Telegram Web Link
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
#𝙉𝙖𝙢𝙣𝙞_𝘼𝙠𝙠𝙖_𝙎𝙞_𝙅𝙖𝙖𝙡𝙡𝙖𝙩𝙪....
😍 Namni akka si jaallatu.🙊Akka si khabaju akkasuma akka si 🤝dhihaatu yoo barbaadde ati jalqaba #Amala khee tolfadhu. #Nama_jaalladhu. #Khalas

@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
@AbduljalilRedwan
Forwarded from Guder dish
💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞
💞#Biqiltuu_Kunuunsi_Tole💞
💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞💞

#Asoosama gabaabaa
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡
by Abdul-Aziz Ahmedin
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤

@kennaapost @kennaapost

Caaltuun dhalootaan godina wallaggaa bahaa magaalaa naqamteet. Maatiin ishee ilma dhiiraa waan hin qabneef Caaltuun akka ilma hangafaatti ilaalamti malee akka intalaattii miti. Caaltuun barnoota ammayyaa fi amantii islaamaatiinis akkaan cimtuu fi jabduu namaati. Bilchina sammuu kanas haadhaa fi abbaa ishee irraa waan dhaalte fakkaatti. Qormaanni dargaggummaa fi haalli jireenyaa, akkasumas dubartummaan gonkumaa ishee hin gufachiifne. Qaruuxummaa isii kanaaf abbaa fi haati ishee gahee leencaa taphatu.....
Guutuu asoosama kanaa dubbisuuf linkii armaan gadii kana xuqi👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu


Obboloota koo bakka garagaraa teeysanii barreeffama kana dubbisaa jirtan baga rahmata Rabbiitiin guyyaa har'aa geessan.


Rabbiin kheeyrii guyyaan Jumu'aa qabu hunda isin haa milkeessu!!


Mee Har'a waamicha koo kana naaf owwaadhaa!!

Biyya keenya bakka garagaraatti rakkoon nageenyaa uumamuun, lubbuun obboloota keenyaa haala suukanneessaa ta'een harca'aa jira.

Kan lubbuun hafes maatiin bittinnaa'ee qabeenyi manca'ee otuu qabuu harka namaa ilaalutti booda aanee jira.


Maarree Obboloota koo anaa fi ati waan nagaan bulleef har'a Online fayyadamaa jirra.


Kanaafuu niyyannee daqiiqaa lama ykn sadi wareegnee Obboloota keenya du'aniif rahmata, Kan hafaniif Nageenyaa fi fayyaa....akkasuma ofii keenyaafis #Du'aa'ii haa goonuu mee!!


Achumaan salawaata ergamaa Allaah Nabi Mohammed irratti haa heddummeeysinuu



Oolmaa kheeyrii Jumu'aa bareedaa!


@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî) via @toolkitbot
♡السلام عليكم ورحمة الله وبركاته♡

《"٧ يظلهم الله في ظله"》
Namoota_Torban_Kan_Rabbiin_isaanif_Gaaddideessu.

وعن أبي هريرة  قالَ: قالَ رسُولُ اللَّه ﷺ

Abaa Hureeyraa Irraa Odeeyfamee (R.I.H) Nabiin Rabbii (S.A.W) ni jedhan:-

: سَبْعَةٌ يُظِلُّهُمُ اللَّهُ في ظِلِّهِ يَوْمَ لا ظِلَّ إلَّا ظِلُّهُ:
👉Nama torba kan Rabbiin isaaniif gaaddideeyse gaafa gaaddisni Biraa Hin Jirre Gaaddisa Rabbii Malee.

                    ISAANIS:-
١=إِمامٌ عادِلٌ

1=Imaama (bulchaa) Daanyaa haqaan Dalagu Kan sooressaa fi Miskiinas Ija Tokkoon ilaalu.

٢=وشابٌّ نَشَأَ فِي عِبَادَةِ اللَّه تَعالى

2=Gurbaa (intala) Umriin Isaa ibaadaa keessatti dardarummaa geesse.

٣=وَرَجُلٌ قَلْبُهُ مُعَلَّقٌفي المَسَاجِدِ،
3=Gurbaa Qalbiin Isaa Masjiida Irratti Rarraatu.

٤=وَرَجُلانِ تَحَابَّا في اللَّه:اجتَمَعا عَلَيهِ، وتَفَرَّقَا عَلَيهِ،
4=Nama Lama kan Rabbiif Jecha Wal Jaalatanii Sanumarratti Addaan Bahan.

٥=وَرَجُلٌ دَعَتْهُ امْرَأَةٌ ذَاتُ مَنْصِبٍ، وَجَمَالٍ فَقَالَ: إِنِّي أَخافُ اللَّه، 

5=Nama Dubartiin Bareedduun kan Qabeenya Qabdu Tokko isa Barbaaddee an Rabbiin sodaadha Jedheen.

٦=ورَجُلٌ تَصَدَّقَ بِصَدَقَةٍ فأَخْفَاها، حتَّى لا تَعْلَمَ شِمالُهُ مَا تُنْفِقُ يَمِينهُ،
 
6=Nama sadaqaa yeroo harka mirga isaatiin Kennatu hanga harki Isaa kan Bitaa Hin Beeknetti.

٧=ورَجُلٌ ذَكَرَ اللَّه خالِيًا فَفَاضَتْ عَيْنَاهُ

7=Nama kophaatti Rabbi Yaadatee Kan Ijji isaa Imimmaan Dhangalaafte.

Mee Nuti Kam Keessa jirra torban maqaa dhawame kana Keessaa.

"RABBIIN gaafa aduun taakkuu Tokko Qofa nurraa Fagaattu gaaddisa Isaa jala Warra Dhaabatu Nu haa godhu,
اللهم ظلنا في ظلك يوم لاظل الا ظلك

https://www.tg-me.com/AbduljalilRedwan
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Yeroo qilleensi dharaa
Bitaa fi mirgaan hafarsu
Yeroo jaalalli dhibee
Hunduu ajjeechaa labsu
Bara hamaa fi furguggee
Gad-Jedhanii dabarsu!!!!

Yoo gad-jedhee dhufe
Isa darbu fakkaatee
Sifudhatee darbuudhaaf
Yoo sitti aggaammate

Waan qabduun firraa qabi
Humna kee sassaabbadhuu
Aantee fi fira kee mara
Waamii gargaarsifadhu
Duutis yeroos bareeddi
Ciniinnadhuu falmadhu!!


Garuu naaf qalbifadhu
Kufaatiin keenya kanaa
Haqa qabadhuu falmi
Yookiin karaatti hafnaa
#Haqa eeguu lakkifnaan
Ganaa dhibba gabroomna!

Tarii hadhaa'uu mala
Jechi koo inni dhumaa
Jaalattus jibbitullee
Karaan milkii kanuma!!!

Hayyuu meeqaan duurfami
Yoo qabaattes lakkoofsa
Karaa haqaa lakkifnaan
Badiin kee si balleessa!!!!

Xinneenya kee hin tuffatin
Karaa dhugaa qabannaan
Diinni kee hoo baay'ates
Akka duumessa gannaa
Ati yoomuu hin moo'amtu
Rabbiin Kan kee si faana!!

#Anuma Obboleessa keesaani!

Yaadaaf @AbdiiBiyyaa qunnamaa!!

@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
#Ija_Qabdaa_?

Ija /budaa fi falfala adda addaa yoo qabaatte, adeemsa armaan gadii kana hordofuu qabda. Isaanis :

➛ Suuraa faatihaa yeroo 7 qaraata,
💠 الفاتحة7 مرات
➛Aayata Kursiyyii yeroo 3 qaraata,
💠 اية الكرسي 3 مرات
➛ Suuraa Iklaas yeroo 3 qaraata,
💠 الاخلاص 3 مرات
➛ Suuraa Falaq yeroo 3 qaraata,
💠 الفلق 3 مرات
➛ Suuraa Naasis yeroo 3 qaraata
💠 الناس 3 مرات
➛Aayata armaan gadii kana yeroo 21 bishaanitti qaraata
💠 وآية "فَقُلْنَا اضْرِب بِّعَصَاكَ الْحَجَرَ ۖ فَانفَجَرَتْ مِنْهُ اثْنَتَا عَشْرَةَ عَيْنًا" 21 مرة.

Suuraawwan kana bishaanitti erga qaraatee booda, Yeroo hundaa akka nama kiniina fayyadamuutti irraa dhugda, yoo dandeesse guyyaa guyyaadhaan irraa dhiqatta....
تشرب منه باستمرار، وتغتسل يوميا منه.🍃🌸

Follow me👇
https://www.tg-me.com/AbduljalilRedwan
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Maal kootu seeqee kolfa
Eessa kootu gammada??
Ciisus hirriibni hin jiru
Waa'ee lammii koon yaadaa!

Yaanni koo maal siif godha
Siif hin dhaqqabu birmadhee
Gaddi koo maal siif godha
Yoon boo'es Anaannadhee!!
Kanaafan yaada dhiisee
Rabbii kootti ol kennadhee!!

Sittan kenne yaa Allaah
Situ hunda danda'aa
Humnaa fi beekumsa keettu
Lafa hunda walga'aa
Biyya koo nagaa godhi
Anis yoos nagaan ta'aa!!

Abdul-Aziz Ahmedin

@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî)
Watch "#Siin Jaalladha...💯 @Hamza Sheikh jabir @Ibsa abdi official" on YouTube
https://youtu.be/NgdhUpUgyQo
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu

Yaa Obboleessa koo Obboleettii too erga Rabbiin si jaalatee #Muslima si godhe, hadaraa salaata jabeeysi!!

Namoonni hedduun carraa islaama tahuu dhabanii, nama akka isaaniitiif, dhagaaf, mukaaf, beeyladaaf.......sujuudu!!

Namoonni gariin immoo islaamummaa erga badhaafaman booda garuu otoo carraa ibaadaa godhuu hin arggatin addunyaa irraa godaananii jiru.

Hundi nama qabrii seenee jiruu"otoo carraa jiruu argannee sekendii tokkos Rabbiif sujuuda goonee" jedhanii baay'ee sheenawanii quba of nyaatu!!!!

Maarree Obboloota koo, ati fayyaa guutuu qabda, islaamummaa badhaafamtee jirta, Uumama gabbaruu irraayis bilisa taatee jirta,

Kanaafuu gamna koo, salaata jabeeffadhu, salaanni daangaa #Muslimaa fi #Kaafira jidduu jirudha!!. Haqni Allaah n nurraa qabu Kan guyyaa qiyaamaa jalqaba ittiin qoratamnu #Salaata!!


Irra caalaan yeroon namni Allaahtti dhiyaatuu yeroo #Sujuuda godhu tahuu quba qabduu?

Rabbiin hunda keenyaaf nuuf haa laaffisu!!

@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Beellama itti hin kennin!
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Yeroo tokko tokko waan jireenya keenya miidhuu danda'u osoo arginuu irra darbina.

● Waan dhorkamuu qabu dhorkuuf beellama itti kennina.

Rakkoo akka hin qabneetti irra darbinee gaafa rakkoo mul'atu nutti fidu yaaddoo fi sodaa jala galla.

●Waanuma dura haala salphaan sirreessuun danda'amutu dhibee yookiin rakkoo jabaataa ta'ee nutti dhufa.
"Har'an sirreessa,... borun hojjedha....,  rakkoo hin qabu,.... kun salphaadha,...." jechaa waan nuyi beellama hin taane itti kenninee darbinu aarsaa hin taane nu kaffalchiisa.
Aarsaa bakkaa fi yeroo isaa hin eegganne nurraa fudhatee darba.

Maal kana qofaa dhibaa'ummaan nu fudhateeyyuu darbuu danda'a.

❏ Waan jireenya keenya irraa adda baasuun irra jiraatu waan foyyessuun nu irraa eegamu irratti hojjechuuf yeroon filatamaa fi nutti dhiyoo ta'e ammuma.

Waan jireenya keenya irratti gufuu ta'u hundeen buqqisuun nu irra jiraata.

Kana gochuuf immoo beellama itti kennuu haa dhiifnu. Beellama itti hin kennin!
@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu

Obboloota koo Kan barreeffama kana argitanii dubbisaa jirtan akkam naaf jirtu!!

Rabbiin bahaa fi gala keessan naaf haa bareechu!!

Barri keessa jirtu kun bakka garagaraatti bara rakkoon itti hammaatte tahee jira, keessumaa rakkoon nageenyaa bakka baay'eetti mul'ate ummata keenya harka-qal'eeyyii, warra jireenyi isaanii harkaa-gara afaanii tahe baay'ee miidhee jira.

Akka barbaadan bahanii galuun, olii fi gad fifiiganii dafqa isaanii nyaachuufis rakkisaa ta'ee jira,


Kanaafuu mee ollaa keessan too'adhaa, firaa fi aantee keessan iyyaafadhaa, maal maal keessa akka jiran qoradhaa!!

"#Namni otoo ollaan isaa beela'uu ofii quufee bulu nurraahii miti" jedhan Nabi Mohammed (Sallallaahu aleyhi wasallam).

Yaa Obboloota koo Rabbiin siif xiqqaatus qabeenya kennee Obboleessa kee immoo rakkataa taasisuun
1, ffaa qormaata hammam akka ati Obboleessa kee jaalattu ilaaluufi
2, Carraadha, Obboleessa kee bira dhaabbachuun kheeyrii biraa dabalatta!!

@Kennaapost @Kennaapost
Forwarded from ♡ Abduljalil Redwan ♡ (Åbduljálil Hābìïbî) via @toolkitbot
Forwarded from KENNAA (˙·٠•●Abdul-Aziz Ahmedin ●•٠·˙)
𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐓𝐔𝐋 𝐉𝐀𝐍𝐀𝐀𝐙𝐀𝐀 𝐀𝐊𝐊𝐀𝐌𝐈𝐓𝐓𝐈 𝐒𝐀𝐋𝐀𝐀𝐍𝐍𝐀𝐀

Hedduun namaa hin beeku waan jedhamu salaatul janaazaa Keessatti Barumsa akkaan sirritti Barbaachisuudha
1- #takbiiraan_duraa :.. Suuratul faatihaa qara'uu
2- #takbiiraa_lammafaa : .. assalaatul ibraahimiyyaa ( salawaata buusudha) allaahumma salli alaa muhammad wa'alaa aali muhammad kamaa salleyta alaa ibraahiima wa'alaa aali ibraahiim .
Wabaarik alaa muhammad wa'alaa aali muhammad kamaa baarakta alaa ibraahiima wa'alaa aali ibraahiim fil aalamina innaka hamiidun majiid

3- #takbiiraa_sadaffaa :... du'aa'ii kadhatuudha namticha du'eef waan dhufe du'aa'ii irraa sanirraa akkana jedhii kadhadhuuf
((Allaahumma ighfir lahuu warhamhu , wa'aafih wa'afu anhu , wanaqqih minal khaxaayaa kamaa yunaqqi assowbul abyadu minaddanas , wa'abdilhu daaran keyran min daarih, wa'ahlan keyran min ahlih wazowjan keyran min zowjihii, wa'adkhilhul jannah, wa'aizhu min azaabil qabri wamin azaabinnaar ))
Hiikkaa ⬇️
Yaa rabbi isaaf araarami isaafis rahmati , badii isaatis irra dabriif, isa qulqulleessi dilii irraa akkuma uffanni adiin qulqullaahu xurii irraa , isaaf jijjiiri ganda ganda isaarra keyrii (caalu) warras warra isaarra caalu , jannata isa seensisi , isa tiysi azaaba qabrii irraa fi azaaba ibiddaa irraa .

4- #takbiiraa_afraffaa :
"Allaahumma laa tuharrimnaa ajrahuu walaa taftinnaa ba'adahuu "
Hiikkaa ⬇️
Yaa rabbi nu hin dhoowwatin ajrii isaa nus hin fatanin eega isaatii

Eegasii du'aa'ii kadhata nama du'ee fi muslimoota hundaaf eegasii ni xumura salaata isaa salaamtaan.
Xumura salaataa Keessatti salaamtaa takka qofa jihaa mirgaatti

Beeytaa maaliif dirqama sirratti taha share godhuun !?
Sababaan Namni ilmii Diin takka Beekee isii nama hin barsiisin Guyyaa Qiyaamaa ni Gaafatama
Simalee Namni Biraa Beekuu Barbaada garuu ? Hin Beeku Eessa Akka Deemu !?
Gariin namaa ni saalfata !....?
Carraaqadhu ajrii isaa akka sibiratti dhaabbatu hin taasisin namni keyrii irratti nama qajeelchu akkuma nama dalageetii!!!


Ergaa tana waliif share godhaa!!!


@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
2024/06/29 21:56:36
Back to Top
HTML Embed Code: