchifte Islaamummaan yaada loojikii fi salphaa ta'e kenniti. Islaamummaa keessatti Rabbi tokkicha abbaas ta'ee, ilma hin qabu. Rabbi hiriyyaas ta'ee, waan isaan qixxaatu hin qabu. Rabbi Nama biraa baraaruuf Nama tokko hin ajjeesu. akka amantaa Islaamaatti Namni kan du'u ykn baraaramu hojii isaatiin ta'a. Walumaa galatti yaad-rimee loojikii fi yaada walaba kanaan amantaan Islaamaa muslimoonni akka amantaa isaatiin miira tasgabbii qabaatu gargaara.

๐Ÿ›‘ 2. Islaamummaan Ergamtootaa fi nabiyyoota Rabbii hunda ni qeebalti.

" ุฅู† ูƒุงู† ุญุฏูŠุซ ุฃูŽุจููŠ ุฐูŽุฑูู‘ ุฑูŽุถูู‘ูŠูŽู‘ ุงู„ู„ู‡ู ุนูŽู†ู’ู‡ู ุงู„ุฐูŠ ู‚ุงู„: ู‚ูู„ุชู: ูŠุง ุฑุณูˆู„ูŽ ุงู„ู„ู‡ูุŒ ูƒู… ูˆูŽููŽู‘ู‰ ุนูุฏูŽู‘ุฉู ุงู„ุฃู†ุจูŠุงุกูุŸ ู‚ุงู„: ู…ูุฆุฉู ุฃู„ู’ูู ูˆุฃุฑุจุนุฉูŒ ูˆุนุดุฑูˆู†ูŽ ุฃู„ู’ูู‹ุงุŒ ุงู„ุฑูู‘ุณูู„ู ู…ูู† ุฐู„ูƒ ุซู„ุงุซู ู…ูุฆุฉู ูˆุฎูŽู…ุณุฉูŽ ุนูŽุดูŽุฑูŽ ุฌูŽู…ู‹ู‘ุง ุบูŽููŠุฑู‹ุง.ยปุŒ ูŠุตุญ"

Baay'inni nabiyyootaa Kuma dhibba tokkoo fi digdamii afur 124 yoo ta'u, kana keessaa Ergamtoonni Dhibba sadii fi kudha shan 315 ta'u.
Islaamummaa keessatti nabiyyoota Rabbiin erge hunda ni jaallanna, isaan keessaa tokkollee mormuu fi haaluun dhoorkaa dha. Garuu; amantaawwan biroo kan akka Juushootaa (Yihudotaa) keessatti; Yesus Kiristosi fi Nabi Muhaammad ni didu. Kiristaanummaa keessatti immoo Nabi Muhaammad ni didu. ๐—œ๐˜€๐—น๐—ฎ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ keessatti garuu loogii tokko dalaguun malee ergamoota Rabbiin erge hunda ni fudhanna.
... ู„ูŽุง ู†ูููŽุฑู‘ูู‚ู ุจูŽูŠู’ู†ูŽ ุฃูŽุญูŽุฏู ู…ู‘ูู† ุฑู‘ูุณูู„ูู‡ู

โ€œ Nuti ergamtoota isaa irraa tokkos adda hin baafnu " Jedhan.โ€ [Qur'aana 2:285]

๐Ÿ›‘ 3. Islaamummaa keessatti Rabbii fi nama jidduu jaarsummaan hin jiraattu. si'ii fi Rabbiin gidduu jiddu galeessi hin jiru, kallattiin Rabbiin kadhachuu dandeessa, Nama gidduu jiru hin barbaachisu. Yoo gara Rabbii deebi'uu barbaadde badii dalagderraa gaabbitee araarama Rabbi bira yoo barbaadde jaarsummaa qaama birootiin alatti ofumaa waan yakkiterraa deebi'uun araarama Rabbii kee biraa kajeeluu dha. Namni hunduu, hanga fedhes dadhabaa, hiyyeessa, wallaalas ta'u, Rabbii isaa waliin kallattiin wal qunnamuu danda'a.

๐Ÿ›‘ 4. Islaamummaan amantaa tokkicha Maqaa nama tokkoo ykn gosa ykn garee tokkootiin hin moggaafaminii dha. Hiikni maqaa Islaam jedhuu; Rabbii tokkicha dhugaatiif bitamuu, ajajamuu jechuu dha. Kanaafuu; hunda Nama Rabbiif ajajamuu ykn buluu Islaama jedhanii yaamuun ni dandaโ€™ama.
Garuu amantaawwan biroo fakkeenya yoo fudhattan, Maqaa Namaatiin amantaa isaanii moggaafatan, Kiristaanummaan, Kiristoosin moggaafamte, Kud-hiizimiin siddirataa guutamaa budihaan moggaafame, Koonfushiโ€™anizimiin (confucianism) koonfuushes (confucius) Nama jedhamuun moggaafamte, Maarkiziimiin, karl maarkiziin moggaafame, Judaโ€™iziimin gosa Judah jedhamuun moggaafame, akkasumas Hinduโ€™izimiin gosa hindus jedhamuun moggaafame, garuu Islaamummaan kana hunda irraayyuu adda, dhaloota ykn mulโ€™achuu Nama tokkootii fi gosa tokkoonis walitti hidhata hin qabdu.

๐Ÿ›‘ 5. Islaamummaa keessatti ibaadaan waa'ee sirna salaataa fi soomaa qofa miti. Ibaadaan; maqaa walitti qabaa waan Rabbi jaalatu hunda, jecharraa dalagarraa Kan dhoksaa fi kan ifaan dalagnus jechuu dha, akkasumas hojii Rabbiin gammachiisu kamiyyuu kan hammatee dha. Hojiin gaariin hundi gosoota Ibaadaati; jecha gaarii dubbachuu, hojii tokko Rabbiif qulqulleessanii dalaguu fi kanneen kana fakkaatuu dha. Gama biraatiin hojiin Rabbiin hin gammachiifne kamiyyuu cubbuudha; waa'ee Namaa hama dubbachuu, Nama gowwoomsuu, sobuu, namoota miidhuu fi kkf.

๐Ÿ›‘ 6. Islaamummaa keessatti Rabbiin yeroo hunda araaramaa yookaan rahamata godhaa hundaa olii ta'uu barsiisa. Yoo yeroo hunda towbatte (du'a dura) cubbuu hammam guddaa yoo hojjette iyyuu si fudhata. Rabbiin dhiifama sii gochuuf gatiin kaffalamuu hin jiru. Egaa; akka Kiristaana dhiiga Yesus Kiristosiin malee Waaqayyo dhiifama gochuu hin danda'u kan jedhu Islaamummaa keessa hin jiru.





Kutaan 2ffaan kunooti๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡


@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
2024/09/26 17:35:01
Back to Top
HTML Embed Code: