Telegram Web Link
RAMADAANA 2

Baatii ramadaanaa akka lakkofsa Hijraatti bara 732 Ibnu Khalduun tuuniiziyaatti dhalate.
Afaan Arabiffaa irratti barnoota hedduu erga fudhatee booda qur’aana sammuu isaatti haffazuu(qabachuu) akka danda’ee ture seenaan nu beeksisa. Dabalataanis barnoota Fiqhii, Loojikii fi Qorannoo Hawaasaa (sociology) qo’achuu danda’eera.
Yeroo dheeraa Afriikaa keessati erga dabarseen booda Ibnu Khalduun imala isaa gara Andaluus gochuun teessoo isaa magaalaa Glenada jedhamtu godhatee ture.

Sababii shira magaaalaa kanaaa keesssa jiruuf jecha irra deebiin Afriikaatti deebi’ee Tuuniiziyaa keessatti Qaliit Ibnu Saliimaa magaalaa jedhamtu keessa turtii isaa godhateera. Itti aansuunis kitaaba beekamaa waa’ee barnoota sociology theory haaraa of keessatti qabate barrreessuu danda’ee ture.

Ibnu-Khalduun akka lakkoofsa Hijraa bara 808 biyya Misrii keessatti wagga 78faa isaatti gara aakhiraatti darbe. Bakki awwaalchi isaa Kaaba magaalaa Kaayirootti kan argamu BaB Al-Nas lafa jedhamutti ta’uu isaa seenaan ni agarsiisa.

Qorataaa seenaa kan tahe Wasiim Afiifiin akka jedhutti yoo tahe barri hijraa wagga 50ffaan seenaa Afriikaaa keessatti bara cululuqaa fi ol’aanaa tahe ture. Kunis Afriikaan deemsa olaantummaaa ishee yeroo itti jalqabde turte.

Magaalaan Kaayiroowaan bara 50 akka lakkoofsa Hijraatti ture kan isheen ijaaramte. Uqbaan Afriikaa to’achuufi Islaamummaa babal’isuuf Muslimoonni dhaabbataa haala taheen magaalaa keessa qubatan hundeessuu ture. Sababii kanaafidha Kaayiroowaan hundeessuudhaan Masgiida ijaarsisuun kan jalqabe.

Dabalataanis ji’uma kana baatii Ramadaanaa guyyaa 2ffaa keessa duulli Tuur adeemsifamee ture. Duulli kun kufaatii sulxaaneetii Andaluus tahee seenaa iraatti galmaa’ee jira. Lubbuu baayyee yeroo itti darbeefi kufaatiin siyaasaa yeroo itti qaqqabe ture.

Dursaan isaanii Abdurrahmaan ghaafiqiin duula kana irratti ture shahiida kan tahe.
Duulli kun lolaa Faransaayi kan tahe A Charles Marteliin kan durfamuufi Abdurrahmaan Ghaafiqiin kan durfamu waraana khaliifaa Umayyaa gidduutti ture kan adeemsifame.

Duulli kun kan godhameefi bakki inni itti adeemsifame Faransaay keessatti kan argaman Pooyitersii fi Tuur magaalota jedhaman gidduutti ture.
Afiifiin akka jedhutti baatii ramadaanaa guyyaa 2ffaa bara Hijraa 65ffaatti Abdulmalik Marwaan Khaliifaa Umayyaa tahuun muudameera.

Kana booda ture jeequmsaa fi shororkeessummaan mootummoota biyyoota Muslimaa mudachaa ture xumura isaa kan argate.
Abdulmalik Ibnu Marwaan kan dhalate akka lakkoofsa Hijraatti bara 26 yemmuu tahu; kan guddateefi barumsa isaa kan hordofe Madiinaatti ture.

Itti aansuunis gara Shaam deemuun barnoota amantii wajjin wal qabatan hordofeera.
Qarshii muslimoonni bittaafi gurgurtaa ittiin adeemsifatan isa jalqabaa hojii irra oolchuunis nama dursa karaa bane ture. Kunis; sochii diinagdee uummata Muslimaa keessatti gahee guddaa kan qabu yeroo tahu dinagdee isaanii sadarkaa olaanaa irras geesiseera.
Hirkattummaa dinagdee biyyoota alaa irra ture (dependence on foreign carrencies) jalaas baasuu dandahee ture.

@seyfal_islaam
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Walloo fi fala$x!in dabalatee miidhamaa hundaaf rabbi haa tumsu!! 😢
#Eidi dhaaf Guyyaa #28 Qofatu Hafe ☺️
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
" Adada Hayyuu taatuun ba'aa baatta, waan uf caala Biyyaaf dhimmamtuuf, Adada birrii qabaattuun rakkatta, Namni ashaboo dhugu, dheebotaa deema waan ta'eef, Adada beekamtuun bilisummaa dhabda, gatii sobaatiin waan si waamaniif..!!
Sammuun dargaggeessa har'aa balbala hin qabu. Yoo qabaates ni baasa malee hin galchu. Waanan jedhe haa ta'u jedha malee, yaada biraan hin madaalu. Namni hundumtuu waan hunda beekee waan uumame itti fakkaata. Beekumsa xiqqoon waan baay'ee furuun waan danda'amu itti fakkaata.
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
This is Palestine  🇵🇸
This is what happening now in gaza
The kids are still dying !!
#pray_for_Palestine
😓😓😓😓😓😓😓😓
Tuffii fi qoosaa Paastaroonni Pheenxee gariin jidduu kana islaamummatti godhan itti cal’isuun salphina seenaati.
Jaarsa umriin isaa torbaatamoota keessaa tokkootu akkana jachuun gorsa laate.

1. Dubartii jaalattuuf jattee ; dubartii si jaalattu hin dhiisin.
2. Sijaaraa qabsiifachuuf bosona hin gubin.
3.Du’uu kee dura jiraachuu kee mirkaneeffadhu.

@A4mulaa_jireenyaa
@seyfal_islaam
2024/09/30 11:26:12
Back to Top
HTML Embed Code: