Telegram Web Link
NI BEEKTA
.
Dhugaa keessa koo beekta
Akkaan siif hinmurre garaa
Aaree sigatee deemuun koo
Ni beekta akkanni ta'e dhara
.
Halkanii fi guyyaa hundumaa
akkani dhugaattisi yaaduu
Dhiitee bariinaan biiftuun
ijaan siarguu akkan barbaadu!
.
Diinqa onnee kiyyaa keessaa
beekta akka qabdu qooda
Har'a sigatee deemuyyyuu
beekta akkan deebi'u booda!
.
Kaanfuu yaa tokkittii Koo
yaa ishee mara dandeessuu
kanani sitti dhaammadhu
Yoon biyyaa ba'ee sokkeyyuu
Na eegaa akka teessu!

@A4mulaa_jireenyaa
Abjuu sodaatanif hirriiba hin dhiisani.

#Mammaaksa

@A4mulaa_jireenyaa
Lukkuu

Gaafan dura arge
Yeroosheen iyyitu
Koochoo rurukkuttee
"Bari'eera" jettu
Kan namni hin dhageenye
Yoo sheen barii himtu...

Ganama utuun rafuu
Hirribarraa kaatee
Warra ishee dhaga'u
Hunda dammaksitee

Ofii utaaltee buutee
Kosii keessa fiigdu
Yeroosheen ajaa'aa
Miillaan qottee diigdu

Tortoraa funaantee
Hunda waliin dhooftu
Ajaa'aa erga nyaattee
Maaliif hin ajooftu?

Akkamis iyyitu
Akkamis agartu
Dhumti lukkuu manaa
Aalbeerra hin dabartu!

@A4mulaa_jireenyaa
Sittan hima deebisee
Ani Sin jaalladhuuu
Maaloo narraa siqii
Kan kee Barbaaddadhu

Ani Kan kee miti
Atis Kan koo_n taatu
Sagal sitti himeeraa
Maaliif nan hubattu!?

Amala hin qabdu
Yookaan Bifa Gaarii
Dubbiin kees hin tolu
Achi narraa Gori

Sin Quufe ......😏

#Abdi_edris

@A4mulaa_jireenyaa
Silaa Akka jaalalaa
Wal irraa hin fagaannu !

Hacee!
Hamster kombat Maallaqa Salphaa Mirkanaa'ee fi Telegram irraa Tap qofa qabuun kan hojjetu TON, jijjiirraa kirpitoo guddaa addunyaa irrati.

Gatiin TON 1 Doolaara Ameerikaa 6.6 yoo ta'u pirojektii kana cufuuf guyyaa 5 qofatu hafe

Kanaan dura Not Coin bitattee jirta inni kun ammoo dorgomaa Not Coin ti.
Link armaan gadii tuquun hojjedhaa!
👇👇👇👇👇👇👇👇 👇👇👇

https://www.tg-me.com/hamster_kombat_bOt/start?startapp=kentId623498942
Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop!
💸 2k Coins as a first-time gift
🔥 25k Coins if you have Telegram Premium
Badhaasa birrii 1000.00 Marsaa 6ffaa Baankii Oromiyaa irraa!

Ergaa kana namootaaf affeeruun Badhaasa birrii kumaa marsaa 6ffaa badhaafamaa!

1. Dursa Liinkii armaan gadii tuquun https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=623498942
2. Itti aansuun Start kan jedhu tuqaa
3. Join Channel Kan jedhu tuqaa
4. Gara BOT itti dubatti deebi'aa
5. Mallattoo Share fayyadamuun firaaf aantee keessaniif qooda
6. Liinkii argattan firaaf aantee keessaniif qoodaa!

Liinkii Kana yoo xiqqaate Namoota 50 fi isaa oliif warreen qoodaan Badhaasa Birrii 1000.00 badhaafamu.

6ኛው የ1000.00 ሽልማት ከኦሮሚያ ባንክ!

መልዕክቱን ያጋሩ፣ የ6ኛ ዙር የ1000.00 ብር ተሸላሚ ይሁኑ!

1 - በቅድሚያ ቀጥሎ ያለውን ሊንክ ይጫኑ https://www.tg-me.com/official_oromia_bank_bot?start=623498942
2 - በመቀጠል Start የሚለውን ይጫኑ
3 - Join Channel የሚለውን ይጫኑ
4 - ወደ ቦቱ ይመለሱ
5 - Continue ሚለውን ተጭነው የመጋበዣ የሼር ምልክት ያግኙ
6 - መልእክቱን ለወዳጅ ዘመድዎ ያጋሩ

መልዕክቱን ቢያንስ ለ50 እና ከዚያ በላይ ወዳጅ ዘመድዎ ሼር በማድረግ የ1000.00 ብር ተሸላሚ ይሁኑ!

አሁኑኑ ሼር ማድረግ፣ ይጀምሩ ቀድመው ያሸንፉ!
Wanti hunduu ni darba
Garuu....
Wanti hundi hin dagatamu .
Jireenyi eenyufillee barnoota bilisaa hin kennitu.Jireenyi na barsiiste namni jedhu gatii hedduu kaffalee jira jechuudha.
#Nagib_mahfouz
Maaddii sobaa irraa nyaattee quufuu irra
Dirree dhugaa irratti beela'uu filadhu.

@A4mulaa_jireenyaa
Of wajjin yeroo fudhachuun
Tarkaanfii #moo'ichaa isa jalqabaati.

@A4mulaa_jireenyaa
Dibattee miidhagdee
Yoo gad baatu manaa
Kan miidhagu si'i
Kan maraatu Anaa 🥸
An Ammas waanuma keen Yaada 😳
🌿 💚 Yaa Ergamaa Rabbii
Hedduun SI Jaaladha
Jaalalaan Siif Qabu
Maaliiniin Ibsadha

Atiis Na Jaalatta
Habiibii Na Caalaa
Ergamaa Rahmataa
Yaa Bareedaa Haalaa


💚🌴 💚


🌴Soora Qalbii 🌴
JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam
Walaloo 🫶🏼
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu ❤️
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu ❤️
Natti haa hafu!
~
Jaalalli kee yeroof taanaan
Bulee oolee kan cabbaa'u
Miira faana xaaraa tuqee
Miira faanas tasgabbaa'uu

Qalbii kanke eeggachuudhaf
Soqxee imalte natti dhufnaan
Onnee kan kee feetu bantee
Feetu ammoo natti cufnaan

Miidhamuurra madaa'urraa
Qalbii guutuun akkan rafuu
Kan summiidhan makame sun
Jaalalli kee natti haa hafuu...!

@A4mulaa_jireenyaa
Uffata qarshii guddaa
Keessaa filtee uffatta
Hiyyeessa jalaan duudda
Saree caalaa tuffatta!

Aalbee jechaan kukkuttee
Boossiftee gadoochita
Xiinsammuusaa rukuttee
Jechootaan hadoochita

Kan jibbif of tuulummaan
Sammuu keerraa wal morku
Hin dagattemoo laata
Foon kee rimmi akka qorqu...?

@A4mulaa_jireenyaa
Sin Jaaladha
.
Akka kophee Haaraa
Hunduu Bituu Fedhuu
Akka Lafa Warqee
Namni Marti Haadhuu
Sin Jaaladha

Akka Karaa Haaraa
Akka Jiruu Faaraa
Akka Sammuu Qaraa
Akka Aangoo Jaraa
Sin Jaaladha

Akka Ilmoo Ofii
Akka Wayyaa Suuufii
Sin Jaaladha

Akka Piizaa Kaaffeee
Akka Marga Caffee
Akka Shayii Danfee
Akka Birraan Dhufee
Sin Jaaladha

Akka Mana Viillaa
Konkolaataa koroollaa
Akka Warshaa Biqilaa
Akka Gaara Hilaalaa
Sin Jaaladha

Akka isteetii Laas Veegaas
Akka Fincaa'a Laga Hawaas

Sin Jaaladha

Akka Qabeenya Daangotee
Akka Facaafannaa Ateetee
Sin Jaaladha

Sin jaaladha Anii
Akka Hundaatittuu
Tarii Tokkoon Gammadda
Garaa hin Jabaattuu 😉

@A4mulaa_jireenyaa
Waa'ee Kee

Si dhabe jedheetoo
Onneen nan gaddine
Nama waliin taatus
Si yaaduu hin dhiifne

Ittuu ni dabale
Isa duraarrayyuu
Dhiisuu hin dandeenye
Si yaaduu yoomiyyuu

Akkan taane taanee
Qaata adda baane
kiyyan taatu jedhee
Si yaaduu hin dhiisne

Waa'ee kee yoon yaadu
Waan gaarin yaadadha
Akkatti adda baane
Hunda nan dagadha

Waan gaarii kaleessan
Onneen koo si yaada
Garuu sin jaaladhuum
Seenaa keen araada

@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
2024/06/30 19:01:44
Back to Top
HTML Embed Code: