Telegram Web Link
#Dhaloota #Zahmaa
Fuudhaa fi Heeruma

Dhalootni zahmaa dhaloota hiriyyoonni isaa waan fuudhaniif ykn heeruman qofaaf fuudhu ykn heerumtu.

● Kanaafi eega wal fuudhanis, Jaalalaa fi jibbansi isaan jidduu jiruus akka haala qilleensa finfinneetti amma amma jijjiirama.

● Gaafa intala fuudhaaf lallaallatu jalqabu, ta deemtu hunda ija itti babaasee hoggaa laalu Raajiinu akka isaa kanatti 'Scan' hin godhu.

● Ka fuudhus osoo diyaasbooraa haadha qabeenyaa taatef hawwa. Hawwiin kun namoota muraasa qofaaf milkaawa. Rabbiin muraasa san keessaa isin haa godhu. Isinis hangasuu Jaartummaaf if qopheessaa.

● Jiran shamarranis osoo abbaa qabeenyaa eeyduu, qabeenya isii guddaa #umrii qisaasti.

● Duuba wanni isin raaju yeroo jarri kun wal-fuudhanii wal-quufanii hiikkaaf mana murtii wal -dhaaban kanatti; Imaltuun finfinneerraa ka'e Adaamaa hin gahu.

.
.
.
Kitaaba Dhaloota Zahmaa keessaa kan qicame.

@A4mulaa_jireenyaa 🌷
Dhiiraaf durbaan; xiqqaaf guddaan; biyya keessaaf biyyaan alaa; HUNDI keessan obboloonni Muslimaa martuu baga Rabbiin ayyaana iid al-adahaa kan bara 1445H dhaan iain ga'e: nu ga'e.

Inni "warra baranaa" nuun jedhe "warra egeree" nuun haa jedhu.

Eid-Mubarek!
"Osoo waraqaa ta'ee nan ciccira. Osoo qaruuraa ta'ee nan cabsa, osoo dallaa ta'ee nan diiga -- Garuu onnee kooti." Maal Godhu!!😭💔
Qoodan jooree rakkadhu
Yaada kee ofitti kuusee
Maal qaba yoon boqodhe
Rabbi narka si buusee.

Utuun ijaan si argee
Wanta feeten si kiisa
Siif jecha namuu mitii
Ofii kooyyuu nan dhiisa.


@A4mulaa_jireenyaa 🌴
Barri gaariis, hamaas qabdi
Maal abbaasheef kutu abdii...

Tokkoon bade - tokkoon tola
Kan bor fayyutu har'a hokkola

Rakkinni immoo tulluu miti
Ni godaanti - ni darbiti

Kaayyoon takkaan galma hin ga'u
Bubbulanii nama ta'u!

@A4mulaa_jireenyaa 🌴
Galmatti achi butadhee
Jiguu didus gaarri koo
Abdii kiyya kutadhee
Nan hidhamu nyaarri koo

Har'as akka kaleessaa
Dafqa illeedhaan yaasee
Ittan fiiga maleessaa
Faana koo lafaa kaasee

Bishaan jal'inaan dhugu
Dhugaa koottin cichooma
Daandii gubbaattin mugu
Kaayyoo koottin michooma!

@A4mulaa_jireenyaa 🌴
Sin jaalladha Naan hin jedhin
Amma booda sin Amanu
Soba kan kee Dadhabeera
Sitti himeera yeroo Danuu

Nan gowwoomsin An si beeka
Ati koo miti kan hundaatii
Asis taatee Achis taata
Jaalalli kee kan sobaati

Fakkeessuummoo ni dandeessa
Mi'eeffattee jechaaf dubbii
Sin Amanu Amma booda
Naannesseera sirraa Qalbii


#Abdi_edris

@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
"Kan Haadha Koo Fuudhe
Hundi Abbaa Koo Miti!"
°•Nama tokkoof carraa lammaffaa kennuun akka kitaaba si'a lama dubbisuuti, akkamitti akka xumuramu dursitee beekta.°

@A4mulaa_jireenyaa 🌷
Innaan Illahi wainna ilayihi raaji'uun 🥹

Mucaan asii gaditti argitan kun galgala har'aa Godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti of ajjee*ftee argamte jedhu!

Baay'ee nama gaddisiisa Rakkoon hedduun jiraachuudha mala garuu rakkoon lubbuu ofii caalu jiraachuun nama gaddisiisa!😭
Namni gaafa uffate deemu, gaafa kokkolfu waanuma gaarii jiru waanuma itti tole nutti fakkaata😭 Garuu rakkoon isa waade jiru hedduun akka jiraachuu malu yaadnee hin beeknu. Nama ofirra darbee waliif gadduu, jiraatti wal iyyaafachuun waan dorgommii hin qabneedha.😢
Jettii laata?😢

Gaafan jiraatti humna dhabee
Gadi dhiisu hunda qabee

Falaaf mala
Tasa deegee ol gad qabee
Natumsuudhaaf
Sittimadhu of dadhabee

Falan falle
Waas naan dhaamne marti biyyuu
Ergan du'ee
Dhiisi boo'uu natti iyyuu

Gaafas atoo
Tasan beektu naaf adooduu
Ergan deemee
Dhiisi iyyuu naaf gadooduu

Gaafan kufu
Kan na kaasun dhabe ano harka qabee
Murteeffadheen sokke anoo akka dhabee

Ofiif boo'i
Ana dhiisii at-yaa michuu
Sokke kunoo
Hin deebi'u an bar sichuu


😢😢😢😢
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Warri miira isaanii callinsa keessatti ibsatan warra baafatee dubbatu irra moohatoodha. Cal ja'i yeroo haalaan aarte, hanga wanti ati usteef bitaa itti galutti👌



:¨·.·¨: ❤️ 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
" Jireenya keessatti wanti hamaan kophaa jiraachuudha jedheen yaada ture. Garuu miti. Jireenya keessatti wanti hamaan namoota kophummaan akka sitti dhaga'amu godhan waliin jiraachuudha."

 -Robin Williams
━━━━━━━━━━━

@A4mulaa_jireenyaa 🌷
Akka nama Maraatee,Daandii walakkaa deemaan jira.Tasa sagalee wayii dhaga'een gara mirgaa ilaale.Gara Mooraa namoonni Maraatan itti yaalamanitti.Mee seeneen daawwadha jedheen ol seene. Mooraa guutuun caq jettee jirti.Haala kanaan,Namni fayyaa qabu,alatti hin hafne jedheen yaade.Maaltu Maraattoota akkanatti nuuf baayyise? Jedheen keessa kootti guungume.

Baayyachuu jaraatti hin gaddine.Nan gammade malee.Warra Mooraa kanaan ala jiran caalaa,jarri kun gammachuu qabu jedheen gammachuu jaraatiif gammade.
Maraataa jechuun jecha 👉" Mara-ta'aa!" Jedhamu irraa akka dhufe nan beeka.Kanaafuu! Wanti akka "Mara-ta'uu" gammachuu waan jiru natti hin fakkaatu.Garuu, baayyinni Maraattoota kanaa gaaffii natti ta'e.Itti siqeen maraataa, maraatuu keessa jiru bira dhaqeen gaafadhe.

"Si waliin Maraataa hagamtu mooraa kana keessa jira?" Innis erga xiqqoo kolfee booda."Mooraa kanaan ala,si waliin Maraatàa hagamtu jira?" Jechuun gaaffii koo,gaaffii isaatiin naaf deebise.
Anis ol ka'een deeme.Gara maraattoota akka koo,mooraa kanaan ala jiraniitti.🏃‍♀️🏃‍♀️


@A4mulaa_jireenyaa 🌷
Gaafa deemuu barbaadde deemi. Garuu yoomiyyuu hin deebi'in, deemuu keef amanamaa ta'i. Tarii nutis si dagachuuf amanamaa ta'uu dandeenya.

#Mahmoud_Darwis

JOIN US: ❯❯ @A4mulaa_jireenyaa 🌷
Namoonni tokko tokko akkamitti dubartiin Jalloodha! Jetta jechuun na komatu. Dhugaa qabu.Mirgaas qabu. Waa'ee jallina jaraa itti deebina. Yoo lubbuun jiraanne nama hubatuuf,Jallinni dubartii ilma dhiiraatif faayidaa guddaa qaba.

Miidhama guddaas qaba.Waan lama qofa.Milkaa'uu yookaan Maraachuu.Garaagarummaa kana kan fidu ciminaa fi dadhabina dhiiraati.Yoo jallina ishee dandamachuu dandeesse dhiira jabaa taatee baata.Garuu Carraa xiqqoo qabda.Waaqni jabina siif haa laatu.😁

Akkasuma yoo jallina ishee dadhabde,Sammuun kee nyaatameeti,maraatuu nuuf taata.Yoo jabaattee jalaa baate,jallinni Dubartii akka aduutti guddisee si muldhisa. Harka yoo kennite immoo kophaa haasawaa of argita.Kanaafuu jabaadhu.Afaan ishees baradhu.Adabas godhadhu.Ishee waliinis morkii hin galin.

Jallina ishees amaniitii waliin jiraadhu.Sossobaa horadhuun. Dubartiin ati jalloo miti jettee quba natti qabdu,kan ishee uumeetu "Lafee jalloo" irraa uumamuu ishee siif hime. Anarraa bu'i.Dhugaa qeebali.Dubartiin akka Lafee jajalloo cinaachaati.Amma yaa'ii dhiisi.Naaf qajeelchi jettees hin kadhatin.Waan hin qajeelle hin gaafatin. Ati qajeeliif.Anas qajeelchiif jedhii kadhadhu.🏃🙆



JOIN US: ❯❯ @A4mulaa_jireenyaa 🌷
Dhala Tap Tap 😜
Dhaloota kanaaf boo'uu barbaadee yeroon isaanif boo'u dhabe. 😒
ኦልማ ኬቱ ኡልፋቴ
ከ አት-አናፍ ኦልቴ
ረክናፍ ገደዶ
ከን ነፋነ አርግቴ...
አኖ ሁምነን ቀቡ...
ዋ'''ቶኮ ሲን-ጎዱ
ዱኤ በዱስሌ
አን ስን-እራንፈዱ🥀❤️‍🩹
2024/06/30 01:57:27
Back to Top
HTML Embed Code: