Telegram Web Link
Forwarded from KENNAA
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Rabbiin warra gaggaarii warruma gaggaariif qooda. Hariiroon siifii Allaah gidduu jirtu bareedduu taanaan Rabbiin namuma bareedaa si badhaasa.


Kun immoo uffannaa fi tolfannaa irratti hin hundaa'u. Bareedinni qalbiidha malee uffataamiti.

Namni keessi tole gubbaanis daran tola, namni keesaatti jallina qabu hangam uffatus hangam fakkeeffatus jallinni irraa mul'ata.

Yaa Obboloota koo , fuudha yaadaa jirtaa ykn heeruma yaadaa jirtaa?.

Ergasiifuu qalbii tee Allaahaaf qulqulleessi, Rabbiin immoo qalbii qulqulluu si badhaasa. Bultii jaaruuf otoo intala/gurbaa janajjanuu hin jalqabne Allaah kee janajjanadhu.

Hanga daqiiqaa 40, 50 ,60...intala/gurbaa jaalattu amansiisuuf torba sagalee jijjiirtee hirriiba dhabdu daqiiqaa 10 qofa qalbii tee as deebisii wudu'a guuttadhuu raka'aa lama qofa salaatii harka kee ol qabadhuu nama diinii fi duniyaa teetiif gaarii ta'e Allaah kadhadhu.

Rabbiin isin haa milkeeysu.



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
2024/06/29 22:10:42
Back to Top
HTML Embed Code: