Telegram Web Link
Ijoollee dubaraa hin aarsin. Sababni isaas Akka kee miira aarii baattee kolfuu hin dandeessu !✍️
Siif nan guutaa wanta yaaddee….
Natti himadhu waan barbaaddee!
Deemuu keetii....?

Osoo waa'ee kee
Tartiiban tarreessuu
Osoo seenaa kee
Dhiiga koon barreessuu

Osoo barbaacha keef
Gufadhee caccabuu
Osoo hafuura keef
Sardamee gaggabuu

Osoo gaarummaa kee
Namootaf lallabuu
Osoo siif fiigee
Argaa keef dadhabuu

Ati deemuu keetii?
Gaafa waan yaadde Argattu
Fuulli Akka biiftuu Ganamaa Ifa😍

Rahmaan isin Haa gammachiisu 🌷
Obsikoo Naafuu Raajiidha !
Nama baay’eetu si beeka ta’a
garuu kan si hubatu muraasa.

🚨
@A4mulaa_jireenyaa 📱
Osoo lafa hin qabin
Mee garamitti kaatta?
Haala kanaan
Isa qooxii buusutti
Kan bobaa kee gatta
Akkami naan jettee
maalsaa na gaafattaa
Haala koo ilaaltee
hundaa ni hubattaa
~
Nama amansiisuuf
hunda'n dubbatanii
Yeroo tokko tokko
argaadhan baranii
~
Inni argitu kun
waa hedduudha baataa
Callisii dhaga'i
suuraan ni dubbataa
~
@A4mulaa_jireenyaa
Haree baasuu?
maree kaasuu?

Faffaca'aa yaadaa
ulaa kootti wal guure;
Sharafamuu waadaa
qalbii koo unkure,

Haa baduu? balleessuu?
Haa taa'uu? qindeessuu?

Gufuu na takaalee
kaayyoo koo laaffisu,
Qawwaa koo ilaalee
Jabaa koo kuffisu,

Haa cituu? kiyyeessuu?
Haa coomuu? miindessuu?

Doofaatti maqaa laatee,
Dhufa koo wallaale!
Deegaan sammuu baatee,
Waa dhabni awwaale.

Hundeen raasee qaanessuu?
Biddeen baasee caasessuu?

Gaarii na fakkaatee,
maqaa koo xureessu!
Laaqii bifa addaatee,
carii koo booressu!

Haa goobuu? hamileessuu?
Haa goguu? laamshessuu?

Gaabbii taatee darbee
fuul-dura na maru;
Kolfa ammee sarbee
har'a koo dararu!

Haa deemuu? geggeessuu?
Haa turuu?.......jabeessuu?

Dibata oganaa'ee
foolii koo ajeessu;
kakuu ligidaa'ee
Abdii koo ajjeesu!

Miicee qulqulleessuu?
Dhiisee kulkuleessuu?

#Uggum!
Yaadan isin dhamaase!
hibboon isin badhaase.

Ofiifuu itti hin beeknee,
Kiyya anaaf beektuu?
Keessanuu hin akeeknee,
Kan koo naaf akeektuu?
Ilaalchi Gaarin Dawaa Sammuuti. Haala kamuu keessatti ilaalcha gaarii qabaadhu✌️

@A4mulaa_jireenyaa
Waan sirka jiru Gatii isaa beekuuf
Of harkaa Dhabuu Qabda.

Gaafa san siif gala....!

@A4mulaa_jireenyaa
Insha Allah 😍
Niyyaan Hin daangeffamu 🌷

Kan mormu jiraa? 😳
"Sister Rifeensi kee baay'ee bareeda keetumaa garuu?"jennaan hin shakkitaa jettee (riisiitii) ittiin bitte natti agarsiifte. 😁
Safuudhabboo !
Maal kun !
😋
Assalaamu Aleykum
Ahmad yaa mustafaa
Yoo Hireen na yaamte
Mee nan dhufaa 💚
Habibi....
◇◇
Yeroo Qobaa jirtu Dadhabinaa fi Rakkina kee laaltee Dhiphachuu fi Cinqamuu Dandeessa
Garuuu Dubara biratti tasuma Mataa gad hin qabatin
. Jabaa ta'i, Keessoo kee Akka beekaniif Carraa hin kenniniif Abadan.... ✌️ #Muramte
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Guyyaa har'aa caalaa guyyaan boruu bareedaa akka tahe hin shakkiin. Namni isa darbe caalaa isa dhufuuf jabaatu ni mo'ata waan taheef.

@A4mulaa_jireenyaa 📱
Sin yaade ....♡
2024/09/29 19:29:48
Back to Top
HTML Embed Code: