Telegram Web Link
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî) via @toolkitbot
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐓𝐔𝐋 𝐉𝐀𝐍𝐀𝐀𝐙𝐀𝐀 𝐀𝐊𝐊𝐀𝐌𝐈𝐓𝐓𝐈 𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐍𝐍𝐀𝐀

Hedduun namaa hin beeku waan jedhamu salaatul janaazaa Keessatti Barumsa akkaan sirritti Barbaachisuudha
1- #takbiiraan_duraa :.. Suuratul faatihaa qara'uu
2- #takbiiraa_lammafaa : .. assalaatul ibraahimiyyaa ( salawaata buusudha) allaahumma salli alaa muhammad wa'alaa aali muhammad kamaa salleyta alaa ibraahiima wa'alaa aali ibraahiim .
Wabaarik alaa muhammad wa'alaa aali muhammad kamaa baarakta alaa ibraahiima wa'alaa aali ibraahiim fil aalamina innaka hamiidun majiid

3- #takbiiraa_sadaffaa :... du'aa'ii kadhatuudha namticha du'eef waan dhufe du'aa'ii irraa sanirraa akkana jedhii kadhadhuuf
((Allaahumma ighfir lahuu warhamhu , wa'aafih wa'afu anhu , wanaqqih minal khaxaayaa kamaa yunaqqi assowbul abyadu minaddanas , wa'abdilhu daaran keyran min daarih, wa'ahlan keyran min ahlih wazowjan keyran min zowjihii, wa'adkhilhul jannah, wa'aizhu min azaabil qabri wamin azaabinnaar ))
Hiikkaa ⬇️
Yaa rabbi isaaf araarami isaafis rahmati , badii isaatis irra dabriif, isa qulqulleessi dilii irraa akkuma uffanni adiin qulqullaahu xurii irraa , isaaf jijjiiri ganda ganda isaarra keyrii (caalu) warras warra isaarra caalu , jannata isa seensisi , isa tiysi azaaba qabrii irraa fi azaaba ibiddaa irraa .

4- #takbiiraa_afraffaa :
"Allaahumma laa tuharrimnaa ajrahuu walaa taftinnaa ba'adahuu "
Hiikkaa ⬇️
Yaa rabbi nu hin dhoowwatin ajrii isaa nus hin fatanin eega isaatii

Eegasii du'aa'ii kadhata nama du'ee fi muslimoota hundaaf eegasii ni xumura salaata isaa salaamtaan.
Xumura salaataa Keessatti salaamtaa takka qofa jihaa mirgaatti

Beeytaa maaliif dirqama sirratti taha share godhuun !?
Sababaan Namni ilmii Diin takka Beekee isii nama hin barsiisin Guyyaa Qiyaamaa ni Gaafatama
Simalee Namni Biraa Beekuu Barbaada garuu ? Hin Beeku Eessa Akka Deemu !?
Gariin namaa ni saalfata !....?
Carraaqadhu ajrii isaa akka sibiratti dhaabbatu hin taasisin namni keyrii irratti nama qajeelchu akkuma nama dalageetii!!!


Ergaa tana waliif share godhaa!!!


@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
WAA AFUR RABBIIN ISINIIF HAA KENNU !!!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1: iimaana Sabaata Qabu
2: Rizqii Barakhaa Qabdu
3: Umrii Barakhaa Qabdu
4: Saahiba Haala Gaarii Qabu

• Nama Afur Garaa Itti Hin Jabaatin

1: Yatiima
2: Hiyyeessa
3: Dhukkubsataa
4: Daa’ima

• Waa Afur Rabbiin Isiniif Haa Laaffisu

1: Ibaadaa Hojjachuu
2: Diliirraa Toowbachuu
3: Laaftutti Tujjaaruu
4: Rakkataa Gargaaruu

Yaa Rabbi Wantoota asii olitti irraa dubbanne kana hunda isii nuuf laaffisi.

https://www.tg-me.com/Kennaapost
Forwarded from Kena
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu

Gorsa Dargaggeeysa islaamaa


#Dargaggeeysi Islaamaa yoo akkam tahe ofiifii hawaasa isaatiis fayyada

Dargaggeeysi hawaasa tokkoof utubaa akka taheefii inni toluun hawaasni toluu inni baduun hawaasni baduu akka tahe wal naman gaafachiisu

Dargaggeeysi kheenya qabxiilee asii gadii tana yoo qabaate ofiis fayyadee hawaasa isaatiis (Islaamaatiis) fayyaduu dandaya

Diin (Amantii) ofii barachuu qaba
Amantiin Islaamaa amantii qabatan duniyaafii aakhiraa ittiin milkaa'an tan seera of dandaye qabduudha kanaaf dargaggeeysi Islaamaa seerota isii kanneen akka👇👇👇👇👇👇
Aqiidaa
Akkaataa itti Rabbiin gabbaramu
Akkaataa namoonni ittiin wajji dalagatan (hojjatan)
Siiraa Rasuulaa S A W
Siraa Sahaabotaatiifii seera amantichaa kannneen hafaniis tolchee beekhuu qaba

Haala jireenya isaa hunda kheeysatti "warroota Rabbiin isaaniifii beeyladaanuu garaagarummaa hin qaban" Ja'ee isaan dubbate san imaama godhatuu dhiisee Hadiisaafii quraa'aana imaama godhatee jala deemuudha qaba i

Qalbiin isaa(Dargaggeeysaa Islaamaa) yeroo hunda masjiidatti rarra'uu qaba
#Qalbiin tee yeroo hunda masjiidatti rarra'uun👇
Guyyaa hamaa san gaaddisa Arshii Rabbii jala akka teeysu sitaasisa
Rakkoon /yaanni sitting jiru akka sirraa furamu sitaasisa
Munaafiqummaarraa walba akka taatu sitaasisa

Rahima ofii maxxanfachuu qaba
Dargaggeeysi Islaamaa aanaa /Rahima isaa guutumaa guututti maxxanfachuu qaba !
Irra guddaan Rahima isaa ammoo haadhaafii Abbaa isaati

Haadhaafii Abbaa isaatiin
Hin dandayu jechuun
yaroo Ifii human baafsee isaan humna fixatan👇
Ishiish isaaniin ja'ee isaan balfuun
yaroo isaan wahuma fedhaniifuu sidubbisan Sagalee aaraatiin dubbataa ija itti babaasuun amala dargaggoo mulimaatii miti
Saahiba filatuudha/maraxatuudha
Saahibni wahuma saahibni dalagu dalaga kanaafuu namoota
Yeroo wajjiin teeysu nama hamachuurraa gara Rabbi zakkaruutti as sideebisan
Yeroo salaanni gahe kha'i gara masjiidaati deemnaa siin ja'an
yeroo hunda qura'aana Rabbii qara'uurrattiifii kheeyrii adda addaa irratti si kakaasan saahibuu qabda


@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Aniin kun Anumadha!!
■■■■■■■■■■
Aniin kun anumadha
Gonkumaa an si hin ta'u
Eenyummaa koon sitti hima
An waa'ee kee hin haasa'u
Dhunfaadhaan na gorsitus
Kuma taatee dubbattus
An si ta'uu hin danda'u!!!!

Ilaalcha mataa koon qaba
Kanan itti hin qaanofne
Kaayyoo dhunfaa koon qaba
Kanan ammayyuu milkoofne


Of hin dhiphisin maaloo
Ani kooppii kee hin ta'u
Rabbii na uume malee
An namaaf gabra hin ta'u

Yoomiyyuu sin dhaga'u
An adeemsarran jiraa
Mul'ata fagoon qaba
Milkeessuufan jerjera

Yoo dandeesse naaf tumsi
Naaf ta'i obbolaa gaarii
Akkan galma koo ga'u
Waan qabduun na gargaari!

Abdulaziz Ahimedin
@AbdiiBiyyaa



@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from Guder dish
💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞
💞#Biqiltuu_Kunuunsi_Tole💞
💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞

#Asoosama gabaabaa
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡
by Abdul-Aziz Ahmedin
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤

@kennaapost @kennaapost

Caaltuun dhalootaan godina wallaggaa bahaa magaalaa naqamteet. Maatiin ishee ilma dhiiraa waan hin qabneef Caaltuun akka ilma hangafaatti ilaalamti malee akka intalaattii miti. Caaltuun barnoota ammayyaa fi amantii islaamaatiinis akkaan cimtuu fi jabduu namaati. Bilchina sammuu kanas haadhaa fi abbaa ishee irraa waan dhaalte fakkaatti. Qormaanni dargaggummaa fi haalli jireenyaa, akkasumas dubartummaan gonkumaa ishee hin gufachiifne. Qaruuxummaa isii kanaaf abbaa fi haati ishee gahee leencaa taphatu.....
Guutuu asoosama kanaa dubbisuuf linkii armaan gadii kana xuqi👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî) via @toolkitbot
#Jumma_Halaal..
Maqaa kheeti Khan naaf yaamtu
Onnen too hoggaa dhahattu
Habiibi habibii jatte
simale namtokkon beeytu
Shawqiitu sirra na qabee
Obsuufis an humnaan dhabe
Gama khee imaluf gaabbe
Bararuufis goflaan dhabe

Nin ture osoon sin arkin
Qabrii teelle Khan ziyaarin
Ni deemta duniyaarra
Jattee na waswaaste qalbin.
💯{صل الله عليه وسلم }💯
🙏https://youtube.com/@abduljalilredwanofficial6435 🙏


@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
ILAAMEE YAA GAMNA KOO
■■■■■■■■■■■■■

Erga Muslima taatee
Amantee Rabbii guddaa
Shari'aa isaa qabattee
Ittiin jiraachuu qabdaa!

Rakkoon yoo jiraatellee
Gidduu obboleessa kee
Waliif galuu yoo dides
Kan isaatii fi ilaalchi kee!

Keessa kee moo'atullee
Yaanni "Kan kootu caalaa"
Gurmuu cimaa qabaattus
Si deeggaree wallaalaan!!

Nama koo dagamteetta
Dubbiin akkasii miti
Haqa barbaadda taanaan
Deebi'i Qur’aanatti
Deebiin "Mas'alaa" hundaa
Qur’aana keessa jirti!!

Qur'aana harkaatti baattee
Hin dhaqin mana ormaa
Injifannoo maqaatiif
Hin kutin Obbolummaa

Dhugaa hordofi maaloo
Dhiisi haasaa namootaa
Hinaaffaa fi xiiqiin taanaan
Boolla salphinaa seentaa
Garuu haqa qabannaan
Yoomuu situ injifataa!!!!!!
♤♤♤♡♡♤♡♤♤♤♤♤
Ilma keessan wallaalaa!!

@AbdiiBiyyaa


@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from Kena
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu,

Obboloota koo kan Muslimaa, dhiyeenya kana maqaan ergamaa Allaah , Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleyhi wasallam) haala hin taaneen yeroo ka'u ni argina.

Kanaafuu nuti immoo yeroo kamiyyuu caalaa yeroo diinonni keenya maqaa isaanii hammeenyaan kaasan tanatti jaalala isaaniif qabnu caalatti mul'isuufii siiraa isaanii baruuf qophaa'aa ta'uu qabna!

Warri ergamaa Allaah jaalattan ❤️ tuqaa , ergaa isiniif darbu hordofaa!!!

👇👇👇👇👇👇
Forwarded from Kena
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu,

Obboloota koo kan Muslimaa, dhiyeenya kana maqaan ergamaa Allaah , Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleyhi wasallam) haala hin taaneen yeroo ka'u ni argina.

Kanaafuu nuti immoo yeroo kamiyyuu caalaa yeroo diinonni keenya maqaa isaanii hammeenyaan kaasan tanatti jaalala isaaniif qabnu caalatti mul'isuufii siiraa isaanii baruuf qophaa'aa ta'uu qabna!

Warri ergamaa Allaah jaalattan ❤️ tuqaa , ergaa isiniif darbu hordofaa!!!

👇👇👇👇👇👇
Forwarded from Kena
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu,

Obboloota koo kan Muslimaa, dhiyeenya kana maqaan ergamaa Allaah , Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleyhi wasallam) haala hin taaneen yeroo ka'u ni argina.

Kanaafuu nuti immoo yeroo kamiyyuu caalaa yeroo diinonni keenya maqaa isaanii hammeenyaan kaasan tanatti jaalala isaaniif qabnu caalatti mul'isuufii siiraa isaanii baruuf qophaa'aa ta'uu qabna!

Warri ergamaa Allaah jaalattan ❤️ tuqaa , ergaa isiniif darbu hordofaa!!!

👇👇👇👇👇👇
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
Guyyaan Valentines Day Akka Muslimaatti Nu Hin ilaallatu
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

" Valentine’s Day " Guyyaa jaalalleewwanii jechuun kan kabajamuu Islaamummaa keessa hin jiru!

• Guyyaa isa keessa zinaan baballatu
• Guyyaa Isa Keessa Dubartiin Hedduun Kabajaa isii Dhabdu
• Guyyaa isa keessa Daangaan Rabbii Cabsamu
• Guyyaa isa keessa ilmoon Seeraan Alaa

Nuti Muslimoonni seeraa fi heera Ummatni Nasaaraa fi Yahuudaa boocanii nuu fidan hin hordofnu/ hin fudhannu!

Kan nuti hordofnu Qur'aanaa fi hadiisa Rasuulaatiﷺ !!!

Fiilmii fi Muuziqaa Nasaaraa fi yahuudaa irraa jaalala hin barannu. Kan nuti irraa barannu Seenaa Nabii ﷺ keenyarraati!

Haadha warraa fi Abbaa warratiif guyyaan hundi kan jaalalaa fi ulfinaati.

Rabbiin Gidduu isaanii jaalala fi rahmatumma kaa'ee jira!

Namoonti wal fuudhuuf ykn bultii islaamaa ijaaruu deemanuus Islaamummaa seeraa fi heera ittiin wal fuudhan qindeessee bulmaatessee jira

Kanaaf waan ummanni Yahuudaa fi Nasaaroonnii jedhanu fi hojjatan fudhannee hojjachuu fi ittiin wal ebbisuurraa of qusachuu qabna!

● Happy valentine day

■ Baga RABBIIN bultii Islaama isiin ijaaree

Namoota bultii qabaniif Rabbiin jaalala fi rahmata gidduu isaanitti ha baayyisuu.
Namoota bultii ijaarrachuuf qophiirra jiraniif  RABBIIN Karoora hunda laaffiseefii imaanaan karaa gaarii fi bakka gaaritti isaan ha ijaaru.
@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from Kena
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu,

Obboloota koo kan Muslimaa, dhiyeenya kana maqaan ergamaa Allaah , Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleyhi wasallam) haala hin taaneen yeroo ka'u ni argina.

Kanaafuu nuti immoo yeroo kamiyyuu caalaa yeroo diinonni keenya maqaa isaanii hammeenyaan kaasan tanatti jaalala isaaniif qabnu caalatti mul'isuufii siiraa isaanii baruuf qophaa'aa ta'uu qabna!

Warri ergamaa Allaah jaalattan ❤️ tuqaa , ergaa isiniif darbu hordofaa!!!

👇👇👇👇👇👇
2024/06/25 05:51:02
Back to Top
HTML Embed Code: