Telegram Web Link
#Haamaas eenyudha? Eenyuun hundàa'e? Amma hoo eenyuun hoogganama? Kaayyoon isaa hoo maal bu'uura godheeteeti?

#Haamaas Sochii Qabsoo Islaamaa yoo ta'u, Afaan Arabaatiin Harakata Al Muqawwamaa Al Islaamiyyaa jedhama.
Haamaas garee Loltoota Islaamaati, qabsoon haamaas muslimoota qofaaf osoo hin taane qabsoo kiristiyaanota Filisxiin keessa jiraataniitif ni qabsaawa, kanaaf Kiristaanaafi muslimoota Filisxiiniin deeggarama. Haamaas garee walabummaa fi bilisummaa Filisxiiniifi ummata Filisxiiniif qabsaawudha.

Haamaas tuuta hidhattootaafi siyaasaa naannoo Gaazaa daheeffachuun afaan qawweetiifi siyaasa akkaan gadi fagoofi wal xaxaa ta'e gaggeessuun maqaa guddaafi sodaatamaa kan horatedha. Walumaa galatti haamaas bara 2007 irraa eegalee huumnota 'fataah' (dargaggeessa) jedhamu, kan piresdaantii Filisxiin Mahmuud Abbaasiin hoogganamu lola yeroo gabaabaa godheen injifatee gazzaa kan to'atedha.

Sochiin haamaas bara 1987 gazzaatti Hoogganaa isaanii Yaasiin Arafaatiifi gargaaraa isaanii Abdu Aziiz Al-Randaan kan hundeeffame yoo ta'u, yeroo muraasa booda fincila jalqaba Israel naannoo Filisxiin qabachuuf jette mormuun hundeeffama isaatiin yeroo muraasa booda qabsoo eegale.

Kaayyoon Haamaas inni guddaan dachee Filisxiin kan seena qabeettii taate bilisa baasuudhaaf tuuta qabsoo hidhannoo Israel irratti gaggeessudha.

Haamaas yeroo ammaa Ismaayi Haniyee hoogganaa siyaasaa isaanii yeroo ammaa ta'uun tajaajilaa kan jiru yoo ta'u, inni ammoo gaggeessummaa bara 2007 hoogganaa yeroo dheeraa khaalid Haamaash irraa kan fudhatedha.

Haamaas yeroo ammaa qabsoo hadha'aa Israel irratti taasisaa jiruunis waraana lafootiin injifannoo dabaalamee waraana Israel Gaazzaa irra akka ittisaa jiru gabaasaaleen garaa-garaa ni addeessu.

Haamaas injifatee dachee Filisxiin walaboomsa moo Israel irra aantee injifannoo isii labsiti kan jedhu hibboo hiika hin qabneefi yeroon murteessu waan ta'eef, walumaan ilaalla.


✍️...
@Sabaa_Ifaa dhaan
Lafti Kun Raajiidhaam
Waanuma hunda baata
Harreen wol arraabdi
Koromiin wol nyaata

Isheen dur wol dhiittu
Wol dhidhiibnaan cabaa
Kan dur wojjin qotu
Wol nyaachuunsaa daba

Kan gaafa qamadaa
Waanjoon kan kee tokkoo
Kan orma birattis
Woliin qabdu moggoo
Harqoota tokkichaan
Osoo qottuu lafaa
Deebitee wol nyaachuun
Dhugaa rabbii fafa

Harreen dur wol dhiittu
Wol Arraabnaan dirra
Bara kormi keenya
Wol nyaaturra jirra !

Barri waan baayyee finnaan
Waan baayyee arginee
Gaaf tokko dubbanna
Yoo keessa darbine !

Ammaaf kanuma jenna
Dubbii qolaan qolii
Qaamni ofii wol dhabuudha
Rakkoon hundaa olii
"Silaa sijalan rafa, sijala ijoollee raffisani" jechuun Dr Alii Birraa, waa'ee dubartii jala rafuutimoo ergaan isaa maali?

Namni baay'een Dr Alii Birraa eenyu akka ta'e hin beeku! Dr Alii Birraa artistii akkamii akka ta'e beekuuf walaloosaa sarara lama qofa fudhannee ilaaluun gahaadha.

"Silaa Shaggarin baha - Shaggaritti kooraa fannisani
Silaa si jalan rafa - Si jala ijoollee raffisani!" Dr Art Alii Birraa

Sirbi kun, namoota hedduu biratti sirba jaalalaa qofa fakkaatee itti mul'ata. Lakki; Waawuu! Dubbiin akkas qofa miti. Sirbichi sirba qabsooti. Mee hiikaa walaloo kanaa, bo'oo bo'oon, akkasumas birkiin gargar baafnee haa ilaallu.

"Silaa Shaggarin baha - Shaggaritti kooraa fannisan" jechuun maal jechuudha? Shaggar jechuun maqaa masoo Finfinneeti. Maqaan Finfinnee inni kiristinnaa 'Addis Ababaa (አድስ አበባ)'dha. Maqaan falaasamashee inni koomeediyaanonni miilana baasaniif immoo 'Baraaraa (በራራ)' dha. Egaa Dr Alii Birraa, "Shaggaritti kooraa fannisani" maaf jedhe?

Dur dur jaarraa 1 fi walakkaa ol dura bakki har'a magaalaa guddoo biyyattii jedhamte kun baadiyyaa turte. Ilmaan Oromoo hiddaan warra Tuulamaa ta'an irraa qotatanii, irratti horsiifatanii, irratti irreeffatanii, irratti wal fuusifatanii, irratti yaabbatanii, irratti nyaatanii jiraachaa turan. Sirni gita bittoota Nafxanyaa erga dhufeen booda garuu, dachee ilmaan Oromoo Tuulamaa kana dhuunfatee waa mara hongeesse. Horii, lafa, miidhaanii fi qabeenya biroo si saame. Waan aadaa, duudhaa fi saba Oromoo ibsu immoo ni gube.

Namoonni gariin horii fi qabeenya isaanii waliin irratti ajjeefaman; kaanimmoo keessaa buqqaafaman. Akka durii sana qe'ee ofiirratti qotachuun, horsiifachuun, irreeffachuun, fuusifachuu fi qananiin jiraachuun ni hafe. Akkuma beekamu, Oromoon Tuulamaa yaabbii fardaan beekama. Oromoon bakka Gugsii, iddoo cidhaa, qe'ee gaddaa fi lafa jilli jiru kamiyyuu farda yaabbatee deema. Gaafa sirni finxaaleyyii dhufee dachee sana qabatee eegalee garuu, wanti martuu ni hafe. Farda garmaamsuun, gulufuun, dannabsuu fi utaalchisuun ni hafe. Fardi kaan ni saamame, kaan ni gurgurame, kaan immoo ni du'e.

Egaa Oromoon Tuulamaa gaafa dachee ofii dhabe, waa baay'ee waliin dhabe. Gaafa farda ofii dhabu kooraa fannise. Kanumaaf Dr Alii Birraa, "Silaa Shaggarin baha - Shaggaritti kooraa fannisan" jedhe. "Oromoon Shaggar hin jiru. Inni jirus kooraa fanniseera" jechuu isaati. Kooraa fannisuu jechuun, dararama, hongummaa fi jaalatanii osoo hin taane, dirqamanii waan ofii lafa kaahuu agarsiisa.

Dur gaafa keessummaan qe'ee namaa dhufu, Oromoon farda fe'eefii gaggeessa. Egaa Alii Birraa yoo Finfinnee dhufe, fardi ittiin gaggeeffamu akka hin jirre beeka. Abbaan Kooraas akka hin jirre beeka. Bara sana akka har'a miti. Hamma har'aa kanallee foolii Oromoo fi Oromummaa Finfinnee (Shaggar) keessaa badee ture. Aliin, "Yoon Shaggar deeme, wanti marti badeerahoo" jedheetu walaloo sarara tokkoon, miidhama Oromoo Jaarraa tokkoo olii ibsate.

Isinitti hin dheeressu egaa. Walaloo hafe (bo'oo itti anuu) gabaabseen ibsa. "Silaa sijalan rafa - sijala ijoollee raffisan" jedhe. Bo'oon walaloo kanaa garaa nama nyaata. Aliin silaa Shaggar dhufee Tuulamtittii waliin rafuu heda. Garuu, dubbiin ni bade. Ishee jala ijoolleen rafteetti. Ijoolleen immoo bakka qabatteetti. Lafti hirribaas hin jiru. Yoommoo ijoollee waliin jala rafe, waan baduu fi hin mijannetu jira. Bor ganama ijoolleen dubbii himti. Iccitii baafti. Kana maleemmoo, ijoolleen of jalatti fincoofti. Of jalatti u*aanti. Sun immoo Alii hin gammachiisu. Isiniif gala mitiiree? Ijoolleen eenyu jettanii nan gaafatiinaammoo. Dubbiin qolumaan tolti.

Walumaa galatti, Dr Alii sababaan jaalanna. Artistii qofa miti. Hayyuudha! Ogeessa afaaniiti. Abbaa dubbii qolaati. Gamna; akkatti bara keessa taa'anii itti diina waraanan beeka. Akkatti saba ofiif dalagan beeka. Ammoo hiikaa fi hiikoon aartii isa bira jirti. Kuusaan Ciigoo mana isaatti argamti. Inumaayyuu nama kana namni hin hubanne. Warri toorasaa irra jiran illee isa hin hubanne. Irraa hin baranne!

Aliin Warqee fi qaroo Oromooti. Nama qaaliidha!
Barreffama kana waggaa har'aan barreesse. Dr Alii Birraa gaafas lubbuun jira. Torbee ani barreeffama kana barreessetti boqote!

Onkoloolessa 2022
.
😢Baala gizee

Beenu baadiyyaa
Seeni tokkicha
Mil'adhu jiruu
Ilma oromtichaa

Akkuma kalee
Dhiiba lafasaa
Maaliif hin jirreen
Coomsa gurrasaa
ODUU DANSAA👂

Ajajaan WBO Jaal Marroo Dirribaa fi namoonni 3 biroo waliin marii araaraa marsaa 2ffaaf xiyyaara ICRC tiin imalaniiru.

:)Mariin kun boru ykn iftaan Ameerikaatti eegalama.

:)Qaamni araaraa qaamolee kana lamaan jidduu jirus, [Norway, USA, Kenya & IGAD,...!]

Nagaan filannoo hin qabu!
Peace has no alternative!
ሰላም ምርጫ የለውም!

Nagaan jaallan siyaasaa gidduutti bu’u, saba nagaa dheeboteef boqonnaa ta’a; Rabbiin nagaa nuuf haa buusu!
Gungumakee nuttasaasuu
Qilleensarraan sagaleekee
Ormi jibbaaf nubasaasuu
Jabeeffadhu dagaleekee

Sirba mormaaf waliin tollaa
Gaafa tolaas itti deemnaa
Shira ormaas waliin qollaa
Gaafa lolaas itti beeknaa

Dhugaan ummata qulqulluu
Haa qoorfamu madaan sabaa
Nutti jignaan akka tulluu
Qe'een keenya nagaa dhabaa

Hin jiraannu saba ganaa
Galmeessinee madaa seenaa
Dhugaa jelaa karra banaa
Qee'ee keenyaaf nagaa feenaa
Forwarded from Nuredin Ahmed Godana🇵🇸🇪🇹 (Fiixaa dha)
Inni maal nun goone?

_
Addunyaa mararraa
Duuba nu hambise
Adeemsa nu dhoorkee
Gadi nu harkise

Dadhabaa nu godhee
Seenaa nu awwaale
Mogolee nu dhahee
Miila nu sakaale

Woraabessa woliin
Guyyaan nutti yuuse
Dirreerraa nu darbee
Hallayyaa nu buuse

Ija nu haguugee
Qoreerra nu oofe
Foon nurraa luqqisee
Dirra keenya soofe

Fira wollaalchisee
Orma nu yaachise
Aanan osoo jiru
Xonqoo nu nyaachise

Ittin fayyadamnu
Sammuutu nu gane
Abbaa fedhe cufee
Yoo fedhe nu bane

Hamma keenya argee
Jaanjotu nu suufe
Garba gidduu teenyee
Dheebuun nu afuufe

Mataa miila hin qabu
Hojiin keenya burre
Surretu qamisi
Qamisiitu surre

Faallaa gara galchee
Iliif gadi yaase
Bishaan gabateerraa
Qilleensi nu raase

Karra nu cufate
Akka nuti hin moone
Maal nutti hambifate
Inni maal nun goone?

Woma hin taane maraaf
Qalbii nu naasise
Worra nuu gadiitii
Gabra nu taasise

Abbaan naadiyyeetuu
Durirraa ogeessa
Balbala amba maraa
Irra deemee feessa
Balbala ufiimmoo
Baxxalatee dheessa

Barri nuuf rakkinaa
Achii kan misaati
Nam biraan se'inaa
Kun hojii isaati

Osoo hin dorgomin
Dura abdii murre
Dhibba shaniin binnee
Shantamaan gurgurre

Damma ambaa mi'aa
Kan nutti hadheesse
Sababa isaa lammiin
Qubaan mallatteesse

Akka horii maxaqoo
Hunduu nu kajeele
Qaccee gabrummaatiin
Jaarraaf nu haleele

Gola keenya seenee
Alagaan nu saame
Harka nu dachaasee
Afaan nu lugaame

Mucaan ganda keenyaa
Kan kalee dhalatee
Guyyaa lama keessa
Afaanis baratee

Naga nu gaafate
Deemee ollaaf Firaa
Amma kunoo sangaan
Lafa qotaa jiraa

Gaangeen buleen takka
Chaayinaadhaa galtee
Xuqur ambassaatti
Eda waatii dhaltee

Yeroo karaa deemtu
Dugda maleen baattu
Margas dheeduu didde
Paastaa maleen nyaattuu

Jedhanii nu himnaan
Worri jaraan firaa
Fudhanneerra sichi
Maal goona waan biraa

Karra nu cufate
Akka nuti hin moone
Maal nutti hambifate
Inni maal nun goone?

Barri nuuf rakkinaa
Achii kan misaati
Nam biraa hin se'inaa
Kun hojii isaati

Booree osoo hin bahin
Akkam goonee teenyu?
Kan kanaan nu gahe
Innumti kun eenyu?

#Fiixaa_Dhugaa_Official
Yaa gara jabummaa
Ilma namaa kana
Maal jennammee maaloo
Na dhibehoo ana

Namummaa dagatee
Seera uummaa rabbii
Kan hamma bineensaa
Yaadu dhabe qalbii

Kan summii jibbaatiin
Guyyuu wal dararu
Kan ittiin waraanuuf
Albee walii qaru

✍️... Bikiltu Wakesa
Yaa utubduu biyyakoo
Hirkoo jabaaf dagalee
Yoo dhaga'an iyyakoo
Siifan ta'a sagalee

Maal arganii badiikee?
Yaa jijjiirtuu doolaarii
Gad buusanii gatiikee
Nudhabsiisan moolaarii

Dafqinee dhiiga cophaa
Sikununsuudhaaf cabnee
Jireenya jirraan sobaa
Erga dafqinee dhabnee

Jiraachuuf akka dhabnee
Bu'aaf hindoo wallaallee
Diraamaa hiikan qabne
Mudhii qabannee laallee
#Addunyaa_kanarra_namoota_afurtu_jiru!

Isaan yaada isaanii dubbachuufi barreessuu danda'an.

Isaan yaada isaanii dubbachuufi barreessuu hindandeenye.

Isaan yaada isaanii dubbachuu danda'an; barreessuu hindandeenye.

Isaan yaada isaanii barreessuu danda'an; dubbachuu hindandeenyedha.
Daqiiqaa muraasa dura Afaan Arabaatiin Post ajaa'ibaan dubbise. Mucaa daa'ima waggaa 7 hin gahin duraa haati duute. Yeroo muraasa booda abbaan isaa haadha manaa biraa fuudhe. Haati manaa abbaan isaa fuudhe kun haadha biddeenaa (Gayyaa) mucaa kanaaf taate.!

Guyyaa tokko abbaan isaa "haadha kee kan duraatii fi kan ammaa jidduu garaagarummaan jiru maali?!" Jachuun daa'ima kana gaafateen. Daa'imni kun yaadda'aa "haati koo kan duraa ni sobdi. Soban irraa baradhe. Garuu, kan ammaa kun dhugaa malee hin beektu "jachuun deebiseef!

Abbaan isaatiis deebisaa isaa akka malee Ajaa'ibee "mee akkamitti?!" Jechuun gaafateen. Yeroo kana daa'imni kun "haati koo kan na deesse "yoo bakka akkanaa dheemte, yoo waan akkanaa hojjatte nyaata sitti hin kennu" naan jatti. Garuu, yeroon ani waan isiin irraa nadhowwite kana hojjadhees nyaata anumaaf kenniti. Garuu, kan ammaa kun ajaja isii yoon dide akkuma jatte nyaata naaf hin kennitu. Kunoo ammayyuu guyyaa lama nyaata naaf hin kennine!" Jachuun isaaf deebise!

Namni bakka haadhaa bu'u jiraa?! Addunyaa kanarratti Musiibaan guddoon Daa'imummaan haadha dhabuudha!

Aboo kan haadha qabdu Rabbi Umrii siif haa dheeressu. Kan hin qabne ammoo Rabbi jannata haa kennuuf!
#Naaf_hin_bo'ini

Jiraatti na jibbitee
Osoon qabuu lubbuu
Duunaan naaf hin iyyin
Sitti ta'a cubbuu

Jiraatti yeroon jiru
Argaa koo dadhabdaa
Reefka kootti garuu
Kijiba gaggabdaa

Kan har'a naaf hin taane
Naaf hin tolle jiraatti
Bor naaf hin gaddin
Naaf hin bo'in ciraatti

Garaan kee rifatee
Boora'ee yoo naaf na'e
Firummaan kee har'aa
Dhuguma yoo ta'e

Har'a naaf owwaadhu
Sagalee waamichaa
Duunaan ormuu fira
Imimmaan saamicha

Imimmaan lakkuu roobdee
Naaf bo'uu keerra duunaan
Reef hin yaadatin reefka koo
Boolla awwaalchaa gad buunaan

Osoon shantama raata'ee
Yaanni gad na dhoru
Har'a na dagattee
Naaf hin gaddin boru


✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
Taphattootni kubbaa miilaa dhiirotaa kan 🇪🇹 osoo taphachuu dhiisanii gaariidha.
baajata isaanitti bahu osoo karaa baadiyyaa ittiin nuuf hojjettanii silaa haati hiyyeessaa aara-galfatte🥹

Namni akkuma tasaallee goolii tokko hin galchuu? baruma baraan itti guuramee galu hin yeella'anuu🤧😷
Nama miiliyoona 120 keessaa nama 11 dhabuun fokkuudha😂🙈

Mee isin maal jettu yaada koo kana?
Gara karri gadee
Tabba horfaa baanee
Bara barri bade
Nama kolfaa taanee

Ce'een lagaaa dhabee
Waliin-malteef labnee
Qe'een nagaa dhabee
Walii galtee dhabnee


@Sabaa_Ifaa
Alagaan hangamillee wal jaallachuu dhabu,
Jibba Oromummaa Irratti Alaaf Keessan Mamii Malee Waliif Gala.Kan Keenya ammoo nagaa buusuf marii Godhee Osoo waliin galle,
wal dhabuu irratti walii galee adda gala!

Tuu Kan kolfaa taanee hafne.
Cabarbaari qofa!
#Seenaa_bareedduu_hiriyaa

Hiriyoota lameen baay'ee wal jaallatantu turan. Guyyaa tokko gurbaa isa tokko jalaa harmeen dhukkubsattee maallaqni isa barbaachise, hiriyaa isaa bira deemee akkas jedheen “Maallaqa na barbaachisa, haati koo dhukkubsattee qorichaaf qarshii hin qabu”
Hiriyaan isaa akkas jedhee deebiseef: “Tole hiriyaa koo jaallatamaa halkan naaf bilbili” jedheen. Innis galagalli geenyaan bilbileef garuu bilbillichi cufameera.irra deddeebi'ee bilbiluuf yaale hamma dadhabutti, argachuunii hin dandeenye. hiriyyaa biraa kan isa gargaaruu danda'u barbaaduuf deeme, garuu argachuu hin dandeenye.
Hiriyaa kana qofa qaba innis gaddisiiseenii mufachiiseenii, yeroo baay'ee isa barbaachisutti isa dhiisee bilbila cufate. Innis nuffee gara manaatti qajeele.
Yeroo manaatti galu boorsaa qoricha qabu arge, naannoo barcuma haati isaa ciiftee jirtutti.
Akkana jedheen harmee isaa gaafate “isaa kana eenyutu fide?” Harmeenis akkas jetteeen “Hiriyaan keetu qoricha kana fide, yeroo muraasa dura gadi ba'e" jetteen Gurbaanis ni kolfee; imimmaan ija isaa keessaa dhangala'ee hiriyyaa isaa barbaaduuf ba'e, Yeroo hiriyyaa isaa argu “eessa turte ,Bilbilli kee na dide” jedhee gaafate? Hiriyaan sunis akkana jedheen: “bilbila koo gurgureen qoricha haadha keetiif bite” jedheen.
Hiriyyummaan maal akka ta’e hubattee?
Hiriyaan dhugaa gaafa hiriyaan isaa rakkatu harka isaa hin darbu! Hiriyaan dhugaa obboleessa haadha adda ta'e irraa dhufedha
#Rabbiin_hiriyyaa_gaarii nuf haa kennuu!
Forwarded from Nuredin Ahmed Godana🇵🇸🇪🇹 (Nuur)
Onnattuu lubbuu koo!

Hamileen sin bu'in
Ilaaltee waan baraa
Humna naaf godhadhu
Jajjabaadhu adaraa

Gufuu si sakaalu
Laaltee huraaf huubaa
Onnattuu lubbuu koo
Hin laalin of duubaa

Qormaataan eela'ee
Madaa'us keessi kee
Takkaa of duubatti
Hin deebin deemsi kee

Yeroof wanta yaadde
Argachuus yoo haftee
Miira keef bitamtee
Hin kufin moo'amtee

Yaadaan hin faca'in
Woli sassaabbadhuu
Obsi hunda moo'i
Jabaadhuu dhaabbadhuu

Yaaddoon hin yeela'in
Balbala kee cuftee
Fuulduratti deemi
Nan qaanessin kuftee...

Lubbuu koo bareedduu
Ba'i gaara guddaa
Cimii irra aani
Dagadhu waan hundaa

Doonii jaalalaarraa
Hin dhidhimin lamuu
Tasa sin baraaru
Jabaaf beekaan kamuu

Kaayyoo kankee qofaaf
Booji'amii fiigii
Addunyaa dhuunfadhuu
Karra cubbuu diigii..

Jajjabaaduu lubbuu koo
Gadi galoo nyaarii
Ifa keen dhaqqabii
Addunyaa ijaarii....

Onnattuu lubbuu koo
Galma sobaa raasii
Akka worra darbee
Seenaa kee ol kaasii!

#Nuredin_Ahmed_Godana #Dambalii_Waloo
"Namni ani sabbata godhee mudhiitti hidhadhe bofa ta'ee na hidde" jedhu! Jechi kun dhugaadha. Yeroo hedduu namoota nuti isaan gargaaruuf gatii baafnutu, miidhaan gatii nu baasisa. Isaaniif osoo yaadduu sirratti yaadu. Ati karaa lafaa isaan kufanii kaaftu barbaada. Isaan garuu karaa ittiin si kuffisan abjootu. Gocha keef galata argachuun osoo siif maluu dubbiin garagaltoo ta'a. Olmaa kee nama dhagaatti fincaa'e godhanii hammeenya kee ololu. Yaanniifi gochi kee gaariin qoree si waraanu biqilcha. Tolli kee bishaan gammoojjii keessaa ta'ee maqaan kee hadheeffama.
#Update

Itiyoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa Itti argattu Somaalee Land waliin mallatteessiste.

Haala Kanaan Itiyoophiyaan buufataa fi bakkee waraanaa kan ijaartu ta’a.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi pirezidaantiin Somaalee Laand Musee Biihii Abdii waliigaltee kana mallatteessaniiru.
2024/06/21 06:08:26
Back to Top
HTML Embed Code: