Telegram Web Link
Yeroo hunda waan kolfuuf
Hin mullatu Gaddi_koo
Wal bareen jiraadha
Dhokfadhee madaa koo

Ogeessi silumaa
Dhukkuba hin himatu
Nagaadha inni jedha
Kan Alaa daawwatu
Nama kolfu irraa
Gaddi hin mullatu
.

#Seyfalislaam

JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam
Geggeessaan jiruu keenyaa
Rabbi taanaan maleessaa
Osoo akka namaatii
Du'uun keenya kaleessaa
~
Ogummaaf dandeettiinkoo
Nan oolchineem miliqsee
Guddaatu na gargaaree
Uumaa kootu na tiksee
~
Qajeelummaaf aaga koo
Miti anaan kan na turse
Galatoomi Gooftaakoo
Sin waama hunda dursee!

JOIN US: ❯❯
@seyfal_islaam
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
"Akkana Goonee bira teenya, jedhe
Gowwaan Waarra/Niitiisaa Ajjeesee"


#Mammaaksa

@A4mulaa_jireenyaa
Otuu mataatti baattuu
Kabaja kee tuffannaan
Akka uffata moofeetti
Haaraa sirraan uffannaan

Obsi kees gowwummaatti
Hiikkamnaan gatii dhabee
Tasuma cabdeen booyin
Kan si dhabeetu cabee

Irbuufi kennaan kankee
Darbatamnaan lagaatti
Itti dhiisi-n jijjiiruu
Bishaan jigsuun dhagaatti

Dammi ati abdattes
Jijjiiramnaan gagaatti
Gaggeessi biraa hafi
Atis biyya nagaatti

"Dhiisi si-n baasu" jedhiin
Hulaa cubbuu bantootaaf
'Hadaraa' sitti haa ta'uu
Naaf dubbisi gantootaaf
Na jaallatta sin jaalladha
Hunduu beekaa
Fuulla kan kee ilaaleetan
Kolfuun seeqaa
~
Natti himadhu siifan guutaa
Wanta feetuu
Jiruu kiyyaaf bar dawaadha
Simboo keetu
~
Miidhagni sitti hin hafnee
Kanaaf boontaa
Abaaboo koo foolii gaarii
Naaf arjoomtaa
~
Si jaallata onneen kan koo
Siif of laatee
Ammoo garuu si amanuun
Natti ulfaatee....!
Onnee koo kichuu sana
Gaafa jaalalaan bantu
Yooman tilmaame ani
Akka turtee na gantu
.
Gammachuu bakka itti argatte hundattuu hatuu qabda.... 😁


#Hubachiisa: hatii gammadii osoon taane gammachuu hatiidha, Akka na jalaa hin dogongorre...!!
Habibti ....😍
HUBADHU!
═══════
• Osoo fiiguu hin jalqabiniin dura kallattii kam akka fiigdu adda baafadhu!

══
Osoo waan tokko hin murteessin dura, murtii booda waan dhufu tilmaami!


Amaloota sadi dhiisuu qabda:
➝ Abdii kutachuu,
➝ Hammeenya hojjachuu fi
➝ Nama tuffachuu dhiisuu qabda.


@A4mulaa_jireenyaa 🌷
°•Ex kee nama biraa wajjin yommuu
argitu hin gaddiin, Meeshaa taphaa
kee durii ijoollee harka qalleeyyiif
arjoomuu baradhu...°😂😂


@A4mulaa_jireenyaa
Anarraa Fagaachuu
Situ jedheef malee
Sirrii-n turre beekta
Na gatuun kee kalee 😏
Das Jetta....♡
Innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji'un...!

Oduu Gaddaa.

Xiyyaara tokkoon imalaa kan turan Pirezidaantii Iraan Ibraahim Ra'iisii dabalatee Ministeerri Haajaa alaa Iraan Amiir Abdullahi, Bulchaa Baha Azarbaajaan Maliik Rahamati, Imaama Baha Azarbaajaan Imaam Muhammad Alii Al-Haashimi fi namoonni Xiyyaara sana keessa turan hundi isaanii lubbuun isaanii darbuu mirkanaa'ee jira.

Iraan seenaa ishee keessatti gadda ulfaataa akka kanaa keessummeessitee kan hin beekne yoo ta'u taateen kun guddittii Iraan gadda ulfaataaf kaadhimee jira.
Ijji Baay'ee Arga
Onneen Garuu
tokko Qofa filata.
Sin jaalladha...♡
Rakkoo fi gammachuun
Hunduu dhufee darbaa
Wantoota gaggaarii
Seenaa ka'aa darbaa.
Her şeyi açıklamak zorunda değilim😭

Beni konuşmadan anlayan birini istiyorum💔



Dirqama waan hunda isin hubachiisuu hin qabu, Osoon hin dubbatin nama na hubatun barbaada. ☺️
🪫
Yeroo bilbilli kee chaargii fixatee cufachuuf %1 hafu... fiigdee osoo hin cufatin chargessita... !


waan lubbuu ilma namaa du'aaf kaate wahii baraarte namatti hin fakkaatuu.... 😁👌
2024/09/29 13:17:51
Back to Top
HTML Embed Code: