Telegram Web Link
Hafuura baafachuu fi si jaalachuu
keessaa filachuun osoo narra jiraatee
hafuura koo isa dhumaa fayyadameen
akkan si jaalladhuun sitti hima ture
.

@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
Kan sakaaluuf kan hiiku
Qaama tokko erga ta'ee
Gaarummaafi hammeenyi
Mana tokkoo erga bahee,

Afaan amma eebbise
Erga ammuma abaaree
Innumti abdachiise
Erga deebi'ee nyaaree,

Wanti jedhamu hintolu
Callisuudha maal abbaasaa
Dur makmaakame;
'Waan callee baddee,
callumaatu nama baasa!'

@A4mulaa_jireenyaa
Na jibbuun kee ana hin aarsu
sababnisaa hiikaa jaalalaatu
siif hin galle
.

@A4mulaa_jireenyaa
Nutu Waliif Diina
~
Ormi maal nu godhee?
Nutu alagoomee
Danqaa qara lamaa
Nutu waliif uumee.
~
Anatu sii dagate
Situu na wallaale
Gaarii keetiif dheesseen
Yaraa keetif gale
~
Wal wallaaluu keenya
Diinni yogguu baru
Qaawwa nuti saaqne
Bal'isaanii uru
~
Kanaaf maaf komannaa
Orma nu haleelu?
Silaa kee na dhibee
Kan kiyyas siin galu
~
Orma maaf komannaa ?
Nutu waliif diina
.
~

@A4mulaa_jireenyaa
Yennaa jimmaan dhuftanu
Laga gibee ceetanii
Osoo Cabbiin jiraatee
Ameerikaa Seetani 😍

#Peace ✌️
Sagantaa calallii dorgommii Qur'aanaafi Azaanaa akkasumas konfiraansii nageenyaa har'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffame suuraadhaan.

Maddi suuraa: Nuur TV

@seyfal_islaam
Miidhamni koo baraan
Sitti hin ta'iin cubbuu
Mannike inni haaraan
Sitti haa tolu lubbuu..!
Jaalala isa kam?

Isa kaleessaatii?
Jaalala halaalaa
Moo isa har'aatii?
Ciigoo haasaa jalaa

Lakkii isa boriitii
Abjuudhaafi shakkii
Tarii isa darbeedhaa?
Jibbiinsaafi waakkii

Hundisaatuu erga
Sitti ta'ee mamii
Kanat na jaallattu
Jaalala isa kamii?

@A4mulaa_jireenyaa
Live in peace Before R_I_P ✌️
"Ati kan koo qofa" jechuun jaalala miti.
Jireenya nama tokkoo to'achuun jaalala MITI.
2024/09/30 19:31:07
Back to Top
HTML Embed Code: