Akkami naan jettee
maalsaa na gaafattaa
Haala koo ilaaltee
hundaa ni hubattaa
~
Nama amansiisuuf
hunda'n dubbatanii
Yeroo tokko tokko
argaadhan baranii
~
Inni argitu kun
waa hedduudha baataa
Callisii dhaga'i
suuraan ni dubbataa
~
maalsaa na gaafattaa
Haala koo ilaaltee
hundaa ni hubattaa
~
Nama amansiisuuf
hunda'n dubbatanii
Yeroo tokko tokko
argaadhan baranii
~
Inni argitu kun
waa hedduudha baataa
Callisii dhaga'i
suuraan ni dubbataa
~
Baga ayyaana iida alfixrii bara 1445n isin gahe !
Rabbiin dalagaalee gaariiwwan keenya nurraa haa qeebalu
እንኳን ለ1445ኛዉ ዓመት የዒደል ፊጥር በዓል በሰላም አደረሳችሁ !
አላህ መልካም ስራዎቻችንን ይቀበል !!!
@seyfal_islaam 🌴
Rabbiin dalagaalee gaariiwwan keenya nurraa haa qeebalu
እንኳን ለ1445ኛዉ ዓመት የዒደል ፊጥር በዓል በሰላም አደረሳችሁ !
አላህ መልካም ስራዎቻችንን ይቀበል !!!
@seyfal_islaam 🌴
Forwarded from ABDULHALIM ARABU - Official
An sin jibbu sin jaalladha
Du'a kan keen iyyaafadha
Dhukkuba keen gaggaafadha
Caba keefan tarkaanfadha
Milkaa'uu kee nan qaanfadha
Maafan si jibba sin jaalladha
Dhufa kan keen gad ilaala
Gufaata keef nan utaala
Naasuu kan kee nan sufaala
Nagaa ta'uun kee na faala
Sin jaalladhaa na amani
Jarri si gorsan si sobani
Boqonnaa na dhowwa milkiin kee
Rakkataa na godha dilbiin kee
Rakkachuun kee naaf sooruma
Burjaajuun kee naaf tooruma
Sin jaalladha sittan himaa
Hin dhagahin haasaa namaa
Dhiphachuun kee naaf bal'isa
Rakkachuun kee naaf salphisa
Gubaan kan kee naaf qabbana
Boqonnaa kee nan hargana
Sin jaalladhaa beek namana
Dirqamuun kee anaaf fedha
Boo'ichi kee anaaf cidha
An sin jibbu sin jaaladha!
© Engr Abdulhalim Arabu
@tulu_dawo
Du'a kan keen iyyaafadha
Dhukkuba keen gaggaafadha
Caba keefan tarkaanfadha
Milkaa'uu kee nan qaanfadha
Maafan si jibba sin jaalladha
Dhufa kan keen gad ilaala
Gufaata keef nan utaala
Naasuu kan kee nan sufaala
Nagaa ta'uun kee na faala
Sin jaalladhaa na amani
Jarri si gorsan si sobani
Boqonnaa na dhowwa milkiin kee
Rakkataa na godha dilbiin kee
Rakkachuun kee naaf sooruma
Burjaajuun kee naaf tooruma
Sin jaalladha sittan himaa
Hin dhagahin haasaa namaa
Dhiphachuun kee naaf bal'isa
Rakkachuun kee naaf salphisa
Gubaan kan kee naaf qabbana
Boqonnaa kee nan hargana
Sin jaalladhaa beek namana
Dirqamuun kee anaaf fedha
Boo'ichi kee anaaf cidha
An sin jibbu sin jaaladha!
© Engr Abdulhalim Arabu
@tulu_dawo
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Gaafii heddummaachuu isii irraa kan ka'e
Naaf bilbilteeti........
Nyaachu jirtaa naan jatte, eehiin ja'een, maal nyaachu jirta naan jatte, paastaan ja'een, suugoo ni qabamoo ka wal keessaatii naan jatte ni qabaan ja'een, soogiddi irra kutemoo akkami naan jatte, lakkii akka bareedatti itti godhameehiin ja'een. Taate yeroo nyaataa gaarii qabaadhu hbby naan jatte, hayyee galatoomi hbbtyn ja'een, duboo Odeessi maali jirta naan jatte ammaas😢😢😢😢
Ammaas irra deebi'eetiin dubbii paastaa dheertuu tana itti himamoo, baqqaa wal janajjanuun akkanumaa😅
@Jaalala_Qulqulluu
Naaf bilbilteeti........
Nyaachu jirtaa naan jatte, eehiin ja'een, maal nyaachu jirta naan jatte, paastaan ja'een, suugoo ni qabamoo ka wal keessaatii naan jatte ni qabaan ja'een, soogiddi irra kutemoo akkami naan jatte, lakkii akka bareedatti itti godhameehiin ja'een. Taate yeroo nyaataa gaarii qabaadhu hbby naan jatte, hayyee galatoomi hbbtyn ja'een, duboo Odeessi maali jirta naan jatte ammaas😢😢😢😢
Ammaas irra deebi'eetiin dubbii paastaa dheertuu tana itti himamoo, baqqaa wal janajjanuun akkanumaa😅
@Jaalala_Qulqulluu
Forwarded from COBA QALAMAA || የ ብዕር ጠብታ
MARAATUU TA'UU WAYYAA!
Ofiisaa of sossobee
Ofiisaa of dheekkama...!
Ofiisaatti dubbatee
Ofiisaattiis guunguma...!
Dhiphina namaa hin qabu
Ofii of ta'ee jiraata............!
Yaadaaf yaaddoo dagachuuf
Ka'ee MARAADHUU laata?
Keessaan summii hin qabu
Irraan fakkaatee fayyaa
Isa keessi isaa nagaa
MARAATU ta'uu wayyaa!
Eenyu mirgasaa hin xuqu!
MARAATUMMAAn walaba
Kolfa gaararraa kolfuuf
MARAATU ta'uun qaba!
@Coba_Qalamaa1
@Coba_Qalamaa1
Ofiisaa of sossobee
Ofiisaa of dheekkama...!
Ofiisaatti dubbatee
Ofiisaattiis guunguma...!
Dhiphina namaa hin qabu
Ofii of ta'ee jiraata............!
Yaadaaf yaaddoo dagachuuf
Ka'ee MARAADHUU laata?
Keessaan summii hin qabu
Irraan fakkaatee fayyaa
Isa keessi isaa nagaa
MARAATU ta'uu wayyaa!
Eenyu mirgasaa hin xuqu!
MARAATUMMAAn walaba
Kolfa gaararraa kolfuuf
MARAATU ta'uun qaba!
@Coba_Qalamaa1
@Coba_Qalamaa1
Namni maqaa kee kan balleessu waan sadii sirraa barbaadee yeroo dhabuudha."
❶Faayidaa ofiitiif waa barbaadee yoo dhabe
❷Yoo sitti hinaafe
❸Yoo akka kee ta'uu dadhabe
@A4mulaa_jireenyaa
❶Faayidaa ofiitiif waa barbaadee yoo dhabe
❷Yoo sitti hinaafe
❸Yoo akka kee ta'uu dadhabe
@A4mulaa_jireenyaa
"Du'aan jira" jedhee
Kan nama amansiisu
Inni haayyuu cimaadha
Jechumtillee'n ibsu
Sababiin isaammoo
Namni biyya kanaa
Ijasaa caalchisee
Gurrasaa amana
@A4mulaa_jireenyaa
Kan nama amansiisu
Inni haayyuu cimaadha
Jechumtillee'n ibsu
Sababiin isaammoo
Namni biyya kanaa
Ijasaa caalchisee
Gurrasaa amana
@A4mulaa_jireenyaa
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Du'a malee wanti gargar nu baasu hin jiru jannee waadaa waliif galle, duutiniis dhufuu didde nutiis waliif galuu dadhabne dhiiroo akkami mee malli maali?
@Jaalala_Qulqulluu
@Jaalala_Qulqulluu
Forwarded from COBA QALAMAA || የ ብዕር ጠብታ
#𝐒𝐢𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞...
Qaawwi kankee ifa ba'ee
Muldhatus ija namatti
Hamma kankee situ beeka
Tilmaama naman olitti
Haa odeessu waliin makee
Isa arrabnisa beeku
Jiruusaf fakkeenya taata
Osoo mandaraa si eegu....
Si malee namni sin beeku.!
@Coba_Qalamaa1
@Coba_Qalamaa1
Qaawwi kankee ifa ba'ee
Muldhatus ija namatti
Hamma kankee situ beeka
Tilmaama naman olitti
Haa odeessu waliin makee
Isa arrabnisa beeku
Jiruusaf fakkeenya taata
Osoo mandaraa si eegu....
Si malee namni sin beeku.!
@Coba_Qalamaa1
@Coba_Qalamaa1
"Inni Israa'iil n tiksu hin rafu" naan jedhe gurbaan tokko. Inni Iraaniin tiksu in rafa moo?😂🤣😂
Waaqni addatti biyya tokko qofa tiksa moo?
Waaqni addatti biyya tokko qofa tiksa moo?
GGO Ebla 15 Baga Geessan..!!
Gootonni Oromoo gabrummaa Saba isaanii irraa fonqolchuuf aarsaa jajjabduu kaffalan Nu Oromoota biraa oolmaa guddaa fi kabajaa ol'aanaa qabu.
Ilmaan Oromoo guutuu Addunyaa keessatti argamtan baga guyyaa Gootota keessanii geessan.
Ebla 15 Guyyaa seena-qabeessa Qabsaa'onni keenya Kutaa fi Amantaan osoo wal hin qoodiin boolla tokkotti awwaalamani dha, Guyyaa kana yeroo yaadannu Irbuu Abboota keenyaa har'as nuti akka hin sharafne mirkaneessuu qabna.
Saba Gootota danuu qabu saba garbummaaf gadi jedhee hin beekne kana irraa dhalachuu kiyyaaf Alhamdulillah.
Baga Geessan!
@A4mulaa_jireenyaa
Gootonni Oromoo gabrummaa Saba isaanii irraa fonqolchuuf aarsaa jajjabduu kaffalan Nu Oromoota biraa oolmaa guddaa fi kabajaa ol'aanaa qabu.
Ilmaan Oromoo guutuu Addunyaa keessatti argamtan baga guyyaa Gootota keessanii geessan.
Ebla 15 Guyyaa seena-qabeessa Qabsaa'onni keenya Kutaa fi Amantaan osoo wal hin qoodiin boolla tokkotti awwaalamani dha, Guyyaa kana yeroo yaadannu Irbuu Abboota keenyaa har'as nuti akka hin sharafne mirkaneessuu qabna.
Saba Gootota danuu qabu saba garbummaaf gadi jedhee hin beekne kana irraa dhalachuu kiyyaaf Alhamdulillah.
Baga Geessan!
@A4mulaa_jireenyaa
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Wallee Warraaqsaa natti fakkaata, Israa'iil hin sodaatiin jettee oonnachiisaa jirti, waansaa Israa'iil tu sodaatee rakkiseen natti fakkaata 🤣😂🤣🤣
Iraaniif safuu dha!! Amma mee Israa'iil wallee Warraaqsaa kana akkamitti dhaggeeffattee oonnattii? Afaan Oromoon hin beektu mitii.
Iraan jalaa dhoksaa isheen wallee kana dhageesse jennaan Misaa'ilaa isheetiin nu barbadeessiti yaa Rabbi nu eegi 😂😂😂😭😭
Iraaniif safuu dha!! Amma mee Israa'iil wallee Warraaqsaa kana akkamitti dhaggeeffattee oonnattii? Afaan Oromoon hin beektu mitii.
Iraan jalaa dhoksaa isheen wallee kana dhageesse jennaan Misaa'ilaa isheetiin nu barbadeessiti yaa Rabbi nu eegi 😂😂😂😭😭
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Gubataa Qaama koo
Isa wayyaan dhokse
Hubamaa yada koo
Si ilaaleen obse!
Si malee goonkumaa
Akkan orma hin yaanne
Siif mirkaneessuudhaaf
Siif boo'ee hin maraannee..?
Akkamiin dagattee
Akkas jetta koodee
Takkaamaaf si nuffee
Yoomuman siin oode..?
Anooo....
Maqaa siif jijjiireen
Mararteen si waamaa
Maalif jaalala koo
Goota ibsaa dhaamaa?
@A4mulaa_jireenyaa
Isa wayyaan dhokse
Hubamaa yada koo
Si ilaaleen obse!
Si malee goonkumaa
Akkan orma hin yaanne
Siif mirkaneessuudhaaf
Siif boo'ee hin maraannee..?
Akkamiin dagattee
Akkas jetta koodee
Takkaamaaf si nuffee
Yoomuman siin oode..?
Anooo....
Maqaa siif jijjiireen
Mararteen si waamaa
Maalif jaalala koo
Goota ibsaa dhaamaa?
@A4mulaa_jireenyaa
Maalif wal sodaannaa
Silaa wal jaalannaa
Ifa baasuu baannus
Maddii maddii deemnee
Inuma haasofnaa
Eenyumayyuu caalaa
Waliif ni dhiphannaa
Sagalee walii osoo hin dhaga'in
Buluuf ni rakkannaa
Kanarra maal eegnaa
Dhugaa walitti Himneet
Akka taane taanaa
.
@A4mulaa_jireenyaa
Silaa wal jaalannaa
Ifa baasuu baannus
Maddii maddii deemnee
Inuma haasofnaa
Eenyumayyuu caalaa
Waliif ni dhiphannaa
Sagalee walii osoo hin dhaga'in
Buluuf ni rakkannaa
Kanarra maal eegnaa
Dhugaa walitti Himneet
Akka taane taanaa
.
@A4mulaa_jireenyaa
Daangaa Jaalala koo
.
Sin jaaladha yoon jedhu
Dhuguma onneerraa
Shakkii malee fudhadhu
Sin nyaatinii garaa
.
Ammam na jaalattaa?
jettee nan gaafatin
Jaalalli urjiidhaa
Beekaniin lakkaa'an
@A4mulaa_jireenyaa
.
Sin jaaladha yoon jedhu
Dhuguma onneerraa
Shakkii malee fudhadhu
Sin nyaatinii garaa
.
Ammam na jaalattaa?
jettee nan gaafatin
Jaalalli urjiidhaa
Beekaniin lakkaa'an
@A4mulaa_jireenyaa
Urgaa gaarii natti biiftee
Ati dhufnaan fuula iftee
Rakkinni koo na dhokata
Onneen kiyyas ni boqota
Miira gaddaa narraa qola
Kolfeen seeqa natti tolaa
Burqaa kootu ol mirgisaa
Haamileen koos ni lalisaa
~
Kanaafuu
Kanin baase sitti himadhu
Fuulla ifaan na simadhuu❤️🔥
𝔖𝔬𝔯𝔦 ♡
@A4mulaa_jireenyaa
Ati dhufnaan fuula iftee
Rakkinni koo na dhokata
Onneen kiyyas ni boqota
Miira gaddaa narraa qola
Kolfeen seeqa natti tolaa
Burqaa kootu ol mirgisaa
Haamileen koos ni lalisaa
~
Kanaafuu
Kanin baase sitti himadhu
Fuulla ifaan na simadhuu❤️🔥
𝔖𝔬𝔯𝔦 ♡
@A4mulaa_jireenyaa
Forwarded from Jaalala♡Qulqulluu💖
Amman Si Jaaladhu
Anaaf Rabbit Beeka
Callisee Hundumtuu
Maalumaaf Nu Jeeqa
Orma Hin Dhaga'in
Anuma Siif wayya
Illillee Jannataa
Yaa Bareedduu kiyya
♡
Jaalalli badii miti 🥰
:¨·.·¨:
`·. @Jaalala_qulqulluu🌹
Anaaf Rabbit Beeka
Callisee Hundumtuu
Maalumaaf Nu Jeeqa
Orma Hin Dhaga'in
Anuma Siif wayya
Illillee Jannataa
Yaa Bareedduu kiyya
♡
Jaalalli badii miti 🥰
:¨·.·¨:
`·. @Jaalala_qulqulluu🌹