Telegram Web Link
Reebicha barattoota irratti harra ganama taassifame.

Yuunivarsitiiwwan yeroo ammaa rakkoon tajaajila nyaata itti hammaatan keessa tokko Yuunivarsitii Wallooti

Yuunivarsitii Walloo keessatti barattoonni rakkoo hanqina tajaajila nyaataa mudataa jiruuf sagalee isaanii hiriira ba’uun dhageessisaniiru.

Odeeffannoo mooricha irraa nu qaqqabe akka ibsutti Yuunivarsitii Walloo mooraa Daseetti hiriira taasifame irratti sababa garaagaraatiif yeroo garaa garaatti gaaffii mirgaa gaafatanii deebii dhabuu ta’uu barattoonni miidiyaa @Abdii_Sabaatti himaniiru.

Rakkoowwan jiran sagantaa nyaataa kan ministeera barnootaa irraa adda godhuudha kan iedhan moorichaa rakkinoota rakkinooti tajaajila nyaataan walqabatu hammaachuu, akkasumas sagantaa barnootaatiin walqabatee Yuunivarsitiin biraan eebbaaf qophiirra jiru nuti ammoo reef semisterra lammaffaa eegalla jedhaniiru barattoonni.

Sababa hiriirri kun taasifameefis barattoota hedduurra reebichi taasifamuu ragaaleen nu qaqqaban ni mullisu.

#Walloo

Rakkoo hawaasa keessa jiru kamiif karaa @Abdiisabaadm ragaa waliin qindeessuun nuuf ergaa!! Dabalataan qaamni dhimmi ilaallatu kamuu komii hawaasaa miidiyaa @Abdii_Sabaa irratti maxxanfamu kamiif deebii keessan ragaawwan dhimmichi akka isin ilaallatu mirkaneessan nuuf erguun karaa @Abdiisabaadm nu qunnamtanii komii ka’uuf ibsa ga’aa Kennuu ni dandeessu.

Miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa maraati, miidiyaan @Abdii_Sabaa miidiyaa furmaataafi Walabaati!

Odeeffannoo barnoota qofa bakka tokkotti argachuuf @Abdii_Sabaa_University irratti hordofaa!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Ministirri muummee Abiy Ahmad Prof Kindayyaa Gabrahiwot deetaa ministiraa,  ministeera barnootaa gochuun muudan.

prof . Kindayyaan muudama kana dura bulchiinsa yeroo Tigraay keessatti Itti gaafatamaa waajjira Traansfoormeeshinii misooma hawaasummaa mootummaa naannoo Tigraay turan. 

Har’a Ministir deetaa gorsaa  Ministeera barnootaa   ta’uun ministira muummee Abiyyi Ahmadiin muudamuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
 
Prof. Kindayyaan waraana Tigraay dura Preezdaantii Yunivarsiitii Maqalee turan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
"Barattoonni bilbila mana barumsaa akka hin fidne gochuuf sochiin eegalameera" - Pirofeeser Birhaanuu Naggaa

Ministeerri Barnootaa barattoonni bilbila gara mana barumsaa fidanii akka hin fidne duula eegaluu beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeeser Birhaanuu Naggaan waa’ee raawwii fi karoora damee barnootaa irratti hoggansa isaanii jalatti karoorfame irratti ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanii keessatti torbee dhufu waajjiraalee barnootaa waliin mariin akka gaggeeffamu akeekaniiru.

Yeroo kana keessattis barattoonni bilbila isaanii gara mana barumsaatti akka hin fidneef hojiiwwan hojjetamaa jiran ilaalchisee yaada isaanii ibsaniiru.

"Yoo waliigaltee irra geenye, bara dhufu irraa eegalee barattoonni mana barumsaatti bilbila isaanii fidanii akka hin dhufne kan taasifamu ta’a" jedhan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA
@ABDII_SABAA 📡
2025/04/15 10:57:47
Back to Top
HTML Embed Code: