Telegram Web Link
Forwarded from KENNAA
“ JANNATA keessatti lallaba tokkotu baha;” Yaa warra JANNATAA. Fayyaa malee dhukkubni isin hin tuquu muramte! Dargagummaa malee dulloomuun hin jiruu muramte! Jiraachuu malee duuti hin jirtuu muramte! Bashannanuu malee rakkoon hin jirtuu isiniif muramte “ jechuun lallabni baha jedhan Abbaan Qaasim Nabi Muhammad
صلى الله عليك وسلم !

Yaa fooqii jannataa kan biyyee fi dhakaan tokko keessa hin jirre warqii malee! Kan dhukkeen shittoo,kan biyyeen warqii!
Yaa bareeduma dubartii ganda sanii,kan xuriin gosa gosaa irratti hin argamne. Tan dubrummaan irraa hin dhumne!

Yaa Dhugaatii fi nyaata biyya sanii,kan fincaanii fi hagatti hin jijiiramne. Dafqa shittoo caala urgaa’u tahee fiilu.

“ Waan gurri hin dhagahin,waan ijji hin argin,waan sammuun namaa hin tilmaamin,Jannata keessatti walitti qabame “ jedhan Abbaan Faaximaa صلوات ربي وسلامه عليه

Har’i carraa dalagaati, bor ammoo badhasa galataati!



Yaa Allaah toluma keetiin nu badhaasi,



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA
Ibaadaan Qeebalamuuf Ulaagaa Qabdii ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Ee ulaagaa 3iin Ibaadaan Qeebalamti.

1. Rabbitti Amanuu
2. Rabbi Qofaaf Godhuu (Ikhlaasa)
3. Akka ergamaan Rabbii Muhammadﷺ dalaganitti godhuu qabna.

Eegaa Rabbitti amanuun hunda dursiti. Kan Ibaadaa haqa godhatu Allaah qofa. Kan Ibaadaa(dalagaa gaarii) Qeebaluufi Jannataan galata namaaf galchu Rabbi. Rabbiin akkaataa Ibaadaa itti goonu Muhammad irraa akka barru, isa akka hordofnu nu ajaje. Hojiin ergamaa Rabbii Muhammadﷺ irraa nu hin gahin Ibaadaa hin taatu.

Rabbitti amannee, dhaamsa ergamaa Rabbii hordofnee, yoo qulqulleessinee Rabbi qofaaf Ibaadaa goone Rabbiin nuuf Qeebala.

Yaa Rabbi ibaadaa teenya Hunda nuuf Qeebali.





@Kennaapost @Kennaapost





T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA
🌺🌺🌺QOOSAA🌺🌺🌺

🙍‍♂🌹🌹Abbaa manaa🌹🌹. Fi 🤦
‍♀🌹🌹Haadha manaa turan

↩️Jaarsi halkan hunda ka'ee leeylii salaatee rafa. Jaartiin garuu hirriba guddatti. Yeroo hunda ni kaasa garuu ni diddi!!!!!!!!!

↩️Walumaa galatti hirriba jaalatti
Jechuudha!!!!
Inni silaa jaartiin Isaa wajjiin salaattee jaalata.

↔️Gaaf tokko mala dhawatee akkuma Kanaan duraa kaasee biraa deemee wudu'a godhatee dhufee salaata leeylii isaa jalqabe. Ishiinis akkuma kanaan dura gootuu hirriba ishiitti deebite.

♈️Haala niitii Isaa kan hubate namichi dafee salaata xumuratee du'aa'ii osuma godhatuu gara xumuraatti xiqqoo sagalee ol kaasee👇👇👇
.
.
..
.
.
.
.
.
.
🙏🙏🙏Yaa Rabbii koo haadha manaa tan leeylii na wajjiin salaattu naaf kenni jedhee kadhachuu jalqabe!
Niitittiinis tasa hirriba keessaa kadhaa tana dhageessee
Iyyuu jalqabde= du'aa'ii Isaa gargar kutee dhaqee yoo maal taate jedhee gaafatu.
.
👩‍🎤ISII
➡️🙏🙏Du'aa'iin sa'aatii kanaa akka kallattiin qeebalamtu ni dagattee?
👨‍⚕ISA
➡️Lakki hin daganne sirrittan beeka!

🙋ISII
➡️Marree💜 Bareedaa koo
Naaf kennii dura naaf qajeelchiin hin duursuu???????

🙋‍♂ISA
➡️Sirriidha. Garuu eda naaf qajeelchi jedhee kadhadheen ture. Garuu ati hin jijjiiramne, kanaafan naaf kenniitti darbee kadhadhe!!

💁ISII
▶️Lakki inni eda kadhatteyyuu qeebalamee jira. Arra guyyaa guutuu waa'ee kanan yaadaa oole. Kana booda leeyliin tokkoyyuu akka na hin darbine waadaa galeen ture. Garuu tasa ergan rafee xuriin waan natti dhufeefiin hin ka'ini. Yaadaan sihordofaan jira. Du'aa'iiwwan ati hanga ammaa goote hunda aamiin jechaan ture. Garuu ati boodarra ka na iyyisiisu itti dabalte!!!

🙋‍♂ISA
▶️Tole amma ka si gammachiisun kadhadhaa ati aamiin jedhi jedhee...... Akka Rabbiin waliin umrii isaan ibaadaa irratti dheeressu kadhatanii rafan!!

Jalqabumayyuu qoosaa isinitti himuuf miti qalbii keessan hatee ergaa kana isin biraan gahachiufani!!
Kuni qoosaa miti ergaa fi barumsa guddaa qaba waan ta'eef.
Lakki kolfuun qaba yoo jette xiqqeessii seeqadhu.





@Kennaapost @Kennaapost



T.me/Kennaapost
Forwarded from KENNAA
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Rabbiin warra gaggaarii warruma gaggaariif qooda. Hariiroon siifii Allaah gidduu jirtu bareedduu taanaan Rabbiin namuma bareedaa si badhaasa.


Kun immoo uffannaa fi tolfannaa irratti hin hundaa'u. Bareedinni qalbiidha malee uffataamiti.

Namni keessi tole gubbaanis daran tola, namni keesaatti jallina qabu hangam uffatus hangam fakkeeffatus jallinni irraa mul'ata.

Yaa Obboloota koo , fuudha yaadaa jirtaa ykn heeruma yaadaa jirtaa?.

Ergasiifuu qalbii tee Allaahaaf qulqulleessi, Rabbiin immoo qalbii qulqulluu si badhaasa. Bultii jaaruuf otoo intala/gurbaa janajjanuu hin jalqabne Allaah kee janajjanadhu.

Hanga daqiiqaa 40, 50 ,60...intala/gurbaa jaalattu amansiisuuf torba sagalee jijjiirtee hirriiba dhabdu daqiiqaa 10 qofa qalbii tee as deebisii wudu'a guuttadhuu raka'aa lama qofa salaatii harka kee ol qabadhuu nama diinii fi duniyaa teetiif gaarii ta'e Allaah kadhadhu.

Rabbiin isin haa milkeeysu.



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
2024/06/28 15:40:36
Back to Top
HTML Embed Code: