Telegram Web Link
Kan Itiyoopiyaa hoo? 🤔
Narraa Fagaattee Si malee Jiraachuu
waan na barsiifteef Galatoomi!
Nan yaade!

Yeroo waliin turree
Waliin dabarsine
Dhakaa daandiirraa san
Kan irra waliin teenye

Yedduu kana hin beeku
Waa na yaadachiisa
Seequu kee sana faa
Natti deddeebisa

🙂

@A4mulaa_jireenyaa🙂🤓
#Wiilihaam shiikispeer .!!

" Akkas jedha " falaasamni namoota si dudduuba jiranii quba sitti qabuu fi hir'ina kee ilaalanii kolfuudha."

Quba tokko gaafa namatti qabdu afrtu sitti qabamee jira. Kanaaf quba kee gadi qabi! Ilkaan kees mana isaa afaanitti deebisi......

@A4mulaa_jireenyaa
"No free launch" jetti Faranjiin!

"Namichatu paarkii bineensotaa ijaaree gatii seensaa $300 goonaan namuu seenuu dide. Gatii kana fooyyessee $200 goonaanis homtuu dide. $10 goonaanis homtuu seenuufii dide. Dhumarra gatii seensaa tola goonaan namni martuu seene. Erga namni martuu seenuu mirkaneeffateen booda Leenca hidhaatti jiru hiikee gadi dhiisee gatii bahumsaa 500$ godhe . Martuu mormii malee kaffalaa baqatee yaa'e.
Jireenya keessatti waanta rakasaafi tola ta'e jaalachuun gatii nama baasisa."

Moral of the story: Waan tola jedhamee namaaf laatamu fudhachuun dura, waan duuba jiru ilaaluun shaggaadha!

JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam
Kan an akkana si jaalladhu
Jaalladhee mitiim ☺️
Biyya Xaaliyaanitti, hiyyeessa taate yoo nyaata hatte, akka balleessattii akka hin ilaalamne beektu laata?!!☺️
Robert Mugaabee
▬▬▬▬▬▬▬▬
⩩ "Guyyaa mindaan siif kenname foon lukkuu nyaatta;

⩩ Gaafa mindaan sun xiqqoo hir'atte immoo oomisha lukkuu (hanqaaquu) nyaatta;

⩩ Yoo mindaan kee xiqqaachaa dhufu immoo nyaata lukkuun nyaattu (boqqolloo, mishingaafaa...) nyaatta

⩩ Yeroo mindattiin dhumtu, immoo atumti mataan kee lukkuu taatee oliif gadi deemtee yeroo kee fixxa!"😁

JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam
Yeroon Chokoleti 🍫 Arge
Suman Yaadadha 😋
Tan Kabajamuu Qabdu
Haadha Malee Guyyaa Miti.
Yeroo hunda waan kolfuuf
Hin mullatu Gaddi_koo
Wal bareen jiraadha
Dhokfadhee madaa koo

Ogeessi silumaa
Dhukkuba hin himatu
Nagaadha inni jedha
Kan Alaa daawwatu
Nama kolfu irraa
Gaddi hin mullatu
.

#Seyfalislaam

JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam
Geggeessaan jiruu keenyaa
Rabbi taanaan maleessaa
Osoo akka namaatii
Du'uun keenya kaleessaa
~
Ogummaaf dandeettiinkoo
Nan oolchineem miliqsee
Guddaatu na gargaaree
Uumaa kootu na tiksee
~
Qajeelummaaf aaga koo
Miti anaan kan na turse
Galatoomi Gooftaakoo
Sin waama hunda dursee!

JOIN US: ❯❯
@seyfal_islaam
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
"Akkana Goonee bira teenya, jedhe
Gowwaan Waarra/Niitiisaa Ajjeesee"


#Mammaaksa

@A4mulaa_jireenyaa
Otuu mataatti baattuu
Kabaja kee tuffannaan
Akka uffata moofeetti
Haaraa sirraan uffannaan

Obsi kees gowwummaatti
Hiikkamnaan gatii dhabee
Tasuma cabdeen booyin
Kan si dhabeetu cabee

Irbuufi kennaan kankee
Darbatamnaan lagaatti
Itti dhiisi-n jijjiiruu
Bishaan jigsuun dhagaatti

Dammi ati abdattes
Jijjiiramnaan gagaatti
Gaggeessi biraa hafi
Atis biyya nagaatti

"Dhiisi si-n baasu" jedhiin
Hulaa cubbuu bantootaaf
'Hadaraa' sitti haa ta'uu
Naaf dubbisi gantootaaf
Na jaallatta sin jaalladha
Hunduu beekaa
Fuulla kan kee ilaaleetan
Kolfuun seeqaa
~
Natti himadhu siifan guutaa
Wanta feetuu
Jiruu kiyyaaf bar dawaadha
Simboo keetu
~
Miidhagni sitti hin hafnee
Kanaaf boontaa
Abaaboo koo foolii gaarii
Naaf arjoomtaa
~
Si jaallata onneen kan koo
Siif of laatee
Ammoo garuu si amanuun
Natti ulfaatee....!
Onnee koo kichuu sana
Gaafa jaalalaan bantu
Yooman tilmaame ani
Akka turtee na gantu
.
Gammachuu bakka itti argatte hundattuu hatuu qabda.... 😁


#Hubachiisa: hatii gammadii osoon taane gammachuu hatiidha, Akka na jalaa hin dogongorre...!!
Habibti ....😍
2024/09/30 09:24:04
Back to Top
HTML Embed Code: