Telegram Web Link
Si kukkutu-si murmuru
Haqakee dabaan gurguru
Yaa Salaalee-yaa Guduruu
Abshir,roorroon kun hinturuu!

😭
Kuma dhiisnee garaatti
kudhan qofaa quuqamnaa
utuu beeknuu karaatti
afaan kolfaa luugamnaa
~
borofni suuta deemnaan
qocaan arreeda fiigaa
bosonni alaa cabnaan
basootu manaa dhiigaa
~
kan keessoo harkaan baannaan
hin dandeenyu nuraasaa
akka baay'ate caalaa
kan dubbannut muraasaa
~
kolfinus gammi'amaa
bakka cabnen wallaallee
bor bari'a jechumaaf
beekaa marree awwaallee
~
hurkee duumessa ta'ee
gumgumee roobuuf bokkaa
dhufee nukeessa ga'ee
waan keenya eenyu dhoskaa?
~
warra giidoon mararuuf
barreessinees gumgumaa
warra kiiloon safarus
gariin taakkuun dhugnumaa
~
waraqaarrattis ta'ee
barruulee garaagaraa
nuun hir'isu waraabee
quuqama keessoo garaa!
Dhugaadha; namatti hadhooftuudhas,namni ati har’a dachee kanarraa baay’ee jaallattee,kunuunsitee fi amantee hundaa
ol ofitti qabdu, guyyaa tokko siganee bahee, miila fageeffatee akka lamuun arginetti fagaatee deemee eelaa garaatti siif kuusa.

Barigaa,yeroofillee taatu Addunyaa kana sitti dukkaneessee humna sifuudha. Imaltuu jireenyaatu kanaa fi wantoota akkanaan qoramti.

Nagaan bulaa!
WBO’n bosona jira. Faannoonis bosona jirti. Waraanni Faqqadaa Abdiisaas caakkaadhuma. Qaamoleen kun hundumtuu bosona daheeffatanii qaama β€œDiina” jedhaniin wal haleelu. Siyaasa isaaniis gaggeeffatu. Waraanni mootummaas sakatta’iinsa nageenyaatiif bosonatti ni bobba’a.

Harmeewwan qaamolee kanneenii garuu, bosona kan deemaniif hurraa funaannachuuf qofa. Kanaachi siyaasa bosonaa mitii, hiikooma siyaasaayyuu hinbeekan. Harmeewwan keenyaan, β€œSiyaasa akkamiin hubatta?” jettee utuu gaafattee, β€œSiyaasni maayinni gurbaa?” jettee gaaffii gaaffiin sii deebisti. Dhuguman jedha; harmeewwan ilmaan isaanii qaama siyaasaa ta’e keessa jiranii, siyaasa ilmaan isaanii keessan jiran sanayyuu hin beekan. Ta’us garuu, bu’aa siyaasa ilmoo isheetiin lubbuunshee dheedamaa oola, harmeen!

Qaama mootummaas haata’u miti mootummaa, lubbuun harmeefi abboota keenyaa qabdii ilmaansheetii tahuu hin qabu; sanuu ijoolleeshii waggaa 18 darbiteef! Ilmoo dhaluu/dahuun yakkadha taanaan ammoo, Hewwaan irraa kaasee harmeewwan sanyii dhala namaa hundumaa yakkamtuu taatee fuula man-murtii haa dhaabbattu! Garuu, akkamitti? Uumaaf uumamatti adda bu’uu taati.

Haadha kana comment jalatti ilaali. Callisiituma ilaali. Hamma lafumaa kaatee β€›picture’ harmee kanaa ilaalteeyyuu hin boossuu? Namni harmee qabus ta’ee haati jalaa duute, hamilee suura kana ilaalee hin mararamneef qabamoo? Haadha bar; sanuu aayyoo garaa nama nyaattu. Biyyoon anaa nyaattu!😭

Qaamni wal lolu yookii wal mo’ata, aliimmoo araarama. Mootummaan aangoorra jiru ni kufa, mootummaan biraas ni dhufa. Lubbuun guyyuu akka baalaa harca’aa ooltu garuu, baddu deebii hin qabnedha. Kan harmoolii ammoo daranuu nama surura.

Haadha kana Shawaa bahaa Boosatitti maqaa, β€œIlma keetu bosona jiraa”tiin qabanii hidhan (Dur hidhaan mana sirreeffamaa seeraa jedhama). Mootummaan qaama barbaade/dhimma irraa qabu waamee hidhuu, yakkasaatiin ammoo adabbii seeraa adabuuf mirga guutuu qaba. Nama qabamee harka seeraa jiru, mana hidhaatii baasanii ajjeesanii gatuurrammoo yakki hamaan biraa addunyaa kanarra hin jiraatu. Qaama mootummaa keessaas haata’u qaamolee bilis-baastota biroo keessaas ta’u, harkumti harmeewwan kanneenirratti rasaasa roobsee ajjeesu eenyurraa dhalate? Nama moo bineensa?

Maqaa, β€œIlmaan keetu bosona jiraatii fi ilma ijoollee keetu qaama mootummaa keessa jiraa”tiin, ajjeechaan haadhaaf abboota keenyaa yoom dhaabbata? Jarana walii keessan waraanaa! Harmee keenya garuu, hin ajjeesiinaa! Harmeen keenya kan warra siyaasa keessa jiranii qofa miti.

Aayyoo anaa nyaatu; an dhalli kee biyyoo haa nyaatu!πŸ’”
Aara galfachuuf deessee
Deesseetoo rakkamtee
Badii male teessee
Nagaadhaan yakkamtee

Wanta ati hin qabne quba
Kanumti si dararuu
Akkamiin si huba
Maaf dhiisteen mararuu..?

Namni Aayyoo qabu
Harmee irraa dhalatee
Qalbiin dhiisee cabuu
Si nyaate qalatee

Gocha quba hin qabneen
Shirri dirree guutee
Meeqa akkasiin dhabneen..?
Har'as atis duutee


✍️...
@Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž
@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž


Ι’α΄€ΚŸα΄€α΄›α΄α΄α΄α΄€α΄€!
Qabsoon siyaasaa miidiyaa hawaasaatiin godhamu gatii akka hin qabne, ajandaa kaleessaa fi har'aa adeemaa jiruun wal bira qabuun ilaaluu qofti gahaadha.
Waa'een lubbuu namaa halkanuma tokkotti dagatamee, waa'een sirbaa qeenxee immoo ajandaa guyyuu ta'e. Borummoo kan biraati. Iftaanis akkasuma!
Miidiyaa hawaasaatiin xaafii fi qamadiin hin oomishamu. Miidiyaa hawaasaatiin namni hin wal'aanamu. Miidiyaa hawaasaatiin manni barnootaa hin ijaaramu. Miidiyaa hawaasaatiin karaa, neetwoorkii fi bishaan hin diriirfamu. Miidiyaa hawaasaatiin nama xiqqeessuu fi olola ofuun garuu ni danda'ama. Isayyuu yoo dhaga'amtii qabaattee dhiibbaa uumte qofa.
#Haamaas eenyudha? Eenyuun hundΓ a'e? Amma hoo eenyuun hoogganama? Kaayyoon isaa hoo maal bu'uura godheeteeti?

#Haamaas Sochii Qabsoo Islaamaa yoo ta'u, Afaan Arabaatiin Harakata Al Muqawwamaa Al Islaamiyyaa jedhama.
Haamaas garee Loltoota Islaamaati, qabsoon haamaas muslimoota qofaaf osoo hin taane qabsoo kiristiyaanota Filisxiin keessa jiraataniitif ni qabsaawa, kanaaf Kiristaanaafi muslimoota Filisxiiniin deeggarama. Haamaas garee walabummaa fi bilisummaa Filisxiiniifi ummata Filisxiiniif qabsaawudha.

Haamaas tuuta hidhattootaafi siyaasaa naannoo Gaazaa daheeffachuun afaan qawweetiifi siyaasa akkaan gadi fagoofi wal xaxaa ta'e gaggeessuun maqaa guddaafi sodaatamaa kan horatedha. Walumaa galatti haamaas bara 2007 irraa eegalee huumnota 'fataah' (dargaggeessa) jedhamu, kan piresdaantii Filisxiin Mahmuud Abbaasiin hoogganamu lola yeroo gabaabaa godheen injifatee gazzaa kan to'atedha.

Sochiin haamaas bara 1987 gazzaatti Hoogganaa isaanii Yaasiin Arafaatiifi gargaaraa isaanii Abdu Aziiz Al-Randaan kan hundeeffame yoo ta'u, yeroo muraasa booda fincila jalqaba Israel naannoo Filisxiin qabachuuf jette mormuun hundeeffama isaatiin yeroo muraasa booda qabsoo eegale.

Kaayyoon Haamaas inni guddaan dachee Filisxiin kan seena qabeettii taate bilisa baasuudhaaf tuuta qabsoo hidhannoo Israel irratti gaggeessudha.

Haamaas yeroo ammaa Ismaayi Haniyee hoogganaa siyaasaa isaanii yeroo ammaa ta'uun tajaajilaa kan jiru yoo ta'u, inni ammoo gaggeessummaa bara 2007 hoogganaa yeroo dheeraa khaalid Haamaash irraa kan fudhatedha.

Haamaas yeroo ammaa qabsoo hadha'aa Israel irratti taasisaa jiruunis waraana lafootiin injifannoo dabaalamee waraana Israel Gaazzaa irra akka ittisaa jiru gabaasaaleen garaa-garaa ni addeessu.

Haamaas injifatee dachee Filisxiin walaboomsa moo Israel irra aantee injifannoo isii labsiti kan jedhu hibboo hiika hin qabneefi yeroon murteessu waan ta'eef, walumaan ilaalla.


✍️...
@Sabaa_Ifaa dhaan
Lafti Kun Raajiidhaam
Waanuma hunda baata
Harreen wol arraabdi
Koromiin wol nyaata

Isheen dur wol dhiittu
Wol dhidhiibnaan cabaa
Kan dur wojjin qotu
Wol nyaachuunsaa daba

Kan gaafa qamadaa
Waanjoon kan kee tokkoo
Kan orma birattis
Woliin qabdu moggoo
Harqoota tokkichaan
Osoo qottuu lafaa
Deebitee wol nyaachuun
Dhugaa rabbii fafa

Harreen dur wol dhiittu
Wol Arraabnaan dirra
Bara kormi keenya
Wol nyaaturra jirra !

Barri waan baayyee finnaan
Waan baayyee arginee
Gaaf tokko dubbanna
Yoo keessa darbine !

Ammaaf kanuma jenna
Dubbii qolaan qolii
Qaamni ofii wol dhabuudha
Rakkoon hundaa olii
"Silaa sijalan rafa, sijala ijoollee raffisani" jechuun Dr Alii Birraa, waa'ee dubartii jala rafuutimoo ergaan isaa maali?

Namni baay'een Dr Alii Birraa eenyu akka ta'e hin beeku! Dr Alii Birraa artistii akkamii akka ta'e beekuuf walaloosaa sarara lama qofa fudhannee ilaaluun gahaadha.

"Silaa Shaggarin baha - Shaggaritti kooraa fannisani
Silaa si jalan rafa - Si jala ijoollee raffisani!" Dr Art Alii Birraa

Sirbi kun, namoota hedduu biratti sirba jaalalaa qofa fakkaatee itti mul'ata. Lakki; Waawuu! Dubbiin akkas qofa miti. Sirbichi sirba qabsooti. Mee hiikaa walaloo kanaa, bo'oo bo'oon, akkasumas birkiin gargar baafnee haa ilaallu.

"Silaa Shaggarin baha - Shaggaritti kooraa fannisan" jechuun maal jechuudha? Shaggar jechuun maqaa masoo Finfinneeti. Maqaan Finfinnee inni kiristinnaa 'Addis Ababaa (αŠ α‹΅αˆ΅ αŠ α‰ α‰£)'dha. Maqaan falaasamashee inni koomeediyaanonni miilana baasaniif immoo 'Baraaraa (α‰ αˆ«αˆ«)' dha. Egaa Dr Alii Birraa, "Shaggaritti kooraa fannisani" maaf jedhe?

Dur dur jaarraa 1 fi walakkaa ol dura bakki har'a magaalaa guddoo biyyattii jedhamte kun baadiyyaa turte. Ilmaan Oromoo hiddaan warra Tuulamaa ta'an irraa qotatanii, irratti horsiifatanii, irratti irreeffatanii, irratti wal fuusifatanii, irratti yaabbatanii, irratti nyaatanii jiraachaa turan. Sirni gita bittoota Nafxanyaa erga dhufeen booda garuu, dachee ilmaan Oromoo Tuulamaa kana dhuunfatee waa mara hongeesse. Horii, lafa, miidhaanii fi qabeenya biroo si saame. Waan aadaa, duudhaa fi saba Oromoo ibsu immoo ni gube.

Namoonni gariin horii fi qabeenya isaanii waliin irratti ajjeefaman; kaanimmoo keessaa buqqaafaman. Akka durii sana qe'ee ofiirratti qotachuun, horsiifachuun, irreeffachuun, fuusifachuu fi qananiin jiraachuun ni hafe. Akkuma beekamu, Oromoon Tuulamaa yaabbii fardaan beekama. Oromoon bakka Gugsii, iddoo cidhaa, qe'ee gaddaa fi lafa jilli jiru kamiyyuu farda yaabbatee deema. Gaafa sirni finxaaleyyii dhufee dachee sana qabatee eegalee garuu, wanti martuu ni hafe. Farda garmaamsuun, gulufuun, dannabsuu fi utaalchisuun ni hafe. Fardi kaan ni saamame, kaan ni gurgurame, kaan immoo ni du'e.

Egaa Oromoon Tuulamaa gaafa dachee ofii dhabe, waa baay'ee waliin dhabe. Gaafa farda ofii dhabu kooraa fannise. Kanumaaf Dr Alii Birraa, "Silaa Shaggarin baha - Shaggaritti kooraa fannisan" jedhe. "Oromoon Shaggar hin jiru. Inni jirus kooraa fanniseera" jechuu isaati. Kooraa fannisuu jechuun, dararama, hongummaa fi jaalatanii osoo hin taane, dirqamanii waan ofii lafa kaahuu agarsiisa.

Dur gaafa keessummaan qe'ee namaa dhufu, Oromoon farda fe'eefii gaggeessa. Egaa Alii Birraa yoo Finfinnee dhufe, fardi ittiin gaggeeffamu akka hin jirre beeka. Abbaan Kooraas akka hin jirre beeka. Bara sana akka har'a miti. Hamma har'aa kanallee foolii Oromoo fi Oromummaa Finfinnee (Shaggar) keessaa badee ture. Aliin, "Yoon Shaggar deeme, wanti marti badeerahoo" jedheetu walaloo sarara tokkoon, miidhama Oromoo Jaarraa tokkoo olii ibsate.

Isinitti hin dheeressu egaa. Walaloo hafe (bo'oo itti anuu) gabaabseen ibsa. "Silaa sijalan rafa - sijala ijoollee raffisan" jedhe. Bo'oon walaloo kanaa garaa nama nyaata. Aliin silaa Shaggar dhufee Tuulamtittii waliin rafuu heda. Garuu, dubbiin ni bade. Ishee jala ijoolleen rafteetti. Ijoolleen immoo bakka qabatteetti. Lafti hirribaas hin jiru. Yoommoo ijoollee waliin jala rafe, waan baduu fi hin mijannetu jira. Bor ganama ijoolleen dubbii himti. Iccitii baafti. Kana maleemmoo, ijoolleen of jalatti fincoofti. Of jalatti u*aanti. Sun immoo Alii hin gammachiisu. Isiniif gala mitiiree? Ijoolleen eenyu jettanii nan gaafatiinaammoo. Dubbiin qolumaan tolti.

Walumaa galatti, Dr Alii sababaan jaalanna. Artistii qofa miti. Hayyuudha! Ogeessa afaaniiti. Abbaa dubbii qolaati. Gamna; akkatti bara keessa taa'anii itti diina waraanan beeka. Akkatti saba ofiif dalagan beeka. Ammoo hiikaa fi hiikoon aartii isa bira jirti. Kuusaan Ciigoo mana isaatti argamti. Inumaayyuu nama kana namni hin hubanne. Warri toorasaa irra jiran illee isa hin hubanne. Irraa hin baranne!

Aliin Warqee fi qaroo Oromooti. Nama qaaliidha!
Barreffama kana waggaa har'aan barreesse. Dr Alii Birraa gaafas lubbuun jira. Torbee ani barreeffama kana barreessetti boqote!

Onkoloolessa 2022
.
😒Baala gizee

βœ…Beenu baadiyyaa
βœ…Seeni tokkicha
βœ…Mil'adhu jiruu
βœ…Ilma oromtichaa

βœ…Akkuma kalee
βœ…Dhiiba lafasaa
βœ…Maaliif hin jirreen
βœ…Coomsa gurrasaa
ODUU DANSAAπŸ‘‚

Ajajaan WBO Jaal Marroo Dirribaa fi namoonni 3 biroo waliin marii araaraa marsaa 2ffaaf xiyyaara ICRC tiin imalaniiru.

:)Mariin kun boru ykn iftaan Ameerikaatti eegalama.

:)Qaamni araaraa qaamolee kana lamaan jidduu jirus, [Norway, USA, Kenya & IGAD,...!]

Nagaan filannoo hin qabu!
Peace has no alternative!
αˆ°αˆ‹αˆ ምርጫ α‹¨αˆˆα‹αˆ!

Nagaan jaallan siyaasaa gidduutti bu’u, saba nagaa dheeboteef boqonnaa ta’a; Rabbiin nagaa nuuf haa buusu!
Gungumakee nuttasaasuu
Qilleensarraan sagaleekee
Ormi jibbaaf nubasaasuu
Jabeeffadhu dagaleekee

Sirba mormaaf waliin tollaa
Gaafa tolaas itti deemnaa
Shira ormaas waliin qollaa
Gaafa lolaas itti beeknaa

Dhugaan ummata qulqulluu
Haa qoorfamu madaan sabaa
Nutti jignaan akka tulluu
Qe'een keenya nagaa dhabaa

Hin jiraannu saba ganaa
Galmeessinee madaa seenaa
Dhugaa jelaa karra banaa
Qee'ee keenyaaf nagaa feenaa
Inni maal nun goone?

_
Addunyaa mararraa
Duuba nu hambise
Adeemsa nu dhoorkee
Gadi nu harkise

Dadhabaa nu godhee
Seenaa nu awwaale
Mogolee nu dhahee
Miila nu sakaale

Woraabessa woliin
Guyyaan nutti yuuse
Dirreerraa nu darbee
Hallayyaa nu buuse

Ija nu haguugee
Qoreerra nu oofe
Foon nurraa luqqisee
Dirra keenya soofe

Fira wollaalchisee
Orma nu yaachise
Aanan osoo jiru
Xonqoo nu nyaachise

Ittin fayyadamnu
Sammuutu nu gane
Abbaa fedhe cufee
Yoo fedhe nu bane

Hamma keenya argee
Jaanjotu nu suufe
Garba gidduu teenyee
Dheebuun nu afuufe

Mataa miila hin qabu
Hojiin keenya burre
Surretu qamisi
Qamisiitu surre

Faallaa gara galchee
Iliif gadi yaase
Bishaan gabateerraa
Qilleensi nu raase

Karra nu cufate
Akka nuti hin moone
Maal nutti hambifate
Inni maal nun goone?

Woma hin taane maraaf
Qalbii nu naasise
Worra nuu gadiitii
Gabra nu taasise

Abbaan naadiyyeetuu
Durirraa ogeessa
Balbala amba maraa
Irra deemee feessa
Balbala ufiimmoo
Baxxalatee dheessa

Barri nuuf rakkinaa
Achii kan misaati
Nam biraan se'inaa
Kun hojii isaati

Osoo hin dorgomin
Dura abdii murre
Dhibba shaniin binnee
Shantamaan gurgurre

Damma ambaa mi'aa
Kan nutti hadheesse
Sababa isaa lammiin
Qubaan mallatteesse

Akka horii maxaqoo
Hunduu nu kajeele
Qaccee gabrummaatiin
Jaarraaf nu haleele

Gola keenya seenee
Alagaan nu saame
Harka nu dachaasee
Afaan nu lugaame

Mucaan ganda keenyaa
Kan kalee dhalatee
Guyyaa lama keessa
Afaanis baratee

Naga nu gaafate
Deemee ollaaf Firaa
Amma kunoo sangaan
Lafa qotaa jiraa

Gaangeen buleen takka
Chaayinaadhaa galtee
Xuqur ambassaatti
Eda waatii dhaltee

Yeroo karaa deemtu
Dugda maleen baattu
Margas dheeduu didde
Paastaa maleen nyaattuu

Jedhanii nu himnaan
Worri jaraan firaa
Fudhanneerra sichi
Maal goona waan biraa

Karra nu cufate
Akka nuti hin moone
Maal nutti hambifate
Inni maal nun goone?

Barri nuuf rakkinaa
Achii kan misaati
Nam biraa hin se'inaa
Kun hojii isaati

Booree osoo hin bahin
Akkam goonee teenyu?
Kan kanaan nu gahe
Innumti kun eenyu?

#Fiixaa_Dhugaa_Official
Yaa gara jabummaa
Ilma namaa kana
Maal jennammee maaloo
Na dhibehoo ana

Namummaa dagatee
Seera uummaa rabbii
Kan hamma bineensaa
Yaadu dhabe qalbii

Kan summii jibbaatiin
Guyyuu wal dararu
Kan ittiin waraanuuf
Albee walii qaru

✍️... Bikiltu Wakesa
Yaa utubduu biyyakoo
Hirkoo jabaaf dagalee
Yoo dhaga'an iyyakoo
Siifan ta'a sagalee

Maal arganii badiikee?
Yaa jijjiirtuu doolaarii
Gad buusanii gatiikee
Nudhabsiisan moolaarii

Dafqinee dhiiga cophaa
Sikununsuudhaaf cabnee
Jireenya jirraan sobaa
Erga dafqinee dhabnee

Jiraachuuf akka dhabnee
Bu'aaf hindoo wallaallee
Diraamaa hiikan qabne
Mudhii qabannee laallee
#Addunyaa_kanarra_namoota_afurtu_jiru!

Isaan yaada isaanii dubbachuufi barreessuu danda'an.

Isaan yaada isaanii dubbachuufi barreessuu hindandeenye.

Isaan yaada isaanii dubbachuu danda'an; barreessuu hindandeenye.

Isaan yaada isaanii barreessuu danda'an; dubbachuu hindandeenyedha.
Daqiiqaa muraasa dura Afaan Arabaatiin Post ajaa'ibaan dubbise. Mucaa daa'ima waggaa 7 hin gahin duraa haati duute. Yeroo muraasa booda abbaan isaa haadha manaa biraa fuudhe. Haati manaa abbaan isaa fuudhe kun haadha biddeenaa (Gayyaa) mucaa kanaaf taate.!

Guyyaa tokko abbaan isaa "haadha kee kan duraatii fi kan ammaa jidduu garaagarummaan jiru maali?!" Jachuun daa'ima kana gaafateen. Daa'imni kun yaadda'aa "haati koo kan duraa ni sobdi. Soban irraa baradhe. Garuu, kan ammaa kun dhugaa malee hin beektu "jachuun deebiseef!

Abbaan isaatiis deebisaa isaa akka malee Ajaa'ibee "mee akkamitti?!" Jechuun gaafateen. Yeroo kana daa'imni kun "haati koo kan na deesse "yoo bakka akkanaa dheemte, yoo waan akkanaa hojjatte nyaata sitti hin kennu" naan jatti. Garuu, yeroon ani waan isiin irraa nadhowwite kana hojjadhees nyaata anumaaf kenniti. Garuu, kan ammaa kun ajaja isii yoon dide akkuma jatte nyaata naaf hin kennitu. Kunoo ammayyuu guyyaa lama nyaata naaf hin kennine!" Jachuun isaaf deebise!

Namni bakka haadhaa bu'u jiraa?! Addunyaa kanarratti Musiibaan guddoon Daa'imummaan haadha dhabuudha!

Aboo kan haadha qabdu Rabbi Umrii siif haa dheeressu. Kan hin qabne ammoo Rabbi jannata haa kennuuf!
#Naaf_hin_bo'ini

Jiraatti na jibbitee
Osoon qabuu lubbuu
Duunaan naaf hin iyyin
Sitti ta'a cubbuu

Jiraatti yeroon jiru
Argaa koo dadhabdaa
Reefka kootti garuu
Kijiba gaggabdaa

Kan har'a naaf hin taane
Naaf hin tolle jiraatti
Bor naaf hin gaddin
Naaf hin bo'in ciraatti

Garaan kee rifatee
Boora'ee yoo naaf na'e
Firummaan kee har'aa
Dhuguma yoo ta'e

Har'a naaf owwaadhu
Sagalee waamichaa
Duunaan ormuu fira
Imimmaan saamicha

Imimmaan lakkuu roobdee
Naaf bo'uu keerra duunaan
Reef hin yaadatin reefka koo
Boolla awwaalchaa gad buunaan

Osoon shantama raata'ee
Yaanni gad na dhoru
Har'a na dagattee
Naaf hin gaddin boru


✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’Ž@Aliyyee360 πŸ’ŽπŸ’Ž
πŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’ŽπŸ’Ž
Taphattootni kubbaa miilaa dhiirotaa kan πŸ‡ͺπŸ‡Ή osoo taphachuu dhiisanii gaariidha.
baajata isaanitti bahu osoo karaa baadiyyaa ittiin nuuf hojjettanii silaa haati hiyyeessaa aara-galfatteπŸ₯Ή

Namni akkuma tasaallee goolii tokko hin galchuu? baruma baraan itti guuramee galu hin yeella'anuu🀧😷
Nama miiliyoona 120 keessaa nama 11 dhabuun fokkuudhaπŸ˜‚πŸ™ˆ

Mee isin maal jettu yaada koo kana?
2024/06/26 09:26:37
Back to Top
HTML Embed Code: